Gara samiitti ol ba’uu Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos

Gara samiitti ol ba’uu Gooftaa  keenya Iyyasuus Kiristoos

Damissee Jemaanee

Ayyaanota gurguddaa saglan   kan gooftaa keenya iyyesuus kiristoos keessaa tokko ayyaana ol samiitti bahuu dha. Ayyaanni  kunis akka mana amantaa  ortoodoks  Tawaahidoo Itiyoophiyaatti ayyaana faasikaa yookiin du’aa ka’uu booda gaafa guyyaa afurtamaffaa kan kabajamu dha.

 

Gooftaan keenya Iyyasuus  Kiristoos du’a du’a Isaan moo’ee gaafa guyyaa sadaffaa erga ka’ee booda yeroo  adda  addaatti duuka bu’ootaa fi namoota tokko tokkotti mul’achuun isaan barsiisaa tureera. Guyyaa afurtamaafis  erga isaan barsiisee booda  “Egaa jabaadhaa gara abbaa kootti ol   b a’een Afuura Qulqulluu hanga isinii ergutti asuma Iyyarusaalem turaa” jedhee osoo ilaalaa jiranii suuta suutaan ol jechaa, deeme yookiin ol bahe.Waaqayyo  Gooftaan ol ba’e yommuu jennu amala foonii mul’isuuf malee bakki kan Isa murteessu ta’ee miti .Waaqayyo iddoo hunda  jira.    ( Faar. 138:7-13)

Namootni tokko tokko gara samiitti kan ba’an nijiru. Kan ol b’anis aangoo mataa isaaniin osoo hin taaneen gargaarsa waaqayyoonidha.Eeliyaas saragallaa abiddaan ol kan ba’e  aangoo fi humna mataa isaatiin hin turre (2Moot 2:11). Waaqayyo garuu ol ba’uuf akka Eeliyaas saragallaan abiddaa isa hin barbaachisne. Aangoo fi humna mataa Isaatiin osoo duukaa bu’oonni argaa jiranii suuta suutan ol fagaachaa ijji isaanii arguu hanga dadhabutti olba’uun duumessa keessa seene. 

Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos yeroo du’aa ka’etti qofa osoo hin taane ,erga ka’ee booda duka bu’oonnis ta’e namootni tokko tokko argani. Sababni isaas erga ka’ee booda guyyaa muraasaaf isaan wajjin waan turuuf du’a moo’ee ka’uu Isaa isaanitti himaa; duuka bu’oonni jalqaba du’aa ka’uu Isaa osoo hin taane dhuma du’aa ka’uu Isaa argani. Ol ba’uu garuu jalqaba isa malee dhuma isaa hin agarre. Sababni isaas erga inni deemee booda kan isaanitti himu waan hin jirreef yeroonni ol ba’u ilaaluun isaanii dirqama ture. Kana ilaalchisuun qulqulluun Luuqaas hojii duukabuutotaa 1:10 irratti ‘’Inni yeroo deemutti gara samii callisanii osoo ilaalanii ‘’jedhee ibseera. Yeroo du’aa ka’etti duuka bu’ootatti altakkaan itti hin argamne yeroo adda addaatti ture malee. Isaan wajjin guyyaa afurtamaaf waan turuuf yeroo adda addaatti isaanitti mul’achaa isaan barsiisaa ,isaan jajjabeessaa tureera. Yeroo olba’aa jirutti garuu duuka bu’ooni hunduu bakka tokko osoo jiranii itti mul’atee ol ba’eera. Ol ba’uu Isaa akka amananiifi dha. ‘’ Duuka bu’oonni osoo argaa jiranii ol fagaachaa ,fagaachaa duumessi ija isaanii irraa dhoksite’’  Luq. 24:51  jedha.ol ba’uu isaas dhuguma ijji isaanii argeera .arguun isaanii kun soba akka itti hin fakkaanneef yookiin dhugaa ta’uu isaa akka amananiif  ergamootni ragaa dhumaa bahaniiruuf.

Ragaa ergamootaa

Ergamootni  Gooftaa yeroo adda addaatti ragaa nuu ta’aniiru. Gooftaan gooftotaa dhala namaa dubroo Maariyaam irraa akka dhalatu dhufanii gammachiisan.Yeroo dhalatutti dhufanii tiksitoota gammachiisan.Yeroo fannifamuttis dhufanii Isaaf sagadan. Du’aa yeroo ka’uttis Maariyaam Megdelaawititti argamuun Gooftaan akkuma dubbate ka’eera jedhan. Yeroo olba’es ergamootni waaqyyoo lama nama fakkaatanii duukaa bu’ootatti argamuun  ‘’Isin yaa namoota Galiilaa ol samii ilaalaa maaliif dhaabattaniittu ? akkuma osoo ilaaltanii ol ba’e Iyyasuus Kiristoos akkanumaan ni dhufa’’  (Hoj.duuk 1:10)  jedhanii duuka bu’oonni ol ba’uu Gooftaa dhugaatti akka amananiif ragaa bahaniiruuf. Ergamootni lama ta’anii argamuun isaanii ragaan lamaan waan raaga’uufidha. Nama fakkaatanii mul’achuun isaanii ulfina isaanii fi fuula isaanii fuuldura namni dhaabachuu waan hin dandeenyeefi. Samiirraa bu’uu isaaniif huccuun isaan uffatan kan baay’ee ifu ture.

Osoo argitanii akkuma ol ba’e akkanumaan deebi’ee dhufa jechuun maal jechuudha?

Iyyasuus Kiristoos kan ol ba’e foon uffateenidha. Dubroo Maariyamii irraa foon uffateen du’ee du’a moo’ee ka’uun gaafa guyyaa afurtamaffaa foonuma uffateen aangoo mataa Isaatiin ol ba’eera.     Akkuma argitan foon uffatee ol ba’een foon uffatee murtoo dhaaf deebi’ee nidhufa.Waaqayyo warra gaarii hojjetaniin  “Isin eebbifamtoota Abbaa koo addunyaan osoo hin  uumamiin  bakka isiniin qopheessetti koottaa gala” jedhee mootummaasaa dhaalchisuu fi warra cubbamootaan “Isin hin beeku narraa deemaa” jedhee murtoo abidda bara baraa itti murteesuuf deebi’ee foon uffatee ni dhufa.

Waaqayyo sagalee xurumbaa fi ililtaadhaan gara samiitti ol ba’e

Waaqayyos yeroo olba’etti sagalee xurumbaa fi ililtaadhaani. Sagalee xurumbaan ol ba’e yommuu jennu moototni gaafa gara lolaatti bobba’an xurumbaa afuufaa fi moo’anii gaafa deebi’anis xurumbaa afuufaa namoota walitti qabanii gammachuu guddaa akkuma godhan Waaqayyos gaafa ol ba’e gammachuu guddaan ni ta’a jechuudhaaf Waaqayyo sagalee Faggaa( Malakata) ol ba’e jedha.Duuka  bu’oonni Gooftaa gara magaalaatti yeroo ba’an faaggaa (Malakata)  afuufu. Namootnis dhagahanii deemanii baratu ture. Olba’uun  Iyyasuus Kiristoos akka sagalee Malakataa daangaa hanga daangaatti dhaga’amuuf danda’eera.

Egaa walumaagalatti Waaqayyo yeroo olba’uuf  ka’etti duuka bu’oota hunda walitti qabee humni hanga isinii ergamutti asuma iyyarusaaleem turaa jedhee isaan barsiise. Isaanis ol ba’uu Gooftaa booda guyyaa kudhaniif  baka tokkotti walitti qabamanii haadha Gooftaa dubroo Maariyaam qabatanii kadhaatiin turan. Gooftaan du’aa ka’ee booda gaafa guyyaa shantamaffaa yookiin ol ba’ee booda gaafa guyyaa kurnaffaa Afuura Qulqulluu kan isaan cimsuufi jajjabeessu isaaniif ergeera.

Araarri Waaqayyoo kadhaan dubroo Maariyaam gargaarsi qulqullootaa nu hunda keenya waliin haa turu.