Du’aa Ka’umsa Lammataa (ዳግማይ ትንሣኤ)

Du’aa Ka’umsa Lammataa (ዳግማይ ትንሣኤ)

                                                       Damissee Jamaneen

Ayyaanni ka’umsa lammataa jedhamee kabajamu Gooftaan du’a moo’ee erga ka’ee booda gaafa guyyaa saddeettaffaadha. Dilbata (guyyaa Du’aa Ka’umsaa Gooftaa) irraa kaasnee hanga torban isa Dilbataatti guyyaa saddeet ta’a. Guyyaa kanattis Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos barattootni isaa hunda Toomaasiin dabalatee mana cufaa keessa osoo jiranii al lammaffaaf du’aa ka’uu isaa yeroo itti mul’isedha.  

Yoh 20:24-30 irratti   Gooftaan Keenya Iyyesuus Kiristoos yeroo jalqabaaf dhufee duuka bu’oota isaatti yeroo mul’atetti Yihuudaan erga bahee barattoota 11 keessaa tokko kan ta’e Diidimoos kan jedhan Toomaas isaan waliin hin jiru ture.Yeroo biraa Toomaas gaafa dhufu barattootni “Gooftaan du’aa ka’ee argine” ittiin jedhan. Toomaas garuu “mallattoo mismaaraan waraanamuu harka isaa osoo hin argiin,quba koos gara isa waraanamee osoo hin seensisiin ,harka koos gara cinaacha isaa eeboon waraanamee osoo hin seensisiin hin amanu” jedhe. Toomas duraan kan waamame warra Saduuqota keessaa ture. Isaan immoo yeroo hunda waa’ee du’aa ka’umsaa ni shakku. Kanaafuu, Toomaasis akkuma qomoowwansaa waan arge malee waan dhagahe amanuu hin dandeenye.


Guyyaa saddeettaffaa booda duuka bu’oonni Gooftaa Toomaasiin dabalatee mana cufatanii osoo jiranii Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos manni cufame sun osoo hin banamiin raajiidhaan gidduu isaaniitti argamuun “nagaan isiniif haa ta’u” jedhe . Sana boodas Toomaasiin “quba kee fidii harka koo waraaname ilaali. Harka kees gara cinaacha koo seensisi; amani malee shakkaa hin ta’iin” jedhe. Toomaasis gaafa harka isaa seensisu harki isaa akka kirrii abidda seentee gubachuun walitti suntuurte. Innis kana yommuu argu “Gooftaa koo,Waaqakoo” jedhe. Kan dhaga’e qofaan waan amanuu dadhabeef, abidda tuquudhaan Waaqummaa isaa mirkaneeffate jechuudha. Gooftaanis deebisee “ati waan na agarteef amante; warri hin argiin amanani eebbifamoo dha” jedhe.

Caqasawwan ka’umsa isaa booda namootatti mul’achuu keessaa :

  • Gaafa du’aa ka’e yeroo jalqabaaf Maariyaam ishee Meqdelootti mul’ateera. Yoh 20:11-18.
  • Dubartoota biroottis mul’ateera. Maat 28:1-10
  • Qulqulluu Pheexiroositti mul’ateera .Luq 24:34,1Qor 15:3
  • Imaltoota Eemaahusitti mul’ateera Luq. 24:13-35,Luq. 24:36-43,Yoh 20:19-25
  • Gaafa guyyaa 8ffaa duuka bu’oota hundatti argameera. Yoh 20:24
  • Duuka bu’ootatti qarqara laga Galiilaatti argame . Yoh 21:4
  • Namoota 500 tti al takkaatti argame 1Qor 15:7
  • Yeroo gara samiitti ol bahu barattoota isaatti argame Luq. 24:44-53,Hoji Erga 1:6-11

 

Egaa walumaa galatti, guyyaan ka’umsa lammataa jedhamu kun guyyaa Gooftaan du’aa ka’uu isaa akka itti amananiif duuka bu’ootatti mul’ate ta’uu isaa ni hubanna. “Lammata” kan jedhameefis Gooftaan al-lama waan du’aa ka’eef miti. Garuu, mul’achuusaa kana dura duukaa bu’ootni warreen kaan bakka jiranitti mul’atee akka ture agarsiisufidha. Dabalataanis sirni guyyaa kana Bataskaana keessatti raawwatamu hundi isa guyyaa Du’aa Ka’umsaa waliin tokko waan ta’eef (yeroo lammataaf dabalamee waan gaggeeffamuuf) akka ta’e ni ibsama.

Seenaa Guyyaa kanarraas waa hedduu baranna. Muraasa isaanii caqasuuf:

1. Namoota du’aa ka’umsa isaa hin amanneef ka’uun isaa wangeela irratti caqasoota armaan olii irratti ni mul’ata. Beektonniiifi namoonni gurguddoon hedduun du’aniiru ,du’aa kan ka’an garuu yoo jiraatanillee fedha fi humna Isaatiin dha (Yoh.11 irratti du’aa ka’uu Al’azaar akkuma dubbisnu). Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos garuu aangoo isaan du’a moo’ee ka’eera

2. Mana cufaa osoo hin baniin seenuu isaa:Dubroon Maariyaam dubrummaadhaan deesse yommuu jedhamu namoonni tokko tokko ni shakku. Mana cufaa osoo hin banamiin seenee gidduu duuka bu’ootaa dhaabachuu isaa onneerraa namni amanu Gooftaan dubree irraa dubrummaan dhalachuu Isaa gonkumaa amanuuf hin rakkatu

3. Gooftaan Wangeela Yohaannis irratti kan hin barreeffamneen ala raajiiwwan hedduu duuka bu’oota fuulduratti akka raawwate Yoh 20:30 irratti ni ibsa. Fakkeenyaaf,Raajiiwwan hin barreeffamiin hafan keessa tokkommoo harki Toomaas gubachuu isheeti. Toomaas harkaan tuqamuusaa argee “Gooftaakoo” jedhe (foon uffachuusaa ibsuuf); waan harkisaa gubateefimmoo “Waaqakoo” jedheera (abiddummaan akkeenyaa Waaqummaa waan ta’eef). Kitaabolii dhalatoo (fkn Raajii Iyyesus) irratti garuu raajiin kuni ifaan barreeffameera. Kunis Kitaaboliin dhalatoo yaada Kitaaba Qulqulluu irra jiran caalaatti ifa gochuuf malee qabiyyee addaa akka hinqabne kan nuuf mirkaneessudha. Dabalataanis namoota Kitaaba Qulqulluu keessaa kitaabota 66 malee hin fudhannu warra jedhaniif deebii dha.

4. Amantiin waan argan qofa osoo hin taane waan dhagahanis fudhachuunidha.Nuti Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoositti kan amannu raajii hojjete hunda kan gurraan dhageenye akka ijaan agarretti fudhachuuni dha.

5. Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos du’aa ka’ee gara samiitti ol osoo hin bahiin dura guyyoota afurtama (40) keessatti namoota adda addaatti mul’achuun faana dudubbateera, of -tuqsiiseera,faana deemeera,faana nyaateera. Erga du’a mo’atee ka’eellee akka namaa tuqamuufi nyaachuun Isaa kunis foon Giiftii keenya Qulqulleettii Maariyaamii qabatee ka’uusaa, yeroo dhufaatii Isaa lammataas foonuma kanaan murtoof akka dhufu kan mirkaneessudha. Shakkitoonni “foon Maariyamii inni Gooftaan uffatee ture du’ee awwaala keessatti hafeera; Waaqummaan Kiristoos garuu adda bahee humnaan ni ka’e” jedhanis kanaan mo’amaniiru.

          Nagaan Waaqayyoo hunda keenya waliin haa ta’u;ameen.

Madda: Hiikkaa wangeela Yohaannis (Yoh.20:24-30)