Taabota, waaqa tolfamaa waliin tokko kan taasisu eenyu dha? (2ffaa Qor. 6፥16)

   Maqaa Abbaa, kan Ilmaa, kan Hafuura Qulqulluu Waaqa Tokko
Ameen.

Barruun kun kaayyoo lamaaf qophaa’e. Kaayyoon inni duraa warri amntii kana (Ortodiksi Tawaahidoo) keessa jirru beekumsi nuti amantii keenyarratti qabnu dagaagee ‘Hordofaa, amantiin fi beekumsaan badhaadhe’ taanee amantii keenyaan akka cimnu yoo ta’u, inni lammaffaan immoo akkuma raajiichi “Uummanni koo dhaba beekumsaa irraa kan ka’e bade jira” (Hos. 4፥6) jedhetti, warroota waa’ee amantii kanaa (Ortodoksi Tawaahidoo) hubannaa gahaa odoo hin qabaatiin barsiifannaa dogoggoraatiin badaniif karaa gara amantii ishii dhugaa ittiin deebi’an akka ta’uuf barbaadamee ti. Read more

Dubbii fayyinaa Mana Kiristaana Ortodoksi Tawaahidoo Itiyoophiyaatti

“Gooftaanis warroota fayyyuu qabaniif guyya guyyaan isaanirratti dabalaa ture.”

(Hoj.D.B. 247)

Kaayyoon ijoo qophii barruu kanaa:-

  • Waa’ee fayyina dhala namaa ilaalchisee warroota karaa ifa ta’een hubachuu hin dandeenyeef waa’ee  fayyinaa waan isaan haasa’an Kitaaba Qulqulluudhaan ala kan ta’e ta’uu isaa agrsiisuuf barbaadamee ti.
  • Warroota “Amantiidhaan qofa /amanuudhaan qofa/ fayyina.” jedhaniif  barsiifatni isaanii dogongora akka ta’e ibsuu; sababni isaas amantiin hulaa/karra/ fayyinaa ti malee, mataa isaa ‘fayyina’ miti. Sababni inni ‘hulaa/karra / fayyinaa ti.’ jedhameef illee, isaan alatti /amantiin alatti/ gara kamiyyuu deemuun waan hin danda’aamneef dha.
  • Gocha fayyinaa isa Fannoo irratti taasifameen Addaam fi ijoolleen isaa maal irraa akka fayyan addeessuu/ibsuu/ dha.
  • Maal irraa fi akkamitti akka nufayyise ibsuuf; fayyina keenya haala kamiin raawwachuu akka qabnu hubachiisuudhaan warroota waa’ee fayyina ilma namaa ifa galeessatti hin hubanneef /warroota barsiifata dogoggoraa qabaniif/ deebii kennuuf fi addeessuuf dha.

       Seensa

Dhalli namaa abbooma Waaqayyoo diiguu isaatiin Waaqayyoo irraa adda bahe. Kiyyoo seexanaan qabamee, hammeenya diyaabiloosiin summaa’ee waggoota 5500f si’ool keessa jiraate. Kufaatii dhala namaa irraa eegalee fedhiin dhala namaa fayyina argachuu ture. Dhalli namaas abdii fayyinasaa Waaqayyoo irraa argatee abdiidhaan jiraate. Fayyini dhala namaa abdii fayyinaa Waaqni kenneen, raajiin ni dubbatame, soomanni ni labsame. Read more

Falaasama Humnaa Isa Haaraa

Falaasama Humnaa Isa Haaraa

(Kutaa-2)

 Waxabajjii 17                                                                                                                      Haaylamikaa’el Taaddasaa Kafanii

1.      Daawiit fi Golyaad

Amma immoo wal’aansoo Daawiit fi Goolyaad keessatti falaasama humnaa isa haarawaa ilaalla. Golyaad kan jedhamu namni Filisxeem, dheerinni isaa ciqilee ja’aa fi taakkuu tokko kan ta’e, gootni muummeen dhufe. Golyaad kun  gonfoo sibiilaa  bifa booraa (boorrajjii) mataa isaa irraa qaba; maddaa sibilaa waan akka qurxummiis uffatee ture; maddaan sibilaa sunis akka kiloogiraama shantamii torbaa /57/ ulfaata ture. Wanta akka qola mukaa sibiila  irraa tolfame kan bifti isaa boora ( boorrajjii)  miila isaatti maratee, bode sibiila  gateettii isaa  irra qaxxaamursee hidhatee ture. Qarri eeboo isaa sibiila akka kiiloo giraama torbaa ulfaatu irraa kan hojjetame ture; namni gaachana isaa baatuufiis isa dura ni adeema ture (1Saam. 17:4-7). Warra Israa’eeliinis isaan keessaa goota tokko akka dhiyeessanii fi qaamni mo’ate garee isa biroo garba akka taassisatu itti hime (1Saam. 17:8-10). Warri Israa’eel garuu ni sodaatan, ni riifatanis(1Saam17:11).

Goolyaad akka hiikaa barnoota Mana Kristaanaatiin, diyaabiloosiin fakkeeffama. Ummatni Israa’eel ijoollee Addaam sodaa fi bittaa cubbuu jalatti kufanii diyaabiloosiin mankararaa turaniin fakkeeffamu.Ilmi namaa bu’uura olitti ibsameen, dhimmoota kan madaalu ija fooniitiin waan ta’eef, falaasama humnaa isa moofaan waan Gooliyaad/diyaabiloos bu’uura armaan olitti ibsameen nama naasiisu danda’uu fi kan harkaa bilisa ba’uu hin dandeenye itti fakkaata. Jireenya keessattis kan nu qunnamu, waan rakkoon nu marse humna namaatii ol ta’eef, injifannoon nurraa fagoo nutti fakkaatee bitaa mirgi keenya qilee nutti ta’a. Garuu, falaasama humnaa isa haarawaan, wanta namaaf ulfaataa ta’e hunda, osoo baay’inni hoomaa hin jiraanne raajii Waaqayyootiin injifachuun ni danda’ama.

 

Daawiit ammoo, nama Eefraataa kan ta’e Ilma Isseey ture.  Isseey ijoollee saddeettan qabu keessaa, Daawiit mucaa isa dhumaa yoo ta’u, ijoolleen sadii: Eelyaab, Aminaadaabii fi Shaamaah iddoo dhaadannoon Goolyaad jiru kanatti waraanaaf hiriiranii turan (1 Saam. 17:13). Goolyaadis ganamaa fi galgala dhiyaachaa guyyaa Afurtamaafis mul’achaa ture. Isseeyis ilma isaa Daawiitiin akka gara obboolleewwan isaatti galaa fuudhee deemu ergeen. Daawitiis hoolaa isaa tiksee biraatti dhiisee, ergaa ergameef galmaan ga’uutti qaarii’e. Uummanni Israa’eelis yemmuu sana sulula Eelaa keessa turan (1 Saam 17:17-25).

Hayyoonni Mana kiristaanaa seenaa kana keessattiis Daawwiit Ilma Waaqayyoo, Gooftaa  keenya Iyyasuus Kiristoosiin yoo fakkeessan, abbaa Isaa Isseeyi ammoo abbaa Goftaa keenya  Iyyasuus Kiristoosiin Waaqayyo Abbaadhaan fakkeessu (Father Tadros Yaay’qoob Malati, Interpretation of The Book Of Samuel, fuula 22). Waaqayyoon addunyaan hundi Ilma Isaan akka fayyu, bittaa diyaabiloos jalaa akka bilisa ba’an bakka itti sodaadhaan marfamanitti dhufee sodaa bara baraarraa obbooleewwan isaaf dadhabbii isaanii akka baatuuf ergame (“Waaqayyoon garuu yakka hunda keenyaa Isarra kaa’e”(Is. 53;6)).Iddoon uummanni Israa’eel ture kun garba cubbuu Addaamiif ijooleen isaa keessatti liqinfamaniin fakkeeffama. Gooftaanis kan dhufe iddoo itti dhiphannee fi sodaannee jirru kanatti.

Iddoo waraanichaatti obbooleewwan Daawiit jiraatanillee qabsoon isaanii homaa bu’aa buusuu hin dandeenye. Addaamii hanga, Noohitti, Noohii hanga Abirhaamitti, Abirhaamii hanga Daawiititti, Daawiitii hanga Boojii (Boji’uu) Baabiloonitti, Boojii Baabiiloonii hanga Yoohaannis cuphaatti, Yoohaannis cuphaadhaa ammoo hanga dhalachuu Gooftaatti abbootiin jiran hundi isaanii amantii isaaniitiin ragaan ba’aamuufillee, humni isaan qaban, ilma namaa Goolyaad injifachuuf hin geessisne (Father Tadros Malaty, A Patristic Commentary The Gospel According to St. John, page152). Humna dachee kanaa fi ilma namaatiin osoo hin taane Humna Samii fi Afuurawaatiin akka daawwatamuuf baddaa samiidhaa Ilmi Isaa nuuf ergame. Kanaanis Ilma qofa osoo hin ta’iin, Abbaanis eenyu akka ta’e, kan Ilmi “Maqaa isaa obboolleewwan isaa (ilma namaa)tti himee fi yaa’ii gidduutti anga’oo ta’uu isaa” raggaasiiseerraa hubannee jirra (Faar. 21(22):22, Yooh 14:9).

Hoolonni Daawiit gatee dhufes Ilmi Waaqaa Gooftaan Iyyasuus Kiristoos, hooloota 99/hoomaa ergamootaa 99/ dhiisuun hoolaa tokkittii/homaa ilma namaa bakka hoomaa saaxinaa’eel kan bu’e/ barbaacha gara dachee kanaatti dhufuu isaa agrsiisa (Luq. 15:1-7). Golyaad guyyoota afurtamaaf yoo mul’atu osoo walirraa hin kutiin achuuma dhaabbatanii furmaata eeggachuun isaanii waraanni diyaabiloosirratti baname hanga injiifannoon keenya mirkanaa’utti kan addaan kunnee biraa deemnu akka hin taane kan agarsiisu dha. Akkuma abbootiin baroota armaan olitti eeraman, qabsaa’aa bilisa isaan baasu fakkeenya Mana Kiristaanaa ammaa eegachaa turan, nuti warri fayyuu keenya isaan mirkaneeffannee Ilma Waaqaa kan nama ta’een (Yooh 1:14) waliin hoomaa tokko taanee, erga nu fayyisee booda ammoo, mootummaa isaa kana labsuudhaan jaalallee keeenya Kirisoosiif hanga dhumaatti amanamaa ta’uun kan itti fuftu ta’a (Eef 5:21-28). Itti gaafatamummaa addunyaa hawaasummaa, diinagdee fi siyaasaa keessatti qabnuunis, hanga uummanni waan barbaadu sana argatutti osoo hin nuffiin tattaaffii cimaa baroota hedduu ce’uutu nurraa eegama.

Daawiitiis, “Gara hoomaa loltootaatti fiige” (1Saam.17:22). Yoo waa’ee rakkoo uummata isaa dhaggeeffatu, obbooleessi isaa Eelyaab, “Maaliif asitti gadi buute? hoolota…. sana hoo eenyuutti gattee dhufte? Ani of-jaja kee fi hammeenya garaa kee waanan beekuuf qabsicha ilaaluuf dhuftee jirta” (1Saam.17:28) jechuun itti dheekkame.

Akkasumas Ilmi Waaqayyoo Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoosis dhuma barichaatti (Ib.1:2) gara dachee kanaatti yoo dhufu yeroo itti addunyaa fayyisuuf murteesserraa waa takka osoo hin barfatiini. Haa ta’u malee, obbooleewwan Isaa ilmi namaa Isa hin simanne (Yoh.1:11). Kabajamuu seera Muuseetiin qofa waan gaaffii Afurawaa uummatichaa hiikan waan itti fakkateef, humna isa haaraa kana fuudhachuu hin dandeenye. Ani Ilma Waaqaati jechuun kan inni ragaa ba’aa dhufe akka waan angoo Isaa malee Waaqaan of qixxeesseetti (akka yakkaatti) jalaa lakkaawwamuun olitti amma Raajootaallee ni ga’a jedahanii yaaduu hin barbaadne (Yoh 19:27).

Falaasama humnaa isa haaraan tajaajilli Waaqayyoo warra dursee mooraa keessa guuteef qofa miti. Warra haaraa dhufaniifisi (Rom 3:1).  Yihudoonni warri dur, raajiin  isaaniif himames ta’e, warra seera lapheetiin waaqeefachaa turan, warra seera Muusee barreeffamaan hin beekne hunda, akkasumas warra falaasama mataa isaaniitiin bulan; hunda isaaniiyyuu tajaajilli Waqayyoo ni ilaallata. Uumriidhaan yeroo hedduu tajaajila keessatti waan lakkoofisisneef amanaan ykn gaabbaan haaraan yoo nutti makamu tajaajilicha innis nurraa akka dhaalu gochuudhaa ala sababa bishaan hin fuuneen ni ifanna yoo ta’e dogoggorree jirra (Mar. 7:8) “Ajaja Waaqayyoo dhiistanii, barmaatilee namaa kabajju” (Mat 12:7). Tarii inni haaraa dhufe humni isaa, falaasama humnaa isa moofaan dadhabaa fakkaatullee, isa haaraan garuu, inni fuulduuraa kan boodaa, kan boodaa ammoo fuuldura waan ta’uuf (Mat 19:30), rakkoo nuti baroota heedduuf uruursaa turre kan hiikan ta’uu waan danda’aniif quxuusicha Daawiit caqasuun ni barbaachiisa.

Jireenya dhuunfaa keenya keessattis ta’e, tajaajiila dhunfaa keenya keessatti keenyuma namootni nuti jennu, obbooleewwan keenya jijjiirama nuti fiduuf yaadnu gadi nu jalaa qicuu danda’u. Obbooleewwaan keenyallee “Hin dandeessani” nuun jechuu danda’u. Falaasama humnaa isa haaraa keessatti quuqamuun Nahimiyaa, Xoobiyaa fi Geessaam tuffiin akka kolfan isaan affeerullee (Nah.2:19) abdii kutuun hin barbaachiisu. Wanti xiqqoon tuffatamtu seenaa hojjachuu waan dandeessuuf, “Nuti garboonni Isaa ni hojjanna, Gooftaan Samiis galmaan ni ga’a” (Nah.2:20) jedhanii kutatanii uummata Waaqayyoo ofirra nu laalaa jiruuf kennaa qabnu hundaan dhaqqabuutu barbaachisa.

Daawiitis kana ka’uumsa godhachhuudhaan homaa akka hin balleessinee fi dhimmi isaan jalaa gadi qicaa jiran kun waan angafa akka ta’e ibsuun dheekkamsaaf deebii jaalalaa deebisee tare (1Saam.17:30).

Gooftaanis ergamni Isaa waan bittaa Roomaa jalaa isaan hin baasneef akka homaa gatii hin qabnetti jalaa tuffatanillee (Luq 24:21), dhugaa inni ragaa ba’eef kaballaan deebii ilma namaa ta’ullee, “Hamaa dubbadheera yoo ta’e, hammeenya koof ragaa ba’i; gaarii dubbadheera taanaan garuu maaliif na rukutta?” (Yoh 18:23) jechuun ala hamaan  osoo afaanii Isa hin bahiin jaalalaan ilma namaaf akka yakkamaatti hidhamee tajaajiluu Isaa itti fufe. Abbaa Isaa waliin qixxee ta’uu Isaa yoo ragaa ba’ullee,  akka waan kabaja ofii hin qabneen of guddisee fi Waaqa arrabseetti itti lakkaa’an (Yoh.19:7).

Egaatii, falaasama humnaa isa haaraa keessatti dhugoominni yaada tokkoo dirqama baay’ina deeggartootaatiin hin mirkanaa’u waan ta’eef, kaayyoo keenyaaf amanamnee itti fufuu qabna. Hammeenyaaf deebiin laatamu hammeenya akka hin taane, maddii keenya mirgaa kan nu kabaleef kan bitaas itti garagalchuu, amma nurraa eeggamuu ol dachaan daballee gaarii hojjachuuf aarsaa kanfaluun falaasama humnaa isa haaraa dha. Diinota keenya jaalachuu, warra nu abaaran eebbisuu, warra nu ari’aniifiis kadhachuun kan Abbaa keenya isa samiirraa; gaarii hamaa, cubbamaa fi qulqulluu jedhee otoo addaan hin qodiin hundaafuu kan roobsu, hundumaafuu kan aduu baasu ta’uu isaa (Mat. 5:38-39,43-45) irraa kan barannu akka ta’e qabatamaan jiraatee Gooftaan nutti agarsiisee jira.

Akka waliigalaatti waan gaarii hojjachuuf murtii angafa ta’e yoo murteessinu, kaan akka waan gowwoomneetti ykn balleessineetti dheekkamsi isaanii akka abiddaa boba’uu danda’a (1Qor.1:18). Keessattuu ammoo, warri ‘amantiin Ortodooksii dhimma uummata muraasaati malee, kan Oromoo ilaallatuu miti’ jedhan, waaqeeffanaa nuti tokkuummaa Mana Kiristaanaatti amannee hoomaa Waaqayyoo waliin tokko taanee deemsiifnu, gaafa argan waan angafa raawwannee otoo jirruu nutti dheekkamu. Jara kanaan kan jechuu qabnu kana gochuu keenyaan nagaroon uummata Oromoorratti raawwanne maali? Amantiidhaan jiraachuun, Kiristaanuummaa simachuun waan angafa mitii? Jechi “Fannoo Goftaa Iyyasuus Kiristoosiin ala Abdiin biroo narraa haa fagaatu”(Gal.6:14) jedhu akkamiin uummata Oromoo maqaa Waaqaa dhahee hin quufneef hin barbaachiisne?Jechuun Eeliyaab obboolessa keenya isa nu mormuuf deebii laachuu qabna.

Seenaa Daawiit warra isaa jaalalaan itti mo’ate kana beekaan amantaa tokko akkana jedha: injifannoon keessaa injiifannoo alaatiin nama ga’a; Daawiit abbaa isaaf ajajamuun obbooleessa isaattis afaan tolaa dubbachuudhaan waan qabsoo keessaa injifateef alattis milkaa’e. Nutis yoo jaalala Mana Kiristaanaatiin booji’amnu, obbooleewwan keenya kan jaalala Mana Kiristaanaatiin boji’amanis ta’ee, kan Mana Kiristaanaa hin hubanne jaalalaan yoo mo’achuu dandeenye akkuma Gooftaan Kaayyoo fayyinsaa mormii obbooleewwan isaa obsee galmaan ga’e, kaayyoo hafuurawaa keenya galmaan ga’uu  dandeenya.

Daawiit Saa’ooliin yemmuu waamamu (1Saamu’eel 17: 31) akkana jedheen: “namni tokkoolee garaa isaatti isa hin sodaatiin; ani garbichi kee Filisxi’eemicha dhaqee nan loolaani” jedhee waadaa gale. Yoo haaloonni jiran akka rakkoo furru nu waaman “maaltu na galche” jennee, irraa baqachuu manna akka Daawiititti tole jennee yoo ajajamne wanti nutti hanqatu hin jiru, kan waamamne  jaalalaafi injiifannoof waan ta’eef. Gooftaanis akkanumatti abbaa isaatiin yoo ergamu, abbaa isaa Waaqayyoo waliin wal qixa ta’uun akka waan angoo irraa fudhatamutti otoo hin lakkaa’iin bifa garbichaa qabatee fakkeenya namaatinis ta’ee of duwwaa godhee of- salphisuun olitti du’aaf, saniinuu du’a fannoo kan yakkamtootni hamaa ta’an habbuuqatan habbuuqate (Fil2:6).

 

Falaasama Humnaa Isa Haaraa

 

Falaasama Humnaa Isa Haaraa

          Waxabajjii 2                                                                                                            

              Haaylamikaa’el Taaddasaa Kafanii

(Kutaa-1ffaa)

1.    Seensa

Mata duree kanaaf ka’uumsa kan ta’e, “Thine is the power and the Glory” kitaaba jedhu, kitaaba paatriyaarkiin Mana Kiristaanaa Ortoodooksii Kooptiiki Poop Shinoodaa 3ffaan barreeffamee dha. Kitaaba kana keessatti falaasama humnaa isa haaraa yoo seenessu, Gooftaan Keenya Iyyasuus Kiristoos yoo qabamu, yoo fannifamus ta’e, yoo du’aa ka’u humna qabeessa akka ta’e, ilma namaaf tajaajilli inni aarsaa kanfaluun laate hundi gadi aanaa osoo hin ta’iin hundaa ol humna qabeessa ta’uu Isaa akka ibsan dubbata. Barsiisaa falaasama humnaa isa haaraa kana fakkeenya Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos kan ta’e jireenya Daawiit waliin wal bira qabnee, barnootaa abbotii jireenya keenya waliin wal simsiisnee ilaalla.

Kaayyoo barreeffama kanaa:

a)    Falaasama humnaa isa haaraa beeksiisuu;

b)    Falaasama humnaa isaa haaraa kana kan nu barsiise Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoosii fi fakkeenya Isaa kan ta’e Daawiitirraa waan barachuu qabnu qalbeeffachiisuu;

c)     Nutis falaasama humnaa isa haaraa kana keessa akka jiraannu, dammaqiinsa Afuurawaa uumuu dha.

 

Adduunyaan kun qaamni tokko humna qabeessa ta’uu isaa ulaagaan ittiin hubattu, waan mul’atutokko irratti hundaa’uuni. Kanneenis  irreedhaan, maallaqaan, beekumsaan, firaanii fi goosaan, akkasumas aangoo fi kanneen kana fakkaataniin olaantummaa horachuu fi kaan of jalatti bulchuu danda’uu dhani.

Falaasama humnaa isa haarawaa keessatti garuu, taayitaadhaan, qabeenyaan, beekumsaanii fi kanneen kana fakkaataniin caalanii argamuun humna qabeessa nama hin jechisiisu. Falaasama humnaa isa haaraa kana keessatti humna qabeessa taanee injifachuuf kan barbaachisu:- jaalala, aarsaa kanfaluu, hanga dhumaatti cimanii kaayyoof wareegamuu dha. Jecha biraan, “Nutis humna qabeessa kan taane dadhabbii dadhabdootaa akka baannu ofis akka hin gammachiisne nu barbaachiisa” (Room.15:1) jechuudha. Humna qabeessa ta’uun, humna qabnu sana  kan beela’ee laachuuf, kan dheeboote dheebuu baasuuf, kan daare uwwisuuf, kan dhibame gaafachuuf kan hidhaame hiiksisuuf oolchuu qabna (Maat 25:41).

Kun, caasaa Mana Kiristaanaa fi abbootii Afuura Qulqulluutiin muudamaniif, akkasumas, qaama Mana Kiristaanaa ta’uun Kiristaanota itti gaafatamummaa ergamummaa fudhachuun ragaa bahuuf dirqama qabaniif (Hoj.1:8), hoolota tiksuudhaan iddoo margi lalisaan jirutti bobbaasuudhaan ibsama (Faar.22:1).

Kuni ammoo, abbootiin hundi isaanii haalli qileensaa, nyaataa, jireenyaa mijachuu baatus kana bira darbuudhaan kabaja qaban hunda gadi buusanii ergama ergamummaa galmaan ga’uuf carraquu akka qaban kan agarsiisu.

 Beekumsa, maallaqaa fi aangoos warri qaban qabatamaan lammii tajaajiiluuf malee tajaajilamuuf akka Waaqayyo carraa sana isaaniif hin laanne hubachuun gadi of qabuu fi naamusa gaariidhaan jijjiiramaaf carraaquu akka qaban agarsiisa (Faar. 69:7).

Falaasama Humnaa isa haaraa kana dhugaa ba’uuf raajootaan dubbatameefii fakkeenyaan kan jiraachaa ture (Mar.12:35-37) Qulqulluu Daawiitii fi, dhugaadhaan kan jiraachaa ture Goftaa keenya Iyyasuus Kiristoos akkamiin dachee kana irratti akka deddeebi’an jireenya keenya waliin wal simsiisnee ilaaluuf yaalla.

 Daawiit bara jireenya isaatti kan isa quunname keessaa yemmuu hoolaa tiksu haala ittiin aarsaa kanfalee fi Gooliyaad waliin wal’aansoo taassise ka’umsa godhanna. Raawwatiinsa taateewwanii, fakkeenyaa fi raajii raajootaa kan ta’e Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoosis ilaalchisee, taateewwan Daawiit quunname kaasuunii fi walitti hidhuun, nama ta’ee, gadi of qabuudhaan hanga du’aatti aarsaa laachuun falaasama humnaa isa haaraa akkamiin akka nutti agarsiise ilaalla.

2.    Daawiit Tiksicha

Daawiit osoo mootii ta’uuf hin muudamiinis ta’e, osoo Gooliyaadiin wal hin falmiin dura tiksee hoolotaa ture. Hoolota kanas kan eegaa ture gammoojjii keessatti. Gammoojjiin kun iddoo bishaanii fi marga hoolota isaatiif barbaachisu argachuun hedduu rakkisaa itti ta’edha. Kanaaf Daawiit “Waaqayyoon tiksee kooti; Kan na dhabsiisuus hin jiru, Iddo dirreen jiidhaan jirutti na bulcha, gara laga itti aara galfatanittis naqajeelcha” (Faar. 22:1) kan jedhee dubbate.

 Kanaaf gammoojjii kessatti, saniinuu biyya Israa’eelitti, hoolaa eeguun imaanaa aarsaa cimaa gaafatuu dha. Daawiit imaanaa kana yoo fudhatu wanti itti hafe ni jira. Akka dargaggeessa tokkootti toora qeyee ta’ee taphachuun, ija maatii isaa fuuldura taa’uun naannoo isaatti boqotee maatii isaa biraa mijuu barbaadu unachuun, dhangaa barbaadu soorachuun waan nama gammachiisuu dha.

 Daawiit kanneen hunda arsaa kanfaluun olitti, firaa fi lammii isaatiin itti gaafatamummaaf jecha waan fagaateef cimina isaas kan ajaa’ibsiifatuuf, kan isa badhaasuus ta’ee, gootummaa isaa kan isaaf faarsu hin jiru. Daawiit itti gaafatamummaa kana ilaalchisee kan haasa’u ofiif Waaqa waliin qofa ture.

Jireenyi Daawiit hoolota eeguuf gammoojjii keessatti hoogganu kun Ilma Waaqayyoo Gooftaa keenya Iyyasuus Kirstoosiin keessa darbamee jira. Akkuma Daawiit abbaa isaaf ilma 8ffaa, quxusuu ta’e, Ilmi Waaqayyoo, Goftaan keenya Iyyasuus Kiristoosis abbaa aangoo ta’ee osoo jiruu, mataa Isaa gadi qabuun quxusuu ta’ee Ilma namaa tajaajiluuf gadi bu’ee jira.

Iddoo kanatti kan dhufe iddoo kabajaan ergamootaan yeroo hunda weeddisamuu gadi bu’eeti. Akkuma Daawiit hoolota isaaf gammoojjii keessatti mankarare Ilmi Waaqayyoos hoolota Isaa kan jedhaman ijoollee Addaam barbaaduuf, tiksuuf, bobbaasuuf dachee kana irratti deddeebi’ee jira (Yoh.10:11). Galata barbaaduuf akka hin jenne, Innoo afaan ergamootaan yeroo hunda weeddifama (Is.6:2-4). Aangoof akka hin jenne, Innoo Abbaa Isaatiin wal qixa Waaqayyodha (Yoh.14:13-14, 1:14-15, 1Yoh 5:20). Addunyaan kun hawwii isaa guutuu waliin Isa fuulduratti kan gatii hin qabne dha (1Yoh.2:15-17).Homaa wanti barbaade hin jiru. Falaasama humnaa isa haaraadhaan kanfaltiif faayidaa malee, waan akkanumatti bilisaan ilma namaa jaalateef (Yoh.3:16-17).

Namoonni yeroo baay’ee iddoo taajjabdoonni hedduun jiranitti harki rukuutameefii, gatiin maallaqaan shallagamu kanfalameefii olaantummaan labsameefii hojiin  isaanii hin mul’anne taanaan waan hojii hojjatan itti hin fakkaatu. Garuu seerris iddoo nu gaafachuu dadhabetti, itti gaafatmaan keenyas iddoo nu hin agarretti kan nu gaafatu Waaqayyo ni jira jedhanii imaanaa tajaajila uummataa  Afuurawaas ta’ee kan dachee kanaa galmaan ga’uun barbaachisaa dha.

Waaqeffannaan keenyas kanfaltii dachee kanaan kan deeggaramu osoo hin taane kanfaltii samiitiin ta’uu isaa hubannee, horiin moraa guutanis guutuu baatanis, firiin wayinii guutus hir’atus, (In 3:16-18) aarsaa kanfaluudhaan jalqaba keenya xumuruun falaasama humnaa, kiristaanummaa keessatti gonfachuu qabnu dha.

Daawiit gammoojjii kana keessatti osoo hooloota eeguu, Leencii fi Hamaagotni hoomaa isaa keessaa hoolota isaa jalaa fudhata ture. Homtuu na hin argu jedhee lubbuu isaafis sodaatee harka maratee taa’uudhaa mannaa Leenca hoolota isaa fudhate faana bu’a ture.

Haaluma wal fakkaatuun Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoosis, hoomaa ergaamoota hedduu qabu biratti ilmi namaa hoomaa inni qabu kan biraati. Homaan ilma namaa tokkichi kuni waan Leencaan kan fakkeeffamu diyaabiloosiin fudhatameef isa harkaa nu oolchuuf Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos arjoominaa fi gara laafina Isaatiin dadhabbaaf quuqamee, of tuultota yaada laphee isaaniitiin falaasama humnaa moofaa irratti hundaa’uun boonu seexanaa fi hoomaa isaa bittinsuuf (Luq 1:51-52) homaa isaa dhiisee tokkicha Addaam Barbaaduuf dhufe(Luq. 15:8).

Ammas Manni Kiristaanaa hoomaa ishee keessaa Leencaan kan fakkeeffamu diyaabiloos feedha fooniitiin, jaalala Addunyaatiinii, fi shakkiin yoo fudhatamu faana buutee leenca kana harkaa gachisiisuu qabdi. Kuni akka ta’u qaamni ajaju hin barbaachisu, quuqamuufii rakkoo jiru hubachuu qofa dha. Keessattuu, Uummata Oromoo ilaalchisee qorumsa shakkitootaa, alagootaa fi siyaasaa hedduudhaan kan marfame ta’uun isaa, osoo homtuu nu hin dirqisiisiin waan ilma namaa jaalannuuf, motuummaa Waaqayyoos akka dhaalu dharraanuuf qofa eegamuu hoolotaa kanaaf gatii kanfaluu qabna.

Odeeffannoon Istaatitisitiksii Biyyooleessaa, bu’uura agarsiisuun gutuu Oromiyaatti lakkoofsi hordoftoota amantii Ortdooksii danuu ture qabatamaadhaan gadi bu’uun isaa qajeelummaan amantii keenyaa akkuma eeggameetti ta’ee, hoomaa kana keessaa hoolonni leenci fudhate hedduu ta’uu isaa fi tiksoonni hoolaa faana osoo hin bu’iin irribaan liqinfamuu isaanii nutti agarsiisa. Daawiitiif falaasamni humnaa, gammachuu isaaf osoo dursa hin kenniin imaanaa itti laatameef aarsaa kanfaluu ture.

Falaasama humnaa isa haaraa kana kan nu barsiisee, nutillee fakkeenya kana faana akka buunu kan nutti hime, (1Pheex. 2:21) Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoosi dha. Ragaa kana nuuf dhugoomsu argachuuf yeroo Goftaan keenya Iyyasuus Kiristoos dachee kana irratti foon wajjin tokko ta’ee ( nama ta’ee) itti deddeebii’e xiinxaluun bira ga’uu dandeenya.

Ilmi namaa sababa seera Waaqayyoo kabajuu dideef, adabbii du’a bara baraa jalatti kufuun dirqama itti ta’ee ture (Uum.3). Mataa sanyii namaa ta’uun (Eef.5:23) addunyaa  kanatti barbaacha Addaamiif kan dhufe (Uum. 3:10, Yooh. 1:11); Gooftaan  keenya Iyyasuus Kiristoos cubbuu keenya hundumaa baate (Is. 53:6). Kana jechuun Inni Qulqulluu fi abbaa aangoo ta’ee osoo jiruu cubbuu Addaamiin cubbamaa fi kan seerri du’aa irratti raawwatamu ta’e.

 Kan Ergamoonni bara baraaf osoo walirraaa hin kutiin “Qulqulluu, Qulqulluu, Qulqulluu” jechuun galateeffatan salphina keenya baatee (Filph. 2:6-8) arraba keenya obsuun, qaaniinis fuula Isaa uwwiste (Faar. 69:7).  Cubbuu Addaam baachuu qofa osoo hin taane, ilma namaa hundaaf jaalala qabu ibsee jira; dhiifamas gaafachuun ilma namaatiif osoo inni aanga’oo ta’ee isa ajjeessaa jiranii, humna Isaa kanaan addunyaa balleessuun hammeenya ilma namaatiif deebii yoo laachuu danda’u (1Pheex.2:23), “Yaa abbaa waan raawwatan waan hin beekneef, dhiifama isaaniif godhi” jedhee diinoota Isaaf jaalalaan kadhatee jira (Luq 23:34).

Egaa, jaalalli Kiristoos kun humna isa dhugaa onnee jaalalaan guutamerraa madduu danda’uu dha. Akkuma aarsaa kanfaluuf osoo hin siqiqiin Daawiit kokkee  (morma) Leencaatti harka isaa ergee, afaan Leencaa keessaa hoolota isaa baraaretti,Gooftaan keenyas ijoollee Addaam kookkee diyaabiloos ilma namaa liqmse keessaa baasuuf du’uufillee ta’u duuti Isaa falaasama humnaa isa haaraan injifannoo waan ta’eef (1Qor. 1:18) duubatti hin jenne.

Qaamni itti gaafatamummaan itti dhagahamu hundi osoo hin siqiqiin rakkoowwan hawaasicha liqimsaa jiranirraa baraaruuf aarsaa kamiyyuu kanfaluun gowwummaa osoo hin taane injifannoo guddaadha. Injifannoo kana argachuuf Waaqayyo nu haa qarqaaru.

nuuf haa turu

 

Hundeenshee tulluuwwan qulqulluurraati

      Hundeenshee tulluuwwan qulqulluurraati (Faar 86: 1)

                                                             Dn. Dajanee Gasheetiin

Jecha kana kan dubbate Waaqayyo kennaalee hedduun kan isa eebbise, mootii Israa’eel kan ture Raajicha Daawiiti. Kennaawwan hedduu inni ittiin ebbifame keessaa tokko kennaa raajii dubbachuu ture. Bakka kanatti kaayyoon inni itti raajii kana dubbateef, Waaqayyo Dubroo Maariyaam foonsheerraa foon, lubbuusheerraa lubbuu fudhachuun Tokkoomaaf (Tawaahidoof) ishee filachuusaa hubachiisuufi. Raajichis wanta qabatamaan mul’atu Tulluu Tsiyoonitti fayyadamuun, tulluu iccitii kan taate waa’ee Qulqulleettii Dubroo Maariyaam dubbateera.  Barnoota kana keessatti Dubroon Maariyaam tulluu qulqulleettii tulluuwwan qulqullootarraa argamte ta’uushee baranna. Akka fedha Waaqayyootti, maaliif akka tulluutti fakkeeffamtes ni mari’anna. Sagalichis akkas jedha:

            Bu’uuronnishee tulluuwwan qulqullootarraati. Dunkaanota Yaa’iqobirra Waaqayyo           balbaloota Tsiyoon jaalata. Yaa magaalaa Waaqayyoo waa’ee kee wanta dinqiitu          dubbatame. …Namni haadha keenya Tsiyoon isheetiin jedha; ishee keessattis namni            dhalate; Inni Ol Aanichi ofumasaa ishee hundeesse (Faar. 86: 1-5).

Sagaleen armaan olii waa’ee iccitii Tulluu Tsiyoon nu hubachiisa. Jechi Tsiyoon jedhu hiika afuuraa hedduu qaba. Kanaaf, icciticha hubachuuf maalummaa Tsiyoonirraa eegaluu qabna.

 

 

 Tsiyoon jechuun maali?

Tsiyoon jechuun hirkoo,  gaaddisa yookaan kan itti baqatan jechuudha. Jechi kun jalqaba tulluu dheeraa biyya Filisxeem keessa jiruuf kenname. Tulluu kana Daawwiit Iyyaabuusonni daannoo taasifatanii kan turan irraa fudhachuun ijaaree magaalaa guddittiisaa taasifate (2 Saam 5:6-9). Kanaafis, Tsiyoon magaalaa mooticha guddaa Israa’eel jedhamte. Mootichi Daawiit Taabota Kakuu Waaqayyoos bakka duraan jiraachaa turerraa fidee magaalittii keessa kaa’e. Sababa kanaaf, Taabotichis Taabota Tsiyoon jedhame (2 Saam. 6:1-23). Jechi Tsiyoon jedhu isa booda babal’achuun magaalaa Iyyaruusaaleemii fi Uummata Israa’eel hunda bakka bu’uun dubbatamaa tureera.

 

 Tulluun kun hiika kallattiin biyya yookaan lammiilee Israa’eel agrasiisus, iccitii afuuraa hedduu qaba. Iccitii inni guddaanis haadha jireenyaa, bu’uura fayyinaa, gonfoo ulfinaa fi abdii dhala namaa kan taate Dubroo Maariyaam agarsiisuusaati.

 

Dubroon Maariyaam Tsiyoon jedhamti.

Akka armaan olitti ibsinetti, Tsiyoon jechuun hirkoo fi gaaddisa itti baqatan jechuudha. Qulqulleettiin Maariyaamis gaaddisa yookaan hirkoo lubbuu fi foonii, akkasumas hirkoo qulqullootaa fi cubbamootaa waan taateef Tsiyoon jedhamti. Magaalittii biyya lafaaf hiikni Tsiyoon jedhamu kan kenname sababoota adda addaafi. Innis, namoonni badii hojjetan magaalittiitti baqachuun,  murteen sirriin achitti itti murtaa’aa ture. Akkasumas, warri dhugaa qabanimmoo magaalittii keessatti murteen haqaa isaanii murtaa’aa tureera.

 

Haaluma wal fakkaatuun, Dubroon Maariyaam ilmi namaa cubbuu Addaamii fi Heewaan hojjetaniin kabaja fakkeenya Waaqayyoon uumamee fi mucummaa Sillaasee dhabee ture sababasheetiin deebisee waan argateef Tsiyoon (gaaddisa) jedhamti. Waaqayyo foonsheerraa foon lubbuusheerraa, lubbuu fudhachuun Nama ta’ee gatii cubbuu nurra jiru guyyaa Jimaataa aarsamuun fannoorratti nuuf  kaffale(nurraa haqe).  Jannataa fi Mootummaa Samiittis nu deebise. Kanaaf, Giiftiin keenya gaaddisa ibidda adabbii jalaa itti boqonnee fi bultii duraan dhorkamnee turre kan itti deebinee arganne waan taateef, Tsiyoon dawoo (gaaddisa) hunda keenyaa jedhamti.

 

Namoonni tokko tokko jechi Tsiyoon jedhu “Qulqulleetti kan taate Giiftii keenyaaf raajamuusaa akkamitti beekna?” jechuun shakku. Akkuma armaan olitti ibsinetti, Tsiyoon magaalaa teessoo mooticha guddaa kan Israa’eel fi bultii Waaqayyoo akka jedhamtu hubanneerra. Mootittii Dachee fi Samii (Faar. 44: 9) kan taate Giiftiin keenya qulqulleettii Maariyaamis magaalaa Waaqayyoo fi Tsiyoon haadha hunda keenyaa jedhamti. Sababa kanaafis “ Namni haadha keenya Tsiyoon isheetiin jedha; ishee keessattis namni dhalate” jedhameera(Faar. 86: 5). “Namni keessatti dhalate” kan jedhame, foonii fi lubbuu isheerraa fudhachuun kan Nama ta’e Uumaa Samii fi Dachee Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoosi. Kanaaf, Dubroon Gooftaa keenyaaf deessuu haadhasaa yoo taatu, hunda keenyaaf immoo haadha afuuraa nuu taati. Qulqulleettiin Maariyaam guyyaa Jimaataa fannoo jalatti karaa abbaa keenya qulqullicha Yohaannis abbaa Wangeelaa “Kunoo haadha kee” jechuun nuu kennamteetti (Yoh. 19: 27). Giiftiin keenya Yohaannis,isa hunda keenyaaf abbaa afuuraa ta’uuf yoo haadha taate, shakkii tokko malees haadha hunda keenyaati jechuudha.

 

Tsiyoon haadha Waaqayyoo ta’uusheef shakkiin hin jiru. Kitaabni Qulqulluun haqa afuuraa kana sirritti nu hubachiisa. Faarfatichi Daawiit akkas jechuun raajii dubbateera: “Ani garuu mootii kiyya tulluu qulqulluu Tsiyoonirrattan muude” (Faar. 2: 6-7). Tulluu Tsiyoonirrattan muude jechuunsaa, Mootiin Dachee fi Samii Gooftaan keenyaTsiyoon kantaate Dubroo Mariyaamirraa dhalachuusaa hubachiisa. Tulluu jechuunsaas kabaja qabduun dubartoota hundaa ol, hojiisheetiin immoo hirkoo hundaa kan taaterraa dhalachuusaa hubachiisa.

 

Haati keenya Tsiyoon Deessuu Waaqayyoo qofa osoo hin ta’iin, bultiisaa bara baraaatis. Abbaan keenya Daawiit dhugaa kana “Waaqayyo Tsiyooniin waan filateef…kun bara baraan bultii kooti. Waanan filadheeruuf isheerran bula” jechuun dubbateera (Faar. 131: 13-14). Waaqayyo kan jedhame Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos yoo ta’u, bultiinsaa bara baraammoo Dubroo Maariyaami.  Namni Tsiyoon kan jedhamte “Dubroo Maariyaam miti” jechuun shakkuu fi mormu yoo jiraate dogoggoreera. Sababnisaas bultiisaa bara baraa kan taate Dubroo Maariyaam qofa waan taateef. Hiika kallattiin tulluun Tsiyoon bultii Waaqayyoo bara baraa ta’uu hin danda’u. Sabanisaas Dachee  fi Samiin ni darbu (Maar. 13: 31) jedha Kitaabni Qulqulluun. Gooftaan keenya garuu foonii fi lubbuu Dubroorraa fuudheen waggaa soddomii sadii fi ji’a sadii lafarra deddeebi’e. Inni foonichaan du’ee, du’a moo’uun ka’e; foonichaanis mirga abbaasaa taa’e. Foonichuma uffateenis deebi’ee dhufa. Kana hubachiisuufis ergamoonni guyyaa Gooftaan keenya gara mirga abbaasaatti ol ba’e “Akkuma gara Samiitti bahuusaa argitan akkasumattis deebi’a” jechuun kan dubbatan (Hoj. 1: 11). Kunis foon Giiftii keenyarraa fuudheen kan tokkoome (Tawaahidoon kan kabajame), foonichumaan deebi’ee dhufa jechuusaaniiti. Kanaaf, haati keenya Tsiyoon bultii bara baraa Waaqayyooti.

 

Bu’uurri haadha keenyaa eenyu?

Daawiit abbaan faarsaa “bu’uurrishee tulluuwwan qulqullootarraati” jedha (Faar. 86: 1). Tsiyoon jechuun hiika iccitiitiin Giiftii keenya Dubroo Maariyaam agarsiisa yoo jenne, “bu’uurrishee tulluu qulqullootarraati kan jedhummoo maali?” jechuun gaaffiin gaafatamuu ni mala. Kitaabni Qulqulluun “mukti gaariin firii gaarii buusa” jedha (Maat. 7: 17). Dubroo Maariyaamis gaarii abbootii gaariirraa argamte, qulqulleettii abbootii qulqullootarraa dhalattee fi kabajamtuu abbootii kabajamoorraa dhalatte. Kaanaaf, burqaanshee tulluu qulqullootarraati jedhe.

 

Giiftiin keenya sanyii abbaa amantaa kan ta’e Abrihaamii fi laphee Waaqayyoo kan jedhamu Qulqullicha Daawiit jalaa akka argamte kitaabni ni mirkaneessa. Ragaa ifa ta’es Maateewoos abbaan wageelaa keewwata waa’ee dhaloota Gooftaa keenyaa barresserratti lafa kaa’eera. Innis

“Kitaaba dhalootaa Iyyasuus Kiristoos Ilma Daawiit, Ilma Abrihaam “ jechuun Gooftaan keenya qomoo Daawiitii fi Abrihaamirraa dhalachuusaa hubachiisa (Maat. 1:1). Dubroon Maariyaam immoo intala Daawiitii fi intala Abrihaam jedhamti.  

 

Raajichi Isaayyaas “Hundee Isseeyirraa uleen ni baha; jalasheeraas daraaraan firii kenna” (Isa. 11: 1) jedha. Iccitiinsaas uleetti kan fakkeeffamte qulqulleettii Maariyaamirraa Firii Jireenyaa kan ta’e Gooftaan daraaraa (habaabootti) fakkeeffame dhalachuusaa hubachiisa. Asirratti uleen Firii Jireenyaa argamsiifte Dubroon sanyii Isseey yookaan qomoo Daawiitirraa dhalachuushee nu hubachiisa. Kanarraan kan ka’e, qulqulleettiin Maariyaam Mootittii intala mootichaa jedhamti (Faar. 44: 9). Sanyii Abrihaamirraa dhalachuu isheemmoo qulqullichi Phaawuloos jecha ifa ta’een barreesseera. Sagalichis “Sanyii ergamootaa qabate osoo hin ta’iin, sanyii Abrihaam qabateera” (Ibr. 2: 16) jedha.  Duukaa bu’ichi “Sanyii Abrihaam qabateera” jechuun haati keenya qomoo Abrihaam jalaa bahuushee nu hubachiisa.

 

Waaqayyo Gooftaan duraan dursee Kakuu Moofaa keessatti abbaa keenya Abrihaamiin “Horteewwan biyya lafaa hundi siin eebbifamu” (Uum. 12: 3) jedheet ture. Kunis Abrihaam bu’uura eebbaa ta’uusaa hubachiisa. Eebbi kun kan dhugoome Heewaan Lammaffaa, burqaa eebba addunyaa fi sababa fayyinaa kan taate Dubroo Maariyaamiini. Giiftiin keenya qulqulleettii Maariyaam addunyaa dogoggora Heewaaniin abaaramteef sababa fayyinaa taateetti.  Heewaan cubbuun gara addunyaatti akka galuuf sababa taate. Ilmashee Qaayen obboleessasaa Abeel yeroo jalqabaaf  xoofoo du’aa dhamdhamsiises deessetti. Heewaan du’a gara addunyaatti simatte jechuudha. Heewaan lammaffaa kan taate Dubroo Maariyaam garuu, mallattoo qulqullummaa fi amanamummaa taate. Yeroo addunyaan hundi cubbuutti jilbeeffate, Dubroon qulqulleettii taatee fundura Sillaaseetti argamte. Giiftiin keenya Addaam lammaffaa kan ta’e, du’aa fi Diyaabiloosiin kan moo’e Gooftaa keenya deesse.  Kanaaf, Dubroon haadha jireenyaa jedhamti. Abaarsi Heewaaniin gara addunyaatti seene sababasheetiin gara eebbaatti jijjiirameera. Sababa kanaaf, horteewwan biyya lafaa hundi isheen eebbifaman. Uummatoota hunda Dhiigasaa fannoorratti dhangalaaseen araara kennuufiin tokko taasise (Eefe. 2: 16) Tokkichi Ilma Waaqayyoo Tokkoomaan (Tawaahidoon) isheerraa dhalate.  Qorichi biyya lafaa Ilmashee waan ta’eef, Dubroon eebba addunyaa taateetti. Kanaaf, waadaan Abrihaamiif Waaqayyo gale isheen raawwate jechuudha.

Walumaa galatti, Dubroon abbootii qulqullota kanarraa waan argamteef bu’uurrishee tulluu qulqullootarraati jedhamte.

            Maaliif tulluutti fakkeeffamte?

Haati keenya qulqulleettiin Maariyaam hundee gaariirraa kan argamte kabaja qabeettii, qulqullootarraa kan argamte qulqulleettii ta’uushee hubanneerra. Kabajni Giiftii keenyaas adda kan ta’e. Waaqayyo, namootaa fi ergamoota fuuldurattis jaalatamtuu fi filatamtuudha. Kabaja addaa fi guddaa ta’e qabaachuusheerraa kan ka’es tulluutti fakkeeffamteetti. Sababni isheen tulluutti fakkeeffamteefis hedduudha. Isaan keessaa gurguddoowwan sadan ilaalla: 1) Tulluun bakka lafaarraa ol fagaatee mul’atu qaama Dacheeti;  Ayyaanettii Giiftiin keenya  Dubroo Maariyaamis kabaja uumamootaa ol ta’e qabdi. 2)Tulluun dhagaachaa fi wantoota jijjiirama uumamaaf dafanii hin saaxilamnerraa uumama; Dubroo Maariyaamis kabaja haadhummaa fi yoomar-dubrummaa hin jijjiiramne qabdi. 3) Tulluun yeroo rakkoo kan itti baqatan dawoo baqaati; Dubroo Maariyaamis addunyaan gaaddisa haadhummaashee jalatti kan godaante dawoo yookaan gaaddisa hundaati.

 

     Kabaja addaa Giiftii keenya Maariyaam

Giiftiin keenya Dubroo Maariyaam Deessuu Waaqayyoo, Teessoo yookaan magaalaa Uumaa Dachee fi Samii fi yoomar-Dubroo waan taateef, kabaja addaa qabdi. Dubartoonni kaan haadha yoo ta’an, dubra ta’uu hin danda’an; dubra yoo ta’animmoo, haadha ta’uu hin danda’an. Dubroon Maariyaam ayyaana hedduun eebbifamtee fi surraa Waaqayyoon guutamte garuu, haadhummaa fi yoomar-dubrummaa tokko taasiftee qabachuun bara baraan eebbifamteetti. Waaqayyo foonsheerraa foon, lubbuusheerra lubbuu fudhachuun Tokkoomaan (Tawaahidoon) nama ta’e.  Gooftaan Iyyasuus Kiristoos Dhugumaan Waaqa, dhugumaanis nama yoo ta’u; isheenimmoo dhugumaan haadha Waaqayyoo;deessuu Waaqayyoo,haadhaa fi Dubroo barabaraa ta’uun kabaja addaa qabdi.

 

Dubroof kabaja addaa kan kennee fi akka kabajamtu kan taasise Waaqayyo Gooftaa Ofumasaati. Kitaabni Qulqulluun “Inni Ol Aanichi Ofumasaa ishee hundeesse” (Faar. 86: 5) jedha. Kana jechuun, Inni dubartoota keessaa ishee filatee kabaja addaan akka kabajamtu taasisuusaa mirkaneessa. Bakka biraattis Raajichi Daawiit “Ol Aanichi bultiisaa qulqulleesse; Waaqayyo ishee keessa waan jiruuf hin raafamtu” (Faar. 45: 4-5) jedha. Kunis, Waaqayyo Gooftaan bultiisaa kan taate Dubroo dubartoota hunda keessaa kabaja addaan qulleessee uumee Tokkoomaaf (Tawaahidoof) ishee filachuusaa hubachiisa. Kabjni isheef kenname yoomuu akka hin dabarre mirkaneessuuf  “… gidduushee waan jiruuf hin raafamtu” jechuun dubbate. Dubratoonni kaan yeroof dubra yoo ta’an, booda garuu haadha ta’uunsaanii dirqama; fooniin dubra ta’anis, yaadaan dubra ta’uu hin danda’an. Dubroo Maariyaam garuu yaadaan fi fooniin akkasumas, yaaduun, gochaan fi dubbachuun barabaraan Dubroodha. Kennaawwan gurguddoon kunneenii fi kan akka duumessaa baay’atan isheef kennaman biroon dubartoota keessaa adda ishee taasisu.

 

Ulfinni maqaasaaf haata’uuti, kan Waaqayyo irraa dhalate osoo hin ta’iin, bakki Inni dhaabbateyyuu kabaja guddaa qaba. Fakkeenyaaf, yeroo Waaqayyo Museef Tulluu Siinaarratti Tsillaatii seerota kurnan qabu kennuuf mul’ate, “Kabajni Waaqayyoo Tulluu Siinaarra taa’e” jedha (Deeb. 24: 16). Erga tulluun Waaqayyo irratti mul’ate kabajaan guutama ta’ee, Dubroo Maariyaam, deessuun Waaqayyoommoo kabaja guddaa hunda caaluun guutamuunshee shakkii tokkollee hin qabu.

 

Nutis Giiftii keenyaan yaa ulfina qabeettii  haadha Waaqayyoo kabajnii fi ulfinni siif haa ta’u jennee kan ishee faarsinu, sagada kabajaa kan isheef sagannuu fi araarashee qulqulluu kan ishee gaafannu kanaafi. Sababnisaas, kan Waaqayyo ishee eebbisee fi haadhummaaf ishee filate eenyuullee gadi ishee qaqqabuu waan hin dandeenyeefi (Room. 8:33). Fakkeenyaaf, Harree Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos guyyaa Hoosaa’inaa  ittiin Iyyaruusaaleem seeneef, uummanni magaalittii kunuunsa guddaa taasisaniifiiru (Maat. 21: 1-8). Egaa harreen Gooftaan irra taa’e kabaja akkasii yoo argatte,  Dubroon ayyaanaan guutamte, Waaqayyo Gooftaa Hoomaa ji’a sagalii fi guyyaa shan garaatti baatte akkam kabaja caalu qabaattiree?

 

Haati keenya Dubroo Maariyaam kabaja addaa qabaachuushee raajota Kakuu Moofaa fi duukaa buutota Kakuu Haaraan qofatu dubbate miti. Ergamaan samii sooraan Kakuu Haaraa Qulqullichi Gabri’eelis haala nama ajaa’ibsiisuun ishee gammachiiseera. Ergamichi “Ati dubartoota keessaa kan eebbifamte” jechuun lubbuun, fooniin fi yaadaan eebbifamuun surraan (grace) guutamtee haadhummaa Waaqaaf filatamuushee ibsa. Kabajnii fi surraan Giiftii keenyaa kan Suraafeelii fi Kiiruubeel ni caala. Qulqulleettii ta’uusheetiin obboleettii ergamootaa jedhamti. Waan Waaqayyo deesseef, kabajaan garuu ergamoota ni caalti. Kiiruubeelii fi Suraafeel Gooftaa kabajaaf teessoo Inni ulfinaan irratti mul’atu baatu.  Durboon Maariyaam garuu bultiisaa dhugaa fi Deessuu Waaqayyoo waan taateef, ergamoota ni caalti. Walumaa galatti, kabajnishee uumamootaa ol, Waaqayyoo gadi kan ta’e.

 

Fakkeenyaaf, ergamoonni Teessoo Sillaasee baatan akkatti fuuldurasaa dhaabatan Isaayyaas akkasitti ibsa: “… tokkoon tokkoonsaaniis kaattuu(koochoo) jahaa qabu ture. Kaattu (koochoo) lamaan fuulasaa haguuggata ture; kaattuusaa lamaan miilasaa haguuggata ture; kaattuusaa lamaan ni balali’a ture” (Isa 6: 2).  Kaattuu yookaan koochoosaanii lamaan fuulasaanii haguuggachuun, fuula Kee ilaaluun nuuf hin malu jechuusaaniit. Laboobbii (koochoo) lamaan miilasaanii  haguuggachuun, fundura Kee dhaabbachuun nuuf hin malu jechuusaaniit. Koochoo lamaan balal’uunsaanii deeman deeman iccitiin Kee bira hin gahamu jechuusaaniiti. Qulqulleettiin Dubroo Maariyaam garuu barbadni Waaqummaa yeroo garaashee keessa bule, ishee hin gubne; yeroo harkaan qabatte, qomatti ammattee fi dugdatti marxifatte (baatte)ishee hin gubne. Kanaaf, Dubroon kabajamtuu hundaa oliiti.

 

Garaanshee barbadaan keessa bule, harkishee barbadaa ammate fi dugdishee Isa marxifates kabaja guddaa qabu. Waa’ee kabaja Giiftii keenya Dubroo Maariyaam kan dubartiin tokko dubbatte xiinxaluun qofa gahaadha. Isheenis Wangeela Luqaas 11: 27 irratti “Garaan Si baattee fi harmoonni Ati hoote eebbifamtoota” jechuun kabaja Giiftii keenyaa ibsitteetti. Dhugumaanis garaan Gooftaan ergamoonni fuuldurasaatti sodaan rom’an keessa bule eebbifamaadha. Harmi Gooftaan addunyaa uumee sooru, sooratee guddate eebbifamaadha. Hidhiin Giiftii keenya Dubroo barbadaan osoo hin gubiin dhugachaa guddise eebbifamaadha. Harki Waaqayyo akka killeetti addunyaa ammatee tiksu baatee guddise eebbifamaadha. Dugdishee Gooftaa marxifatee guddises dugda Suraafeelii fi Kiiruubee caalaa kabaja guddaa qaba.

 

Kanarraa kan ka’e, Manni Kiristaanaa keenyaa Giiftii hunda keenyaa kan taate Dubroo Maariyaam rifeensa mataasheerraa hanga qeensa miilasheetti faaristi. Ulfina guddaas isheef kenniti. Sagada kabajaa isheef ta’us sagaddi. Nuti yeroo Dubroof sagada kabajaa sagannu hin shakkinu; dogoggora akka raawwannettis itti hin qaanofnu. Sirumaayyuu fedha Waaqayyoo fi ergaa Kitaaba Qulqulluu raawwachuu keenyatu nutti dhagahama. Kitaabni Qulqulluun “Bakka miillisaa dhaabatetti ni saganna” jedha. Kanaaf, bakka miilli Gooftaa ulfinaa dhaabatetti yoo sagaduu qabna ta’e, bultiisaa bara baraa, Deessuusaa fi Teessoo Waaqa Israa’eel kan taate qulqulleettii Maariyaamiif sagada kabajaa sagaduun dogoggora miti. Sabanisaas Kitaabni Qulqulluun “kabajni kan ta’uufiif kabaja kennaa” waan jedhuufi (Room. 13: 7).

 

Qulqulleettiin Maariyaam kabaja Yoomaraa (yeroo maraa)qabdi

Armaan dura tulluun dhagaachaa fi wanta akka salphaatti hin jijjiramnerraa uumamuusaa hubanneerra. Kunis, fakkeenya kabaja Qulqulleettii Maariyaam yoomar-dubrummaa fi haadhummaa yeroon hin daangofnee fi baraan hin jijjiiramne qabaachuushee nu hubachiisa. Tokkichi Ilma Waaqayyoo yeroo isheerraa dhalate Waaqummaansaa hin jijjiiramne; tokkoomuun (tawaahidoon) Nama dhugaa fi Waaqa dhugaa ta’e malee. Akkasumas, isheen yeroo Isa deesse chaaphaan dubrummaashee fi kabajni haadhummaashee hin jijjiiramne. Giiftiin keenya osoo hin ulfaayiin, yeroo ulfooftee fi erga ulfooftee boodas yoomar-Dubroodha. Haaluma wal fakkaatuun, isheen osoo hin dayiin, yeroo deessee fi erga deessee boodas Dubroodha. Kanaaf, isheen kabaja addaa qabdi jenna.

 

Kabajashee ilaalchisee abbaanshee Daawiit “Maqaa kee bara baraan yaadachiisu”  (Faar. 44: 17) jedha. Kunis dhaloonni dhalootatti dabarsuun, Giiftiin keenya gonfoo ulfinaa, bu’uura fayyinaa, Deessuu Uumaa keenyaa ta’uushee kallattii arfaniin yaadachaa jiraachuusaanii ifatti ibseera. Haati keenyas ofumashee “kana booda dhaloonni hundi yaa eebbifamtittii naan jedhu” (Luq. 1: 48) jechuun dhaloota dhufaa darbaan bara baraan kabajamuushee hubachiisteetti.

 

 Kabaja yoomar-dubrummaashee ilaalchiseemmoo Raajichi Hizqi’eel  raajii ifa ta’e dubbateera. Innis balbala Mana Qulqullummaa, Waaqayyo qofti seenee bahe bara baraan cufamee jiraatutti fakkeessuun dubbateera (Hiz. 44: 1-2). Manni Qulqullummaa harki namaa ijaaree kakuulee lamaan keessattuu osoo hin banamiin jiraate hin jiru. Iccitiinsaa garuu Mana Qulqullummaa harki namaa ijaare osoo hin ta’iin, Deessuu Waaqayyoo fi Mana Qulqullummaasaa bara baraati. Cufamee jiraachuunsaas dubrummaanshee kan bara baraa ta’usaa hubachiisa. Kanaaf, chaappaan dubrummaa Giiftii keenya Maariyaam bara baraan kan hin jijjiiramnee fi yoomar-Dubroo ta’uushee nu hubachiisa.

 

Qulqulleettiin Dubroo Maariyaam tulluu yeroo rakkoo itti dheessani (baqatani)

Tulluun bara baqaa kan itti baqatanii fi balaa nama mudate jalaa kan itti dheessan qaama Dachee ta’ee lafarraa ol fagaatee kan argamu dawoo rakkinaati (Uum.19: 30). Qulqulleettiin Maariyaamis sanyii ilma namaa keessaa dhalattee cubbuun Addaam kan itti hin dabarre abdii dhala namaa hundaa taatee fundura Waaqayyootti surraan guutamtee waan argamteef, tulluutti fakkeeffamti. Kana ilaalchisuun Raajichi Isaayyaas “Gooftaan Hoomaa Waaqayyo osoo sanyii nuu hin hambifne ta’ee, akka Sadoom kan taanu, Gomoraas kan fakkaannu ture” (Isa. 1: 9) jechuun cubbuu Addaamirraa walaba ta’uun bu’uura fayyina keenyaa ta’uushee hubachiisa.

Bu’uurri fayyinaa Giiftiin keenya Dubroo Maariyaam cubbuu jalqabaarraa itti fayyine qofa osoo hin ta’iin, cubbamoota kan taane nuyiif hanga dhufaatii Waaqayyootti fundura Ilmasheetti nu araarsitis. Hiikaalee maqaashee keessaa tokko “dura bu’uun kan Mootummaa Samiitti nama galchitu jedha”. Kunis, Dubroo Maariyaam waadaa araaraa Sillaaseerraa isheef kennameen ilmaan namootaa fundura Waaqayyootti araarsuun mootummaa Waaqayyoo akka dhaalaniif gargaarti jechuudha. Raajichi Daawiit ilmaan namootaa araarashee gaafachuuf akka fundurashee marsan ibseera. Sagalichi “dureeyyiin biyya lafaa uummatoonni fundura kee marsu” (Faar.44: 12) jedha. “Fundura kee marsu” jechuunsaa “araara kee si gaafatu” jechuusaati. Kanaaf, Dubroo Maariyaam bu’uura fayyinaa addunyaan cubbuu jalqabaarraa akka fayyinuuf sababa taatee fi cubbamoota kan Ilmasheetti araarsitu jechuudha.

Kanaaf, Tsiyoon gaaddisa foonii fi lubbuu keenyaa kan taatee fi abdii addunyaa maraa araarashee gaafachuu qabna. Waaqayyos  waa’ee qulqulleetti haadhasaaf jedhee boqonnaa foonii fi fayyina lubbuu akka nuu kennu Isa kadhanna. Kabajni Waaqayyoof, Deessuu Haadhasaa fi kabajamaa Fannoosaaf haa ta’u. Ameen!

“Har’a Sagalee Isaa Yoo dhageessan laphee keessan hin xiiqeessiinaa”

“Har’a Sagalee Isaa Yoo dhageessan laphee keessan hin xiiqeessiinaa”

/Faar.94/95:8, Ibro.4:7)

·        Jechicha kana kan dubbate Abbaa Keenya Qulqulluu Daawiit yoo ta’u, Qulqulluun Phaawuloosis irra deebi’ee lallabeera.

·        Sababni jechichi kun itti dubbatame warri Israa’elootaa Sagalee Waaqayyoo dhagahuu dhiisuu irraa kan ka’e dheekkamsa Waaqayyootiin lafa onaatti hafuu isaanii agarsiisuufi.

·        Kaayyoon barumsa kanaa:- laphee keenya Sagalee Waaqayyoof bannee jecha Isaa dhagahuun akka ummata Israa’eel lafa onaatti osoo hin hafne warra Isatti amanu, Isaaf abboomamus taanee iddoo boqonnaa nuuf qophaa’etti sagalee Waaqayyoon qajeeluudhaan  akka gara mootummaaIsaa  gallu akka nu  gargaarudha.

Ogeessotaaf ogummaa, hubattootaaf beekumsa, kan dhokate kan mul’isu, kan dukkana keessaa ifatti kan agarsiisu, Mootiin Moototaa, Gooftaan gooftotaa, Uumamtoota hunda kan uume uumamtootni kan abboomamaniif Waaqni Abbootaa,Gooftaan keenya akka nu barsiisu hayyama Isaa nuuf haa ta’u!

 

Waaqayyoon yeroo hedduu kallattii garagaraatiin nu barsiisaa tureera. Gara fuulduraattis akkasuma yoo sagalee Isaa dhagahuu dhaaf qophii  tanee fi akka Samu’eel  “Dubadhuu garbicchee kee ni caqasa” yoo jennee (1Saam.3:10) nu barsiifata. Dhala namaaf jecha oolmaa hedduu ooleera, Sabni Isaa amantiin akka cimu raajii hedduu agarsiifachaa tureera. Ammas agrsiisaa jira. Hanga du’aatti dhala namaa jaalateera. Garbummaa Saaxinaa’eel jalaas haala sammu keenyaa ol ta’een ijoolumaa Isaa nuuf keenneen booda biliisa nu baasee jira. Haa ta’u malee, har’a sababoota garaa garaatiin oolmaa nuuf taassifame, raajii nuuf raawwatame dagachuun sagalee isa caqasuu qabnu cinaatii gatuudhaan dogongora abbaan keenya inni jalqabaa  Addaam rawwate raawachudhaan sagalee seexanaatiif gurra keenninee dubbii isaa sobaa caqasuudhaan gara duubaatti deebi’aatii jirra.

Mee warra Sagalee Waaqayyoo dhaga’uu dhiisanii gurra laphee isaanii duuchan gabaabsinee haa ilaallu.

1.     “Waaqayyos Museetiin akkas jedheen, lafa Kana’aan kanin Ilmaan Israa’eeliif laadhu akka gaadaniif namoota ergi…” (Lakk. 13:1) Museenis bu’uuruma ajaja kanaatiin abboota gosa Israa’el hunda keessaa nama tokko tokko filachuun gara Kana’aanitti erge. Kunis kan ta’eef haalli teessuma lafaa fi qilleensaa Kana’aan akkam akka ta’e, waa’ee namoota ishee keessa jiraatanii, lakkoofsa isaanii, magaalota isaanii, haala jireenya isaanii fi kanneen biroos akka gaadan/basaasan/ture. Isa boodas yeroon sun yeroo ijji  Wayinii itti asheetu/bilchaatu/ ture ijaa ta’eef, firii wayinii qabatanii akka dhufanis ture.

Ergamoonni kunneen Kana’aan gaadanii guyyaa afurtama booda wayita deebi’an bu’aa gaada/basaasa/ isaanii gara Faaraan lafa gammoojjii Qaadeessitti dhufuun guutummaa Waldaa Israa’elii fi Museettis ni himan. Firii fidanis itti agarsiisan. Akkasis ni jedhaniin gara lafa nu ergiteetti deemnee lafaa fi ummata ishee ilaallee jirra. Lafittii irraa aannanii fi dammatu baha. Haa ta’u malee, namoonni  achi jiraatan gar malee cimoodha, mandarootni isaaniis masara qabu, cimoodha. Hunda caalaa warreen Amaaleeqootaa kallattii hundaanuu marsanii jiru. Lafittiin namoota keessa jiraatan kan nyaattudha, namoonni ishee dhedheeroodha. Kanaafuu lafittii dhaaluu hin dandeenyu jedhan. Waldaan Israa’elis gar malee jeeqame, ni sodaatanis. Musee fi Aaroonittis ni gumguman, biyya Misiraa keessatti utuu dhumnee jiraannee jedhaniis ni hawwan. Waaqayyoon albeen akka dhumnu maaliif lafa kanatti nu galcha? Ijoollee fi dubartootni keenya ni booji’amu. Irbaata diinaas ni ta’u, kanaafuu koottaa hoogganaa filannee gara Misiraatti deebina jedhan.

Haa ta’u malee basaastota gosa Israa’eel 12’n keessaa Iyyaasuu fi Kaaleeb garuu yaada addaa Waldaa Israa’elitti himan. Kaaleebis Musee duratti sabni kun akka callisu taasise. Lafti isaan basaasan aannanii fi dammi kan keessaa dhangalulafa gaariidha. Eeyyama Waaqayyoo yoo ta’e nuti ol baanee laficha ni qabanna, dhugumaan kana gochuu ni dandeenya. Isin garuu Waaqa irratti hin kaka’inaa. Namoota achi jiranis gaaddisni irraa sokkeera ni moona. Waaqayyoon nu waliin jira hoo wanti nu sodaachisu hin jiru jedhee waldicha tasgabbeessuuf yaalu illee waldaan garuu dhagaan waraanuu barbaadanii turan. Musee fi Aaroon garuu fuuldura Waldaa Israa’eeliitti ni jilbeeffatan. Wayita kanatti Sagaleen Waaqayyoo gara isaanii ni dhufe.

Museedhaanis akkas jedheen “Ummatni kun hanga yoomiitti natuffata? Raajiiwwan hedduu fuuldura isaaniitti raawwadhee akkamitti hin amanne? Lafa waadaa galeef hin dhaalan dheekkamsa kootiin nan fixaan.” Museen garuu jaraaf ni kadhate. Fuuldura Waaqayyootti ni jilbiiffate akkasis  jedheen: “ Yaa Waaqayyoo ati fuula fuulaan saba kanatti akka mul’atte, guyyaa utubaa duumessaan, halkan utubaa ibiddaan isaan dura deemaa akka turte warri Misiraa dhagahanii jiru, kanaaf amma yoo asitti fixxe Waaqayyo lafa waadaa itti galeef galchuu dadhabnaan asitti fixe siin hin jedhaniiree? Ammas maaloo ati “Ani aariittif suuta jedhaadha, gaarummaan koo guddaadha, cubbuu fi irra daddarbaa namaaf nan dhiisa” hin jenneeree?’ jedhee kadhate.

Waaqayyoon kadhannaa Museef jedhee balleessuu dhiisus gungummiin isaanii waan itti fufeef saba Israa’el lakkaawaman keessaa warri umrii waggaa 20 fi isaa ol ta’an, Kaaleebii fi Iyyaasuu irraa kan hafe, lafa onaatti akka dhuman itti hime.

Ijoolleen isaanii warri hirbaata diinaa ta’u ittiin jedhan garuu biyya warri isaanii tuffatan akka galan Waaqayyoon ni taasise. Isaan garuu reenfi isaanii gammoojjii Qaadees lafa onaa keessatti hafe.

Seenaa kana irraa waa hedduu kan barannuu yoo ta’uu isaan ijoo garuu;- Uummatni Israa’eel Waaqayyoon raajii hedduun garbummaa Fara’oon jalaa Galaana Diimaa iddoo lamatti qoodun kan ceesise, nyaata isaanii samiirraa buusee kan laateef, guyyaa duumessaan halkan utubaa ibiddaan kan isaan hooggane, dhagaacha guraachaa irraa bishaan burqisiisuun dheebuu kan isaan baase, warra Fara’oon garuu galaana Diimaa keessatti kan fixee fi raajiiwwan biroo hedduus kan raawwateef guyyaa guyyaanis suga isaan kan isaanitti mul’atu gargaarsa Isaa utuu ifaan arganuu Waaqayyoon dhagahuu hin dandeenye. Irra caalaattiyyuu olola sobaa basaastonni gara Kana’aanitti ergamanii deebi’an itti himanifii qaama miraa isaannitti ibsaman qofa fudhachuudhaan daandii dhugaa qabataniif sagalee Waaqayyoo isaan qajeelchaa turee irra duubatti jeedhaniiru. Har’as obbooleewwan keenya irra caala daandii amantaa qabatan irraa oddoo namoota hubanoo amantii dhugaa hin qabneefii qaama miiraa (sense organ) qofa caqasuudhaan akkuma namoota Isaraa’eelotaattii gara Misiraa garbummaa kaleessaattis deebi’uu hawwan ni jiru.Yaa ta’uutii nuti garuu  akkuma  Kaleebii fi Iyyaasuun qaama miira isaanii fi oddoo namota biroo to’attanii biyya Waqqayyoo isaaniif keenuudhaaf waada galee kana dhaaluudhaaf amantaadhaan dhabatan. Nutis haaluma kanaan safartuu ija foniitiin waa’ee amantaa safaruudhaan rakkoo yerootiif otoo harka hin kenniin hanga dhumaatti namoonii isaaniif hin galee dhagaacha nutti kaasanis otoo hin sodaatiin jiruu keenya isa barabaraatiif of qopheessinee dhaabachuu qabna.

 Keessattuu Wangeelli Afaan Oromootiin hanga barbaadame lallabamuu dhabuu irraa kan ka’e namootni hedduun  mana kiristaanaa isaanii irraa fagaatanii jiru. Kunis ta’e  barumsa dhugaa irratti hundaa’e  otoo hin taanee qaama miiraa keenya qofa akka caqafannuu fi oduu sobaa fayyina keenya waliin walittii dhufanyee hin qabnee irratti hundaa’uudhaan Dhugaa baatotni akka Iyyaasuu fi Kaaleeb jiraatanis isaaniin dhagahuu dhiisuun daran babal’achaa jira. Kanaaf, manni kiristaanaa akka qaama ormaa taateetti akka lakkaawamtu tattaaffiin alagaan taasifamaa jiru saba hedduun akka ona Qaadees, gammoojjii Faaraan keessatti hafu taasiseera.

Waaqayyo garuu akkas jedha ‘Yeroon fayyinaa ammadha’. Kanaaf, fayyina argachuuf sagalee Waaqayyoo dhageenyee gurra laphee keenya akka saaqnu gargaarsi Waaqayyoo nu faana haa ta’u.

2.     Uummata bara Nooh turan. (Uuma. 6:5).

Ummatni bara Nooh turan kan Waaqayyoof hin abboomamne, hedduu cubbamoota turan. Waaqayyoon danuu gaddisiisan. Kan foon uffate hundi dalagni isaa dachee irratti jibbisiisaa ta’e. lafti hammeenyaan guutamte. Dheekkamsi Waaqayyoos isaan irratti ta’e. Hunda isaanii haxaa’uuf ni kakate. Uumuu Isaas ni jibbe. Bara sana keessa sagalee Waaqayyoo kan dhagahe deemsa isaas Waaqayyo duukaa kan taasise, Waaqayyo fuulduratti suga kan argate namni qajeelaan balleessaa hin qabne Nooh namni jedhamu ni ture.

Waaqayyos akka Nooh doonii ijaaru erga abboomeen booda Noohii fi maatii isaa, akkasumas uumama hunda keessaa dhiiraa fi dubartii taasisuun akka doonii ijaaretti akka galchu taasiseen. Booda yandoo guyyoota afurtamaaf samiirraa bu’een ni badan. Warreen doonii Nooh keessa galaniin ala uumamni dacheerra jiru kamiyyuu ni bade.Nooh garuu bara akkasii keessa illee gurra laphee isaa sagalee Waaqayyoof banaa taasisee ijaa tureef ni baraarame. Dooniitti lixeera ijaa ta’eef.

    Kanaafuu hunda yeroo isaattii kan hojatuu Waaqayyoo guuyyaa har’aa sagalee namoota carraa intarneettii qabnuuf haala kanaan nu barsifachuudhaaf waan numijateefuu sagalee Waaqayyoo akka caqafanuu nuuf haa eeyyamuu isaatiin isa galateefachaa akka isaaf awwanuu humna nuuf haakeenu! Ameen.