DHALOOTA GOOFTAA KEENYA IYYASUUS KIRISToos

DHALOOTA GOOFTAA KEENYA IYYASUUS KIRISToos

 Mudde 28                                                                               Dn. Dajanee Gasheetiin

 

“Kunoo Eefraataatti dhageenye; bosona keessattis Isa arganne. Gara bultiiwwansaatti ni seenna;bakka miilonnisaa dhaabatanitti ni saganna” (Faar. 131: 6-7)

 

 

Waaqayyo Addaamii fi Heewaan wanta isaan barbaachisu hunduma erga guuteefii booda, biyyee lafaarraa harkasaatiin tolchee, afuura jireenyaa itti baaafachuun, fakkeenyasaatiin isaan uume. Uumees allaattota Samii fi bineensota Dachee hunduma akkaa bulchaniif, aangoo kenneef (Uum. 1: 26). Walabummaa guddaas (free will) kenneef. Akka ergamootaa ifa uffatanii Waaqayyoon galteeffachaa akka jiraatan, ulfina guddaas isaan gonfachiise. Wanta fooniin isaan barbaachisu hundas guuteef. Dhumarras wanta Jannata keessa jiru hunda akka nyaatan, garuu muka gaarii fi yaraa nama barsiisu qofaa akka hin xuqne ajaja jalqabaa kenneef (Uum. 2: 16-17).

 

Ajaja kana cabsinaan du’a du’aa akka du’an isaan akeekkachiise. Addaamii fi Heewaan garuu ajaja Waaqayyoo dagachuun, gorsa bofaa dhagahanii muka hin nyaatiinaa jedhaman nyaatani (Uum. 3: 1-24). Waaqayyo Uumaanis balleessaasaanii itti dheekkame. Jannata keessaas isaan baase. Du’a fooniirratti du’a lubbuu, gara awwaalaatti fooniin bu’uurratti, lubbuun Si’ool bu’uu isaaitti murteesse. Balleessaa Addaam balleesseen cubbuun ilmaan namootaa hundarratti aangome; ilmi namaa hunduu cubbamaa ta’e (Room. 5: 12).

 

 

Akka abbootiin keenya nu barsiisanitti, Addaamis Gooftaataa hundaa olii Waaqayyoonii fi bakka gammachuu, Jannata, dhabuusaatti gadde. Guyyaa guyyaanis laphee gaabbiitiin gara Waaqayyootti boo’e. Waaqayyo gara laafinni amalummaasaa ta’es boo’icha Addaam dhagahee isa fayyisuu fi kabajasaa duraatti isa deebisuu barbaade. Garuu Waaqayyo dhugaa waan ta’eef, dhugaan akka jallattu hin barbaadu. Kanaaf, ajaja cabeef ajajamee, dogoggora hojjetameef beenyaa kaffalee kan namaaf Waaqayyo walitti araarsu dirqama barbaachise. Kanarraa kan ka’e, Tokkichi Ilma Waaqayyoo cubbuu dhiigni hoolotaa fi ro’ootaa ilmaan namootaarraa dhiquu hin dandeenye Dhiigasaatiin nurraa dhiquu barbaade. Mataasaa fi abbaasaattis nu araarsuuf, Dubroo Maariyaamirraa foonsheerraa foon, lubbuusheerraa lubbuu fuudhuun tokkoomee (Tawaahidoon  kabajamee) dhalate.

 

Dubbii dhalootaa Gooftaa keenyaa keessatti wantoonni qalbii namaa hawwatanii fi xiinxala afuuraa hedduutti nu ceesisan hedduudha. Iccitiiwwan kunneen foonii fi lubbuu keenya afuuraan sooru. Sagalee jireenyaa fi bu’uura fayyinaa kana hubachuuf, wantoota yeroo Gooftaan ulfinaa fi Waaqni jaalalaa dhalate raawwatan akka armaan gadiitti ilaalla. Iccitichi baay’ee gadi fagoo fi ibsa bal’aa waan barbaaduuf, haala adda addaatiin mata duree tokkicha irra deddeebinee ilaaluun dirqama ta’a. Kunis hubannoo keenya bal’isuuf malee, yaada baay’isuuf akka hin taane gamanumaan haa hubannu. Ka’umsi barnoota keenyaas Wangeela Luqaas 2: 1-20rra kan jiru ta’a.

 

Seenaansaa gabaabaatti akkasi: Bara Aawgisxoos Qeesaar Bulchaa Roomaa (addunyaa yeroo sana ture uummata Israa’eel dabalatee biyyoota hedduu bulchaa kan ture) addunyaan akka lakkaawamtuuf ajaja dabarse. Ajajichis namni hunduu bakka qomoosaatti lakkaawamuu qaba waan jedhuuf, Yooseefii fi Giiftiin keenya, Qulqulleettii Dubroo Maariyaam gara Beetaliheem, magaalaa Daawiit deeman. Namoonni hedduun lakkaawamuuf gara Beetaliheem waan deemaniif, mana keessa bulan dhabnaan dallaa loonii keessa boqochuuf dirqaman. Yeroo kanas Uumaan Samii fi Lafaa, Gooftaan keenya dallaa loonii keessatti dhalate. Yeroo Gooftaan Ulfinaa, Mootiin Samii fi Dachee dhalatu, ergamoonni gammachuu fayyinaa kana tiksoota horii eeguuf naannoo Beetaliheem turanitti himan. Tiksoonni sunneenis wanata arganii fi dhagahan namoota naannoosaanii hundatti himan. Namoonnis oduu gammachiisaa kana tiksootarraa dhagahanii ajaa’ibsiifatan. Ergamoonni Samiis Gooftaa marsanii “Galanni Waaqayyoof Samiirratti, nageenyi lafarratti ilma namaaf fedha gaariin haa ta’u” jechuun faarfatan.

 

Galmee namootaa

Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos yeroo addunyaan hundi lakaawamu dhalachuunsaa akka carraa ta’eet osoo hin ta’iin, kaayyoo fi fedha Waaqayyoon kan raawwatame. Kiristoos cubbuu jalaa nubaasuuf jecha, cubbamoota wajjin lakkaawame (Isa. 53: 12). Jireenya bara baraa fi mucummaa kennaa Waaqayyoo cubbuun dhabne deebisee nuu kennuuf jecha, hangafa hunda keenyaa ta’ee Gooftaan nu wajjin lakkaawame. Akkasumas, maqaa keenya galmee jireenyaarratti barreessuuf jecha, maqaan Uumaa keenyaa nu wajjin barreeffame. Namni Waaqayyotti amanu maqaansaa kitaaba galmee jireenyaarratti barreeffama (Bahu. 32: 32; Luq. 10:20; Filiph. 4: 3). Kanaaf, Inni qulqulluu waan ta’eef, cubbamoonni jireenya qulqullaawaa akka jiraataniif, nu wajjin galmaa’e.  Inni Waaqa jiraataa waanta’eef, jireenya bara baraa nuu kennuuf nu wajjin lakkaawame. Lakkoofsi kun lakkoofsa warra Qeesaar Roomaa osoo hin ta’iin, galmee Waaqayyoo lubbuun isatti amantu kitaaba jireenyaarratti akka galmooftu eeyyamedha. Bakka kanatti, Beetaliheem fakkeenya Mana kiristaanaa fi Samiiti. Namni guyyaa afurtamaa fi saddettamatti cuuphaa dhaan Sillaaseerraa dhalatummoo kan galmee jireenyaarratti Kiristoos wajjin galmaa’utti fakkaata.  

 

Maaliif Beetaliheemitti dhalate?

Magaalonni hedduun osoo jiranii Kiristoos Beetaliheemitti dhalachuunsaa akka carraa ta’eet osoo hin ta’iin, kaayyoosaa qulqulluun kan raawwatame. Kunis, fakkeenyaa fi raajii raawwachuufi. Fakkeenyisaa, mootiin Israa’eel fooniin bulche, Daawiit, Beetaliheemii filatame (1 Saam. 16: 1). Kiristoos bulchaan Samii fi Lafaa fi Gooftaan foonii fi lubbuus Beetaliheemitti dhalachuusaa hubachiisa. Raajiinsaa, Kiristoos akka Beetaliheemitti dhalatu dursee dubbatameet ture (Faar. 131:6; Miik. 5: 2). Beetaliheem jechuun Mana Biddeenaa jechuudha. Biddeena jireenyaa, biddeena bara baraa fi biddeena fayyinaa kan ta’e Kiristoosis Beetaliheemitti kanaaf dhalate. Biddeenni kun akka biddeena warri Israa’eel yeroo Gibxii bahan gammoojjii keessatti nyaatanii beela’anii (Yoh. 6: 58) osoo hin ta’iin, biddeena bara baraa fi nami nyaate hundi kan jireenya itti argatu. Biddeenichis Foonsaa fi Dhiigasaa yoo ta’u, leematiin  biddeenichaa ammoo deessuu Isaa, haadhasaa, Qulqulleettii Dubroo Maariyaami. Biddeen akkuma leemaatii keessaa argamu, Kiristoosis foonsheerraa foon, lubbuusheerraa lubbuu fudhachuun Nama ta’eera.

 

Addunyaa mataasaa fi abbaasaatti araarsuuf, luba ol aanaa ta’ee foonicha isheerraa fudhate fannoorratti aarsaa dhiyeesse. Foonichaa fi Dhiigicha nyaannee akkaa jireenya bara baraa argannuufis nuuf kenne. Kanaaf, Beetaliheem maqaa dursitee Mana Biddeenaa jedhamtee iccitiin ittiin waamamaa turte ifatti argatte. Akkuma beekamu, ilmi namaa nyaata hin nyaatiin jedhame nyaachuun du’aa fi Daabiloosiif gabroome. Kiristoosimmoo nyaata dhugaa ta’ee du’a jalaa nu baasuuf jecha Beetaliheemitti dhalate. Kanaaf, ilmi namaa muka dhorkame nyaachuun du’ee ture, Foonii fi  Dhiiga Kiristoos nyaachuu fi dhuguun deebi’ee fayye jechuudha. Har’a nyaata kana Mana Biddeenaa kan taate Beetaliheemitti (Mana Kiristaanaatti) argamuun nyaannee jireenya bara baraa argachuu qabna.

 

Beetaliheemitti dhalachuunsaa iccitii guddaa biraas ni qaba. Gooftaan bakka tuffatamaatti dhalachuun gara kabajaatti nu deebise. Akkasumas, biyya lafaatti dhalachuun Kiristoos kabaja Jannataa fi Samiitti nu deebise. Kiristoos osoo Waaqa ta’ee jiruu mataasaa gadi qabee dhufe; hamma du’a fannoottis kan ajajame ta’e (Filiph. 2: 7-8). Ilmi namaa sababa balleessaa Addaam Jannata dhabeet ture. Kanaaf, Kiristoos Addaam lammaffaa ta’ee, Heewaan lammafaa kan taate Giitii keenya Dubroo Maariyaamirraa dhalachuun ajajamee Jannatatti nu deebise (Room. 5: 18).

 

Waaqeffannaa tiksootaa

Yeroo Gooftaan dhalte Heeroodsi hin dhageenye; Barreessitoonnii fi Farisoonnis hin simanne. Tiksoonni uummata biratti kabaja hin qabne garuu gammachuun simatanii Isa waaqeffatan.  Beelladoonnii fi bineensonnis Waaqasaanii marsanii afuurasaaniin Isa ho’isan. Kana hubachiisuuf raajichi Isaayyaas, “Sangaan kan bitaasaa, harreen dallaa gooftaasaa bare; uummanni Koo garuu hin beekne; Israa’eel hin hubanne” jedhe (Isa. 1: 3). Kunis ilmaan namootaa cubbuutti jilbeeffachuun bineensotaa gadi ta’uun Gooftaasaanii waaqeffachuu dadhabuusaanii agarsiisa. Daawiit abbaan faarfannaa kana hubachiisuuf “namni kabajamaa ta’ee osoo jiruu hin beeku; akka bineensota badanii fakkaate”  (Faar. 48: 12) jedha. Seenaan Beetaliheemitti raawwate ilmi namaa hanga bineensotaa hubannoo dhabuusaa hubachiisa. Har’as namoonni hedduun galmee Qeesaarirratti hiraachuuf (kan addunyaarratti galmaa’uuf) mooraa Qeesaar keessaatti argamuu danda’u. Galmee lubbuu kan ta’e kan Kiristoosiin raawwatamurratti hirmaachhuuf, Beetaliheem (Mana Kiristaanaatti) argamuun garuu irraa fagaatee jira.

 

Tiksoonni sun battalumatti wanta arganii fi dhagahan addunyaatti himaniiru. Nutis waa’ee Iccitii fayyinaa addnuaatti himuun dirqama afuuraa hunda keenyaati. Tiksoonni sun yeroof eegdota horii yooyta’an, iccitiinsaa garuu, tiksitoota  lubbuu kan ta’an fakkeenya lubootaa fi lallabdootaaati. Tiksoonni sun Hangafnisaanii waan dhalatee jiruuf gammachuun isa marsan. Kiristoos Tiksee dhugaa kan foonii fi lubbuuti ( Faar. 22: 1; Yoh. 10: 11). Luboonnii fi lallabdoonni wangeelaas tiksee kiristaanotaati (Hoj. 20: 28; Yoh. 21: 15-17). Kanaaf, har’as hojiin tiksootaa  waa’ee dhaloota Kiristoos addunyaatti himuu yoo ta’u, gaheen amantootaammoo, Tiksicha dhugaa simachuuf gara Beetaliheem (Mana Kiristaanaa) deemuudha (1 Pheex. 2: 25).

 

Faaruu ergamootaa

Yeroo Gooftaan keenya dhalate, ergamoonni tiksoota wajjin walitti makamanii faarfatan. Ergamoonni tiksee ilmaan namootaati (Maat. 18: 10); tiksoonni bakka sana turanis tiksoota kiristaanota hundaa kan ta’an fakkeenya lubootaati (Yoh. 21: 15-17). Kiristoosis Tiksee dhugaa lubbuu fi fooniiti (Yoh. 10: 11). Beetaliheem fakkeenya Mana Kiristaanaati. Tiksoonni kunneen sadan bara baraan Mana Kiristaanaarraa adda hin ba’an. Namni tiksamuu barbaadummoo Beetaliheem (Mana Kiristaanaatti) argamuu qaba.

 

Erga Addaam kufee, seenaa jireenya ilma namaa keessatti, ergamoonni akkanatti yeroo jalqabaaf ilmaan namootaatti makamanii faarfatan. Kunis fayyinni gara ilmaan namootaatti dhiyaachuusaa fi Waaqayyo namatti araraaramuu jalqabuusaa hubachiisa. Ergamoonni Samii, Gooftaan kabajaa fuulasaa golgaa ibiddaa torbaan golgatu Beetaliheemitti dhalachuusaa arganii Isa Waaqeffachuuf dhufan. Akkasumas, hoomaaleen Samii kun ilmaan namootaatti gammachuu fayyinaa itti himuuf mul’atan. Yeroo kanattis Waaqayyo Samiin teessoosaa, lafti ejjennaa miilasaa taate (Isa. 66: 1) fooniin dhaltatee ammuu Giiftii keenya Dubroo Maariyaam keessa ture. Ergamoonni gara Samii ol ilaalanii Daamicha Beetaliheemitti dhalate Abbaasaa fi Afuura Qulqulluu wajjin osoo qulqulleessamuu fi osoo sagadamuufii argan. Iccitii Samiirratti arguun, “galanni waaqayyoof samiirratti haa ta’u” jechaa Isa galateeffatan. Gooftichuma Samiirratti qulqulleessamu, waaqeffatamuu fi kabajamu lafatti ammuu Giiftii keenyaa keessatti argan. Yeroo kanas “lafarratti nageenyi ilmaan namootaaf haa ta’u” jedhan. Kunis Kiristoos foon namaa uffachuun Nama ta’us, Waaqa bara baraa ta’uusaa fi bakka hunda jiraachuunsaa akka hin daangofne hubachiisa.

 

Gama biraan ergamoonni “galanni waaqayyoof samiirratti, ilmaan namootaaf nageenyi lafarratti” jechuun iccitii guddaa addunyaatti lallaban. Innis, dhalachuu Kiristoosiin kan Dachee fi Samiirra jiran araaramuusaanii hubachiisa. Kiristoos dhalatee aarsaa nuuf ta’uusaatiin, warri lafaa fi samiirra jiran, akkasumas, amantootaa fi al-amantoota (aahizaabota) walitti araarse (Eef. 2: 16). Qulqullichi Phaawuloos kana hubachiisuuf, “Kanaa booda qulqulloota wajjin abbaa biyyaa fi maatii Waaqayyooti malee keessummoota miti” (Eef. 2: 19) jedhe.  Har’a kan Kiristoositti amane, fooniin Ijoollee Abrihaam kan ta’an ijoollee Israa’eelis ta’e, uummanni addunyaa kamiyyuu wal qixa fayyeera. Hunduu ijoollee Abrihaamii fi Israa’eel afuuraa yookaan lubbuuti (Maat. 3: 9). Beektota fiixee addunyaarra jiranis ta’ee, warra qaroominaan duubatti hafuun eegee addnyaa ta’an yoo ta’e, kan Isatti ananuun cuuphame hunduu wal qixa. Kana kan nu hubachiisu, mootonni baha fagoo (ogeeyyiin) duraan amantaa hin qabne dhufanii Kiristoosiif sagaduusaaniiti (Maat. 2: 1-12).

 

Guyyaa dhaloota Gooftaa keenyaa, ergamoonni, tiksoonni, uummanni ogeeyyiin (uummanni baha fagoo) fi uummanni naannoo Beetaliheem bakka sanatti walitti qabamuunsaanii xiinxala  afuuraa guddaa qaba. Kunis, Manni Kiristaanaa Kakuu Haaraa, akka Kakuu Moofaa, bakkaa fi hortee muraasatti kan hin murtoofne ta’uushee hubachiisa. Kakuu Haaraa keessa,  uummanni duraan al-amantoota (aahizaabota) turan amananii miseensa Mana Kiristaanaa ta’aniiru. Gama biraan ergamoonni Samiis Beetaliheem (fakkeenya Mana Kiristaanaa taate)  keessatti argamaniiru. Kunis Manni Kiristaanaa kan warra lafarraa jirajii qofa osoo hin ta’iin, Samiirras dameenshee jiruusaa hubachiisa. Manni Kiristaanaa hundeenshee lafarra kan jiru yoo ta’u, fiixeenshee Samii keessa jira. Birkii yookaan dameen Mana Kiristaanaa Samiirra jiru Mana Kiristaanaa moo’attootaa (church triumphant) yoo ta’u, birkiin lafa jirummoo Mana Kiristaanaa morkattootaa (church militant) jedhama.

 

Gama biraan, Gooftaan ergamoota Samii fi ilmaan namootaa qomoo adda addaarraa dhufaniin Beetaliheemitti waaqeffatamuunsaa iccituma duraan xiinxalle hubachiisa. Kunis, Waaqayyo Mana Kiristaanaa tokko taatetti bara baraan warra lafaa fi samiirra jiraniin (ergamootaa fi qulqulloota Jannata jiraniin) waaqeffatamuusaa hubachiisa. Isaan kunneeniin marfamee gidduu jiraachuunsaas yeroo kamiyyuu Mana Kiristaanaarraa akka Inni adda hin baane hubachiisa. Walumaa galatti, ergamoota Sammiis ta’ee ilmaan namootaa bakka adda addaarraa dhufanitti Kiristoos Beetaliheemitti mul’achuunsaa, Manuma Kiristaanaa tokko taatetti waaqeffatamuusaa hubachiisa. Akkuma dura ibsine, Manni Kiristaanaa lafarras ta’e Samiirra, biyya keenyas ta’e biyya alaa jirtu, tokkuma malee adda miti. Kaayyoon afuuraa bakka hundatti raawwatamus tokkuma: Waaqayyoon waaqeffatanii jireenya bara baraa dhaaluudha.

 

Waaqeffannaa Ogeeyyii (beektota baha fagoo)

Akka armaan olitti ibsinetti, yeroo Gooftaan keenya dhalate, namoonni qaamaan itti dhiyaatanii turan, dallaa loonii keessatti Kiristoos waaqeffataniiru. Akkasumas, namoonni baha fagoo, fageenyi lafaa osoo isaan hin daangessiin Beetaliheemitti argamuun Kiristoos waaqeffataniiru. Harka fuudhaa gosa sadii (warqii, libaanota ykn ixaanaa fi qumbii) kennuufiin Isa waaqeffataniiru. Akka Darbaan qulqulluu Mana Miristaanaa keenyaa nu hubachiisutti, kennaa kana nama sadii ta’aniit tokko tokko Isaaf kennan. Namoonni sadan kunneen fakkeenya ijoollee Nooh sadanii (Seem, Kaamii fi Yaafeetii)ti. Yookaan ammoo fakkeenya uummata addunyaa maraati. Ijoolleen Nooh sadan bishaan badisaa jalaa bahan wal horanii addunyaa kana guutan. Uummanni isaaniin ala ta’es Dachee kanarra hin jiru. Kanaaf, namoonni sadan sunneen uummata addunyaa maraa bakka bu’uun Kiristoos waaqeffatan jechuudha. Kunis, akka dursinee ibsinetti, Kakuu Haaraa keessa uummannii fi qomoowwan hundi Kiristoositti amanuusaa hubachiisa. Waaqayyo Gooftaan iccitii kana dursee Miilkiyaasirra buluun “Baha biiftuutii jalqabee hanga dhihaatti maqaan Koo uummatoota biratti guddaa ta’a; bakka hundattuu maqaa Koofis libaanota ni aarsu” (Miilk. 1:11) jechuun ibsee jira. Kun huduu kan raawwatame fedha Gooftaa jaalalaatiini.

 

Kakuu Haaraa keessa, uummata qomoo tokko ta’ee fi afaan tokko qofa dubbatutu Isa Waaqeffata osoo hin ta’iin, uummanni hunduu  ulaagaan osoo hin daanga’iin Isa waaqeffata. Raajichi Daani’eelis kana ilaalchisuun akkas jedha: “Qommoowwanii fi uummattoonni afaan adda addaa dubbatan akka bitamaniifiif, bulchiinsii fi mootummaan kennameef” (Daan. 7: 14).  Iccitiin fayyinaa kun guyyaa ayyaana Phesxeqoonxee (guyyaa shantammaffaa) namoonni afaanota gara garaa torbaatamaa ol ta’an dubbatan, biyya adda addaatii dhufuun, Kiristoositti amanuun cuuphaman dhugoomeera (Hoj. 2: 1-42). Asirratti, Raajichi Daani’eel “kennameef” jechuunsaa, duraan kan Kiristoos kan hin turre Isaaf kennamuusaa miti. Hiiktisaas, Kirsitoos foon namaa uffatee tokkoomee Nama dhugaa fi Waaqadhugaa ta’uun Gooftaa bara baraa ta’uusaa hubachiisa. Foonichi uffates aangoonsaa osoo hin daangessiin Kiristoos uummatoota hunda biratti waaqeffatama jechuusaati.

 

Kanaaf, Kakuu Haaraa keessatti namoonni qomoo foonii hedduurraa dhalatan cuuphaadhaan Sillaaseerraa lammafaa dhalatu. Akkasumas, qomoo Samii tokko qofa qabaatanii, afaan jaalalaa tokko qofa dubbachuun Waaqayyoon waaqeffatu. Kitaabni qulqulluun ilmaan namootaa hundi Isatti amanan ijoolleessaa ta’uusaanii ibsa. Yohaannis abbaan wangeelaa akkas jedha: “Kan fudhatan hundaaf garuu, warra maqaasaatti amanan isaaniif ijoolle Waaqayyoo akka ta’aniif, aangoo kenneef” (Yoh. 1:12). Qulqullichi Pheexroosis “Sagalee Waaqayyoo jiraataa fi barabaraan jiraatuun sanyii hin bannerraa malee, lammaffaa kan dhalattan sanyii badurraa miti” (1Pheex. 1: 23) jedha. Kunis, hundi keenya cuuphaadhaan haadha tokkoo fi abbaa tokkorraa (Bishaanii fi Afuurarraa) dhalachuun tokko ta’uu keenya agarsiisa. Kanaaf, gurraacha Ameerikaas ta’e, namoota adii, nama Ijibtiis ta’e kan Hindii, amantaa tokko qabaatanii Waaqayyotti kan amananii fi maqaa Sillaaseetiin kan cuuphaman hundi obbolaa ta’uusaanii ibsa. Garaa garummaa malee Waaqa tokkotti amananii fayyuusaaniis hubachiisa.

 

Kennaa Ogeeyyii (uummata baha fagoo)

Ogeeyyiin baha fagootii dhufan Daa’imicha Beetaliheemitti jaalala keenyaan dirqamee dhalateef wantoota sadii qabatanii harka fuudhuusaanii ilaalleerra. Armaan duras, namoonni sadan maaliif kennaa adda addaan akka harka Isa fuudhan ibsineerra. Kennaawwan sadan kunneenis hiika afuuraa fi xiinxala bal’aa mataasaanii ta’e qabu. Iccitii fi xiinxala afuuraa kennaawwan kunneeniis akka armaan gadiitti tokko tokkoon ilaalla.

 

Kennaan inni jalqabaa Ogeeyyiin sunneen Isaaf dhiyeessan warqii ture. Innis fakkeenya mootummaasaati. Moototaaf warqiitu kennama ture. Kiristoosis Mootii Samii fi Lafaa, mootummaansaa yeroon kan hin murtoofnee fi bakkaan kan hin daangofne. Kanaaaf, Ogeeyyin kunneen iccitii kana  hubachiisuuf jecha, warqiin harka Isa fuudhan. Abbaan keenya Yaa’iqob daawitii raajiin arguun Kiristoos Mootii ta’uusaa akkas jedhee dubbateera: “Uleen mootummaa Yihudaatii, jangiin bittootaas miilasaa gidduutii hin dhibamu; Bulchaa kan ta’e hanga dhufutti ajajamummaan uummatootaa isaaf ta’a” (Uum. 49: 10).  

 

Akkuma raajiin dubbatametti, Gooftaan kan dhalate yeroo mootummaan Israa’eel harka hortee Yihudaatii bahee gita bittoota Roomaa jala gale ture. Kunis Yihudaan fakkeenya malee mooticha dhugaa, yeroof malee kan bara baraa akka hin turre hubachiisa. Akkasumas, Yihudaan mootii Israa’ee foonii malee kan Israa’eel lubbuu akka hin turre hubachiisa. Yeroo Mootichi dhugaan qomoo Yihudaa (Daawiit) jalaa dhalte, mootummaan Yihudaa bakka hin qabu. Kiristoos mootii biyya lafaa qofa osoo hin ta’iin kan Lafaa fi Samii, mootummaa Israa’eel foonii qofaa osoo hin ta’iin mootii Israa’eel lubbuutisi (warra itti amannu hundaati). Gooftaan keenya Israa’eel yeroo sana fooniin warra Roomaaf gabroomfatan walaboomsuuf dhufe osoo hin ta’iin, ilmaan namootaa hunda  du’aa fi Diyaabiloomsiin garbroomfataman bilisoomsuuf fooniin dhufe. Kiristoos uummata hunda jaalalaa fi afuura tokkoon cimsee ulee mootummaa sibiilaa (aangoo cimaa hin dabarreen) bulcha (Mul’ata 12: 5). Kanaafis, Inni Mootii bara baraa addunyaa dabarsee jiraachaa ture, ammas kan jiruu fi bara baraan kan jiraatu , Aalfaa fi Oomeegaadha.

 

Kennaa inni lammaffaan kennaa libaanotaati. Libaanonni (ixaanni) lubummaasaaf kennameef. Libaanota aarsuun hojii lubootaati. Kiristoosis Luba bara baraa akka sirna Malkatseedaqitti muudameeti. Luboonni libaanotas ta’e aarsaa biroo fuldura Waaqayyotti dhiyeessaa turani. Kiristoos luba hangafaa jedhama. Sababanisaas luboonni hangafootaa waggaatti yeroo tokko Mana Qulqullummaa seenanii uummataaf aarsaa dhiyeessanii kadhachaa turani.  Kiristoosis aarsaa foon bineensotaa osoo hin ta’iin, Foonsaa kutee Dhiigasaa dhangalaasee Mana Qulqullummaa addaa kan ta’e fannoosaarratti fundurasaa fi Abbaasaatti dhiyeesse. Aarsaa yeroo tokko dhiyeesseenis Abbaasaa fi Ofitti nu araarse. Aarsaan takkaa dhiyaate kunis addunyaa hanga bara baraatti araarsaa jiraata malee, har’a Kiristoos aarsaas ta’a kadhannaa biraa Inni addnyaaf dhiyeessu gonkuma hin jiru (ulfinni Isaaf haa ta’u!) (Ibir. 9: 25-28).

 

Kennaan inni sadaffaan qumbii yookaan karbeedha. Kunis du’asaaf kennameef. Qumbiin hadhaawaadha. Kiristoosis jireenya keenya cubbuun hadhaaye mi’eessuuf jecha, du’a hahaawaa dhamdhame. Waa’ee keenyaaf jechas qumbii dhangaggaawaa fannoosaarratti dhamdhame. Yohaanni abbaan wangeelaa iccitii kana akkas jechuun barreesseera: “dhangaggaawaa ispoonjiitti guutanii, hisoophiitti godhanii, gara afaansaatti dhiyeessaniif” jedha (Yoh. 19: 29). Gama biraan qumbiin wanta cabe deebisee walitti qabsiisuuf ni fayyada. Kiristoosis wantoota dhalootasaa dura lolaan turan torban walitti araarseere. Isaanis: Waaqayyoo fi nama, ergamootaa fi namoota, Samii fi Dachee fi foonii fi lubbuu turan. Walumaa galattis Kiristoos warra Dachee fi Samiirra jiran akkasumas amantootaa fi aahizaabota (al-amantoota) walitti araarsuusaa hubannee jirra. Kanaaf, uummanni kun Kiristoos mootii bara baraa, Luba Foonsaa fi Dhiigasaa aarsaa dhiyeessuu fi jaalala ilmaan namootaan dirqamee du’a dhangaggaawaa dhamdhamu ta’uusaa dursanii raajuun, Gooftaa keenyaaf kennaa adda addaa kennuufiin harka fuudhaniiru.

 

Nutis iccitii afuuraa fi xiinxala guddaa kana hubannee Isatti amanuun akka jireenya dhuma hin qabne argannu fedhasaa nuuf haa ta’u. Galanni Waaqayyoof, Deessuu Haadhasaa fi kabajamaa Fannoosaaf haa ta’u. Ameen!  Nu haa tursu!