QO’ANNAA KITAABA QULQULLUU

QO’ANNAA KITAABA QULQULLUU

                                                                   RATTAA GUREEN

KUTAA TOKKOFFAA

1. HIIKA KITAABA QULQULLUU

      1. KITAABA QULQULLUU JECHUUN MAAL JECHUUDHA?
      2. KITAABNI QULQULLUU MAALIIF QULQULLUU JEDHAME?
      3. FAAYIDAAN KITAABA QULQULLUU MAALI?
      4. KITAABA QULQULLUU EENYUTU BARREESSE?
      5. WAA’EE NAMOOTA QULQULLUU KITAABA QULQULLUU BARREESSANII RAGAAN KITAABA QULQULLUU JIRAA?
      6. YOOMII FI EESSATTI BARREEFFAME?

KUTAA LAMMAFFAA

2. MOGGAAFAMAAFI BAAY’INA KITAABOLII KITAABA QULQULLUU KEESSATTI ARGAMANII

      1. MOGGAAFAMA KITAABA QULQULLUU
      2. KITAABNI QULQULLUU QOOQA ADDA ADDAAN BARREEFFAMUUSAA
      3. KITAABNI QULQULLUU GARA QOOQA ADDA ADDAATTI HIIKAMUUSAA
      4. AKKAATA ITTI KITAABNI QULQULLUU QOOQAA GARA QOOQAATTI HIIKAMU

                   KUTAA SADAFFAA

3. KITAABNI QULQULLUU GARA ITIYOOPHIYAATTI DHUFUU ISAA

  1. HIIKA KITAABA QULQULLUU ITIYOOPHIYAATTI

 

KUTAA TOKKOFFAA

1     HIIKA KITAABA QULQULLUU

  1. 1KITAABA QULQULLUU JECHUUN MAAL JECHUUDHA?

Kitaaba qulqulluu jechuun maal jechuudha? Jechi “kitaaba qulqulluu” jedhu jechoota “kitaaba” fi “qulqulluu” jedhaman irraa kan argamedha. Kitaaba jechuun barreeffama bakka tokkotti hidhamee /walitti qabamee/ argamu yommuu ibsu; “qulqulluu”   jechuun immoo kan filatame kan adda bahe kan kabajame jechuudha. Kanaafuu kitaaba qulqulluu jechuun barreeffama walitti hidhamee /walitti qabamee/ argamu barreeffama kabajame, barreeffama filatame, barreeffama adda

bahe jechuudha.

  1. 2 KITAABNI QULQULLUU MAALIIF QULQULLUU JEDHAME?
      1. Argamsiisaan kitaaba kanaa waaqayyo gooftaan qulqulluu waan ta’eef
      2. Namootii qulqulluun afuura waaqayyoon durfaman kan barreessan waan ta’eef
      3. Namoota gara qulqullinaatti kan geessisu waan ta’eef
      4. Namootii dubbisanii fi dhagahan waan eebbisuuf
      5. Ilmaan namaa osoo hin uumamiin dura haala jiru mirkaneessee waan dubbatuuf
      6. Gara fuulduraatti wanta raawwatu mirkaneessee kan dubbatu waan ta’eef
      7. Barri kan isa hin geeddarre waan ta’eef
      8. Kabaja qulqullootaa kan dubbatu waan ta’eef qulqulluu jedhameera.

1)Argamsiisaan kitaaba kanaa waaqayyo gooftaan qulqulluu waan ta’eef

Kan waaqayyoo kan ta’e hunduu qulqulluudhaatii kitaaba qulqulluurrattis akkas jedha. “Ani waaqayyo uumaan keessan qulqulluudhaatii isinis qulqulloota ta’aa.” See. Lewootaa 19:2. Namootiin waaqayyoof adda yommuu ta’an, jechuunis waaqayyo hojii adda ta’eef yommuu isaan filatu qulqulluu jedhamu. Waaqayyo qondaalaa raajotaa Museedhaan “kana booda obboleessa kee Aarooniin isa wajjinis ijoollee isaa ni uffifta luboota ta’anii akka tajaajilan isaan dibda isaan qulqulleessitas” kan jedhe. See.Ba’uu 28:40-41. “kan isin waame qulqulluu akka ta’e isin ammo jireenya keessan hundaan qululloota ta’aa”/1pheexiroos 1:15-16/.

2)Namootii qulqulluun afuura waaqayyoon durfaman kan barreessan waan ta’eef

“Raajii kitaaba keessa jiru hunda eenyuyyuu ofiisaaf akka fedhii mataa isaatti hiikuuf hin eeyyamamneef; raajiin eeyyama namootaan hin dhufneetii; haata’uutii waaqayyoon ergamanii namootii qulqulluun durfamanii dubbatan” /2 pheexros 1:20-21/.

3)Namoota gara qulqullinaatti kan geessisu waan ta’eef

Kitaabolii kabajaman amananii fudhachuun sagalee Waaqayyoo dhagahuudha. Gara dhugoominaa gahuuf duraan dursee amanuun barbaachisaadha. “Amantiin dhag’uudha; dhagahuunis sagalee waaqayyoodha” akka jedhame. Roomee 10:17. Sagalee waaqayyoo kan dhagahan hundi gara qulqullinaa ga’uunsaanii hin shakkamu. Kanaafidha qulqulluu Yohaannis “sagalee raajii kitaaba kanaa kan eegu eebbifamaadha” Mul’ata 2:7 jechuun Waaqayyo gooftaan kan isaaf ibse.

4)Namootii dubbisanii fi dhagahan waan eebbisuuf

Kitaabolii isaan kaan dubbisuun gorsiifi beekumsi ni argama. Kitaaba qulqulluu dubbisuunii fi sagaleesaa dhagahuun garuu eebba ni arganna. Mul’ata 1:3

5)Ilmaan namaa osoo hin uumamiin dura haala jiru mirkaneessee waan dubbatuuf

kitaabolii qulqulluu keessatti duraan dursanii kan raawwatan hunda yommuu ibsu tilmaamaan yookaan ni ta’a laata jedheet osoo hin taanee haala mirkaneeffameen dubbata. Fakkeenyaaf:- “waaqayyo duraan dursee samiifi lafa uume” /See. uumama 1:1/. Ergaan caqasa kana irraa hubannu “waaqayyo samiif lafa osoo hin uumiin hin hafne yookaan uumeet ta’a” osoo hin taanee “uume” jechuusaa hubachuun barbaachisaadha. Kunis adda isa taasisa.

6)Gara fuulduraatti wanta raawwatu mirkaneessee kan dubbatu waan ta’eef

Kitaabni qulqulluu kan darbe akkuma mirkaneessu hunda kan dhufus shakkii tokko malee mirkaneessee kan dubbatu waan ta’eef addadha. Kitaaboliin isaan kaan dhimma gara fuulduraatti dhufu tilmaama isaanii qo’annaa fi qorannaan yookaan tilmaamaan akkas “ta’uu danda’a” yoo jedhan malee akkas taasisa jechuun mirkaneessanii hin dubbatani.

Fakkeenyaaf raajaa isaayyaas “kunoo dubartiin garaatti ni baatti mucaa ilmaas ni deessi; maqaasaas Amaanu’eel jettee ni waamti” jedhe malee “garaatti ni baatti ta’a; ni deessi ta’a; Amaanu’eel jedhamuu danda’a” hin jenne. /Isaayyaas. 7:14/. Raajaa Isaayyaas wa’ee waa’ee gooftaa keenya Iyyasuus kiristoos raajiin dubbate kan raawwate inni dubbatee waggaa dhibba torba /700/ yommuu ta’u yoo ta’u, jechasaa irraa homtuu osoo hin raawwatiin kan hafe hin jiru.

Akkasumas qulqulluun Daawwit waa’ee dhufaatiisaa lammaffaa gooftaa keenya Iyyesuus kiristoos mirkaneessuun “kabaja miidhaginasaa tsiyoon irraa waaqayyo ifa ta’ee ni dhufa.” Jedhe malee “ni dhufa ta’a” yookaan “dhufuu hin dhiisu” hin jenne /faarfannaa 49:2/

7)Barri kan isa hin geeddarre waan ta’eef

Kitaabni qulqulluu kan hin dulloomne; baay’inni waggootaa kan isa hin daangessine kan bara baraati. Mee caqasa armaan gadii haa hubannu.

“sagaleen waaqayyoo garuu bara baraaf jabaattee ni jiraatti” Isaayyaas. 40:8

“samii fi lafti ni darbu sagaleen koo garuu hin darbu” Maat. 24:25

“Sagaleen gooftaa bara baraaf ni jiraata”   Pheexiroos 1ffaa 1:25

8)Kabaja qulqullootaa kan dubbatu waan ta’eef qulqulluu jedhameera.

Waa’ee dudroo Maariyaam, waa’ee ergamoota qulqulluu, waa’ee qulqullootaa, waa’ee dhugoomtotaa, waa’ee wareegamtootaa waan dubbatuuf qulqulluu jedhameera.

  1. 3 FAAYIDAAN KITAABA QULQULLUU MAALI?

Faayidaan kitaabni qulqulluu qabu baay’ee ta’uurraan kan ka’e muraasa isaanii akka armaan gadiitti haa ilaallu

1ffaa. Ilmaan namaa akka itti durfamuuf.

2ffaa. Ajajaa fi eeyyama waaqayyoo beekuufidha.

3ffaa. Aangoo isaa fi jireenya isaa beekuuf

1ffaa.Ilmaan namaa akka itti durfamuuf.

Kitaabni Qulqulluu daandii ilmaan namaa gara fayyina bara baraatti akka ga’aniif taasisudha. “Iyyesuus kiristoos ilma Waaqayyoo akka ta’e akka amantaniif amantaniis maqaasaan jireenya akka isiniif ta’u barreeffameera” Yoh.20;31 dhugaasaa sobarraa; ifa dukkanarraa; gaariisaa hamaarraa adda baasanii ittiin beeku. Qulqulluu Daawwit “seerri kee miilla koof ibsaa; daandiikoofis ifadha” jechuun kan dubbate kana nuuf mirkaneessa. Faar. 119:105

Qulqulluu phaawuloos ilmasaa ximootiyoositti ergaa barreesseen waa’ee kitaabolii Qulqulluu akkas jedheera “haa ta’uutii namootii hamooniifi goyyomsitoonni akka dogoggorsaniifi akka dogoggoran miidhaadhaan dabalaa deemu. Ati garuu kan baratteeni fi kan siif galeen jabaadhuu jiraadhu; eenyurraa akka baratte ni beektaatii; daa’imummaakeetii eegaltee Kiristoos Iyyesuusiin amanuun ogummaa fayyuun itti argamu siif kennuu kan danda’an Kitaabolii Qulqulluu beekteetta. Namni waaqayyoo gonkumaa fi hojii gaariif kan qophaa’e akka ta’uuf kitaaba afuura Waaqayyoo qabu hunda, beekumsaa fi dheekkamsaaf; laphee sirreessuuf gorsa dhugoominaaf ni fayyada.” Jechuun bal’inaan ibseeraatii. Ximot. 2ffaa   3:13-17

Barumsa qulqulluu Phaawuloos irraa kan hubannu kitaabni qulqulluu fayyuuf, gonkummaaf, hojii gaariif qophaa’uuf, barumsaaf, dheekkamsa qajeelinaatiif, laphee ofii sirreessuuf; gorsaaf fayyaduusaati.  

2ffaa.Ajajaa fi eeyyama waaqayyoo beekuufidha.

Kitaabni Qulqulluu Waaqayyo ilmaan namaaf seera kenne kan barsiisu waan ta’eef icciitii kana ijoolleesaaf barsiisaa ibsu waan ta’eef faayidaansaa ol’aanaadha. “ani kanan isin ajaje ajaja waaqayyo uumaa keessanii ni eegdu malee ajaja ani isin ajaje irratti hin dabaltani; isarraas hin hir’iftani” jechuun eeyyama namaa wajjin akka walitti hin makne ajajaa fi eeyyama waaqayyoo nu beeksisa’ See. Kee.deebii 4:2

“Waaqayyo gooftaakee laphee gonkumaan, lubbuu gonkumaan, yaada kee gonkumaan yaadadhu jaalladhu. Ajajni isheen duraa fi guddaan kanadha. Isheen lammaffaas kana fakkaatti isheenis hiriyyaakee akka lubbuukeetti jaaladhu kan jettudha.” Jechi jedhu ajaja Waaqayyoo beeksisa. Maat. 22;27-39

Eeyyama isaa ilaalchisee immoo “isaan kan amanu hundi jireenya bara baraa akka qabaatu malee akka hin banne Waaqayyo ilmasaa tokko hanga kennutti addunyaa akkasumaan jaalateeraatii. Addunyaan ilmasaan akka fayyu malee addunyaatti akka murteessu waaqayyo gara addunyaatti hin eegneetii” jedha. Yoh.3:16-17 \

3ffaa.Aangoo isaa fi jireenya isaa beekuuf

Kitaabni Qulqulluu waa’ee aangoo Waaqayyoo ilaalchisee akkas jedha “samiirratti, lafarratti, galaanarratti Waaqayyo kan jaalate hunda taasise.” faar. 134:6. Dabalataanis harkasaa kan dhorku yookaan maal taasifta kan isaan jedhu hin jiru “yommuu jedhu taayitaa /aangoo/ Waaqayyo agarsiisa. Daan.4:35. “lubbuukoo kaasuuf jiraachisuufis ani eeyyama koon nan jiraachisa malee anarraa eenyuyyuu hin fudhatu. Jiraachisuuf aangoo qaba; kaasuufis aangoo qaba.” Kan jedhes aangoosaa kan mul’isudha. Yoh. 10:17-18.

Addunyaa kana akka bitu Qulqulluu Daawwit yommuu ibsu akkas jedheera. “Waaqayyo teessoo ulfinasaa samiirratti qopheessee; mootummaasaas hundumaa ni bitti” jechuun Waaqayyo hundumaa kan bitu ta’uusaa agarsiisa. Faar. 102:19

4KITAABA QULQULLUU EENYUTU BARREESSE?

Barreessitooni kitaaba Qulqulluu Waaqayyoon kan ergaman namootii qulqulluudha. Baay’inaanis afurtama (40) olidha. Namootii qulqulluun Kitaaba Qulqulluu barreessan hojii fi jireenya adda addaa keessaa akkasumas bara adda addaa fi iddoo adda addaa kan turanidha. Haata’uutii hundinuu barreessaa jedhamanii kan barreessan keessatti hojii,   barri jiraatan, iddoon itti jiraatan Kitaaba Qulqulluu keessatti ergaan isa tokkoo kan isa tokkoo wajjin kan wal hin faallessine waan taasiseef hojii Waaqayyoo ajaa’iba ta’uusaa agarsiisa. Barreessitoota gidduudhaa luboonni, Raajonni, Mootummoonnii fi Qonnaan bulaan ni argamu.

Fakkeenyaaf:- Barreessitoota kakuu moofaa keessaa Ermiyaas, Hizqi’eelii fi Zakkaariyaas lubootaa fi Raajjota yoo ta’an Saamu’eel, Isaayyaas, Daani’eelii fi Hoseen immoo Raajjotadha. Qulqulluu Daawwitii fi ilmi isaa solomoon ammo moototadha. Raajjota kudha lama xixiqqoo keessaa tokko kan ta’e Amotsi qotee bulaa akka ture Kitaabni Qulqulluu ni ibsa. Amotsi 1:1

Barreessitoonni kakuu haaraas akkasuma hojii adda addaa kan qaban ture. Fakkeenyaaf qulqulluu Pheexiroosii fi qulqulluu Yohaannis qurxummii kiyyeessu ture.   Luqaas 5:1-11. Isaan kunis yeroosaatti kan hin baranne kan jedhaman uummata birattis hedduu kan tuffataman ture. Wangeela luqaasii fi hojii duukaa bu’ootaa kan barreesse qulqulluu Luuqaas immoo Ogeessa fayyaa ture. Qolaasiyaas 4:14. Qulqulluu Maatiwoos immoo galii funaanaa /walitti qabaa/ /gibira sassaabaa/ ture. Maatiwoos 9:9.

Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos duukaa bu’oonni kakuu haaraa keessatti file osoo hin filamiin dura kan hin baranne haa ta’an malee Waaqayyo kan isaaniif ibse haala barbaachisaa ta’een barreessaniiru; barsiisaniirus. Kanaafis qulqulluu phaawuloos “obbolootakoo waamamuu keessan ilaalaa akka ogummaa namaatti beektota kan ta’an hedduuwwan, ol’aantota kan ta’an hedduun, soressoota kan ta’an hedduun hin waamamne. Haata’uutii waaqayyo beektota akka qaanessu gowwummaa Addunyaa filate; dhimma jabaas akka qaanessu. Waaqayyo dhimma dadhabaa addunyaa filate waaqayyos kan ta’e hunda akka balleessuuf wantoota yaraa kan addunyaa kan tuffatames dhimma hin taanes filate” jechuun barsiiseera. Qorontoos 1ffaa 1:26-28.

Kitaaboliin bara adda addaa barreeffamuu isaaniin alatti bakkeen itti barreeffaman akkasuma adda addadha. Fakkeenyaaf kitaaboliin Musee shananuu kan barreeffaman gammoojjii Siinaatti yoo ta’u; kitaaboliin seenaa kudha lamaan immoo Iyyerusaalemii fi kutaalee Isiraa’el adda addaatti barreeffamaniiru. Kan Izqi’eel kan Daani’eelii fi kitaaboliin raajotaa xixxiqqoo kan barreeffaman biyya godaanaan Baabiloonitti yoo ta’u kitaaboliin Asteerii fi Yooditi ammoo biyya Faarisitti kan barreeffamanidha.

Kaakuu haaraa keessatti immoo ergaawwan qulqulluu Phaawuloosii fi kan qulqulluu pheexiroos magaalaa Roomaatti; akkasumatti isaan kaan mana hidhaatti, mul’anni Yohaannis immoo Fixmootti kan barreeffamanidha.  

  1. 5 WAA’EE NAMOOTA QULQULLUU KITAABA QULQULLUU BARREESSANII RAGAAN KITAABA QULQULLUU JIRAA?

“kunoo sagalee koo /jechakoo/ afaan kee keessa nan kaa’a” jechuun akkuma dubbate Raajaan Eermiyaas Waaqayyo kan isaaf kenne barreesseera . Eermiyaas 1;10. “kirtaasa kitaaba tokko fudhadhu guyyaa sittan hime bara Iyyoosiyaasii jalqabee hanga guyyaa kanaatti Isiraa’elii fi Yihuudaarratti ayizaabota irratti jecha dubbadhe hunda irratti barreessi” jedhamee Eermiyaas akka barreesse ni ilaalla. Dabalataanis “jecha /sagalee/ sittan hime hunda kitaabarratti barreessi jedhee Waaqayyo Eermiyaasiin akka ajaje barreeffameera. Eerm.36:2

Mul’ata 1;11 “kan argitu kitaabaan barreessiitii gara Efeesoonii fi Saarminees gara pheergaamoonis gara xiyaaxiroonis, gara sardeesis, gara filiidilfiyaas, gara loodooqiyaas Isiyaa warra jiran gara mana kiristaanota toorbaniitti ergi naan jedhe’ jedheera.

    

  1. 6 YOOMII FI EESSATTI ARREEFFAME?

Akka armaan olitti ibsuuf yaalametti kitaabni qulqulluu namootii adda addaan akka barreeffame hunda barrii fi bakki itti barreeffames akkasumadha. Kitaabni inni jalqabaa kitaabni heenook yeroon itti barreeffame 1486 /addunyaan erga uumamee jalqabee yommuu lakkaawamu /mul’atni yohaannes hanga barreeffame bara 98 /bara araaraa/ barri hedduun darbaniiru. Kanaafuu kitaaba qulqulluu barreessuuf waggoota 4100 ol fudhateera.

“Isaanis amantii isaaniin… humna abiddaa balleessan”. Ibr 11:33-35

 “Isaanis amantii isaaniin… humna abiddaa balleessan”. Ibr 11:33-35

                                                                                                  Dn. Takluu Haayiluu

Kaayyoon Waaqayyoo dhala namaa uumeef maqaa Isaa galateeffannee akka mootummaa Isaa dhaalluufidha. Haata’u malee dhalli namaa bilisummaa qabutti fayyadamuun Waaqa dachee fi samii akkasumas uumamtoota hunda uume dhiisee Waaqa alagaa waaqessuun (Waaqa tolfamaaf jilbeeffachuun) ajaja Waaqayyoo “Ana malee Waaqonni biroo siif hin ta’iin” jedhu yoo cabsu kitaaba qulqulluu kessatti bakka hedduutti katabamee ni argana. Se. Ba’uu 20:1-4, Mat 6:24, Yoh 5:29.

Israa’eeloonni yeroo wareeramanii biyya Faariis Baabiloon keessa jiraatan Naabukadenetsoor ijoollee Israa’eel gosa moototaa fi abbootii murtii ta’an keessaa mudoo kan hin qabnee fi babbareedoo, beekumsaan kan guutamanii fi kanneen qalbii qabessa ta’an, mootii fuldura dhaabachuu danda’an filatee mana barumsaa kaalaadawiyaanotatti afaanii fi ogummaa akka barataniif gaafate. Daani’eel, Anaaniyaa, Azaariyaa fi Misaa’eel ni filataman. Akkasumas fuula mootichaatti kabaja argatan. Isaanis Sababa nyaataa fi dhugaatiin akka hin bushoofneef ykn harfoofneef daadhiiif cooma mootii dhiisanii akaayii goggoogaa fi bishaan xiqqoo dhugaa barumsa isaanii baratan (Dan 1:8-21). Mootichiis maqaa isaanii:- Daani’eeliin- Bilxaasoor, Anaaniyaan- Sidiraaq, Azaariyaan- Abidinaagoom, Misaa’eeliin –Misaaq jechuun jijjire. (Dan 1:1-dhumaa).

Ijoolleen kunis beektotaa fi qalbii qabeeyyii waan ta’aniif kutaalee biyya Baabiloon irratti muudaman. Dan2:46-48. Muudamuun ijoollee sadeen kanaa garuu, saboota Baabiloon biratti inaaffaa uume. Isaanis ijoollee sadaniif mooticha wal dhabsisuuf jecha akkas jechuun mala baasan “Firaa fi diina kee kan ittiin addaan foo’attu xaa’ota (tolchaa) itti sagadamu dhaabi” jechuun gorsan. Isaanis kutaalee Baabiloon irratti ijoolleen ati muudde gosoota Ayihuudota ta’an Waaqa ati dhaabdeef hin jilbeeffatan; ajaja kees hin kabajan jechuun mootiitti himan. Yeroo kana mootichis ni dheekkame. Hojjetotaa fi jiraattota biyya sanii hunda xaa’ota (tolchaa) dhaabbateef akka sagadaniif waamamanii, akka jilbeefataniis ajajaman. Mootichis haalota sadiitti fayyadamuun namootni hundi akka xaa’otaaf (tolchaaf) jilbeefatan taasisan. kunis:-

 

v  Labsii baasuun: -labsiin Kun warreen aangoo irra jiranii hanga tokkoon tokkoon namootaa kan laallatu yoo ta’u warreen aangoo qaban fakkenya ta’uu waan qabanif isaan irratti daraan xiyyefata ture.

v  Sagalee Muuziqaan booji’uun:- “wayita sagalee dibbee, nagaaritaa, fi kkf dhagessan kuftanii akka xaa’otaaf sagaddan’’ kan jedhuun sagalee meeshaalee muuziqaan booji’e.

v  Yoo jilbeeffachuu diddan labooba abiddaa keessatti akka darbataman jechuun sodaachisani. Mootichis harka kiyya irraa waaqni isin baasu eenyu? (Dan 3:15), Yoo jilbeeffachuu diddan abiddatti darbatamtu yoo jedhus ijoolleen sadeen garuu “Waaqni nu’i Waaqessinu labooba abidda kana keessaa nu baasa. Nu baasuu baatus waaq-harkee (tolchaa) keef hin jilbeeffannu” jechuun deebisaniif.

Haa ta’uu malee ijoollee sadeen kunis haala kanaan jilbeeffachuu hin dandeenye. “Isaan garuu hin jilbeeffannu” jedhani. Dan 3:13-19.

Yeroo kana mootichi ijoollee sadan labooba abiddaa keessatti darbachise. Laboobni abiddichaas hamaa ta’uu isaa irraa kan ka’e namootni ijoollee sadeen darbatan battaluma sanatti abiddaan nyaataman.

Daa’imman sadeen garuu hidhaan isaanii hiikamee Afur ta’uun, inni afraffaan garuu isaanirraa adda kan ta’e dha. Innis bifa Waaqoota kan qabu, Ergamaa Waaqayyo Qulqulluu Gabri’eeli dha. Labooba ibiddaan rifeensi mataa isaaniillee osoo hin gubatne labooba ibiddaa keessa afur ta’uun deddeebi’aa “Waaqni abbotii keenyaa ol ol haa jedhu, maqaan Isaa bara baraaf kan galatoome haa ta’u….”jedhan. (Faaruu ijoollee sadeenii 1:2-dhumaa) jechaa osoo faaraftanii mootichii fi namootni kanneen argan, dhaga’anis.

Kana irraa ka’uun “Waaqni ergamaa isaa ergee, garboota isaa amanamoo Anaaniyaa, Azaariyaa, fi Misaa’eel labooba Abiddaa keessaa baase haa galatoomu” jedhan.Dan 3:28. Sababni kabaja ayyaanna yaadannoo Ergamaa Qulqulluu Gabri’eel Mudde 19 kabajamus seena ijoollee sadeeniin kan walqabate dha.

Seenaa kana irraa wantoota gurguddoo armaan gadii baranna.

  1. Cimina amantaa ijoollota sadeeni
  2. Tajaajila qulqulloota Ergamootaa

Amantaan amanuu,amanamuu, murteessuu fi hojiin agarsiisuu of keessatti qabata. Ijoolleen sadeenis Waaqayyootti amananii, jabina amantaa isaanis “Waaqni waaqessinu abidda keessaa nu baasa” jechuun dubbatani. Amantaa isaan abbootii isaanii irraa fudhataniifis wareegaman, Waan isaan qunnamu mara fudhachuuf murtessan “Waaqni waaqessinu abidda keessaa nu baasuu ni danda’a; ta’uu baatus abidda kanatti darbatamnee akka wareegamnu fedha Waaqayyoo yoo ta’e abiddatti ni senna” Jechuun amantii isaanii ibsan.

Jecha afaan isaanii hojiin muldhisan. Akkuma qulqullu Ya’iqob “Amantiin hojii malee kan du’ee dha”. (Ya’iqoob 5:12) jedhe. Amantaa yoo qabaanne moo’icha, humnaa fi ogummaa arganna. (1Yoh 5:4) Kanaaf Waaqayyon ergamaa isaa ergee abidda keessaa isaan baase. Ergaamotni Waaqayyoo naannoo warra isaan sodaataniitti ni buufatu ni fayyisuunis (Faar. 33:7). Ciminni isaaniis akka Waaqayyoon afaan warra Waaqayyoon hin beekneen galateeffamuuf sababa ta’e. ( Dan 3:28-30).

  • Ergamootni qulqulloota, jaboota, akkasumas ija namaan hin muldhatamneedha.
  • Ergamootni Baay’inni isaanii kan hin beekamne kumaa fi kumaatama ta’u. Erm. 33:22
  • Ergamootni qulqullootni bara baraan kan jiraatan, kan hin duune, hin fuune fi saala kan hin qabneedha. Mat 22:30

Ergamootni qulqullootni tajaajila gurguddaa lama qabu.

Tokkoffaan boqonnaa malee Waaqayyoon galateeffachuu fi kabajuu (Mul. 4:6-11, Mul 5:6—14, Isa, 6:1, Faarsa 102:20) yoo ta’u

Inni lammaffaan immoo dhala namaa boqonnaa malee tajaajiluu (eeguu) dha. Waaqayyo Ergamaa Isaa ergee afaan Leencotaa cufeera. (Dan 12:1)

Tajaajila Ergamootni dhala namaaf kennan hedduu keessaa isaan muraasni:-

  • Ergamootni dhalli namaa jireenya bara baraa akka argatan ni gargaaru. Ibr 1:4
  • Ergamootni gara uumamtootaatti araaraa fi dheekkamsa fiduuf (2Mot 19:35) ni ergamu. “Ergamaan Waaqayyoos deebisee yaa Gooftaa hunda danda’aa warreen waggaa 70 itti dheekkamte magaalota Iyyerusaaleemii fi Yihudaa kanaaf kan hin dhiifneef hanga yoomiitti?”( Zak 1:12),
  • Ergamootni kadhannaa namootaa fuula Waaqayyootti ni dhiyeessu. Mul 5:8 Mul 8:2-2, Mat 18:10, Yoh 1:52
  • Qulqullootni Ergamootni wanta hamaa irraa ni baraaru (eeguu) gara gaarittis nu geessu. ( Se. Ba’uu 22:32)
  • QuLqulootni Ergamootni dhala namaa ni jajjabeessu ni kunuunsu. 1Mot 19:5, Dan 10:13-21
  • Qulqullootni Ergamootni badii jinnii/seexanaa / jalaa nu baasu
  • Qulqullootni Ergamootni warreen shakkan ni adabu. Luq 1:20
  • Qulqullootni Ergamootni Waaaqayyoo dura nuuf dhaabbatu. Luq 1:19
  • Qulqullootni Ergamootni diinaan nuu falmu
  • Qulqullootni Ergamootni Waaqayyo, yeroo rakkoo keenyaa nu gargaruu.Farf 33(34):7,farf 90:10

Kana irratti yeroo kadhannaa ergamootaa kaasnu wantootni sadii jiraachuu isaanii qalbeeffachuu qabna.

  1. Kan kadhatamu, dhiifama kan laatu, Waaqni araaraa jiraachuu isaa. Ba’uu 32:11-15
  2. Kan kadhatu /araarsituun/ Ergamaan ykn Qulqullootni jiraachuu. Zak 1:12
  3. Kan kadhatamuuf /dhiifama kan barbaadu namnii jiraachuu akka qabu beekuun nurraa eegama. Luq 18:13, Umm 20:7, Hizqeel 14:14

Walumaagalatti yeroo kabaja ayyaanaa qulqullicha Gaabri’elii kabajnu nu’i Kiristaanotni amantaa keenyan cimnee dhaabbachuu akka qabnu, sababa amantaa keenyaaf hanga wareegamuutti deemuu akka qabnu, ijoollota sadeen irraa ni baranna. Itti dabaluunis Waaqayyon yoo ajaja Isaa eegne, akka fedha Isaatti yoo deemne hamaa irraa akka nu eegu ni hubanna. (Faar 118:105, Ibr 8:28.) Akkasumas Ergamootni Waaqayyoo hamaa fi hammaataa irraa akka nu eegan, akka nuuf dhabbatan (nuuf kadhatan) ni baranna. Ijoolleen sadeenis amantii isaaniin cimanii, gaarummaa Waaqayyoo, eegumsa hangafa Ergamaa qulqulluu Gabri’eelii nutti muldhisaniiru. Kanarraa ka’uun mootichis “Ergamaa isaa kan ergee ….garboota isaa kan fayyise Waaqni Anaaniyaa, Azaariyaa, fi Misaa’eel kan galatoome haa ta’u” jedhe.

Nuyi kiristaanotni amantaa keenyaan cimnee, hojii gaarii hojjennee fakkenya taanee, addunyaa hamaa kana irraa gaarummaa Waaqayyoo, kadhannaa Ergamootaa, araarsummaa haadha keenya Dubroo Maariyaamitti amannee, gaabbii gallee, kabajamaa foonii fi qulqulluu dhiiga Waaqayyoo fudhannee dhaaltuu mootummaa Waaqqayyoo akka taanuuf fedhaa fi jaalala Waaqayyoo nuuf haa ta’u.

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

Eegumsi hangafa Ergamaa qulqullu Gabri’eelii nu biraa hin hafin. AMEEN!!!

Madda

      Weebsaayitii Waldaa qulqullootaa barruu Afaan Amaariffaa.

      Kitaaba seenaa

      Kitaaba Raajii Daani’eel