Duurbeen Uumaa ishee Deesse

Duurbeen Uumaa ishee Deesse

Dn. Katamaa Taganuu

                                                                                          Gooftaan Keenya yeroo Dallaa loonii keessatti dhalate

Aduunyaa fayyisuuf qamma Isaa adda ta’een giiftii keenya qulqulluuleettii Duubroo Maariyaam irraa kan dhalate Ilma Waaqayyoo Iyyasuus Kiristoos Yeenaa ta’u iccitiin itti nama ta’e baay’ee ol’aanaa dha (1Xiimo.3:16).

   Waaqayyoo iccitii Tookkuummaa kana kan itti Xuumure baay’ee fagoo waan ta’eef beekumsa fooniitiin hin qooratamu (Rome.11:13). Sababni isaas beekuumsi Foonii Waaqayyo biratti gawwummaa dha (1Qoro.3:10. Waan kana ta’ef warri foonii beekuumsa isaaniitiin Ilmi Waaqayyoo Iyyasuus Kiristoos icciti itti nama ta’e beeku hin danda’an (1Qoro.1:21).

   Kanaafuu “waaqni nama; namnis Waaqa” Kan itti ta’e iccitiin Tokkuummaa baay’ee ulfaataa dha. Wa’ee iccitii kanaa Abbaa Hiriyaaqoos Yeroo dubbatu “Maaloo iccitii kana aja’ibsiifachuu qabna, akkam nama dhiba”Jechuun ajaa’iibsiifateera (Qiddasee Maariyaam 2:26).

     Iccitii kana aamanuu kan dandeenyu amantaatiin qofaadha. Sababni isaas kan addunyaa uumee, samii fi dacheen Isa baachuuf kan hin dandeenye Waaqayyo gadameessa dhiphootti daangeffamee dhalate jedhanii amanuuf dirqama amantaa qulqulluun barbaachisaadha.

 

Namoonni amantaa hin qabne garu Waaqayyoof wanti dadhabamu akka jirutti fudhachuun “Uumaan akkamiin dhalata?” Jechuudhaan gaaffii kaasu. Kun immoo Waaqayyoo Isa hunda danda’u shakkuu ta’a.

   Hayyoonni barumsa dubbi Waaqummaa baratanii fi amantaa dhugaa kan qabani ibsa iccitii Afuura Qulqulluutiin dubbii dhaloota Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos guutumaa fi bal’inaan dubbataniiru.

Jecha qaama Ilma Waaqummaa Isaatiin amaluumaa Abbaa Isaa Abbaa irraa, Amaluumaa jireenya Isaa Afuura Qulqulluu irraa adda osoo hin ba’iin dhalachuu Isaa ajaa’ibsiisani barsiisaniiru Aja’ibsiifachuun isaanii sammuu namaa olitti waan ta’efiidha.

Akkaataa armaan olitti barraa’een Ilmaan namaa kan taane nuurra kan eegamu iccitii sammuu namaa oli ta’e kana ajaa’ibsiifachuu qofaadha. Abbootiin keenya iccitii kana “Iccitii Foonummaa”jechuudhan kan ibsani sammuu namaatiin qoratamee bira ga’uu waan hin danda’amneefi.

Qulqulluun Eefreem “Akkanaan sammuu hundaa ol kan fagaate iccitii addaa kana akkasiin aja’ibsiifanna. Duubartiin dachee irraa nama kan ta’e qaama jechaa Gooftaa Iyyasuus Kiristoosiin deesse dubreen Uumaa ishee deesse Innis haadha Isaa uume. Ishee irraas Inni foon uumeen tokkummaa’e” Kan Jedhe Kanaafiidha (Amantaa Abbootii ykn ሃይማኖተ አበዉ ማሪ ኤፍሬም ወመምህር ሶርያዊ ምዕራፍ 47 ክፍል 1 ቁጥር 2)

Akkuma qulquulluun Eefreem duubbate duubree giiftiin keenya Maariyamiin kan nuuf deesse uumaa keenya Waaqayyoonidha (Yoha..1:1-14, Ibro.11:3, Ho. du. 20:28).

   Uumaan keenya Iyyasuus Kiristoos Abbaa malee giiftii keenya qulqulleettii dubroo Maariyaam irraa dhalachuu Isaatiin ifa kan nuuf ta’e iccitiin guddaatu jira. Kunis addunyaa dura Amaluumaan Abaa Isaa irraa haadha malee dalachuun Isaa iccitii dha. Kanas Abbaan Giyorgiis inni Gaasiccaa «Dhalachuun kee inni duraa dhalachuu kee isa boodaatiin beekame:..Dubroo irraa erga dhalattee booda Abbaa irraa dalachuu kee amantaatiin ifa nuuf ta’e» jechuun ibsera (Argaanoonii kan guyyaa Roobii).

   Guyyaan beellama Isaa yeroo ga’u Waaqayyo Ilma Isaa erge. Dubree irraas dhalate; inni Ilma Waaqayyoo Isa tokkichadha. Dabalataanis addunyaatiin booda fooniin giiftii keenya qulqulleettii dubroo Maariyaam irraa kan dhalate isa dha. Ergamaan Waaqayyoo giiftii keenya Maariyaamiif akka itti himetti Ilma Amaluumaa Waaqayyoo Abbaati jedheera. (Haymanoota abewu.23:2, 5:6)

     Bara Isaatiif jalqabaa fi dhuma (raawwii) kan hin qabne, barri kan Isaaf hin lakka’amne Waaqayyo foon dhala namaa fudhatee giiftii keenya irraa dhalachuu Isaatiin barri kan isaaf laka’amu ta’e. Kunis ta’uu kan danda’e tokkummaa’uun, qaama lama irraa qaama tokko, Amaluumaa lama irraa Amaluumaa tokko ta’eera.

      Walumaa gala Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos tokkuummaa’uun qaama tokko, Amaluumaa tokko ta’ee dhalachuu Isaatiin nuti waan baay’ee arganneerra. Kana keessaa muraasa isaa akka aarmaan gaditti ilaalla.

  • Dhaloota haaraa arganneerra

Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoosiin dhalootni haaraan argame. Iyyasuus Kiristoositti kan amanan Kiristoosiin fakkaatiniiru. Kabaja Isaas ni dhaalu, Isa waliin jiraachuuf kabajaan ni jijjiiramu (1Qoro. 15:52, 2Qoro. 5:17, Mul.Yoh. 21:4).

       • Nageenya arganneerra

«Waaqayyoof galanni samii irratti haata’u nagaanis dachee irratti namootaafis waan garii» jechuudhan nageenya dhabnee turre dhalachuu Isaatiin arganneerra.(Luqa 2:14.) Gammachuu arganneerra (Luq. 2:10), qoricha arganneerra (Luq. 2:11), ifa arganneerra (Isa. 1:2, Yoh.12:46, Luq.2:9), Abbaa arganneerra. (Isa. 9:2).Isa Waliin tookkummaa arganneerra (Maat.1:22), qabeenya arganneerra (2Qoro. 8:9), biddeen jireenyaa arganneerra (Yoh. 6:54)

       Egaa Waaqayyoon keenya Iccitii nama kan itti ta’ee fi dhalachuu Isaatiin eebba arggane hubachuudhan cubbuu irraa adda baanee badiisa irraa fagaannee jiraachuu qabna. Kana ta’uu baannaan garuu kennaa argannee turre hunda fedhii keenyaan dhabna jechuudha.

     Kanaafuu osoo nuuf hin ta’iin dhiifama argannee turre sababa cubbuu fi badiisaan akka hin dhabneef qulqullinaa fi eebba qabeenya keenya taasifachuun amantaa keenya qabannee hojii gaarii hojjechuun argamuu qabna. Ayyaanichas yeroo kabajnu akkaataa armaan olitti ibsameen jaalala Waaqayyo nuuf qabu hubachuutiin jaalalaan kabajuu qabna.

       Arjummaan Waaqayyoo; araarsummaan dubree Maariyaam nu waliin haa ta’u. Ameen!!!