F A N N O O

                          F A N N O O

 

 

Qopheessaan: Waasihun Amanuu

 

              Fulbaana 15

Baga Ayyaana Fannoof isin gahe!

Baga bacaqii gannaa dabarsee booqaa birraaf isin gahe!

 

                                                                       

    Seensa

 

Namni kamiyyuu cubbuu du’aaf isa geessisu yoo raawwatee murtiin du’aa yoo irratti murtaa’e; yoo mukarrattis fannisteenii; namni mukarratti fannifamu Waaqayyo biratti kan abaarame waan ta’eef reenfisaa mukarra hin buliin.”  (K.Debi 21:22-23) jedhee Waaqayyo Muuseetiin ajajee tura.

Kana malees, dhaloota Kiristoosiin dura uummanni Faarsii (Iraan) namoota adabuuf jecha yakkkitoota mukarratti fannisanii ajjeesuu aadeffataniiru ture. Ummanni Faarsi, amma Iraan kan jedhaman, “Ormuzed” kan jedhamu waaqa hark tolchee (tolfamaa) lafaa jedhanii kan itti amanan  qabu ture. Kanaaf jecha namni yakkamaadha jedhamee itti murtaa’e tokko kan adabamu du’aan yoo ta’e akka waaqasaanii lafaa sanaa hin xureessineef jecha lafarraa ol-kaasanii mukarratti fannisanii ajjeesu ture. Aadaan kunis suuta suuta biyyoota bittaa Roomaa jala jiran hundumaa biratti beekamaa deeme. Israa’elis yommuu sanatti bittaa Roomaa jala waan turteef aadaan kun uummata Israa’el biratti ni beekama ture. Haaluma kanaan namoota yakka hojjatnii adabbiin du’aa itti murtaa’e fannisanii ajjeesu ture. Egaa gaaffiin asirratti ka’uu danda’u, Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos maaliif fannoorratti fannifame du’e kan jedhudha. 

 

Kiristoos Maaliif Fannoo irratti fannifame?

 

 

Yihuudoonni akka aadaan isaanii eeyyamutti fannoo Kiristoos irratti fannifamee akka du’uuf gaafatan. “Barbaaniin nuu hiiki Kiristoosiin nuu fannisi “jedhanii  iyyani (Mar.15:13). Sababni isaas tokkoffaa Israa’eloonni kitaabolii kakuu haaraatti waan amananiif akka seera kakuu moofaatti duun isaa akka raawwatu gaafatan. Lammaffaa, Yeroo sanatti Israa’el bittaa Roomaa jala waan turteef, waarri Roomaa immoo aadaa Faarsotaa fudhatanii waan tureef namoota adabbiin du’aa ittii murtaa’u fannisanii ajjeesu ture.

Kanaan alattis raajiin dubbatameefiitu ture. “Dhugumatti dhukkubbii keenya ni fudhate, gidiraa keenyas ni baate,… Inni garuu waa’ee irra darbuu (cubbuu) keenyaaf ni madaa’e, waa’ee badii kenyaafis ni bullaa’e, badiin dheekkamsa keenyas Isarra ture, madaa Isaatiinis nun ni fayyine.” (Isa. 53:4-5) jedhamee dursee Raajicha Isaayiyyaasiin dubbatamee ture. Dabalataanis Qulqulluu Phaawloos, “Kitaabni akka jedhutti Kiristoos waa’ee cubbuukeenyaatiif du’e, awwaalames” (1Qor. 15:3)

Gooftaa fi Fayyisaan Keenyi Iyyasuus Kiristoos adabbiin du’aa kan itti murtaa’e cubbamaa waan ta’eef osoo hin ta’iin dhala namootaa adabbiin du’a bara baraa itti murtaa’ee ture irraa baraaruuf waan dhufeef bakka keenya du’ee du’a bara baraarraa nu oolche.

Akkuma Raajichi Isaayiyyaas dubbatetti, Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos jaalala dhala namaaf qaburraan kan ka’e osoo cubbuu hin qabaatiin guyyaa Jimaataa Fannoo irratti gidiraa arge. Kunis gidiraan keenya akka nurraa fagaatuuf, du’a nuti  du’uu qabnu hambisuuf jecha fannoorratti fannifame. Kana boodas, Fannoon mallattoo adabbii otoo hin ta’iin mallattoo fayyinaa ta’e. Akkuma abbaan keenya Daawwit dubbatetti; “Kan si kabajaniif xiyyaa/eeboo/ jalaa akka miliqaniif mallattoo kenniteef; lammiin kee akka fayyaniif.” (Faar. 59:4-5). Egaa mallttoo fayyinaa ta’ee kan nuuf kenname Fannoo isa Goftaan keenya irratti fannifamee Seexana ittin injifatedha. 

 

 

”Kiristoos Ofiisaa Qulqulluu ta’ee otoo jiru nuun (dhala namaa) gara Waaqayyootti( gara mataa Isaatti)  dhiyeessuuf waa’ee cubbuuf jecha yeroo tokko du’eera;  fooniin du’e, afuuraan garuu jiraataa dha.” (1Phe. 3:18)  

“Cubbuuf duunee qulqullummaaf akka jiraannuuf Inni (Kiristoos) Ofiisaa Foonsaatiin cubbuu keenya mukarratti (Fannoorratti) baate.” (1Phe.2:24) Kanaafuu, Kiristoos Fannoorratti kan fannifame cubbuu dhala namaa du’a bara  baraaf nama saaxilu nurraa kaasuufi dha. Ofii cubbuu otoo hin qabaatiin cubbuu dhala namaa fannoorratti baate malee.

 

Humnaa fi kabaja Fannoo

 

“Jechi Fannoo warra daandii badinsaarra jiraniif goowwummaa, nu warra fayyinuuf garuu human Waaqayyoodhaawoo” 1Qor.1:18 Jechuudhaan Qulqulluu Phaawuloos dubbateera. Yeroo ammaa kanatti ijoollee badinsaa ta’anii, raajiin dubbatame kan isaan irratti raawwatamu hundi waa’een fannoo isaaniif goowwummaa dha. Fannootiin ammayyuu akka mallattoo abaarsaa fi du’aatti kan fudhatan ni jiru, warren kanaanidha Qulqulluu Phaawuloos gowwoota kan isaaniin  jedhe. Kitaabuma Qulqulluu kana keessatti barreeffame baatanii kan jooran otoo hin hafiin waa’een Fannoo bitaa itti galee kan jiran hedduudha. Garuummoo Kristaanota ofiin jedhu.   

“Addunyaan anaaf kan itti fannifame (hojiin addunyaa na biratti du’aa kan itti ta’e) anis addunyaaf kan itti fannifame Fannoo Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoosiin alatti of-jajummaan narraa haa fagaatu.” Efe. 6:14. Akkuma Qulqulluu Phaawloos jedhetti, fannoon inni duraan mallattoo du’aa fi abaarsaa ture mallattoo of jajummaa fi mallttoo fayyinaa keenya ta’eera. Sababa kanaanis, kaku haraa keessatti Fannoon kan itti du’an otoo hin ta’iin kan itti fayyina aragatanidha. Ammallee taanaan warra fannoo kana akka mallattoo fayyinaatti amanneef itti ni fayyina; warra shakkaniif ammoo ammayyuu du’a lubbuu kan ittiin du’aa jiranidha.

Fannoon  Gooftaa keenyaa kan Seexanni ittiin injifatame dha.

“Kan nu mormu barreeffama gatii ajaja dhiibbaadhaan barreeffame ni diige. Isas (Diina keenya Seexanaan) Fonnoorratti hidhee karaarraa isa maqseera”. (Qol 2:14). Yommuu Gooftaa fi Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos Fannoorra oole sana, Seexanni akkuma amalasaa nama itti fakkaateetu Kiristoosiin gara Sii’olitti galchuuf yommuu itti dhiyyaatu cancala abiddaan isa hidhee kaayyoo isaa balleesseera. Kanaafuu, Seexannis ta’e duuka bu’oonnisaa warri  Fannoo hin jaallatan, ni sodaatuun, isaan guba. Mee ilaalaa jechi kun barreeffamee kan jiru kitaaba qulqulluu keessatti; ani Kiristaana jedhanii kitaaba qulqulluu kan baatan garuu Fannoo kan jibban duuka bu’oota eenyuu akka ta’an hubachuun ulfaataa miti.  

 

Tajaajila fannoo Mana Kiristaanaa keessatti

 

Manni Kiristaanaa Fannoo Gooftaan Keenyi Iyyasuus Kiristoos irratti fannifamee dhala namaa hundaa ittiin fayyise ni kabajji, sirna amantaas itti raawwatti. Kun immoo, Orothodoksii Itiyoophiyaa kessa jirtu biratti qofaa osoo hin ta’iin akka addunyaatti kan jiran ni fayyadamu. Tajaajilli fannoo Mana Kiristaanaa keessatti hedduu dha. Fakkenyaaf;

·         Manni Kiristaanaa yommuu ijaaramu yeroo baayyee bifa fannootiin ta’eetu dha,

·         Sirna Qiddaasee keessatti fannoon uummata ittiin eebbisuuf ni fayyada,

·         Mallattoo kiristaanummaas ta’e ni fayyada, mormarratti hidhachuudhaan,

·         Luboonni fannootiin uummata eebbisu,

·         Cuuphxonni  nama seexanni qabe rakkisu fannoodhaan maqaa Waaqayyoo itti waamanii irraa arii’u,

·         Tajaajilli mana kiristaanaa hunduu fannoodhaan jalqabamee fannoodhaan xumurama.

       Ayyaana Fannoo maaliif Kabajnaa?

 

 

Ayyaanni Fannoo ayyaanota gurguddoo biyya keenya keessatti kabajaman keessaa isa ol’aanaa dha. Kabaja ayyaana Fannoo biyyoota biraa irraa kan keenya adda kan godhu Damaraa isaati. Kunis, fakkeenyummaan isaa, Yihudoonni Fannoo Kiristoos itti fannifame balleessuuf jecha boolla qotanii awwaalanii labsiidhaan kossiin akka itti gatamu gochuudhaan waggoota naannoo 326 awwaalamee akka ture ragaan seenaa ni mul’isa. Mootittii Eleenii kan jedhamtu haati mooticha Qosxanxiinoos abjuutiin itti mul’ateetu uummanni Israa’el muka walitti qabee akka gubatu taasifte. Kana boodas, aarri isaa ol-ka’ee gara tulluu fannoon Kiristoos jalatti awwaalamee jiruutti ni ba’e; iddoo inni jirus ittis sagaduun kabajaa fi ulfina Fannoo Mul’ise. Haaluma kanaan tulluu sana qatanii baasani. Egaa, Daamaraan inni guyyaa ayyaana Masqalaa/Fannoo/ gubuta fakkeenyummaan isaa kana dha. Uummanni Oromos, bara haaraa kabajachuuf jecha akkasumas bacaqii gannaa keessaa bahee booqaa birraa arguusaatti jechuunis, dukkana gannaa irraa gara ifa waggaa haaraatti ba’uu isaa ibsuuf waggaa waggaan  daamaraa gubee ayyaana Fannoo kabajuun eegalameera.

Fannoon haala kanaan qotamee argame biyya keenya keessa iddoo Gishan Maariyaam jedhamu, Walloo keessatti ni argama. Osoo Iddoo amma jiru kana gahee hin qubatiin dura Oromiyaa keessa iddoo Mannagashaa tulluu amma Gaaraa Madaani’aalem jedhamu qubatee ture. Garuu, Atse Zar’yaaqoob habjuudhaan itti mul’atee gara iddoo amma jiru kanatti geessani.

 

               Beekamtii UNESCO

 

Ayyaanni Fannoo haala ho’aadhaan kan kabajamu biyya keenya qofaatti waan ta’ee fi uummanni biyyittii hedduu biratti kan kabajamu waan ta’eef dhaabbanni biyyoota gamtoomanii addunyaa (UNESCO) ayyaana  Fannoo  keenya kana hambaalee hin mul’annee 8ffaa taasisee bara araaraa 2006 galmeesseetu jira. Akka Itiyoophiyaatti hambaaleen sagal kan mul’atan galmaa’anii kan ture yoommuu ta’u ayyaanni kabaja Fannoo immoo kurnaffaa ta’e hambaa aadaa hin mul’annee jedhamee galmaa’eera. Kunis Mana Kiristaanaa keenyaafis ta’e biyya keenyaaf hiika guddaa ni qaba. Kunis, kabajni ayyaana kanaa dhalootaa hanga dhalootaatti akka darbuu fi daawwattoonni gara biyya keenyaatti dhufanii kabaja ayyaana kanaa akka daawwaataniif ni gargaara jechuu dha.  Kana waliinis, beekamtiin Mana Kiristaanaa keenyaa ol-ka’aa deema.

Egaa ayyaana Fannoo kana kabjuudhaan kiristaanummaa keenya kan ittiin mirkaneessinu fi kabaja Fannoof qabnu kan ittiin ibsinuu dha. Kanaafuu, faayidaa Fannoo hubannee, warra amaneef human keenya ta’uu isaa amannee akka ittin jiraannutti Waaqayyo nu haa gargaaru.

(Yaadaa fi gaaffii qabdan immoo bakka Yaada jedhu jalatti nuuf barreessaa)