“Hojii Qulqullummaa Hunda Raawwachuun Ni Barbaachisa!” Maat 3:5

“Hojii Qulqullummaa Hunda Raawwachuun Ni Barbaachisa!”  Maat 3:5

                                                         Biraanuu Dajanee

Waaqayyo Goftaan keenya Ayyaana Cuuphaa bara 2008 B.A kabajuuf hunda keenya kan nuga’e Maqaan isaa kan galatoome haata’u.

Waaqayyo tokkotti amanuun kan egalame Addunyaan erga Uumamee Barrii Erga lakkaa’amee kaasee yoo ta’uu, namni kamiyyuu Amantaa malee barri itti jirate hin jiru.Dhufaatiwwaan Ayyaanotaa fi hundeeffamni isaaniis seenaa uumamtootaa irraa kaasee jiruu ilma namaa faana walqabatee kan dhufe,kan jiraataa ture, kan kabajamee fi kan kabajamu ta’uu isaa seenaan amantaa nutti hima.

Kanaan walqabatee namoonni warri duraa Addaam abbaan keenyaa fi haati keenyaHewaan waaqayyo isaanuume Jannata keessa gammachuu guddaadhaan osoo jiraatanii Diyaabiloos inni diinni inaafee foon bofaa keessa dhokatee gara isaaniitti dhiyaate.Addaamii fi Hewaanis seexana ta’uu isaa osoo hin beekin gorsa seexana foon bofaa keessa dhokatee dhufeen gowwoomanii ajaja Waaqayyoo cabsanii Ijoollummaa Waaqayyoo dhabani.uma 3:24 Addaamii fi Hewaan Waaqayyoo fi Jannata dhabuun qilee adabbii keessatti kufan. Isaanis gorsa seexanaatiin gowwamfamanii muka balas nyaachuurraa kan ka’e sanyii isaanii hundatti murtiin du’aa itti murtaa’ee gidiraa fi abaarsa jala turan. Addaamii fi Hewaanis gaabbidhaan gara Waaqayyootti iyyuu fi boo’uu jalqaban, imimmaaniinis kadhannaa isaanii cimsan. Waaqayyos Addaam isa lammaffaa ta’ee garbummaa jalaa isa baasuuf waadaa galeefii guyyaan isaa yoo ga’u barri 5500 (kumni shanii fi dhibbi shan) yammuu raawwatamu addunyaa fayyisuuf bu’uuruma waadaa galeen Waaqayyoon Ilmi samiisamiiwwan irraa bu’ee qulqulleettii durbee Maariyaamii irraa dhalatee akka lakkoofsa keenyaatti Mudde 29 dhalate. Dhaloota Gooftaa keenya Iyyasuus kiristoosManni kiristaanaakeenya waggaa waggaan kan kabajju yoo ta’u, kabaja ayyanaa dhaloota Goftaa keenya Iyyasuus kiristoos kanatti aansuun ammoo sirna ho’aafi hawwatamaa ta’een ayyaanni cuuphaa Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos nikabajama. Haalli kabaja ayyaanichaas Taabota waaqayyoo waliin mooraa Mana Kiristaanaatii ba’uun laga ykn Galaana cinatti Amajjii 10fi 11 kan kabajamudha.

Cuuphaan malii?

Cuuphaa jechuun, Cuuphamuu,bishaan keessa lixanii ba’uu, bishaan keessa gadi awwaalamuu jechuudha.

Cuuphaa eenyutu hundeesse?

Gooftaan keenya Iyyasuus kiristoos dhalatee waggaa 30 (soddoma)tti laga Yoordaanositti harka Yohaannis cuuphaan cuuphamee cuuphaa hundeesse.Mat 3:13ሆረኢየሱስእምገሊላሀበዮሐንስያጠምቆበፈለገዮርዳኖስ”Goftaan keenya Iyyasuus Kiristoos harka cuuphaa Yohaannisiin cuuphamuuf Galiilaa irraa gara yoordaanos   deeme jedha. Namoonihundinuu fayyuuf ,lammata dhalachuuf ,mucummaa Waaqayyoo argachuuf cuuphamuu akka qabnu nutti himee jira. Mar 16:16‘’Namni amaneefi namni cuuphame nii fayya ‘’ akkasumas Namni hundi lammata bishaanii fi Afuura qulqulluu irraa cuuphaadhaan yoo dhalate malee gara mootummaa Waaqayyootti galuu hin danda’u. Yoh 3:3-6

Gooftaan Maaliif Cuuphame?

Gooftaan nan kabajama kan hin jenne kabajamaa,nan qulqullaa’a kan hin jenne qulqulluu ta’ee osoo jiruu maaliif cuuphame? yoo jedhame

1ffaa Sadummaa fi Tokkummaa Sillaasee ibsuudhaaf:-Sanaandura sadummaanSillaasee ifa ta’ee hin beekamu ture.Gooftaan laga Yordaanositti yommuu cuuphamu iccitiin sadummaa(Sillaasee) ifa ta’ee, Waaqayyo Abbaan duumessa keessa ta’ee Ilmi koo kanan jaalladhu isa kanadha jechuu isaatiin Abbaa Waaqayyo Ilmaa taa’uun isaa beekame ,Afuurri Qulqulluunis fakkeenya Gugee (Makoodii)tiin irra qubatee argamuudhaan lubbuu akkeenyummaa isaa ta’uunsaa beekame. Ilmis qaamasaa addaatiin laga yoordaanositti utuu cuuphamuu argame.Qaamoonni sadan Waaqummaa tokko ta’uu isaanii yommuu ibsu dha.Iccitiin Afuurri qulqulluun fakkeenya Gugee (Makoodii)tiin bu’uun isaa Gugeen uumama isheetiin hammeenyaa fi haaloo kan hin beekne waantaateefidha. Afuurri Qulqulluunisi amalummaan ammeenyaafi haaloo kan hinqabanne ,yooqalbii jijjiirranne kan cubbuu keenya nutti hin lakkoofnedha.

Gugee (Makoodii)n,godoo ishee yoo jalaa diigan malee ,labooba(koola) ishee yoo rukutamte,buuphaa(killee) ishee yoo jalaa cabsanmalee bakkee ishee dhiistee hin deemtu.Afuura Qulqulluunis yoo gonkuma isa ganan maleecubbuun hojatameedhaaf jiruu ilma namaa irraa addaan hin bahu.

2ffaa Raajii raawwachuufidha:- ‘’Bishaanissi’arganii sodaatan.Galaanonnis nijeeqaman, Lageenis nihuursan, duumessis sagalee kennan…’’Far.76(77):16 kan jedhu akkasumas

Raajii Hizq 36:35 raajii turee rawachuuf.

3ffaa Nuuf fakkeenya ta’uuf:- Osoo hin cuuphamin cuuphamaa yoo nuun jedhe namoonni baay’een cuuphaan hin barbaachisu, osoo waan barbachisu ta’ee Gooftaan cuuphamee fakkeenya nuuf ta’a ture, akka isaan hin jenneefidha.

Gooftaan maaliif waggaa soddommaffaa isaatti cuuphame?

Barumsi amantaa mana kiristaanaa akkuma Kitaabolee Qulqulluun nutti himanitti Addunyaan kan uumamte baraani dha.Waaqayyo Uumaa waan ta’eef baroota dura kan jiru barris kan lakkaa’amuuf miti. Baraa bara dabarsee kan jiraatudha. Faar 90:2’’ Addunyaan osoo hin uumamin baraa hanga baraatti ati waaqayyodha.’’ akkuma jedhetti Waaqayyo Gooftaan Iyyasuus kiristoos kan barri hin lakkaa’amneef barri lakkaa’ameef bara kana cuuphame ,cuuphaan isaa soddomaa oli, soddomaa gadi hin taasifne. sababiin isaas:-

1ffaaSirnaKakuu Moofaa raawwachuuf.

Sirna Kakuu moofaa keessatti luboonni tajaajila afuuraatiif waggaa soddomaan dura waltajjiitti hin bahaan ture. Tajaajiltoonni mana Waaqayyoo umurii fi bekumsaan kan bilchaatan, akkasumas amalaa fi hojii gaariidhaanis   uummata biratti kan amanaman tu’uu qabu ture. Bahu 4:3, 1sen 23:24Izr 3:8, 1xim 3:6-10

Gooftaanis waggaa soddommaffaa isaatti kan cuuphame barumsa wangeelaaf sirna sana raawwachuufidha.

2ffaaAddaam mucummaa Waaqayyoo waggaa soddomatti dhabe deebisuudhaaf.

Ilmi namaa inni duraa ‘’Addaam’’ ga’eessa waggaa soddomaa ta’ee uumamee ture,uumamee Guyyaa 40ffaa isaatti Gannatii (Jannata) galuun mucummaa argates sababa Seexanni Bofarra bulee isa dogongorseen mucummaa isaa dhabeera. Gooftaan keenya waggaa soddomatti cuuphamuun mucummaa dhabee ture debisuufii isaa agarsiisa.

Maaliif Laga Yoordaanositti Cuuphamee?

  1. 1.Raajii dubbatame raawwachuuf

Qulqulluu Daawwit Goftaan laga yoordaanositti yeroo cuuphamu waan ta’u baroota kuma dura raajiidhaan dubbateera’’Galaanni argitee baqatte, yoordaanosis gara duubatti deebi’ee, yaa galaanaa maal taatee baqattee? Yoordaanos akkamitti kan deebite? maaltaateetu ?’’ jedhamee

Faru 113:3-5 irratti rajjii dubbatamee kana rawachuuf

  1. 2.Fakkeenyicha gonka dhugoomsuuf

Yoordaanos laga tokko yommuu ta’u gadi siqee Yoorii fi Daanositti addaan ba’eera. Yoorii gama Isra’eel kan jiru yammuu ta’uu ,Daanos ammoo gama warra halagaa kan jirudha. Gadiiqanii lamaan isaniituu waltti dabalamaniiru. Bakka isaan walitti dabalaman kanattidha kan Gooftaan cuuphame. Gadiiqee addaan bahuun isaa Isiraa’el Ooriitiidhaan ,ormoonni  Waaqa tolfamaadhaan ykn Isiraa’el dhaqna qabaa raawwachuudhaan, ormoonni dhaqna qabaa raawwachuu dhiisuudhaan adda bahaniiru. Ammas gadi siqee walitti dabalamuun isaa fakkenya Wangeela tokkotti amanuu isaaniiti.Gooftaan iddoo inni walitti dabalametti cuuphamuun isaa hunda keessan tokko taasisuufan dhufe yommuu jedhudha.Akkasumas akkuma bakki ka’umsaa Yoordanos tokko ta’e ilma namatiifis ka’umsi Addaamidha. Gooftaanis namoota lagaan,qomooni fi bifaan wal qoodan hunda tokko gochuuf waan dhufeef bakka lageen lamaan walitti dabalamanitti cuuphame. Sabni Isra’eel Yoordaanos ce’anii biyya Waaqayyo gooftaanisaaniif kennegalan.Uumaan amananii cuuphamuun Jannata(Gannatii) mootummaa Waaqayyoo ni galu.

  1. 3.Xalayaa gidiraa barbadeessuuf

Addaamii fi Hewaan erga Jannataa bahanii booda diyaabiloosxalayaa gidiraa barreessisee ture. ‘’Addaam tajaajilaa diyaabiloos,Hewaan tajaajiltuu diyaabiloos’’ jedhaatii maqaa keessan kan hojii keessan ibsu barreessaatii naaf kennaa jedheen. Isaanis waan inni balaa salphisuuf isaanitti fakkatee akkuma inni jedheen rawwatan. Innis xalayaa gidiraa sana tokko si’oolii keessa, tokko immoo Yoordaanos keessa kaa’ee waan tureef xalayaa gidiraa Yoordaanos keessa kaa’e Gooftaan yommuu cuuphaa isaa irra ejjatee waantureef yeroo cuuphame ,cuuphaa isaatiin nuuf balleesseera.Akkasumas isa si’oolii jirus guyyaa gaafa jimaataa yommuu qaama lubbuutiin si’oolii bu’e lubbuuwwan bilisa baasee balleesseera. Qo l2:13-15

Gooftaan maaliif gara Yohaanis deemee cuuphame?

Qulqulluu Yohaannis Gooftaan cuuphamuuf gara isaa yommuu dhufu ‘’ani garbichi kee, tajaajilaan kee harka Gooftaa kootiin cuuphamuun qaba malee akkamitti ati Gooftaan koo gara koo dhuftaa? ‘’ jedheen. Gooftaanis deebisee ‘’hojii qolqullummaa hunda raawwachuun ni barbachisa rajii raajotaa raawwachuun ni barbachisa’’ jedheen.yeroo kana qulqulluu Yohaannis Gooftaa keenya cuuphe.

Gooftaan Iyyasuus Kiristoosfakkeenya nuuf ta’uuf gara Yohaannis deemee cuuphame.

Gooftaan gara Yohaannis deeme malee ati ‘’gara koo kottuu nacuuphi’’ hin jenneen. Sababni isaas, Gooftaan Yohaannisiin gara koo kottuutii nacuuphi osoo jedheeraan ta’ee,Moototni, abbootiin qabeenyaa namoonni gurgurddoon har’a lubootaan gara masara mootummaakeenyaa koottaatii ijoollee keenya nuuf chuuphaa jedhu ture. Abbootiin qabeenyaas gara mana keenyaa kottaatii ijoollee keenya nuuf cuuphaa akka hin jenneefgara mana kiristaanaa dhufanii Lubootaan sirni cuuphaa raawwatamuufii akkaqabu ibsuufidha.Inni Gooftaa ta’ee osoo jiruu gadi of-qabee tajaajilaa isaa, Uumaa ta’ee osoo jiru, Uumama Isaa bira deemee nuuf fakkeenya ta’ee jira.

Haaluma kanaan Manni kiristaanaa keenya ijoolleen dhiiraa dhalatanii guyyaa afurtamatti,durbi dhalataniigaafa guyyaa saddeettamaa Afuura Qulqulluu irraa gadamessa Yoordaanos keessaa akka dhalataniif cuuphaa niraawwatti Lew.12:1-8.Haata’uu malee shakkitoonni yeroo adda addaaka’an ‘’ kan amane kan cuuphame ni fayya ,kan hinamanne garuu itti murtaa’a. ‘’ Mar 16:16 kan jedhu kana hiika dogoggoraa kennuufiidhaan calqabarratti,daa’imni osoo hin amanin cuuphamuu hin qaban jedhu. Kun Kitaaba Qulquluu wallaaluu irraa kan ka’edha malee namniKitaabaQulqulluu sirriitti hubate kitaabni akkas jedha ‘’Garaa(Gadameessa)haadha kee keessa osoo jirtuu sibeekeera. Osoo ati garaadhaa hin bahin si’eebbiseera.’’Eerm 1:5Afuurri Qulqulluun kan irra bulu qaama qulqulluu fi nama amantaa qabu irra akka ta’e shakkitoonni wallaalanii miti ni beeku, yoo ganuu fedhan malee. Akkasumas,yohaannis cuuphaan osoo garaa haadhasaa keessa jiruu Afuura Qulqulluudhaan guutame. Luq 1:15.Egaa AfuuraQulqulluudhaan osoo hin amanin, osoo hin baratin maaliif irra bultee jedhanii himachuu danda’uu laata? Goftaan ‘’Daa’ima waamee gidduu isaanii dhaabee akka ijoollee ta’uu baannaan mootummaa Waaqayyoo hin galtaan.‘’ jedheera Mat 19:15,Mar10:13 Luq 18:15Waan kana ta’eef Manni kiristaanaa qulqulleettiin haaluma Gooftaa irraa baratteen sirna cuuphaa niraawwatti.

Akkuma armaan olitti ibsame seenaa kana irraa ka’uun manni Kiristaanaa Keenya isa Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos Galiilaa irraa gara Yoordaanos dhufee harka Yoohaannisitti cuuphame bu’uura godhachuun Luboonni taabota Waaqayyoo baatanii gara galaana(Lagaa) deemuun maqaa Waaqayyoo waamuun galateeffachaa, faarfachaa sirna ho’aadhaan ayyaana cuuphaa nikabajji.

Eebbi ayyaanichaa nurra haa bulu. Ameen!

Duurbeen Uumaa ishee Deesse

Duurbeen Uumaa ishee Deesse

Dn. Katamaa Taganuu

                                                                                          Gooftaan Keenya yeroo Dallaa loonii keessatti dhalate

Aduunyaa fayyisuuf qamma Isaa adda ta’een giiftii keenya qulqulluuleettii Duubroo Maariyaam irraa kan dhalate Ilma Waaqayyoo Iyyasuus Kiristoos Yeenaa ta’u iccitiin itti nama ta’e baay’ee ol’aanaa dha (1Xiimo.3:16).

   Waaqayyoo iccitii Tookkuummaa kana kan itti Xuumure baay’ee fagoo waan ta’eef beekumsa fooniitiin hin qooratamu (Rome.11:13). Sababni isaas beekuumsi Foonii Waaqayyo biratti gawwummaa dha (1Qoro.3:10. Waan kana ta’ef warri foonii beekuumsa isaaniitiin Ilmi Waaqayyoo Iyyasuus Kiristoos icciti itti nama ta’e beeku hin danda’an (1Qoro.1:21).

   Kanaafuu “waaqni nama; namnis Waaqa” Kan itti ta’e iccitiin Tokkuummaa baay’ee ulfaataa dha. Wa’ee iccitii kanaa Abbaa Hiriyaaqoos Yeroo dubbatu “Maaloo iccitii kana aja’ibsiifachuu qabna, akkam nama dhiba”Jechuun ajaa’iibsiifateera (Qiddasee Maariyaam 2:26).

     Iccitii kana aamanuu kan dandeenyu amantaatiin qofaadha. Sababni isaas kan addunyaa uumee, samii fi dacheen Isa baachuuf kan hin dandeenye Waaqayyo gadameessa dhiphootti daangeffamee dhalate jedhanii amanuuf dirqama amantaa qulqulluun barbaachisaadha.

 

Namoonni amantaa hin qabne garu Waaqayyoof wanti dadhabamu akka jirutti fudhachuun “Uumaan akkamiin dhalata?” Jechuudhaan gaaffii kaasu. Kun immoo Waaqayyoo Isa hunda danda’u shakkuu ta’a.

   Hayyoonni barumsa dubbi Waaqummaa baratanii fi amantaa dhugaa kan qabani ibsa iccitii Afuura Qulqulluutiin dubbii dhaloota Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos guutumaa fi bal’inaan dubbataniiru.

Jecha qaama Ilma Waaqummaa Isaatiin amaluumaa Abbaa Isaa Abbaa irraa, Amaluumaa jireenya Isaa Afuura Qulqulluu irraa adda osoo hin ba’iin dhalachuu Isaa ajaa’ibsiisani barsiisaniiru Aja’ibsiifachuun isaanii sammuu namaa olitti waan ta’efiidha.

Akkaataa armaan olitti barraa’een Ilmaan namaa kan taane nuurra kan eegamu iccitii sammuu namaa oli ta’e kana ajaa’ibsiifachuu qofaadha. Abbootiin keenya iccitii kana “Iccitii Foonummaa”jechuudhan kan ibsani sammuu namaatiin qoratamee bira ga’uu waan hin danda’amneefi.

Qulqulluun Eefreem “Akkanaan sammuu hundaa ol kan fagaate iccitii addaa kana akkasiin aja’ibsiifanna. Duubartiin dachee irraa nama kan ta’e qaama jechaa Gooftaa Iyyasuus Kiristoosiin deesse dubreen Uumaa ishee deesse Innis haadha Isaa uume. Ishee irraas Inni foon uumeen tokkummaa’e” Kan Jedhe Kanaafiidha (Amantaa Abbootii ykn ሃይማኖተ አበዉ ማሪ ኤፍሬም ወመምህር ሶርያዊ ምዕራፍ 47 ክፍል 1 ቁጥር 2)

Akkuma qulquulluun Eefreem duubbate duubree giiftiin keenya Maariyamiin kan nuuf deesse uumaa keenya Waaqayyoonidha (Yoha..1:1-14, Ibro.11:3, Ho. du. 20:28).

   Uumaan keenya Iyyasuus Kiristoos Abbaa malee giiftii keenya qulqulleettii dubroo Maariyaam irraa dhalachuu Isaatiin ifa kan nuuf ta’e iccitiin guddaatu jira. Kunis addunyaa dura Amaluumaan Abaa Isaa irraa haadha malee dalachuun Isaa iccitii dha. Kanas Abbaan Giyorgiis inni Gaasiccaa «Dhalachuun kee inni duraa dhalachuu kee isa boodaatiin beekame:..Dubroo irraa erga dhalattee booda Abbaa irraa dalachuu kee amantaatiin ifa nuuf ta’e» jechuun ibsera (Argaanoonii kan guyyaa Roobii).

   Guyyaan beellama Isaa yeroo ga’u Waaqayyo Ilma Isaa erge. Dubree irraas dhalate; inni Ilma Waaqayyoo Isa tokkichadha. Dabalataanis addunyaatiin booda fooniin giiftii keenya qulqulleettii dubroo Maariyaam irraa kan dhalate isa dha. Ergamaan Waaqayyoo giiftii keenya Maariyaamiif akka itti himetti Ilma Amaluumaa Waaqayyoo Abbaati jedheera. (Haymanoota abewu.23:2, 5:6)

     Bara Isaatiif jalqabaa fi dhuma (raawwii) kan hin qabne, barri kan Isaaf hin lakka’amne Waaqayyo foon dhala namaa fudhatee giiftii keenya irraa dhalachuu Isaatiin barri kan isaaf laka’amu ta’e. Kunis ta’uu kan danda’e tokkummaa’uun, qaama lama irraa qaama tokko, Amaluumaa lama irraa Amaluumaa tokko ta’eera.

      Walumaa gala Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos tokkuummaa’uun qaama tokko, Amaluumaa tokko ta’ee dhalachuu Isaatiin nuti waan baay’ee arganneerra. Kana keessaa muraasa isaa akka aarmaan gaditti ilaalla.

  • Dhaloota haaraa arganneerra

Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoosiin dhalootni haaraan argame. Iyyasuus Kiristoositti kan amanan Kiristoosiin fakkaatiniiru. Kabaja Isaas ni dhaalu, Isa waliin jiraachuuf kabajaan ni jijjiiramu (1Qoro. 15:52, 2Qoro. 5:17, Mul.Yoh. 21:4).

       • Nageenya arganneerra

«Waaqayyoof galanni samii irratti haata’u nagaanis dachee irratti namootaafis waan garii» jechuudhan nageenya dhabnee turre dhalachuu Isaatiin arganneerra.(Luqa 2:14.) Gammachuu arganneerra (Luq. 2:10), qoricha arganneerra (Luq. 2:11), ifa arganneerra (Isa. 1:2, Yoh.12:46, Luq.2:9), Abbaa arganneerra. (Isa. 9:2).Isa Waliin tookkummaa arganneerra (Maat.1:22), qabeenya arganneerra (2Qoro. 8:9), biddeen jireenyaa arganneerra (Yoh. 6:54)

       Egaa Waaqayyoon keenya Iccitii nama kan itti ta’ee fi dhalachuu Isaatiin eebba arggane hubachuudhan cubbuu irraa adda baanee badiisa irraa fagaannee jiraachuu qabna. Kana ta’uu baannaan garuu kennaa argannee turre hunda fedhii keenyaan dhabna jechuudha.

     Kanaafuu osoo nuuf hin ta’iin dhiifama argannee turre sababa cubbuu fi badiisaan akka hin dhabneef qulqullinaa fi eebba qabeenya keenya taasifachuun amantaa keenya qabannee hojii gaarii hojjechuun argamuu qabna. Ayyaanichas yeroo kabajnu akkaataa armaan olitti ibsameen jaalala Waaqayyo nuuf qabu hubachuutiin jaalalaan kabajuu qabna.

       Arjummaan Waaqayyoo; araarsummaan dubree Maariyaam nu waliin haa ta’u. Ameen!!!

“Isaanis amantii isaaniin… humna abiddaa balleessan”. Ibr 11:33-35

 “Isaanis amantii isaaniin… humna abiddaa balleessan”. Ibr 11:33-35

                                                                                                  Dn. Takluu Haayiluu

Kaayyoon Waaqayyoo dhala namaa uumeef maqaa Isaa galateeffannee akka mootummaa Isaa dhaalluufidha. Haata’u malee dhalli namaa bilisummaa qabutti fayyadamuun Waaqa dachee fi samii akkasumas uumamtoota hunda uume dhiisee Waaqa alagaa waaqessuun (Waaqa tolfamaaf jilbeeffachuun) ajaja Waaqayyoo “Ana malee Waaqonni biroo siif hin ta’iin” jedhu yoo cabsu kitaaba qulqulluu kessatti bakka hedduutti katabamee ni argana. Se. Ba’uu 20:1-4, Mat 6:24, Yoh 5:29.

Israa’eeloonni yeroo wareeramanii biyya Faariis Baabiloon keessa jiraatan Naabukadenetsoor ijoollee Israa’eel gosa moototaa fi abbootii murtii ta’an keessaa mudoo kan hin qabnee fi babbareedoo, beekumsaan kan guutamanii fi kanneen qalbii qabessa ta’an, mootii fuldura dhaabachuu danda’an filatee mana barumsaa kaalaadawiyaanotatti afaanii fi ogummaa akka barataniif gaafate. Daani’eel, Anaaniyaa, Azaariyaa fi Misaa’eel ni filataman. Akkasumas fuula mootichaatti kabaja argatan. Isaanis Sababa nyaataa fi dhugaatiin akka hin bushoofneef ykn harfoofneef daadhiiif cooma mootii dhiisanii akaayii goggoogaa fi bishaan xiqqoo dhugaa barumsa isaanii baratan (Dan 1:8-21). Mootichiis maqaa isaanii:- Daani’eeliin- Bilxaasoor, Anaaniyaan- Sidiraaq, Azaariyaan- Abidinaagoom, Misaa’eeliin –Misaaq jechuun jijjire. (Dan 1:1-dhumaa).

Ijoolleen kunis beektotaa fi qalbii qabeeyyii waan ta’aniif kutaalee biyya Baabiloon irratti muudaman. Dan2:46-48. Muudamuun ijoollee sadeen kanaa garuu, saboota Baabiloon biratti inaaffaa uume. Isaanis ijoollee sadaniif mooticha wal dhabsisuuf jecha akkas jechuun mala baasan “Firaa fi diina kee kan ittiin addaan foo’attu xaa’ota (tolchaa) itti sagadamu dhaabi” jechuun gorsan. Isaanis kutaalee Baabiloon irratti ijoolleen ati muudde gosoota Ayihuudota ta’an Waaqa ati dhaabdeef hin jilbeeffatan; ajaja kees hin kabajan jechuun mootiitti himan. Yeroo kana mootichis ni dheekkame. Hojjetotaa fi jiraattota biyya sanii hunda xaa’ota (tolchaa) dhaabbateef akka sagadaniif waamamanii, akka jilbeefataniis ajajaman. Mootichis haalota sadiitti fayyadamuun namootni hundi akka xaa’otaaf (tolchaaf) jilbeefatan taasisan. kunis:-

 

v  Labsii baasuun: -labsiin Kun warreen aangoo irra jiranii hanga tokkoon tokkoon namootaa kan laallatu yoo ta’u warreen aangoo qaban fakkenya ta’uu waan qabanif isaan irratti daraan xiyyefata ture.

v  Sagalee Muuziqaan booji’uun:- “wayita sagalee dibbee, nagaaritaa, fi kkf dhagessan kuftanii akka xaa’otaaf sagaddan’’ kan jedhuun sagalee meeshaalee muuziqaan booji’e.

v  Yoo jilbeeffachuu diddan labooba abiddaa keessatti akka darbataman jechuun sodaachisani. Mootichis harka kiyya irraa waaqni isin baasu eenyu? (Dan 3:15), Yoo jilbeeffachuu diddan abiddatti darbatamtu yoo jedhus ijoolleen sadeen garuu “Waaqni nu’i Waaqessinu labooba abidda kana keessaa nu baasa. Nu baasuu baatus waaq-harkee (tolchaa) keef hin jilbeeffannu” jechuun deebisaniif.

Haa ta’uu malee ijoollee sadeen kunis haala kanaan jilbeeffachuu hin dandeenye. “Isaan garuu hin jilbeeffannu” jedhani. Dan 3:13-19.

Yeroo kana mootichi ijoollee sadan labooba abiddaa keessatti darbachise. Laboobni abiddichaas hamaa ta’uu isaa irraa kan ka’e namootni ijoollee sadeen darbatan battaluma sanatti abiddaan nyaataman.

Daa’imman sadeen garuu hidhaan isaanii hiikamee Afur ta’uun, inni afraffaan garuu isaanirraa adda kan ta’e dha. Innis bifa Waaqoota kan qabu, Ergamaa Waaqayyo Qulqulluu Gabri’eeli dha. Labooba ibiddaan rifeensi mataa isaaniillee osoo hin gubatne labooba ibiddaa keessa afur ta’uun deddeebi’aa “Waaqni abbotii keenyaa ol ol haa jedhu, maqaan Isaa bara baraaf kan galatoome haa ta’u….”jedhan. (Faaruu ijoollee sadeenii 1:2-dhumaa) jechaa osoo faaraftanii mootichii fi namootni kanneen argan, dhaga’anis.

Kana irraa ka’uun “Waaqni ergamaa isaa ergee, garboota isaa amanamoo Anaaniyaa, Azaariyaa, fi Misaa’eel labooba Abiddaa keessaa baase haa galatoomu” jedhan.Dan 3:28. Sababni kabaja ayyaanna yaadannoo Ergamaa Qulqulluu Gabri’eel Mudde 19 kabajamus seena ijoollee sadeeniin kan walqabate dha.

Seenaa kana irraa wantoota gurguddoo armaan gadii baranna.

  1. Cimina amantaa ijoollota sadeeni
  2. Tajaajila qulqulloota Ergamootaa

Amantaan amanuu,amanamuu, murteessuu fi hojiin agarsiisuu of keessatti qabata. Ijoolleen sadeenis Waaqayyootti amananii, jabina amantaa isaanis “Waaqni waaqessinu abidda keessaa nu baasa” jechuun dubbatani. Amantaa isaan abbootii isaanii irraa fudhataniifis wareegaman, Waan isaan qunnamu mara fudhachuuf murtessan “Waaqni waaqessinu abidda keessaa nu baasuu ni danda’a; ta’uu baatus abidda kanatti darbatamnee akka wareegamnu fedha Waaqayyoo yoo ta’e abiddatti ni senna” Jechuun amantii isaanii ibsan.

Jecha afaan isaanii hojiin muldhisan. Akkuma qulqullu Ya’iqob “Amantiin hojii malee kan du’ee dha”. (Ya’iqoob 5:12) jedhe. Amantaa yoo qabaanne moo’icha, humnaa fi ogummaa arganna. (1Yoh 5:4) Kanaaf Waaqayyon ergamaa isaa ergee abidda keessaa isaan baase. Ergaamotni Waaqayyoo naannoo warra isaan sodaataniitti ni buufatu ni fayyisuunis (Faar. 33:7). Ciminni isaaniis akka Waaqayyoon afaan warra Waaqayyoon hin beekneen galateeffamuuf sababa ta’e. ( Dan 3:28-30).

  • Ergamootni qulqulloota, jaboota, akkasumas ija namaan hin muldhatamneedha.
  • Ergamootni Baay’inni isaanii kan hin beekamne kumaa fi kumaatama ta’u. Erm. 33:22
  • Ergamootni qulqullootni bara baraan kan jiraatan, kan hin duune, hin fuune fi saala kan hin qabneedha. Mat 22:30

Ergamootni qulqullootni tajaajila gurguddaa lama qabu.

Tokkoffaan boqonnaa malee Waaqayyoon galateeffachuu fi kabajuu (Mul. 4:6-11, Mul 5:6—14, Isa, 6:1, Faarsa 102:20) yoo ta’u

Inni lammaffaan immoo dhala namaa boqonnaa malee tajaajiluu (eeguu) dha. Waaqayyo Ergamaa Isaa ergee afaan Leencotaa cufeera. (Dan 12:1)

Tajaajila Ergamootni dhala namaaf kennan hedduu keessaa isaan muraasni:-

  • Ergamootni dhalli namaa jireenya bara baraa akka argatan ni gargaaru. Ibr 1:4
  • Ergamootni gara uumamtootaatti araaraa fi dheekkamsa fiduuf (2Mot 19:35) ni ergamu. “Ergamaan Waaqayyoos deebisee yaa Gooftaa hunda danda’aa warreen waggaa 70 itti dheekkamte magaalota Iyyerusaaleemii fi Yihudaa kanaaf kan hin dhiifneef hanga yoomiitti?”( Zak 1:12),
  • Ergamootni kadhannaa namootaa fuula Waaqayyootti ni dhiyeessu. Mul 5:8 Mul 8:2-2, Mat 18:10, Yoh 1:52
  • Qulqullootni Ergamootni wanta hamaa irraa ni baraaru (eeguu) gara gaarittis nu geessu. ( Se. Ba’uu 22:32)
  • QuLqulootni Ergamootni dhala namaa ni jajjabeessu ni kunuunsu. 1Mot 19:5, Dan 10:13-21
  • Qulqullootni Ergamootni badii jinnii/seexanaa / jalaa nu baasu
  • Qulqullootni Ergamootni warreen shakkan ni adabu. Luq 1:20
  • Qulqullootni Ergamootni Waaaqayyoo dura nuuf dhaabbatu. Luq 1:19
  • Qulqullootni Ergamootni diinaan nuu falmu
  • Qulqullootni Ergamootni Waaqayyo, yeroo rakkoo keenyaa nu gargaruu.Farf 33(34):7,farf 90:10

Kana irratti yeroo kadhannaa ergamootaa kaasnu wantootni sadii jiraachuu isaanii qalbeeffachuu qabna.

  1. Kan kadhatamu, dhiifama kan laatu, Waaqni araaraa jiraachuu isaa. Ba’uu 32:11-15
  2. Kan kadhatu /araarsituun/ Ergamaan ykn Qulqullootni jiraachuu. Zak 1:12
  3. Kan kadhatamuuf /dhiifama kan barbaadu namnii jiraachuu akka qabu beekuun nurraa eegama. Luq 18:13, Umm 20:7, Hizqeel 14:14

Walumaagalatti yeroo kabaja ayyaanaa qulqullicha Gaabri’elii kabajnu nu’i Kiristaanotni amantaa keenyan cimnee dhaabbachuu akka qabnu, sababa amantaa keenyaaf hanga wareegamuutti deemuu akka qabnu, ijoollota sadeen irraa ni baranna. Itti dabaluunis Waaqayyon yoo ajaja Isaa eegne, akka fedha Isaatti yoo deemne hamaa irraa akka nu eegu ni hubanna. (Faar 118:105, Ibr 8:28.) Akkasumas Ergamootni Waaqayyoo hamaa fi hammaataa irraa akka nu eegan, akka nuuf dhabbatan (nuuf kadhatan) ni baranna. Ijoolleen sadeenis amantii isaaniin cimanii, gaarummaa Waaqayyoo, eegumsa hangafa Ergamaa qulqulluu Gabri’eelii nutti muldhisaniiru. Kanarraa ka’uun mootichis “Ergamaa isaa kan ergee ….garboota isaa kan fayyise Waaqni Anaaniyaa, Azaariyaa, fi Misaa’eel kan galatoome haa ta’u” jedhe.

Nuyi kiristaanotni amantaa keenyaan cimnee, hojii gaarii hojjennee fakkenya taanee, addunyaa hamaa kana irraa gaarummaa Waaqayyoo, kadhannaa Ergamootaa, araarsummaa haadha keenya Dubroo Maariyaamitti amannee, gaabbii gallee, kabajamaa foonii fi qulqulluu dhiiga Waaqayyoo fudhannee dhaaltuu mootummaa Waaqqayyoo akka taanuuf fedhaa fi jaalala Waaqayyoo nuuf haa ta’u.

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

Eegumsi hangafa Ergamaa qulqullu Gabri’eelii nu biraa hin hafin. AMEEN!!!

Madda

      Weebsaayitii Waldaa qulqullootaa barruu Afaan Amaariffaa.

      Kitaaba seenaa

      Kitaaba Raajii Daani’eel

Fannoo Isaatiin Fayyina nuuf kenne

         Fannoo Isaatiin Fayyina nuuf kenne

                                                                                                                                                        Damissee Jamanee

 “Ummata Isaa fannoo Isaatiin fayyise” qulqulluu yaared. Addunyaan kun kan fayye Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos hojii fayyina Isaa kan raawwate aarsaa fannoorratti taasifameeni. Kana waan taheef fannoon Gooftaa  kiristaanota biratti mallattoo fayyinaa, araaraa ,abdii fi tokkummaati.Fannoon Gooftaa iccitii jaalala Waaqayyoo ibsudha. “Ilna Isaa tokkicha hanga kennutti addunyaa kana akkasuman jaalate” Yoh 3:16.

         

Fannoon Waaqayyoo fayyisuu Kiriistositti warra amanan hundaaf riqicha gara mana mootummaa Waaqayyoo geessu dha.Kanaafuu manni Kiristaanaa keenya “Fannoo keetiifis ni sagadna” jettee faarfatti.Fannoo Isaa ol kaasuun addunyaa kana ittiin eebbisti. Ummatas walitti qabuun waa’ee fannoo Gooftaa ni barsiisti. Waggaa waggaadhaanis  Fulbaana 17 ayyaana Masqalaa jechuun haala ho’aadhaan ni kabajji.

 

 

     Ummatni Roomaan dur namootni  yakka hojjetan fannoorratti olbaasanii fannisuun adabbii cimaa fudhatu ture. Gooftaan osoo hin fannifamiin dura namootni hedduun sababa yakka isaaniin fannifamaniiru.Fannoonis seenaa akkasii qaba ture.

 Gooftaan keenya erga fannisfamee booda garuu fannoon Gooftaa kan yakkamtootni ittiin adabaman osoo hin taane kan ittiin fayyanidha. Duuka bu’aan Gooftaa, Phaawuloos ergaa gara efesoon 2:10-16 “Lamaan isaanii qaama tokkoon Waaqayyo wajjin isaan araarsuuf lola fannoorratti ajjeese”  akkuma jedhe, nuti Waaqayyo wajjin kan ittiin araaramne,human,obsa,jaalala,nageenya kan ittiin arganne chaappaa jireenya kiristanummaa keenyaa dha.

 Gooftaan keenya Iyyasuus kiristoos “Fannoo koo baatee kan na duuka hin buune kan koo ta’uu hin danda’u” Mat 10:38 jedha. Fannoo Gooftaa baachuu jechuun jiraachuu Waaqayyoo cimsanii hubachuun rakkina nutti dhufu hunda obsuudhaan lubbuu ofii hanga kennanitti gahuu jechuu dha.  “Jechi fannoo Gooftaa warra badaniif gowwummaa dha nuyi warra fayyinuuf garuu human Waaqayyooti”  (1 Qor. 1:16-25)

 

 

 Fannoo yeroo jedhu fannoorratti  Isa fannifame  Ilma Waaqayyoo Iyyasuus Kiristoos dura jecha waan tureef  isa ibsuu fi dha. Sagalee Isaa warra hin dhageenyeef  fannoon isaaniif gowwumma dha. Nuyi warra itti amannuuf garuu human Waaqayyooti. Luqas 1:35 karaa biraatiinis jecha fannoo jedhu yeroo ibsu: Waa’ee fannoo Waaqayyoo waan dubbatamu warra itti hin amanneef gowwummaa dha jechuu dha.Waaqayyoo Gooftaan dhala namaa karaa adda addaa fayyisa.Fannoon Gooftaa foonii fi dhiigni Isaa  kan irratti kutamee fi lola’e waan ta’eef Gooftaan erga samiitti ol ba’ee boodas ifaan addunyaa kana ni guute. Dhukkubsatoota ni fayyise,warra du’an du’aa kaase.

Seexanni yeroo Gooftaan dhalatee kaasee hanga du’a satti dhala namaarra buluun gooftaarratti al hedduu ka’e, garuu mo’achuu hin dandeenye, Akka ajjeefamus laphee yihudootaa keessa bulee hammeenya akka hojjetan taassise. Gooftaan garuu gaafa guyyaan Isaa gahu fedha Isaatiin dabarsee of kenne.  Amma immoo fannoon Gooftaa waan raajii gurguddaa hojjeteef fannoo sana balleessuudhaaf mala adda addaa mijeessaa jira.

 Diini fannoo Gooftaa cimsee nimorma. Kanuma irraa ka’uunis waggaa dhibba sadii (300) oliif boolla keessatti gatamee akka turuuf taasisani. Hundarrayyuu seexanaaf waan hin galleef malee bakki awwaala fanno Gooftaa laphee uummataa keessa malee lafa keessa miti.

Fannoon Gooftaa qaraaniyootti  bakka  dhaabamuun isaa boodarra fannoon Gooftaa sammuu ijoollee addaam keessa malee bakka biraa akka hin taane nutti mul’isa. Kanaafis ragaa kan nuuf ta’u fannoon Gooftaa awwaalamee yeroo turetti jaalalli fannoo sammuu dhala namaa keessaa hin banne. Fannoon Gooftaa humna keenya, fannoon Gooftaa fayyisaa keenya, fanon qoricha lubbuu keenyaati.

 Diinni fayyina dhala namaa waan hin barbaanneef ayihuudonni goomiidhaan fayyisaa addunyaa kan ta’e Kiristoosiin fannisuun isaanii itti xiqqaatee fannoo Gooftaa awwaalanii bakka namni hin geenye waggaa dhibba sadiif dhokasamee ture. Boodarra garuu Illeenii kan jedhamte mootii kiristaanotaa yaada eebbifaamaadhaan kaatee gara Iyyerusaaleem deemtee fannoo Goftaa bakka awwaalamee jiruu baasuu dandeesseetti. Waa’ee seenaa qulqulleettii kanaa fi raawwii raawwatte akka armaan gadiitti ibsuu yaalla.

Illeeniin akka lakkoofsa Awurooppaatti bara 250 Biitaaniyaa magaalaa Helenapolisitti dhalatte. Maatiin ishees qabeenya waan hin qabneef hojii hunda osoo hin tuffatiin hojjechaa guddatte. Erga guddattee boodas nama Tarbinoos jedhamutti heerumtee waliin amanamummaadhaan erga jiraachaa turanii diinni gaafa isaan addaan baasu abbaan manaa ishee sanduuqa keessa  kaahee galaanatti ishee gate.

Qurxummiinis sanduuqa kana liqimsee gara biya Qusxinxiiniyaa geesse. Qunisxaan garboota isaa waliin gara qarqara galaanaa deemee qurxummii sana qabsiisee gaafa qalan sanduqni garaa qurxummii keessaa bahe. Gaafa bananii ilaalanis kan baay’ ee miidhagdu Illeeniin osoo homaa hin ta’iin sanduuqa keessaa bate. Achuma mana moototaattis guddatte. Qulqulleettiin Illeenii cubbamoota gidduutti mana mootiitti yoo guddattellee hordoftoota isaanii osoo hin ta’iin qulqullummaan jiraachaa turte boodarras Qunisxaatti heerumuun firii gaarii Qosxenxiiniiyoos mucaa jedhamu argatani.

Waggaa muraasa erga waliin jiraatanii booda Qunisxaan angoo barbnaacha nama biraa fuudhee ishee hiike. Illeeniinis mucaa ishee Qosxenxiiniyoosiin waa’ee kiristaanummaa barumsa hedduu barsiisa isa guddiste. Gara jabina warri Roomaa kiristaanotarratti raawwatan ilaalaa waan guddateef yeroo hunda ilma isheen kiristaanotaaf akka laafuuf gorsiti ture. Kana irraa kan ka’eenis sanyii gaarii isheen oomishte firii gaarii waan kenneef akka duuka bu’ootaa maqaan ishee yeroo hunda ka’u taasifame.

  Gara fuulduraati mana mootummaa abbaa isaa keessatti qorumsa seexanaa dhiyaatu mo’uudhaan Waaqa tolfamaaf osoo hin jilbeeffatiin gara Waaqa dhugaatti akka beeku barumsi isheen barsiiste jireenya isaa guutuu akka itti fayyadamuu fi kaaniinis akka fayyadu isa taasiseera. Qosxenxiniwoos gara mana mootummaa abbaasaa deemuun akka baratetti hojii gaarii hojjechuu fi murtoo haqaa fudhachuun mana mootumaa keessatti maqaa guddaa argate. Kadhaan ishees mucaashee  irra bulee jireenya isaa kessatti bakka guddaa akka ga’u taasise.

    Qosxenxiinoos biyya Ingiliziitti duulee osoo jiruu abbaan isaa waan du’eef yerooma sanatti duultonni bakka abbaasaa teessoo abbaa isaarra isa kaa’an aangootti fidan. Yeroo sanattis haadha isaa bakka jirtuu ishee waamsisee cinaa isaa keessisuun kabaja mootittiif ta’u hunda akka ta’uuf taasise.

  Barumsa haadha isaa irraa barate hunda yaadachuun, kiristaanota bitta jala jiran hundaaf bilisummaa labse. Roomitti kan argamu Meksimiyaanosiif kiristaanotaaf bilisummaa akka labsu xalayaa barreesseef . Meeksiimiyaanos garuu Waaqa tolfametti kan bulu waan ta’eef faallaa isaa kiristanota irratti gidiraa baayise. Kana gaafa dhagahu Qosxenxiiniwoos Meksimiyaanosiin balleessuuf duulaaf gaafa ka’u guyyaa sa’a 6:00 samii irrati ol je’ee gaafa ilaalu fannoo heddu ifu arge.

 Isa faana warri turanis  hundi argani. Samiirratti afaan yoonaaniin “Mallattoo kanan ni moota” kan jedhu barreefamee ture. Injifannoo samii irrtatti arge kana huccuu loltoota isaa irratti goonfoo gonfoo isaa iarratti akka hojjetamu taasise. Humna fannoo sanaanis mo’icha argate. Kana booda  haadha isaa waamee waan isa qunname hunda isheetti hime.

Inni humna itti moo’e,nama fayyisuu kan danda’u fannoo gooftaa akkamitti argachuu akka danda’an wal mari’atan. Qulqulleettin Illeeniis dursitee Qosxenxiniwoos kiristaanummatti amanaa, cuuphamee fannoo gooftaa awwaalame akka barbaaduufi bataskaana Iyyerusalem akka ijaaru kadhannaa waaqayyoo gaafattee turte. Illeeniin fannoo gooftaa argachuuf umurii ishee waggaa 80tti waggaa tokko deemuun humna Waaqayyoon Iyyesusalem geese.

Akkuma achi geessen bakka fannoo gooftaa awwalame gaafachuu jalqabde. Dursitee eephisqophosii Iyyerusalem kan ta’an abbaa maqarisiin gaafatte. Isaanis beekuu danda’u namoota jedhan gara jaarsolii umuri dheeraa qabanitti ishee ergani. Jaarsa umurii dheeraa kiraakosiin gara ishee fidanii bakka fannoo Gooftaa awwalame natti  himi jette. Innis dura sodaatee boodarra garuu abbootiin keenya fannoon Gooftaa gaara kana jalatti awwaalame yeroo jedhan dhagaheen ture jedhe.

 Bakki sunis dursee goolgootaa bakka jedhamuu namootni naannoo sanaa waggaa 300 kosii itti gataa waan turaniif gaara fakkatee ture. Illeeninis gaara gidduu jiru keessaa bakka kamitti akka awwalame beekuu waan hin dandeenyeef osoo yaadaa jirtuu eergaman waaqayyoo Mikaa’el mul’ataan iddoo fannoon jiru aarri ixaanaa akka isheetti agarsiisu itti hime.

Kana booda Waaqayyoof galata erga dhiyeesitee booda damaraa hojjetee ixaana gaafa itti dabaltu aarri ixaana olba’ee fannoo Gooftaa bakka awwalame deebi’ee agarsiise. Qulqulleettin Illenii bakka aarri ixaanaa deebi’ee sagaduun agarsiise sana akka qofforamu ajajje.

Bakichis ji’a ja’a erga qofforamee booda Bitootessa 10 fannoowwan sadii argaman keessaa kamtu fannoo gooftaa akka ta’e adda baafachuuf nama du’e fidanii gaafa sadan irra godhan fannoo sadan keessaa fannoo gooftaa du’aa kaase. Dhukkubstaas fayyise. Fannoon Gooftaa osoo hin awwalamiin dura nama fayyisaa ture; awwalcha keessa taa’es laphee namaa keessaa hin badne,awwaala keessa erga argame boodas kunoo du’aa fayyise.

 Egaa walumaa galatti qulqulleettin Illeenii gaafa Fulbaana 16 damaraan hojjechuun bakka fannoon jiru argatte. Gaafa guyyaa fulbbana 17, lafti kun qofforamuu jalqabe. Kanaafuu akka mana amantii keenyaatti guyyaa kana lamaan sababa godhachuun ayyaana guddaa ykn ayyaana Masqalaa bal’inaan kabajama. Yeroo kabajnutti garuu of eegannoon godhamuu qabu barsiitota fudhatama hin qabne bakka biraadhaa fidanii amantii keessa makuun barbaachisaa waan hin taaneef of eeganno gochuu qabna.

 

 

Gara samiitti ol ba’uu Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos

Gara samiitti ol ba’uu Gooftaa  keenya Iyyasuus Kiristoos

Damissee Jemaanee

Ayyaanota gurguddaa saglan   kan gooftaa keenya iyyesuus kiristoos keessaa tokko ayyaana ol samiitti bahuu dha. Ayyaanni  kunis akka mana amantaa  ortoodoks  Tawaahidoo Itiyoophiyaatti ayyaana faasikaa yookiin du’aa ka’uu booda gaafa guyyaa afurtamaffaa kan kabajamu dha.

 

Gooftaan keenya Iyyasuus  Kiristoos du’a du’a Isaan moo’ee gaafa guyyaa sadaffaa erga ka’ee booda yeroo  adda  addaatti duuka bu’ootaa fi namoota tokko tokkotti mul’achuun isaan barsiisaa tureera. Guyyaa afurtamaafis  erga isaan barsiisee booda  “Egaa jabaadhaa gara abbaa kootti ol   b a’een Afuura Qulqulluu hanga isinii ergutti asuma Iyyarusaalem turaa” jedhee osoo ilaalaa jiranii suuta suutaan ol jechaa, deeme yookiin ol bahe.Waaqayyo  Gooftaan ol ba’e yommuu jennu amala foonii mul’isuuf malee bakki kan Isa murteessu ta’ee miti .Waaqayyo iddoo hunda  jira.    ( Faar. 138:7-13)

Namootni tokko tokko gara samiitti kan ba’an nijiru. Kan ol b’anis aangoo mataa isaaniin osoo hin taaneen gargaarsa waaqayyoonidha.Eeliyaas saragallaa abiddaan ol kan ba’e  aangoo fi humna mataa isaatiin hin turre (2Moot 2:11). Waaqayyo garuu ol ba’uuf akka Eeliyaas saragallaan abiddaa isa hin barbaachisne. Aangoo fi humna mataa Isaatiin osoo duukaa bu’oonni argaa jiranii suuta suutan ol fagaachaa ijji isaanii arguu hanga dadhabutti olba’uun duumessa keessa seene. 

Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos yeroo du’aa ka’etti qofa osoo hin taane ,erga ka’ee booda duka bu’oonnis ta’e namootni tokko tokko argani. Sababni isaas erga ka’ee booda guyyaa muraasaaf isaan wajjin waan turuuf du’a moo’ee ka’uu Isaa isaanitti himaa; duuka bu’oonni jalqaba du’aa ka’uu Isaa osoo hin taane dhuma du’aa ka’uu Isaa argani. Ol ba’uu garuu jalqaba isa malee dhuma isaa hin agarre. Sababni isaas erga inni deemee booda kan isaanitti himu waan hin jirreef yeroonni ol ba’u ilaaluun isaanii dirqama ture. Kana ilaalchisuun qulqulluun Luuqaas hojii duukabuutotaa 1:10 irratti ‘’Inni yeroo deemutti gara samii callisanii osoo ilaalanii ‘’jedhee ibseera. Yeroo du’aa ka’etti duuka bu’ootatti altakkaan itti hin argamne yeroo adda addaatti ture malee. Isaan wajjin guyyaa afurtamaaf waan turuuf yeroo adda addaatti isaanitti mul’achaa isaan barsiisaa ,isaan jajjabeessaa tureera. Yeroo olba’aa jirutti garuu duuka bu’ooni hunduu bakka tokko osoo jiranii itti mul’atee ol ba’eera. Ol ba’uu Isaa akka amananiifi dha. ‘’ Duuka bu’oonni osoo argaa jiranii ol fagaachaa ,fagaachaa duumessi ija isaanii irraa dhoksite’’  Luq. 24:51  jedha.ol ba’uu isaas dhuguma ijji isaanii argeera .arguun isaanii kun soba akka itti hin fakkaanneef yookiin dhugaa ta’uu isaa akka amananiif  ergamootni ragaa dhumaa bahaniiruuf.

Ragaa ergamootaa

Ergamootni  Gooftaa yeroo adda addaatti ragaa nuu ta’aniiru. Gooftaan gooftotaa dhala namaa dubroo Maariyaam irraa akka dhalatu dhufanii gammachiisan.Yeroo dhalatutti dhufanii tiksitoota gammachiisan.Yeroo fannifamuttis dhufanii Isaaf sagadan. Du’aa yeroo ka’uttis Maariyaam Megdelaawititti argamuun Gooftaan akkuma dubbate ka’eera jedhan. Yeroo olba’es ergamootni waaqyyoo lama nama fakkaatanii duukaa bu’ootatti argamuun  ‘’Isin yaa namoota Galiilaa ol samii ilaalaa maaliif dhaabattaniittu ? akkuma osoo ilaaltanii ol ba’e Iyyasuus Kiristoos akkanumaan ni dhufa’’  (Hoj.duuk 1:10)  jedhanii duuka bu’oonni ol ba’uu Gooftaa dhugaatti akka amananiif ragaa bahaniiruuf. Ergamootni lama ta’anii argamuun isaanii ragaan lamaan waan raaga’uufidha. Nama fakkaatanii mul’achuun isaanii ulfina isaanii fi fuula isaanii fuuldura namni dhaabachuu waan hin dandeenyeefi. Samiirraa bu’uu isaaniif huccuun isaan uffatan kan baay’ee ifu ture.

Osoo argitanii akkuma ol ba’e akkanumaan deebi’ee dhufa jechuun maal jechuudha?

Iyyasuus Kiristoos kan ol ba’e foon uffateenidha. Dubroo Maariyamii irraa foon uffateen du’ee du’a moo’ee ka’uun gaafa guyyaa afurtamaffaa foonuma uffateen aangoo mataa Isaatiin ol ba’eera.     Akkuma argitan foon uffatee ol ba’een foon uffatee murtoo dhaaf deebi’ee nidhufa.Waaqayyo warra gaarii hojjetaniin  “Isin eebbifamtoota Abbaa koo addunyaan osoo hin  uumamiin  bakka isiniin qopheessetti koottaa gala” jedhee mootummaasaa dhaalchisuu fi warra cubbamootaan “Isin hin beeku narraa deemaa” jedhee murtoo abidda bara baraa itti murteesuuf deebi’ee foon uffatee ni dhufa.

Waaqayyo sagalee xurumbaa fi ililtaadhaan gara samiitti ol ba’e

Waaqayyos yeroo olba’etti sagalee xurumbaa fi ililtaadhaani. Sagalee xurumbaan ol ba’e yommuu jennu moototni gaafa gara lolaatti bobba’an xurumbaa afuufaa fi moo’anii gaafa deebi’anis xurumbaa afuufaa namoota walitti qabanii gammachuu guddaa akkuma godhan Waaqayyos gaafa ol ba’e gammachuu guddaan ni ta’a jechuudhaaf Waaqayyo sagalee Faggaa( Malakata) ol ba’e jedha.Duuka  bu’oonni Gooftaa gara magaalaatti yeroo ba’an faaggaa (Malakata)  afuufu. Namootnis dhagahanii deemanii baratu ture. Olba’uun  Iyyasuus Kiristoos akka sagalee Malakataa daangaa hanga daangaatti dhaga’amuuf danda’eera.

Egaa walumaagalatti Waaqayyo yeroo olba’uuf  ka’etti duuka bu’oota hunda walitti qabee humni hanga isinii ergamutti asuma iyyarusaaleem turaa jedhee isaan barsiise. Isaanis ol ba’uu Gooftaa booda guyyaa kudhaniif  baka tokkotti walitti qabamanii haadha Gooftaa dubroo Maariyaam qabatanii kadhaatiin turan. Gooftaan du’aa ka’ee booda gaafa guyyaa shantamaffaa yookiin ol ba’ee booda gaafa guyyaa kurnaffaa Afuura Qulqulluu kan isaan cimsuufi jajjabeessu isaaniif ergeera.

Araarri Waaqayyoo kadhaan dubroo Maariyaam gargaarsi qulqullootaa nu hunda keenya waliin haa turu.

                                                                                               

Seenaa Haadha Keenya Qulqulleetti Dubree Maariyaam

Seenaa Haadha Keenya Qulqulleetti Dubree Maariyaam

 Dn. Zalaalam Daggafaa  fi

 Dn. Mazgabuu Kafyaalaw

                                      

 Ji’oota dura waa’ee haati keenya qulqulleetii dubroo Maariyaam Waaqayyoon filatamtee Waaqayyo Gooftaan keenya dhala namaa fayyisuuf jecha dubartoota keessaa akka ishee filate ilaallee turre. Amma ammo waa’ee dhaloota ishee ilaalla Waaqayyo laphee hubatu nuuf haa kennu.

                           Dhalachuu Ishee

  Jalqaba irratti waa’ee maatii haadha keenya Maariyaam, akaakilee Ishee fi jireenyi  afuuraa isaanii    akkam akka ture muraasa ibsuu  yaalla.

 Waaqayyo fuulduratti kan jaalataman, amantaa fi  hojii gaarii tiin cimanii (jabaatani) jiraachaa kan turan akaakileen hadha keenyaa  Dubree Maariyaam Teektaa fi pheexriiqaa(Phaxriiqaa)  jedhamu.  Isaanis Sooreyyoota(sooressoota)  hunda qaban turan. Baay’inni qabeenya isaaniis lakkoofsaa fi safara (daangaa) hinqabu ture.Garuu ijoollee(dhala) hin qabani ture.

 

  Guyyaa keessaa gaafa tokko Teektaan mana galmeewwan( kuusaa qabeenyaa) isaa seenee baay’ina qabeenya isaa ilaalee haadha manaa isaa Phaxriiqaadhaan  “Ati maseena; anis maseena dha; qabeenyi kun hundi eenyuuf ta’aa? ‘’ jedhee ishee gaafate.  Isheenis  «Waaqayyo narraa mucaa yoo si dhowwate kan biraa fuudhi; mucaas dhalchi siif eeyya meera!» isaan jette

Innis jecha ishii kana dheekkamuun «Ani akkan  kana hin raawwanne Waaqni  Israa’el  ni beekaa!» jedheen.

 Kanumaan osoo gaddaa jiranii mul’ata arganiiru. Kunis waatii (jabbii xiqqoo)  bifti ishii adii ta’e   dallaa loonii(foonaa) isaanii keessaa hogguu baatu, waatittiin waatii biraa akkaa dhalte hanga jahaaffaa geessee isheen jahaffaan addeessa(ji’a) deesse addeessittiin ammoo biiftuu  yeroo deessu arganii gara nama abjuu hiikuu deemanii gaafatan.  Innis  mucaa gaarii ni argattu (ni deessu) Addeessittiin mucaa uumamaan ol taatedha. Dubbiin biiftuu garuu natti hin mul’anne  isaaniin jedhe. Isaanis kana hoo yeroon haa hiiku jedhnii deeman. Kana booda Phaxriiqaan ulfooftee deesse. He’eemeen jattee maqaa bafteef (moggaafte) He’eemeen Deerdeetiin deesse; Deerdeen, Toonaatiin deesse, Toonaan Siikaariin deesse,Siikaar Hermeellaa deesse,Hermeellaan Faasteeniin deesse,Faasteeniin Haannaatiin deessee tti.

 Haannaa jechuun amantaa fi hojii gaariin kan jabaatte, qulqullinaan kan faayyeffamte, kabajamtuu,eebbifamtuu, uumama gaariij  jechuudha.

Dubartiin hojii gaarii fi amantaa dhaan kununfamtee guddatte kun yeroo umurii gaa’elaaf geese nama sanyii Yihudaarraa dhalate nama qajeelaa Iyyaaqeem jedhamutti heerumsiisan. Haannaa fi Iyyaaqeem jiireenya isaanii gammachuu fi jaalalaan gaggeessaniyyuu maseenummaan akaakileesaanii isaaniinis qaqqabe. Waaqayyo gadanmeessa Haannaa akka banu laphee cabeen kadhannaatti cimanii jiiratu ture. Baay’inni qabeenya isaaniis hangasa  mara baay’ee hin turre.

                    Ollaa Haannaa kan turte dubartiin sagaagalummaatiin jiraattu tokko jirti ture.  Guyyaa keessaa gaafa tokko Haannaan isheetti dhiyaattee har’a  mana kiristaanaa deemuuf jedhee yaddeen ture garu huccuun uffadhu hin qabu jettee itti himte. Dubartittiin kunis huccuun koo lamaa fi isaa ol kan ta’u jira kan koo uffattee maaliif hindeemtuu? jetteen. Hannaan garuu huccuu cubbuudhaan argamedha; Waaqayyo amaluuma Isaatiin ququlluu waan ta’eef  kana hin  jaalatu jettee deebisteef. Dubartittiin kunis akkas jettee dubbii laphee xuquutiin dubbatte  “Haannaan sababa maaliif mucaa ishee dhowwe jedheen siif gadda ture, garuu, kan  akka dhagaa gogsee si hambise hammeeanya keeti.’’ Jetteen. Haannanis baay’ee gaddite.

                Yeroo biraas aarsaa dhiyyeeffanna jedhanii mana  qulqullummaa deemnaan hangafti lubootaa Roobeel “Aarsaa (wareega) warra maseenaa hin fuudhiin.’’ Kan jedhu jira,isin warra Waaqayyo waadaa Addaamiif kenname kan”horaa, baay’adhaa, lafa guutaa’’ jedhu isin dhoowwe mittii? Waaqayyo waan isin jibbeef malee osoo isin jaalatee mucaa isinii kenna ture; wareega keessan akka galchattaniifis carraa isinii kenna ture jedhee isaan deebise.

      Hambaa aarsaa isa maanguddoonni Israa’el warri dhala qaban nyaatan sana isaan dhowwate. Isaanis waan isaan irra gahe kanatti gaddanii Waaqa isaaniitti rakkoo isaanii himatanii osoo deebi’aa jiraanii muka jala taa’anii bullaallaan( gugeen) osoo ijoolleshee wajjin haasoftuu, abaaboo (daraaraa) firii naqatee jiru Haannaan argitee bullaalleewwan amaluumaa isaaniin akka wal horan kan taasiste, biqiltoota akka daraaranii firii naqatan kan taasistu ani uumamni koo dhagaarraa ta’innaa? kan dhala nadhowwatte jettee gaddite. Guyyaa afurtamaaf subaa’ee galanii Waaqayyotti boo’aa turaniiru.

 Kana booda Haannaa fi Iyyaaqeem Waaqayo kan isatti ta’uusaa baranii wareega wareeggatan ‘’Dhiira yoo arganne (dhalle) bu’ee bahee qotee nu haa qarqaaru hin jennu mana Waaqayyoof  tajaajilaa ni ta’a. Dubartii yoo arganne qoraan nuuf haa cabsitu; bishaan nuuf haa waraabdu hin jennu. Waaqayyoof leemmaatii warqee hodhiti, golgaa hojjettee foo’aa footee haa jirtaattu.’’jechuun wareeganii kadhatan.

  Kana boddee adloolessaa gaafa 30 abjuun dinqii ta’e argani. Toorban tokko booddees Hagayya bultii torba ergamaan mucaa gaarii in deessu jedhee isaanitti hime. Haati keenya qulqulleettii Maariyaamis akkuma Ergamichi dubbate heeyyama Waaqayyootiin garaatti hafte(ulfaa’amte). Yeroo isheen garaatti haftes raajii hedduutu raawwateera.

§  Ija tokkee (kan ijji ishii tokko jaamee turte) kan taate adaadaan Giiftii keenyaa Beersaabeeh jedhamtu dhuftee “Haannaa  Waaqayyo gargaarsa Isaatiin si daawwate natti fakkaataa harmi kee gurraacha’e, hidhiin kee daalach’e.” jettee garaashee tuqxee garaashee yeroo sukkuumtu ijishee banameeraaf (ifeeraaf).

§  Ilmi eessum Haannaa Saamiinaas jedhamu yeroo du’e qabannoo sireesaa qabattee yeroo itti naannoftee boossu gaaddidduun ishee yommuu irra bu’u ka’ee dhugaa ba’eera. Waan abjuu hiikaan sun hambises isaaniif hiikeera.

Kana booddee Yihudoonni goomiif boqonnaa waan hin qabneef dur sanyii isaanii kan ta’an Daawiit, Solomoon kanneen jedhaman waggoota afurtama afurtama akka gagaa  nuu baqsanii, akka qiraacii nu caccabsanii nu bitani; ammammoo inni ishee kanarraa dhalatu maali laata? jedhanii diinummaan irratti kaka’anni. Yeroo kana ajaja ergamaatiin qulqulloonni Hannaa fi Iyyaaqeem baqatanii gara tulluu Libaanos deeman.

   Qulqullichi Daawit faarfannaa isaarratti «Hundeewwanshee tuluuwwan qulqullaa’oorradha» jedhee akkuma dubbate( Faar86(87):1). Eebbifamtoota maatii isheerraa caamsaa guyyaa 1 osoo isaan tulluurra jianii Giiftiin keenya qaulqulleettii dubroo Maariyaam in dhalatte. Erga dhelattee boodas guyyaa toorbaffaatti maqaa ishii  Maariyaam jedhanii moggaasan.                                  

                                        

                                              Hiika Maqaa Ishee  

Yaa maatii Waaqayyoo!  Hiika maqaa Giiftii keeenyaa kitaabolee gaggalagachuun,hayyoota mana kiristaanaa hubachuu  yaalla. Akka abbootiin nu barsiisanitti hiikaan maqaa Giiftii Keenya Dubroo Maariyaam akka armaan gadii ta’a:-

A.     Maariyaam” jechuun, gara mootummaa Waaqayyoo tti kan nama galchitu jechuudha.

B.     Maariyaam jechuun kennaa fi qabeenya jechuudha. Luqa.  1.28 irratti “ Kennaan kan guutamte gammadi Waaqayyo Gooftaan si wajjin jirahoo” jechuudhaan ergamaa qulqulluu Gabri’eeliin kennaa fi qabeenyi guutuu ta’e akka isheef kenname, foon Isheerraa foon; lubbuu Isheerraa lubbuu fudhatee kan dhalatu Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos yeroo hunda ishee wajjin akka ta’e mirkaneesseera. Kanaafuu yeroof maatiisheef kennaa fi qabeenya taatee kennamuu ishee kan ibsu ta’us dhumni isaa garuu fayyina addunyaa kanaatiif kennaa taatee kan kennamte ta’uu ishee ibsa.

 

   C. Maariyaam jechuun uumamaa ol; uumaatii( Waaqayyootii) gadi jechuudha. Giiftiin keenya qulqulleettii Maariyaam haadha Waaqayyoo waan taateef warra sodaa fi hoollannaattiin galleeffatan ergamoota qulqullaa’oo ni caalti.

Teessoo Isaa fuuldura yemmuu dhaabatan kochoosaaniitiin fuula isaanii fi miila isaani in haguugu.”  (Mul’ata. 4:7-9; Isaa 6:2) Giiftiin keenyaa garuu gadameessa isheetti Isa baatteetti; harma ishees hoosifteetti; dugda isheetti baatteetti; harkasheen hammetteetti. Dhaloota Isaa irraa hanga fannoo Isaatti ilmala Isaa hundarratti biraa hin hafne.

 Ergammoonni tuquu dhiisii ilaauu kan hin dandeenye abidda Akkeenyaa gadameessa isheetti waan baatteef uumama hundaan ol ta’uushee ni amanna. Qulqullichi Yaareed kadhannaa isaa balbala ifaarratti “kennaan kan guutamtee fi madda gammachuu kan taate jji isaanii baay’ee kan ta’e kiirtuu beelii fi kochoowwan hedduu kan qabda.Isaan ibiddi Ilma keerraa ba’u akka isaan hin gubneef fuula isaanii in haguugu. Ati garuu bultoo Akkeenyaa taatee, amaloomni akkeenyaas si hin gubne arrba ibiddaa baattee» jedheera.(balbala Ifaa lakk.—-)

                                        Guddinaa fi Daa’imummaa Ishee

Qulqulleeetiin dubroo Maariyaam barri daa’imummaa Ishee hanga rawwatuttii  haadhaa fi abbbaa ishee wajjin jiraatte. Wagoota sadii fixxee yaadni ishee fira; afaanshee midhaan osoo hin bariin akka wareega keenayaatti mana qulqullummaaf kennina jehdanii fudhatanii deeman. Hoogganaan lubootaa fi uummanni yeroo ishee argu biiftuu  caala harka toorba iftee qaqawweessa caalaa soodaachiiftee durrii iftu fakkakattee isaanitti mul’atte. Isaanis uumama kana fakkaattu maal goonaa? Maal ishee nyaachifnaa? Maal isheef afnaa? Jedhanii osoo dhiphatanii Ergamaa qulqulluu Faanu’eel mannaa samii irraa leemmaatii warqeetti, dhugaatiisamii xoofoo ifaatti qabatee samiirraa bu’ee isaanitti mul’ate. Uummannis lubichaaf kan dhufe isaanitti fakkate. Lubichi fudhachuuf yeroo ka’u Ergamichi irraa ol fagaate. Haannan mucaashee hammattee kabajasaa fudhachuuf achi siiqxee yeroo tessuu akkuma ol fagaatetti hafe. Kana booddees kabaja daa’imittiif dhufe yoo ta’e maaltu beeka? qofaashee dhiisii achi siiqi isheedhaan jedhan. Haannaanis akkuma jedhamtes taasiste. Yeroo kana ergamaan qulqulluu Faanu’eel bu’ee kochoosaa tokkoon haguugee, tokkoo immoo ishee uffisee manna sana nyaachisee wayinicha obaasee gara samiitti ol bahe. Gooftaan saba Israa’el mannaa samiirra buusee akkuma isaan nyaachise haadha keenyas kara ergamichaa sooreera. (Ba’uu 16:13, 1Moot.19:1-8)

  Erga dhimmi sooratashee fala argatee mana qulqullummattii ishee gashan. Guyyaa kana mannii kiristaanaa mudde guyyaa sadi ayyaana waggaa ishee baatiilee( ji’oota) birootiin immoo yeroo hundaa jiini galee guyyaa 3ffaa irraatti ni yaadatti.

          «Yaa mucaa koo dhaga’ii mana abbaa kees irranfadhu; mootiin miidhagna kee jaalateerahoo» Jedhee qulqullichii Daawiit (Faar. 44:101) irratti akkuma dubbate. Haati keenya qulqulleetii, Maariyaamiin ergamoonni akkaa ishee sooran mana qulqullummaa keessa waggaa kudha lama jiraatte; waggaa kudha shan yommuu fixxu Yihudoonnii goomiidhaan «Shamarree waan taateef mana qulqullummaaatii bahuu qabdii» jedhanii raagni dubbatame sun dhumee osoo ishiin mucaashee hin dahiin dursinee ishee balleessuu qabna jechuun raayyaan loltootaa hedduu qabatanii Giiftii keenya yammuu marsan Waaqayyoo ergamaasaa ergee bakakkaadhaan isaan fixe.

          Hangafni lubootaa hammina isaanii kana argee akkam taata egaa? jedhee ishee gaafannaan gara Waaqayootti naaf beeksisii jetten. Innis kadhannaa gaafa jedhu «Qomoo Yihuudaa keessa kanneen haati manaa isaanii duute lakkaa’eetu ulee isaanii mana qulqullummaatti galchii irratti kadhadhu aniis mallattoo siifan kenna » kan jedhu deebii kenneef.

Waaqayyos akkuma waadaa galeefiitti lubichaaf mallattoo adda addaa mul’iseefii maanguddichi Yooseef tiksee( kaadhima) Giiftii Maariyaam akka ta’utti filatame. Guyyaa sanaa eegalee maanguddichi Yooseef tiksee 9 eegduu) Maariyaam ta’uun haadha Gooftaa isaa tajaajilaa tureera. ( Maat 1:18-26, Luq1:26-45)

 

 

 

 

“ Hoosaa’inaa Ilma Aariyaam irratti Daawitiif”

“ Hoosaa’inaa Ilma Aariyaam irratti  Daawitiif”

                                                                          Bitootessa 26

Dn. Mazgabuu Kafyaalawuun

Faaruun  kun guyaa Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos  gara Iyyarusaaleemitti yemmu galu faarfannaa faarfatamedha.Faarfannaan isaas “Hoosaa’inaa Ilma Daawitiif” “Kan maqaa Waaqayyootiin dhufu kan eebbifamedha, Hoosaa’inaa Ilma Daawitiif” kan jedhu ture.

 

Wangeelli guyyaa kana dubbifamus kan akkas jedhuhd:- “Gooftaan keenya Iyyasuus gara Iyyarusaaleemitti dhiyaatee gara dabra Zayitii fi Beeta faagee gahe.( Maat.21:1) irraa eegalee kan jirudha. “Iyyarusaaleem” jechuun “Magaanaa nageenyaa” jechuudh. “Beetafaagee” jechuun ammoo “Mana Balasii” jechuudha. Abbootiin keenya ammoo “Daandii qaxxaamurame” jechuudhaan hiikaniiru.

 

Gooftaan keenyas duuka buutota Isaa keessaa lamaan isaanii ergee “Gara magaala fuuldura keessan jirtuu deemaa bakka sanattis harree hidhamte ilmoo ishee wajjin argattu hiikaatii naaf fidaa; eenyumtuu yoo isin gaafate Gooftaadhaaf ni barbaachisa jedhaan” jedhee itti hime.

 

 

Duukabuutonni Isaas hiikanii fidaniif. Hojiin duukabuutotaa warra hidhaman sagalee wangeelaatiin hiikuudha. Kunis seexanoonni; afuurri harfaa’aadhaan kan hidhamanii jiran baay’eedha waan ta’eef duukabuutonni,warren bakka duukabu’ootaa bu’uun muudaman luboonni cubbuu namootaa hiikuudhaan gara mootummaa Waaqayyootti nama dhiyeessu.

 

Sagaleen raajii kan raajicha Zakkaariyaasiin dubbatame akka raaawwatamuuf Gooftaan Harree sanaa fi Ilmoo harree sana irra akka bahuuf (yaabbatuuf) uffata dugda harree sana irra buusani ( Zakk. 9:9 ). Kan isaan uffata afaniifis Iyyasuus Kiristoos kan cubbuu addunyaa kan balleessu waan ta’eef uffanni akkuma qaama qaanii namaa haguugu Atis cubbuu fi badii keenya nuuf haguugda jechuudhaan uffata afaniif.

 

Harreen kan tuffatamtedha; Waaqayyo warra lapheen isaanii cabe, warra gadi ofqaban akka filatu agarsiisa.( Isaa. 53:23,Maat. 11:29, Faar. 50:17-18)

 

 


 

 Uummannis uffata isaanii lafarra afaniif:- kunis ati mootiidhaatii si qofa osoo hin taane harreen ati yaabbatte illee lafarra deemuu hin qabdu jechuun uffata isaanii of irraa baasanii lafarra afani kabaja mootiidhaaf malus kennaniif ( 2Moot. 9:13).

 

“Hoosaa’inaa aariyaamirratti” jechuudhaan faarfannaa dhiyeessaniif. “ Hoosaa’inaa” jechuun “ Amma fayyisi” jechuudha. Sagalichif Faarfannaa Daawit irratti “ እግዚኦአድኅን” “ Yaa Gooftaa Amma fayyisi” jedhamuun dubbatameera. ( Faar. 117:25) jechi “ Aariyaami irratti” jedhu ammoo samii bakka bultii Waaqayyoo kan agarsiisudha. Kanaafuu Yaa Waaqayyo isa samiirra jiraattuu; yaa qoricha isa samiirra jiraattuu amma fayyisi, dhiifama taassisi” akka jedhan faarfachuu kan agarsiisudha.

 

Iyyi isaaniis kallattii lamaan ilaalamuu danda’a: gama tokkoon gita bittaa Roomaa jalaa bilisa nu baasi jechuun boo’icha foonii kan iyyan ta’uu kan agarsiisu yoo ta’u, gama biraatiin ammo du’a foonii fi du’a lubbuu irraa nu baraari, nu fayyisi jechuun faarfachuu isaanii kan hubachiisudha. Gama biraatiin faarfannaa isaanii keessatti wanti hammatame jecha “ Ilma Daawit” jedhudha. Kunis  fayyisaan dhufu Isa ta’uu isaa uummanni baranii eegaa turuu isaanii kan ibsudha. ( Maat. 12:23, 20:30)

 

 

 

 

 

 

Bifa kanaan Fayyisaan gara iyyarusaaleem yemmu galu magaalattii guutuun “ kuni eenyudha?” jechuudhaan dhiphatani. “ Kunoo Kiristoos Isa galiilaa irraa dhufudha” jechuudhaani.

 

Kana booda gara mana qulqullummaa seenee mana qulqullummaa sana dula namoonni mana daldaalaa taassisanii turan qulqulleesse, warren achi keessatti daldaalaa turanis mana qulqullummaa Isaa keessaa baasee ari’e. “Manni koo mana kadhannaati; isin qaalaa saamtotaa taassistanii” jedhee ifatti isaan qeeqe.

 

Namoota naannoo mana qulqullummaa sanaa jiran dhukkubsattoota, warra ijji isaanii jaame, warren gurri isaanii dude, warren miilli isaanii naafate hunda fayyise. Garuu Luboonni Yihudootaa warri sammuun isaanii dude hin fayyine. Yeroo daa’imtoonni iyyarusaaleem “Hoosaa’inaa Ilma Daawitiif” jedhanii faarfatan barattoonni isaaniis daa’imtoota kanneen wajjin waan faarfataniif ijji isaanii dhiiga uffatee Gooftaadhaan “isaan kun immoo kan jedhan hin dhageessuu? Callisaa jedhiin” jedhanii gaafatani. Gooftaanis “ Isaan yoo callisan illee dhakaan ka’ee naan faarfata, kanumaanuu immoo raajii Daawitiin Afaan daa’immanii irraa galata naaf qopheessite jedhamee isa dubbatame hin yaaddattanii?” ( Faar. 8:2) jedheen.Warreen nuti sammuu qabna jedhan lapheen isaanii yemmuu jaamu,afaan daa’immanii garuu faarfannaa roobsa ture.

 

Egaa guyyaan kun guyyaa Gooftaan keenya gara iyyarusaaleem deemuun mana qulqullummaa Isaa keessaa daldaaltotaa fi warren maallaqa jijjiiran ar’ee mana Isaa kabajedha. Guyyaa kana abbootiin mana kiristaanaa “Hoosaa’inaa Ariyaam irratti Ilma Daawitiif” jedhanii faarfannaa fi yeedaloodhaan faarfataa bulu.

 

Tajaajilaa Gaarii

Tajaajilaa Gaarii    (Mat. 25÷14-30)

Dn. Qalamawarq Miidhagsaatiin

Bitootessa 13

 

Torbeewwan sooma guddichaa keessa inni 6ffaan  “Tajaajilaa gaarii” ykn afaan gi’izitiin ‹‹ገብርኄር›› jedhamee beekkama. Torbeen kun manni kiristaanaa keenya waa’ee tajaajilaa afuraawaa jabaattee kan ittiin barsiistu dha.

Faarfannaa sanbata kana faarfatamu irratti qulqullun Yaareed “Tajaajilaan gaariin eenyuu dha?” jedhee gaafataa.

Sanbata kana wangeelli dubbifamu akkana jedhaa “ Akka nama daandii deemuuf ka’ee tajaajiltoota isaa waamee qarshii ittiin bu’aa buusan kennee fakkaataatii tokkoon tokkoon isaaniitiifis akka dandeettii isaaniitti isa tokkoof  Makliitii (qarshii) shan, isa tokkoof  Makliitii (qarshii) lama , isa tokkoof ammoo Makliitii (qarshii) tokko kenneefii deeme.

 Inni qarshii shan fudhate sunis deemee daldaalee qarshii shan bu’aa buuse; akkasumas, inni lama fudhate akkasumas daldaalee qarshii lama buufate; inni qarshii tokko fudhate garuu deemee lafa soqe( qonforee) warqee (qarshii) Gooftaa isaa awwaale.

Gooftaan isaaniis deebi’ee isaan to’ate ; inni qarshii (Makliitii) shan fudhate sun dhiyaatee yaa Gooftaa qarshii ( Makliitii) shan natti kennitee turte anis bu’ee ba’ee daldaaleen qarshii (Makliitii)  shan buuseeraatii kunoo makliitiin kee jedhee Makliitii shan itti kenne.Gooftaan isaas ati tajaajilaa gariidha; wanna xiqqoo irratti amanamteettaatii wanna Guddaa irrattan si muuda gara gammachuu Gooftaa keetti seeni jedheen.

 

Inni Makliitii ( Qarshii) lama fudhates dhiyaatee yaa Gooftaa qarshii lama  natti kennitee turte; kunoo bu’ee baheen qarshii lama buuseera jedheen. Gooftaan isaas ati tajaajilaa Gaariidha wanna xiqqoo irratti amanamteettaatii wanna baay’ee irrattan si muuda gara gammachuu Gooftaa kee seeni jedheen.

Inni makliitii ( Qarshii) tokko fudhate dhiyaatee  yaa Gooftaa ati bakka hin facaasnee kan kan haamtu; bakka hin bittinsinee kan funaantu nama hamaa ta’uu kee nanbeeka waanan si sodaadheefis deemeen makliitii(qarshii) naaf kennite awwaale; egaa makliitiin kee kunooti jedheen.

Gooftaan isaas:- ati tajaajilaa hamaa fi dadhabaadha; Ani bakka hin facaasnee kanan haamu; bakka hin bittinsinee kanan funaanu nama hamaa  ta’uu koo ni beektaa? Yoos qarshii koo warra jijjiiraniif kennuu qabda turte anis yeroon dhufu qarshiikoo bu’aa isaa wajjin isaan irraan fudhadha ture jedheen. Sana boodas warreen achi dhaabataniin akkas jedheen:- makliitii (qarshii) kana isa irraa fuudhaatii isa makliitii kudhan qabuuf kennaa! Kan qabu ni kennamaaf kan hin qabne garuu ishiin qabu sun illee irraa fudhatamti; tajaajilaa hamaa kana garuu bakka itti ilkaan walitti riguun jiru gara dukkana ala jiruutti gadi baasaa jedheen.”  Mat. 25÷14-30

 

 

Hiikaan barumsa kanaa akka armaan gadiitti dhiyaateera. Abbaan qabeenyaa Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos dha. Tajaajiltootni sadan fakkeenyoota kiristaanootaa kennaawwan adda addaa kennameefidha. Kennaawwan kennaman lakkoofsaan garaagarummaa qabaachuun isaanii kennaan tokko isa kaan irraa addaan kan ba’u ta’u isaa agarsiisa.

Amaloota tajaajiltootaa

Amaloota tajaajiltoota jalqabaa lamaan:- Afuurri tajaajiltoota isa jalqabaa fi isa lammaffaa isaan lamaanu hojjatani argachuun akka danda’amu kan amanani, Goftaa isaanitiif amanamoo, rakkoo hojiirra muudatu yaaduudhaan yeroo isaanii kan hin dabarsinee dha. Tajaajilaan lammaffaas akka tajaajilaa tokkooffaa maaliif maallaqa shan naaf hin kennamne jedhee osoo hin komatiin waan kennameen kan hojjate dha.

Isaan lamaanu bu’aa buusaniiru. Isaan lamaanuuf maqaan kabajaa kennamee tokko dha “Tajaajilaa gaarii” kan jedhu, bakkii kabajaa isaan lamaanuu ittiin seenan tokkoo, “Gammachuu Goftaasaanii”. Isaan lamaanu waan muraasaan kan ammamani dha.

 Gama keennaatiin yoo ilaalame shanis ta’e lama muraasa dha, garuu namni waan kennameen osoo hin komatiin tajaajiluu qaba. Ilma namaaf kan fayyadu waan kennameef lakkaa’uu osoo hin taane waan kennameen tajaajilu dha. Tajaajiltootni kun tajaajiltoota mana kiristaanaa amantaan fi jaalalaan tajaajilan fakkaatu.

Amala tajaajilaa sadaffaa:- namni kun hojii caalaa rakkolee hojii irratti isa muudatantu isatti mul’ata. Bu’aa busu osoo hin taanee kasaaratu isaaf mul’ata. Tokko kennameef lama taassisuu osoo hin taane isaa harka fudhatamutu issatti mul’ata. Akka hiriyyoota isaa bu’aa buseen Gooftaa isaatiin badhaafamu isaa osoo hin taane adabamu isaatu isaaf mul’ata.

Kanaafu hojjatee bu’aa busuu hin dandenye. Kisii isaallee amanuu dhiisee lafa qotee awwaale. Dimshaashumatti amanuu dhisuutiin nama qabame dha. Fulduura Gooftaasaatti yommu dhiyaatu jechi dubbate wanta tajaajiltootni lamaan dubbatan irraa adda dha, “Nama haamaa akka taate waan bekeef akka na jalaa hin banne jedhee awwaaleera” jedhe.

Barumsi amaloota tajaajiltoota sadan kanarra argamu baay’ee guddaa dha. Waqayyoon kennaawwan adda addaa dhala namaa hundumaaf kennee jira. Kennaan tokko kan kennamu ammoo bu’aa dhala namaatiif. 1Qor. 12÷4-11 kennaan  lallabuu kan kennameef jira, kennaan raajii himuu kan kennameef  jira, kennaan raajii himame hiiku namni kennameef ammoo jira. Dhimmi ijoo garagarummaa kennichaa osoo hin taanee waan kennameen bu’aa busanii argamuu dha.

Yeroo hunda qulqulluun Daawiit akka faarfatetti ilmni namaa “Gooftaa koo fedha kee gochuudhaaf jaaladhe, seerri kees laphee koo keessa dha, yaa’ii guddaadhaanis tolummaa kee hime”  jechu qaba. Far. 39÷8

Daaqoniin akka daaqonummaa isaatti, Lubni akka lubumma isaatti, Phaaphaasiinille akka Phaaphaasummaa isaatti, akkasumas, miseensi mana kiristaanaa hundinuu akka kiristaanummaa isaattii kennaa waqayyoon isaaf laateen bu ‘aa gaarii busee argamuun isarraa egama. Torbeen kun kennaa kenyaa yaadannee bu’aa maal fakkaatu akka busne ittiin gafannu dha.

Kiristaanootni wangeela lallabuudhaaf, namoota mana kiristaanaa keenyaa kessatti adeemsa sirrii hin taanee hordofan sirreesudhaaf saalfannu jirraa. Kun waqayoon birratti kan nu gaafachiisu dha. Kiristaanootni aangoo tajaajiltummaa ummataa qabnee, tajaajiltoota mana kiristaanaa taanee, daldaltootni, qutee bultootni, barsiisootni fi barattootni waan nu kennameen bu’aa busne argamuun nurraa egama. Kana ta’u bannaan akka tajaajila hamaatti adabbi bara baraaf ni saxilamna.

Laallabaan lallabee nama bay’ee motummaa waqayyoo dhaalchisuu yoo baadhee, Barataan qo’adhee firii gaarii yoo hin galmeessine, qotee bulaan firii facaasee biqilu yoo didee osoo hi jadhiin jabaatee hojjachuun barbaachisaa dha. Ilma namaa irraa wanti barbaachisu hojjachuudha male firii ykn bu’aa busuun hiree Waaqayyooti. Kanaafu jabannee hojjachuun nurraa eegama.

Kennaa nuuf kennameen hojii bu’aa busu hojjanee motummaasaa akka dhaallu waaqayyoon nu haa gargaaru.  

 

 

Dabrazayit

Dn. Addunyaaw Tasfaayeetiin

  Sanbatni(Dilbatni) 5ffaa “Dabrazayit” jedhama. Moggaafni sanbatoota darbaniis ta’e kan isa kanaa kan Qulqullicha Yaareedi. Akka seera mana kiristaanaa keenyaatti guyyaan kun yaadannoo lammata dhufuu Gooftaa itti himamu yoo ta’u, Gooftaan keenya fayyisaan Addunyaa Iyyasuus Kiristoos kabaja guddaa faaruu Ergamtootaatiin dhufuu isaa fi cubbamtootatti murteessuu fi Ebbifamtoota(Qulqullootaaf murteessuuf kan dhufu  ta’uu isaa kan itti barsiifamu dha.

Mata dureen Faaruu guyyaa kana Faarfatamuuf Yemmuu Gooftaan Dabrazayitii  taa’ee ture jedha. Dabrazayitii jechuun gaara mukti Ejersaa itti baay’atu yoo ta’u kan argamus baha Iyyarusaalamitti. Bakki kun kakuu moofaattis ta’ee kakuu haaraa keessatti bakka gara garaa irratti caqafamee argama. Kanneen keessaas:-

 

vQulqullichi Daawiit Abeeseeloomiirraa baqachuuf  kara gaara kanaa akka deeme  ibsameera. ( 2 Sam. 15:30)

vGooftaan keenya bakki kadhanaa itti gaggeesse Geeteesemaanii gaara kana jalatti argamti Mat. 26:30-36

vGooftaan keenya kan gara samiitti bahe Dabrazayitiitti akka ture Luq 24:52 H.D.Bu’ootaa 1:12

vKana malees Gooftaan keenya bakka kanatti deebi’ee akka dhufu raajiin himameera. (Zak 14:4)

vGooftaan keenyas waa’ee deebi’ee murteef dhufuu Isaa bakka kanatti bal’inaan barsiiseera (Mar.13:3)

 

Wangeela Maatiyoos Boq 24:1-36 irratti Duuka bu’ootni Gooftaa yemmuu guyyaa dhufaatii Isaa gaafatanitti guyyaa kana waaqa abbaa malee Ergamootnis ta’ee ilmi namaa akka hin beekne ta’uu ibseera. Barumsi kun  Gowwoota biratti madda shakkii ta’ee kan mul’atu dha.Garuu Gooftaan maaliif kana jedhe yoo jennu abbootiin akka nu barsiisanitti fedhiin beekumsa ilmi namaa kan hin  murtoofne ta’uu isaa irraa kan  ka’e yoo inni jaarraa isaa itti hime bara isaa gaafatuun,yoo  ji’a itti himee  immoo torbee,yoo torbee itti hime sa’aatii gaafatuun ture. Kun immoo ilmi namaa guyyaan dhufaatii isaa fagoodha jechuun cubbuu akka dalagu waan taasisuufii akka saba bara Qulqulluu  Noohi turee jechu dha. Kunis yoo  yeroon isaa himama ta’e namni gaabbiif of hin qopheessu waan ta’eefidha.Kanaafuu Gooftaan keenya yeroo kanatti duuka bu’oota Isaaf mallattoowwan bara dhumaa beeksiseeraa.Mallattoowwaan kunis:-

1.  Mallattoo Siyaasaa

ØWaraanaa fi Oduu  waraanaa addunyaa irratti dhagaa’amuu

ØMarguu baala balasii mootummaa hundeeffachuu Israa’eel.

2.  Mallattoo Diinagdee

ØBeela, Hongee fi sochii lafaa suunamii bakka gara garaa irratti argamuu

3.  Mallattoo  Amantaa

ØAni kiristoosi jechuun namoonni hedduun kan dhufan ta’uu.

 

ØNamootni kiristoosiitti Amanan gidiraa fi dabarsamanii laatamuu

 

ØNamni badii bakka Qulqullinaa irratti argamuu

 

Yeroo mallattoowwan kuniin mul’atan yeroon xumuraa kan qaqqabe  ta’uu isaa baruun namootni akka of eeganuuf kan himame waan ta’eef hundi keenya yemmuu dhufaatii Gooftaa keenyaa yaadannu bakki galma keenyaa eessa? jechuun qalbii gaabbiif qopheessuun yeroo hunda qophoofnee kan Gooftaa eegnu ta’uu qabna.

Guyyaan kunis kan akkanatti moggafameef kitaaboleen guyyaa kana dibbifamanu kan wa’ee dhufaatii Gooftaa ibsanii fi ilmaan namaa bara dhumaa fi murtoo guyyaa sana kennamu yaadachuun mootummaa Waaqayyoo isa bara baraatiif akka of qopheessan barsiisuuf waan ta’eef nus mootummaa darbuu tuffachuun mootummaa hin darbineef of qopheessuunyeroo itti kennuu hin qabnu.Kanaafis Waaqayyo jireenya bara baraaf akka geenyuuf nu haa gargaaru.

 

TORBANOOTA SOOMII GUDDAA

                                TORBANOOTA SOOMII GUDDAA

Guraandhala 23                                                                                                 

                                                                                                                         H/Iyyasuus G/Yohaannisiin   

Torbanooni Soomii guddaa bakka  sadeetitti qoodamu.Torban hundaaf manni kiristaanaa keenya maqaa moggaasteerti.

 

Torban Tokkoffaa:-Zawerede” jedhama.Torban kana kessatti Ilmi Waaqayyoo  Iyasuus  Kirstoos akka Nama ta’ee addunyaa kana fayyise, Waaqayyo jalala namaatii jedhee akka ilma Isaa tokkicha  gara addunynaa kanaatti  akka  erge, Ilma Isaatti kan amane immoo bara baraaf akka jiraachuu danda’u, kan Ilma Isaatti hin amanne immoo akka itti murtaa’u  torban kana kessatti kan barsiisamudha. Wangeellii torban kana keessatti dubatammu immoo;Yohannis 3:10-20  dha.

 

Torban Lamaffaa:-  Qiddist”  jedhama. Torban kana kessatti Waqayyo keenya cubbuu keenya irraa nu qulqulleesuf akka nama ta’e; nutis qulqullina Isa irraa arganne fiixaan basuuf akka soomuu qabnu, akka kadhachuu qabnuu, akka kennaa adda addaa hiyyeesaf lachuu qabnu, kan itti  ibsamu yemmu  ta’u;  kadhanii fi kennaan keeyna akkasumas, soomiin keeyna akka seeraan ta’u kan bal’inaan itti ibsamudha.Torban kana keessatti wangeelli dubbifamu; Mat 6:16 dha.

 

 

 

Torban Sadaffaa:- Mikuraab” jedhama. Mikuraab jechuun bakka Yihudoonni kitaaba itti dubisani, kadhaa  itti godhanii  fi aarsaa  itti raawwatanidha. Garuu isaan seera kana hunda jigsuudhan yemmu  faasikaa isaanii  Horii fi makodii( gugee)  qalmaa, akkasumas, maallaqa itti geeddaru ture. Goftaan keenya Iyyasuus Kiristoos waan kana argee obsuuf  hin dandeenye  “Mana Abbaa Kootii bakkee bittaa fi gurguuraa hin godhinaa” jedhee moraa kessaa isaan ari’eera.

 

 

Har’as mana kana keessatti waan Waaqayyo hin  eeyyamne raawwachuun ni adabsiisa. Mana jechuun mana kiristaanaa  itti sagadnu qofa  osoo hin taane  qaamni keeynas waan mana quluqullummaa Waaqayyoo  ta’uu qabuuf hundi  keeyna  namummaa keenya keessattii waan Waaqayyo gammachiisuu danda’u yaduu fi hojjachuun nurraa eegama jechuudha. Garuu kana gochuu  baannaan akka qulqqullu Phaawloos dubbate mana Waaqayyoo diioguu keenyaan akka itti gaafatamnu nu hubachiisa. ( 1Qor 3:16)

 

 

 

Torban Afraffaa:- “Matsaaguu” jedhama. Matsaaguu jechuun dhukubsaataa jechuudha. Seenan isaas waggoota 38f bakkee cuphaa Beeta saayidaa jedhamtuutti fayyina argachuuf siree isaa irratti maxanee kan jiraachaa turedha. Bakkee cuphaa kana irratti namootiin fayyan namoota fira qaban ykn namoota human qaban yemmu ta’u, wanta inni firaaf humna hin qabneef yemmu ergamaan Waaqayyoo bishaan sana warraaqsu (sochoosu) namni isa bishaan kessa isa cuuphu wanta hin jirreef Waggoota kanaaf rakachaa ture.

 

 

 

 Garuu firaaf humna dhabee haa jiraatu malee booddee irratti Gooftaan Keenya Iyyasuus Kiristoos itti dhiyaatee  “Fayyuu Ni feetaa” jedheen dhukubsataan sunis ani nama nagargaaru hin qabu; yemmu ergamaan Waaqayyoo bishaan waraqsu namni bishaan kana keessa na buusu waan hin jirreef namootiin humnaaf fira qaban na dursu jedheen.

 

 Yemmuu  kana Gooftaan keenya Iyyasuus kiristoos “Ka’iitii siree kee baadhuu deemi” jedheen. Matsaaguunis fayyaa isaa argtee siree isaa baate deemuuf danda’eerra. Kana kan godhe Gofta Keenya Iyyyasuus kiristoosi. Maqaan Isaa bara baraaf kan galatoome yaata’u.

 

Har’as namoonni adda addaa nama isaan gargaaru dhabuudhan rakina adda addaatiin fayyaa isaanii dhabaa jiru.  Nama afuutaa ta’uu jechuun ykn kirstaanummaan nama nama dhabeef nama ta’udha. Nama rakkachaa jiruuf qaqabuudha, kan nuti Gooftaa keenya irraa barannus kanadha. Torban kana kessatti Wangeelli dubbisamu Yohannis 5:1-24.

 

Galanni Waaqayyoof haa ta’u, Ameen!