“ Hoosaa’inaa Ilma Aariyaam irratti Daawitiif”

“ Hoosaa’inaa Ilma Aariyaam irratti  Daawitiif”

                                                                          Bitootessa 26

Dn. Mazgabuu Kafyaalawuun

Faaruun  kun guyaa Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos  gara Iyyarusaaleemitti yemmu galu faarfannaa faarfatamedha.Faarfannaan isaas “Hoosaa’inaa Ilma Daawitiif” “Kan maqaa Waaqayyootiin dhufu kan eebbifamedha, Hoosaa’inaa Ilma Daawitiif” kan jedhu ture.

 

Wangeelli guyyaa kana dubbifamus kan akkas jedhuhd:- “Gooftaan keenya Iyyasuus gara Iyyarusaaleemitti dhiyaatee gara dabra Zayitii fi Beeta faagee gahe.( Maat.21:1) irraa eegalee kan jirudha. “Iyyarusaaleem” jechuun “Magaanaa nageenyaa” jechuudh. “Beetafaagee” jechuun ammoo “Mana Balasii” jechuudha. Abbootiin keenya ammoo “Daandii qaxxaamurame” jechuudhaan hiikaniiru.

 

Gooftaan keenyas duuka buutota Isaa keessaa lamaan isaanii ergee “Gara magaala fuuldura keessan jirtuu deemaa bakka sanattis harree hidhamte ilmoo ishee wajjin argattu hiikaatii naaf fidaa; eenyumtuu yoo isin gaafate Gooftaadhaaf ni barbaachisa jedhaan” jedhee itti hime.

 

 

Duukabuutonni Isaas hiikanii fidaniif. Hojiin duukabuutotaa warra hidhaman sagalee wangeelaatiin hiikuudha. Kunis seexanoonni; afuurri harfaa’aadhaan kan hidhamanii jiran baay’eedha waan ta’eef duukabuutonni,warren bakka duukabu’ootaa bu’uun muudaman luboonni cubbuu namootaa hiikuudhaan gara mootummaa Waaqayyootti nama dhiyeessu.

 

Sagaleen raajii kan raajicha Zakkaariyaasiin dubbatame akka raaawwatamuuf Gooftaan Harree sanaa fi Ilmoo harree sana irra akka bahuuf (yaabbatuuf) uffata dugda harree sana irra buusani ( Zakk. 9:9 ). Kan isaan uffata afaniifis Iyyasuus Kiristoos kan cubbuu addunyaa kan balleessu waan ta’eef uffanni akkuma qaama qaanii namaa haguugu Atis cubbuu fi badii keenya nuuf haguugda jechuudhaan uffata afaniif.

 

Harreen kan tuffatamtedha; Waaqayyo warra lapheen isaanii cabe, warra gadi ofqaban akka filatu agarsiisa.( Isaa. 53:23,Maat. 11:29, Faar. 50:17-18)

 

 


 

 Uummannis uffata isaanii lafarra afaniif:- kunis ati mootiidhaatii si qofa osoo hin taane harreen ati yaabbatte illee lafarra deemuu hin qabdu jechuun uffata isaanii of irraa baasanii lafarra afani kabaja mootiidhaaf malus kennaniif ( 2Moot. 9:13).

 

“Hoosaa’inaa aariyaamirratti” jechuudhaan faarfannaa dhiyeessaniif. “ Hoosaa’inaa” jechuun “ Amma fayyisi” jechuudha. Sagalichif Faarfannaa Daawit irratti “ እግዚኦአድኅን” “ Yaa Gooftaa Amma fayyisi” jedhamuun dubbatameera. ( Faar. 117:25) jechi “ Aariyaami irratti” jedhu ammoo samii bakka bultii Waaqayyoo kan agarsiisudha. Kanaafuu Yaa Waaqayyo isa samiirra jiraattuu; yaa qoricha isa samiirra jiraattuu amma fayyisi, dhiifama taassisi” akka jedhan faarfachuu kan agarsiisudha.

 

Iyyi isaaniis kallattii lamaan ilaalamuu danda’a: gama tokkoon gita bittaa Roomaa jalaa bilisa nu baasi jechuun boo’icha foonii kan iyyan ta’uu kan agarsiisu yoo ta’u, gama biraatiin ammo du’a foonii fi du’a lubbuu irraa nu baraari, nu fayyisi jechuun faarfachuu isaanii kan hubachiisudha. Gama biraatiin faarfannaa isaanii keessatti wanti hammatame jecha “ Ilma Daawit” jedhudha. Kunis  fayyisaan dhufu Isa ta’uu isaa uummanni baranii eegaa turuu isaanii kan ibsudha. ( Maat. 12:23, 20:30)

 

 

 

 

 

 

Bifa kanaan Fayyisaan gara iyyarusaaleem yemmu galu magaalattii guutuun “ kuni eenyudha?” jechuudhaan dhiphatani. “ Kunoo Kiristoos Isa galiilaa irraa dhufudha” jechuudhaani.

 

Kana booda gara mana qulqullummaa seenee mana qulqullummaa sana dula namoonni mana daldaalaa taassisanii turan qulqulleesse, warren achi keessatti daldaalaa turanis mana qulqullummaa Isaa keessaa baasee ari’e. “Manni koo mana kadhannaati; isin qaalaa saamtotaa taassistanii” jedhee ifatti isaan qeeqe.

 

Namoota naannoo mana qulqullummaa sanaa jiran dhukkubsattoota, warra ijji isaanii jaame, warren gurri isaanii dude, warren miilli isaanii naafate hunda fayyise. Garuu Luboonni Yihudootaa warri sammuun isaanii dude hin fayyine. Yeroo daa’imtoonni iyyarusaaleem “Hoosaa’inaa Ilma Daawitiif” jedhanii faarfatan barattoonni isaaniis daa’imtoota kanneen wajjin waan faarfataniif ijji isaanii dhiiga uffatee Gooftaadhaan “isaan kun immoo kan jedhan hin dhageessuu? Callisaa jedhiin” jedhanii gaafatani. Gooftaanis “ Isaan yoo callisan illee dhakaan ka’ee naan faarfata, kanumaanuu immoo raajii Daawitiin Afaan daa’immanii irraa galata naaf qopheessite jedhamee isa dubbatame hin yaaddattanii?” ( Faar. 8:2) jedheen.Warreen nuti sammuu qabna jedhan lapheen isaanii yemmuu jaamu,afaan daa’immanii garuu faarfannaa roobsa ture.

 

Egaa guyyaan kun guyyaa Gooftaan keenya gara iyyarusaaleem deemuun mana qulqullummaa Isaa keessaa daldaaltotaa fi warren maallaqa jijjiiran ar’ee mana Isaa kabajedha. Guyyaa kana abbootiin mana kiristaanaa “Hoosaa’inaa Ariyaam irratti Ilma Daawitiif” jedhanii faarfannaa fi yeedaloodhaan faarfataa bulu.