QO’ANNAA KITAABA QULQULLUU

QO’ANNAA KITAABA QULQULLUU

                                                                   RATTAA GUREEN

KUTAA TOKKOFFAA

1. HIIKA KITAABA QULQULLUU

      1. KITAABA QULQULLUU JECHUUN MAAL JECHUUDHA?
      2. KITAABNI QULQULLUU MAALIIF QULQULLUU JEDHAME?
      3. FAAYIDAAN KITAABA QULQULLUU MAALI?
      4. KITAABA QULQULLUU EENYUTU BARREESSE?
      5. WAA’EE NAMOOTA QULQULLUU KITAABA QULQULLUU BARREESSANII RAGAAN KITAABA QULQULLUU JIRAA?
      6. YOOMII FI EESSATTI BARREEFFAME?

KUTAA LAMMAFFAA

2. MOGGAAFAMAAFI BAAY’INA KITAABOLII KITAABA QULQULLUU KEESSATTI ARGAMANII

      1. MOGGAAFAMA KITAABA QULQULLUU
      2. KITAABNI QULQULLUU QOOQA ADDA ADDAAN BARREEFFAMUUSAA
      3. KITAABNI QULQULLUU GARA QOOQA ADDA ADDAATTI HIIKAMUUSAA
      4. AKKAATA ITTI KITAABNI QULQULLUU QOOQAA GARA QOOQAATTI HIIKAMU

                   KUTAA SADAFFAA

3. KITAABNI QULQULLUU GARA ITIYOOPHIYAATTI DHUFUU ISAA

  1. HIIKA KITAABA QULQULLUU ITIYOOPHIYAATTI

 

KUTAA TOKKOFFAA

1     HIIKA KITAABA QULQULLUU

  1. 1KITAABA QULQULLUU JECHUUN MAAL JECHUUDHA?

Kitaaba qulqulluu jechuun maal jechuudha? Jechi “kitaaba qulqulluu” jedhu jechoota “kitaaba” fi “qulqulluu” jedhaman irraa kan argamedha. Kitaaba jechuun barreeffama bakka tokkotti hidhamee /walitti qabamee/ argamu yommuu ibsu; “qulqulluu”   jechuun immoo kan filatame kan adda bahe kan kabajame jechuudha. Kanaafuu kitaaba qulqulluu jechuun barreeffama walitti hidhamee /walitti qabamee/ argamu barreeffama kabajame, barreeffama filatame, barreeffama adda

bahe jechuudha.

  1. 2 KITAABNI QULQULLUU MAALIIF QULQULLUU JEDHAME?
      1. Argamsiisaan kitaaba kanaa waaqayyo gooftaan qulqulluu waan ta’eef
      2. Namootii qulqulluun afuura waaqayyoon durfaman kan barreessan waan ta’eef
      3. Namoota gara qulqullinaatti kan geessisu waan ta’eef
      4. Namootii dubbisanii fi dhagahan waan eebbisuuf
      5. Ilmaan namaa osoo hin uumamiin dura haala jiru mirkaneessee waan dubbatuuf
      6. Gara fuulduraatti wanta raawwatu mirkaneessee kan dubbatu waan ta’eef
      7. Barri kan isa hin geeddarre waan ta’eef
      8. Kabaja qulqullootaa kan dubbatu waan ta’eef qulqulluu jedhameera.

1)Argamsiisaan kitaaba kanaa waaqayyo gooftaan qulqulluu waan ta’eef

Kan waaqayyoo kan ta’e hunduu qulqulluudhaatii kitaaba qulqulluurrattis akkas jedha. “Ani waaqayyo uumaan keessan qulqulluudhaatii isinis qulqulloota ta’aa.” See. Lewootaa 19:2. Namootiin waaqayyoof adda yommuu ta’an, jechuunis waaqayyo hojii adda ta’eef yommuu isaan filatu qulqulluu jedhamu. Waaqayyo qondaalaa raajotaa Museedhaan “kana booda obboleessa kee Aarooniin isa wajjinis ijoollee isaa ni uffifta luboota ta’anii akka tajaajilan isaan dibda isaan qulqulleessitas” kan jedhe. See.Ba’uu 28:40-41. “kan isin waame qulqulluu akka ta’e isin ammo jireenya keessan hundaan qululloota ta’aa”/1pheexiroos 1:15-16/.

2)Namootii qulqulluun afuura waaqayyoon durfaman kan barreessan waan ta’eef

“Raajii kitaaba keessa jiru hunda eenyuyyuu ofiisaaf akka fedhii mataa isaatti hiikuuf hin eeyyamamneef; raajiin eeyyama namootaan hin dhufneetii; haata’uutii waaqayyoon ergamanii namootii qulqulluun durfamanii dubbatan” /2 pheexros 1:20-21/.

3)Namoota gara qulqullinaatti kan geessisu waan ta’eef

Kitaabolii kabajaman amananii fudhachuun sagalee Waaqayyoo dhagahuudha. Gara dhugoominaa gahuuf duraan dursee amanuun barbaachisaadha. “Amantiin dhag’uudha; dhagahuunis sagalee waaqayyoodha” akka jedhame. Roomee 10:17. Sagalee waaqayyoo kan dhagahan hundi gara qulqullinaa ga’uunsaanii hin shakkamu. Kanaafidha qulqulluu Yohaannis “sagalee raajii kitaaba kanaa kan eegu eebbifamaadha” Mul’ata 2:7 jechuun Waaqayyo gooftaan kan isaaf ibse.

4)Namootii dubbisanii fi dhagahan waan eebbisuuf

Kitaabolii isaan kaan dubbisuun gorsiifi beekumsi ni argama. Kitaaba qulqulluu dubbisuunii fi sagaleesaa dhagahuun garuu eebba ni arganna. Mul’ata 1:3

5)Ilmaan namaa osoo hin uumamiin dura haala jiru mirkaneessee waan dubbatuuf

kitaabolii qulqulluu keessatti duraan dursanii kan raawwatan hunda yommuu ibsu tilmaamaan yookaan ni ta’a laata jedheet osoo hin taanee haala mirkaneeffameen dubbata. Fakkeenyaaf:- “waaqayyo duraan dursee samiifi lafa uume” /See. uumama 1:1/. Ergaan caqasa kana irraa hubannu “waaqayyo samiif lafa osoo hin uumiin hin hafne yookaan uumeet ta’a” osoo hin taanee “uume” jechuusaa hubachuun barbaachisaadha. Kunis adda isa taasisa.

6)Gara fuulduraatti wanta raawwatu mirkaneessee kan dubbatu waan ta’eef

Kitaabni qulqulluu kan darbe akkuma mirkaneessu hunda kan dhufus shakkii tokko malee mirkaneessee kan dubbatu waan ta’eef addadha. Kitaaboliin isaan kaan dhimma gara fuulduraatti dhufu tilmaama isaanii qo’annaa fi qorannaan yookaan tilmaamaan akkas “ta’uu danda’a” yoo jedhan malee akkas taasisa jechuun mirkaneessanii hin dubbatani.

Fakkeenyaaf raajaa isaayyaas “kunoo dubartiin garaatti ni baatti mucaa ilmaas ni deessi; maqaasaas Amaanu’eel jettee ni waamti” jedhe malee “garaatti ni baatti ta’a; ni deessi ta’a; Amaanu’eel jedhamuu danda’a” hin jenne. /Isaayyaas. 7:14/. Raajaa Isaayyaas wa’ee waa’ee gooftaa keenya Iyyasuus kiristoos raajiin dubbate kan raawwate inni dubbatee waggaa dhibba torba /700/ yommuu ta’u yoo ta’u, jechasaa irraa homtuu osoo hin raawwatiin kan hafe hin jiru.

Akkasumas qulqulluun Daawwit waa’ee dhufaatiisaa lammaffaa gooftaa keenya Iyyesuus kiristoos mirkaneessuun “kabaja miidhaginasaa tsiyoon irraa waaqayyo ifa ta’ee ni dhufa.” Jedhe malee “ni dhufa ta’a” yookaan “dhufuu hin dhiisu” hin jenne /faarfannaa 49:2/

7)Barri kan isa hin geeddarre waan ta’eef

Kitaabni qulqulluu kan hin dulloomne; baay’inni waggootaa kan isa hin daangessine kan bara baraati. Mee caqasa armaan gadii haa hubannu.

“sagaleen waaqayyoo garuu bara baraaf jabaattee ni jiraatti” Isaayyaas. 40:8

“samii fi lafti ni darbu sagaleen koo garuu hin darbu” Maat. 24:25

“Sagaleen gooftaa bara baraaf ni jiraata”   Pheexiroos 1ffaa 1:25

8)Kabaja qulqullootaa kan dubbatu waan ta’eef qulqulluu jedhameera.

Waa’ee dudroo Maariyaam, waa’ee ergamoota qulqulluu, waa’ee qulqullootaa, waa’ee dhugoomtotaa, waa’ee wareegamtootaa waan dubbatuuf qulqulluu jedhameera.

  1. 3 FAAYIDAAN KITAABA QULQULLUU MAALI?

Faayidaan kitaabni qulqulluu qabu baay’ee ta’uurraan kan ka’e muraasa isaanii akka armaan gadiitti haa ilaallu

1ffaa. Ilmaan namaa akka itti durfamuuf.

2ffaa. Ajajaa fi eeyyama waaqayyoo beekuufidha.

3ffaa. Aangoo isaa fi jireenya isaa beekuuf

1ffaa.Ilmaan namaa akka itti durfamuuf.

Kitaabni Qulqulluu daandii ilmaan namaa gara fayyina bara baraatti akka ga’aniif taasisudha. “Iyyesuus kiristoos ilma Waaqayyoo akka ta’e akka amantaniif amantaniis maqaasaan jireenya akka isiniif ta’u barreeffameera” Yoh.20;31 dhugaasaa sobarraa; ifa dukkanarraa; gaariisaa hamaarraa adda baasanii ittiin beeku. Qulqulluu Daawwit “seerri kee miilla koof ibsaa; daandiikoofis ifadha” jechuun kan dubbate kana nuuf mirkaneessa. Faar. 119:105

Qulqulluu phaawuloos ilmasaa ximootiyoositti ergaa barreesseen waa’ee kitaabolii Qulqulluu akkas jedheera “haa ta’uutii namootii hamooniifi goyyomsitoonni akka dogoggorsaniifi akka dogoggoran miidhaadhaan dabalaa deemu. Ati garuu kan baratteeni fi kan siif galeen jabaadhuu jiraadhu; eenyurraa akka baratte ni beektaatii; daa’imummaakeetii eegaltee Kiristoos Iyyesuusiin amanuun ogummaa fayyuun itti argamu siif kennuu kan danda’an Kitaabolii Qulqulluu beekteetta. Namni waaqayyoo gonkumaa fi hojii gaariif kan qophaa’e akka ta’uuf kitaaba afuura Waaqayyoo qabu hunda, beekumsaa fi dheekkamsaaf; laphee sirreessuuf gorsa dhugoominaaf ni fayyada.” Jechuun bal’inaan ibseeraatii. Ximot. 2ffaa   3:13-17

Barumsa qulqulluu Phaawuloos irraa kan hubannu kitaabni qulqulluu fayyuuf, gonkummaaf, hojii gaariif qophaa’uuf, barumsaaf, dheekkamsa qajeelinaatiif, laphee ofii sirreessuuf; gorsaaf fayyaduusaati.  

2ffaa.Ajajaa fi eeyyama waaqayyoo beekuufidha.

Kitaabni Qulqulluu Waaqayyo ilmaan namaaf seera kenne kan barsiisu waan ta’eef icciitii kana ijoolleesaaf barsiisaa ibsu waan ta’eef faayidaansaa ol’aanaadha. “ani kanan isin ajaje ajaja waaqayyo uumaa keessanii ni eegdu malee ajaja ani isin ajaje irratti hin dabaltani; isarraas hin hir’iftani” jechuun eeyyama namaa wajjin akka walitti hin makne ajajaa fi eeyyama waaqayyoo nu beeksisa’ See. Kee.deebii 4:2

“Waaqayyo gooftaakee laphee gonkumaan, lubbuu gonkumaan, yaada kee gonkumaan yaadadhu jaalladhu. Ajajni isheen duraa fi guddaan kanadha. Isheen lammaffaas kana fakkaatti isheenis hiriyyaakee akka lubbuukeetti jaaladhu kan jettudha.” Jechi jedhu ajaja Waaqayyoo beeksisa. Maat. 22;27-39

Eeyyama isaa ilaalchisee immoo “isaan kan amanu hundi jireenya bara baraa akka qabaatu malee akka hin banne Waaqayyo ilmasaa tokko hanga kennutti addunyaa akkasumaan jaalateeraatii. Addunyaan ilmasaan akka fayyu malee addunyaatti akka murteessu waaqayyo gara addunyaatti hin eegneetii” jedha. Yoh.3:16-17 \

3ffaa.Aangoo isaa fi jireenya isaa beekuuf

Kitaabni Qulqulluu waa’ee aangoo Waaqayyoo ilaalchisee akkas jedha “samiirratti, lafarratti, galaanarratti Waaqayyo kan jaalate hunda taasise.” faar. 134:6. Dabalataanis harkasaa kan dhorku yookaan maal taasifta kan isaan jedhu hin jiru “yommuu jedhu taayitaa /aangoo/ Waaqayyo agarsiisa. Daan.4:35. “lubbuukoo kaasuuf jiraachisuufis ani eeyyama koon nan jiraachisa malee anarraa eenyuyyuu hin fudhatu. Jiraachisuuf aangoo qaba; kaasuufis aangoo qaba.” Kan jedhes aangoosaa kan mul’isudha. Yoh. 10:17-18.

Addunyaa kana akka bitu Qulqulluu Daawwit yommuu ibsu akkas jedheera. “Waaqayyo teessoo ulfinasaa samiirratti qopheessee; mootummaasaas hundumaa ni bitti” jechuun Waaqayyo hundumaa kan bitu ta’uusaa agarsiisa. Faar. 102:19

4KITAABA QULQULLUU EENYUTU BARREESSE?

Barreessitooni kitaaba Qulqulluu Waaqayyoon kan ergaman namootii qulqulluudha. Baay’inaanis afurtama (40) olidha. Namootii qulqulluun Kitaaba Qulqulluu barreessan hojii fi jireenya adda addaa keessaa akkasumas bara adda addaa fi iddoo adda addaa kan turanidha. Haata’uutii hundinuu barreessaa jedhamanii kan barreessan keessatti hojii,   barri jiraatan, iddoon itti jiraatan Kitaaba Qulqulluu keessatti ergaan isa tokkoo kan isa tokkoo wajjin kan wal hin faallessine waan taasiseef hojii Waaqayyoo ajaa’iba ta’uusaa agarsiisa. Barreessitoota gidduudhaa luboonni, Raajonni, Mootummoonnii fi Qonnaan bulaan ni argamu.

Fakkeenyaaf:- Barreessitoota kakuu moofaa keessaa Ermiyaas, Hizqi’eelii fi Zakkaariyaas lubootaa fi Raajjota yoo ta’an Saamu’eel, Isaayyaas, Daani’eelii fi Hoseen immoo Raajjotadha. Qulqulluu Daawwitii fi ilmi isaa solomoon ammo moototadha. Raajjota kudha lama xixiqqoo keessaa tokko kan ta’e Amotsi qotee bulaa akka ture Kitaabni Qulqulluu ni ibsa. Amotsi 1:1

Barreessitoonni kakuu haaraas akkasuma hojii adda addaa kan qaban ture. Fakkeenyaaf qulqulluu Pheexiroosii fi qulqulluu Yohaannis qurxummii kiyyeessu ture.   Luqaas 5:1-11. Isaan kunis yeroosaatti kan hin baranne kan jedhaman uummata birattis hedduu kan tuffataman ture. Wangeela luqaasii fi hojii duukaa bu’ootaa kan barreesse qulqulluu Luuqaas immoo Ogeessa fayyaa ture. Qolaasiyaas 4:14. Qulqulluu Maatiwoos immoo galii funaanaa /walitti qabaa/ /gibira sassaabaa/ ture. Maatiwoos 9:9.

Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos duukaa bu’oonni kakuu haaraa keessatti file osoo hin filamiin dura kan hin baranne haa ta’an malee Waaqayyo kan isaaniif ibse haala barbaachisaa ta’een barreessaniiru; barsiisaniirus. Kanaafis qulqulluu phaawuloos “obbolootakoo waamamuu keessan ilaalaa akka ogummaa namaatti beektota kan ta’an hedduuwwan, ol’aantota kan ta’an hedduun, soressoota kan ta’an hedduun hin waamamne. Haata’uutii waaqayyo beektota akka qaanessu gowwummaa Addunyaa filate; dhimma jabaas akka qaanessu. Waaqayyo dhimma dadhabaa addunyaa filate waaqayyos kan ta’e hunda akka balleessuuf wantoota yaraa kan addunyaa kan tuffatames dhimma hin taanes filate” jechuun barsiiseera. Qorontoos 1ffaa 1:26-28.

Kitaaboliin bara adda addaa barreeffamuu isaaniin alatti bakkeen itti barreeffaman akkasuma adda addadha. Fakkeenyaaf kitaaboliin Musee shananuu kan barreeffaman gammoojjii Siinaatti yoo ta’u; kitaaboliin seenaa kudha lamaan immoo Iyyerusaalemii fi kutaalee Isiraa’el adda addaatti barreeffamaniiru. Kan Izqi’eel kan Daani’eelii fi kitaaboliin raajotaa xixxiqqoo kan barreeffaman biyya godaanaan Baabiloonitti yoo ta’u kitaaboliin Asteerii fi Yooditi ammoo biyya Faarisitti kan barreeffamanidha.

Kaakuu haaraa keessatti immoo ergaawwan qulqulluu Phaawuloosii fi kan qulqulluu pheexiroos magaalaa Roomaatti; akkasumatti isaan kaan mana hidhaatti, mul’anni Yohaannis immoo Fixmootti kan barreeffamanidha.  

  1. 5 WAA’EE NAMOOTA QULQULLUU KITAABA QULQULLUU BARREESSANII RAGAAN KITAABA QULQULLUU JIRAA?

“kunoo sagalee koo /jechakoo/ afaan kee keessa nan kaa’a” jechuun akkuma dubbate Raajaan Eermiyaas Waaqayyo kan isaaf kenne barreesseera . Eermiyaas 1;10. “kirtaasa kitaaba tokko fudhadhu guyyaa sittan hime bara Iyyoosiyaasii jalqabee hanga guyyaa kanaatti Isiraa’elii fi Yihuudaarratti ayizaabota irratti jecha dubbadhe hunda irratti barreessi” jedhamee Eermiyaas akka barreesse ni ilaalla. Dabalataanis “jecha /sagalee/ sittan hime hunda kitaabarratti barreessi jedhee Waaqayyo Eermiyaasiin akka ajaje barreeffameera. Eerm.36:2

Mul’ata 1;11 “kan argitu kitaabaan barreessiitii gara Efeesoonii fi Saarminees gara pheergaamoonis gara xiyaaxiroonis, gara sardeesis, gara filiidilfiyaas, gara loodooqiyaas Isiyaa warra jiran gara mana kiristaanota toorbaniitti ergi naan jedhe’ jedheera.

    

  1. 6 YOOMII FI EESSATTI ARREEFFAME?

Akka armaan olitti ibsuuf yaalametti kitaabni qulqulluu namootii adda addaan akka barreeffame hunda barrii fi bakki itti barreeffames akkasumadha. Kitaabni inni jalqabaa kitaabni heenook yeroon itti barreeffame 1486 /addunyaan erga uumamee jalqabee yommuu lakkaawamu /mul’atni yohaannes hanga barreeffame bara 98 /bara araaraa/ barri hedduun darbaniiru. Kanaafuu kitaaba qulqulluu barreessuuf waggoota 4100 ol fudhateera.

Mikuraab

Mikuraab

                                                                                                                Damissee Jamaneen

Torban sooma Gooftaa keenya keessaa inni sadaffaa Mikuraab jedhama. Torban kun sababa inni itti mikuraab jedhameef guyyaa kana luboonni faaruu sooma diggu’aa irraa kaasuun ‹‹ቦአ ኢየሱስ ምኩራበ አይሁድ ወመሐረ ቃለ ሃይማኖት›› “Iyyesuus gara Mikuraaba Yihuudotaa seene; sagalee amantaas ni barsiise” jechaa waan faarfataniif dha.

Yihuudonni bara Kakuu Moofaa keessa mana qulqullummaa (Meqdesii) itti Waaqayyoon kadhatan Iyyerusaalem keessatti ni qabu ture. Boodarra garuu Naabukedenetsoor mana qulqullummaa isaanii kana waan diigeef uummanni sunis gara Baabiloonitti booji’aman. Warri booji’aman kun biyya ormaa keessa gabrummaan yeroo turanitti mana qulqullummaa hin qaban ture. Kanaaf yeroo sanaa kaasee Ayihuud bakka deeman hundaatti mana adda ta’e mana kadhaa qopheessuu akka jalqaban ni eerama. (Hizqeel 11:16). Haaluma kanaan bara Kiristoos biyya lafaarra deemee barsiisaa turetti Iyyerusaalem keessa Mikuraabonni Yihudotaa baay’een jiru ture. Duuka bu’oonnis Yihuudonni bakka tajaajilaaf faca’anii jiran hundaatti naanna’anii mikuraaba seenanii barsiisu ture. (Maat.4:23; H.Erg. 6:9; 13:5-14; 9:2; 14:1; 17:1; 10:17; 18:4; 19:8).

Gooftaan keenya Iyyesuus Kirirtoos yeroo ayyaana faasikaa kabajuuf gara Iyyerusaalem deemetti mana qulqullummaa seenee mana qulqullummaa kana keessatti warra daldalaa jiran isaan baase. Meeshaa isaaniis gargaragalche (Yoh.2:13-17). Warqee qarshiitti, qarshiis warqeetti warra waljijjiiraa jiran akkasumas akkuma namoonni biyya keenyaa lukkuuf siree hojjetanii irratti gurguran gugeedhaaf teessoo hojjetanii warra daldalaa turaniin meeshaa isaanii garagalchuun isaan arii’e. Akkuma kitaaba irratti barreeffametti “Manni koo mana kadhannaati jedhamee barreeffameera (Isa 56:7; Eerm7:11; Luq. 19:47). Isin garuu holqa hattuufi saamtotaaa taasistan” jedhe. Quuqama Gooftaan Mana Qulqulluummaa kanaaf agarsiise yaadachuufis turban kuni “Mikuraab” jedhamee akka moggaafamu taasifame.

Kutaaleen Kitaaba Qulqulluu keessaa Qiddaasee guyyaa kanaa irratti dubbifaman akka armaan gadiitti caqasamaniiru:

  • Qol.2:16-dhu
  • Yaa’i: 5:15
  • H.Er.10:1-8
  • Faar. 68 (69):9 (Misbaakii):

እስመ ቅንዐተ ቤትከ በልዐኒ (Hinaaffaan manakee na nyaatteeti)

ትዕይርቶሙ ለእለ ይትዔየሩከ ወድቀ ላዕሌየ (Arabsoon warri siin arabsaniis narra qubateera)

ወቀጻዕክዋ በጾም ለነፍስየ (Lubbuu/Qaamakoo soomaan dadhabsiise)

  • Wangeela (Yoh.2:12-25) Kana booda Gooftaan Iyyesuus Haadha Isaafi obboloota Isaa akkasumas duuka bu’oota Isaa faana gara Qifirnaahomitti bu’an; achis guyyaa muraasa taa’an. Aayihuudis guyyaan itti faasikaa isaanii kabajatan gahee ture. Gooftaanis gara Iyyerusaalemitti deeme. Mana Qulqullummaa keessattis yoggu sangoota, hoolotafi gugeewwan gurguran fi warra qarshii jijiiran taa’anii isaan arge. Qaccee funyoo hojjetee; hoolotaafi sangootas hundasaanii Mana Qulqullummaa irraa gadi baase. Warra qarshii waljijjiiranis qarshii isaanii bittinse. Gabatee isaaniis galagalche. Warra gugee gurguruunis “kana asii baasaa; mana Abbaakoo mana daldalaa hin taasisiinaa” isaaniin jedhe. Duuka bu’oonni Isaas Raajiin ‘hinaaffaan waa’ee manakee keessa koo na nyaate’ jedhu barreeffamee akka jiru ni yaadatan…….

Egaa walumaa galatti haala Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos nutti agarsiise kanaan Mana Qulqulleettii keenya kanaaf quuqamuu, qulqullinasheef carraaquu qabna. Namoonni mana amantaa keessatti hojii yaraa adda addaa hojjetan yogguu agarrus akkuma abbaa keenya Q/Daawwit “waa’een manakee keessa koo na nyaate” jechuun quuqamuu, gorsinees sirreessuu qabna.

Eebbi Waaqayyoo hunda keenya waliin haa ta’u; ameen!

Qulqulleettii (Qiddist)

DAMISSEE JEMAANEE

Qulqulleettii (Qiddist)

Torbeewwan sooma guddaa yookiin sooma Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos keessaa inni lammataa Qulqulleettii (Qiddist )jedhama. Sababiin kana jedhameefis ዛቲ ይእቲቅድስትዕለትguyyaan kun ebbifamtuudha. Kanan itti boqodhe sanbata qulqulleettii dha. Ani qulqulluu akkuman ta’e isinis qulqulloota ta’aa (Lew 19:2-3) jechuudhaan Waaqayyo abbaan guyyaa sanbataa ni qulqulleesse,ni kabajes. Jechaa qulqullummaa Sanbataafi namnis qulqullummaan jiraachuu akka qabu kaasaa waan faarfatuuf torbeen kun Qulqulleettii jedhameera. Moggaasichis Sanbatni guyyaa boqonnaa akka taatu bara Ooritiis bara Wangeelaas Waaqayyo guyyaa eebbise, guyyaa kabaje ta’uu nutti hima. Gara biraanis Waaqayyo qulqulluu akkuma ta’e namni harka Waaqayyon uumames qulqulluu ta’uu akka qabu nutti hima. (Uum 2:3, Bahuu 20:8-11; 1Pheex 1:15-16).

Caqasootni guyyaa Sanbataa kana Qiddaaseerratti dubbifaman kanneen armaan gadii jirandha:

1Tese. 4:1-12 ((Waaqayyo cubbuudhaaf osoo hin taane qulqullummaaf nu waameerati….))

1Pheex. 1:13-25 ((…Ani Qulqulluu waanan ta’eef akkasuma isinis Qulqulloota ta’aa jedhamee waan barreeffameef kan isin waame qulqulluu akkuma ta’e isinis immoo jireenya keessan hunda keessatti Qulqullooota ta’aa)).

H.Er. 10:17-30 ((Pheexiroosis akkana isaaniin jedhe- “namni Yihuudi orma waliin makamuu akka hindandeenye ni beektu. Anaaf garuu namni kamiyyuu xura’aa akka hintaaneefi eenyuunuu tuffachuu akkan hinqabne Waaqni na agarsiiseera. Kanaafuu otuu homaallee hin shakkiin gara keessan nan dhufe”))

Faaruu 95 (96):5 (Misbaakii)

እግዚአብሔርሰ ሰማያተ ገብረ

አሚን ወሠናይት ቅድሜሁ

ቅድሳት ወዕበየ ስብሐት ውስተ መቅደሱ

Hiika:“Waaqayyo garuu samiiwwan hojjete

        Galataafi miidhaginni fuuldura Isaati

        Qulqullummaafi ulfinni isaa Mana Qulqullummaasaa keessadha”.

Maat 6:16-25 “yeroo soomtanitti akka warra of agarsiisanii hin coologiinaa. Akka soomtotaa mul’achuuf fuula isaanii ni balleessu waan ta’eef . Dhuguman isiniin jedha gatii isaanii argataniiru. Ati garuu yeroo soomtutti abbaa kee isa hin mul’anneef malee akka soomtotaa namatti argamuuf hin carraaqiin. Mataa kees dibadhu; fuula kees dhiqadhu. Abbaan kee inni dhoksaadhaan si ilaalu ifaan siif kanfala. Bakka ilbiisni adda addaa balleessanifi hattootni hatuu danda’an lafa kanaratti qabeenya ol-hin keeyyatiinaa…..samiirratti walitti qabadhaa malee. Bakka qabeenyi kee jiru lapheen kees ni jirati. Ifni qaamaa ija dha. Egaa ijji kee nagaa yoo ta’e qaamni kee hundi ifa ni ta’a. Ijji kee dhukkubsataa taanaan garuu qaamni kee hunduu kan dukkanaa’e ni ta’a. Egaa ifni si keessa jiru dukkanoofnaan dukkanni kaan akkam haa cimuree? Gooftaa lamaaf bitamuu kan danda’u tokkollee hin jiru-tokkoosaa ni jaalata ykn isa tokko ni jibba. Waaqayyoofi qarshiif bitamuu hindandeessan. Kanaafuu waa’ee lubbuu keessanii, waan nyaattaniifi waan dhugdaniif yookiin qaama keessanitti waanta uffattaniif hin yaadda’iinaa isiniin jedha”

Walumaagalatti….

  • Waaqayyo kan nu waame qulqullummaan jiraannee mana isaa akka dhaalluufidha. Mana isaa dhaaluuf immoo hojii qulqullummaaf kan nu gahan ajajasaafi abboommii isaa eeguun nurraa eegama.
  • Namootni tokko tokko yeroo soomanitti namarraa galata       barbaacha (inni cimaadha jedhamuuf) fuula isaanii daalacheessuun sirrii miti.
  • Torbee soomaa kana keessa waa’ee qulqullummaa Waaqayyoo, qulqullummaa Sanbataa, hojii qulqullummaaf nama geessisan yaadachaa hiyyeessas gargaaraa soomuu qabna.

Torbee dhufu barreeffama torbee Mikuraabaan wal-agarra. Hangasitti araarri Waaqayyoo hunda keenya waliin haa ta’u. Ameen.

Sooma

Maqaa Abbaa, Ilmaafi Afuura Qulqulluu Waaqa tokko ameen!

Damissee Jemaanee

Sooma

sooma jechuun qaamni kan barbaadu hundarraa dhorkamuu yookiin nama kan hawwisiisu hunda dhiisuu jechuudha. Karaa biraatiin nyaata barbaachisu irraa yeroo muraasaaf turuufi yakka adda addaa hojjechuu guutummaa guutuutti dhiisuu jechuu dha. Amantiin bakka jiru hunda soomni ni jira. Raajonni Kakuu Moofaa keessa turan Waaqayyo faana waqtii itti wal argan bishaaniifi midhaan gara afaan isaanii hin seenu ture ( seera bahuu 34:28). Dheekkamsi Waaqayyorraa sababa baayina cubbuuu keenyaaf ajajamu kan deebi’u soomaan yoo kadhatan ture (Yonas 3:5-10)

Kakuu Haaraa keessattis soomni kan namni ofii isaa uume osoo hin taane Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos fooniin deddeebi’aa yeroo turetti jalqaba hojii hundaa godhee seera uume dha.(Maat 4:2; Luq. 4:2).

Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos qorumsa gurguddaa warren akka sassatuu, of- tuulummaafi qabeenya jaalachuu kan seexanaan itti dhiyaateef soomaan moo’ee nutis moo’uu akka dandeenyu nu barsiise. Kana qofaas osoo hin taane diina keenya seexana nurratti hidhamee jiru soomaan ofirraa arii’uu akka dandeenyu dubbateera.(Mat 17:21 ,Maar 9:2)

Mana amantaa akka tajaajilaniif duuka bu’oonni Waaqayyoorraa Afuura Qulqulluu kan argatan soomarra osoo jiraniiti.(Hojii Erg. 13:2 ). Kunis kan agarsiisu soomaa fi kadhaan kan adda hin bane ta’uu isaafi yommuu soomnuufi kadhannu Afuurri Qulqulluun kan nutty dhiyaatu ta’uu isaa nu agarsiisa.

Qaamni soomaan gadi qabameefi lapheen kadhaaf qophaa’e Waaqayyoof ajajamuuf kan qophaa’e ta’uufi innis nu ajaja, nutis ni ajajamnaaf.

Luboonniiifi kan lallaba wangeelaaf waamaman hunduu aangoo kan argatan soomaafi kadhaatiini. (hojii ergamootaa 13:3,4:25)

Soomni Waaqayyoon kan ittiin kadhatan hidhaa seexanaa irraa kan ittiin hiikaman waan ta’eef waqtii soomaa kana qanaateedhaaf nyaata nyaatamuufi hojii afuuraaf faallaa kan ta’e hojii fedha foonii kan jajjabeessu dhugaatii alkoolii, nyaata beeladaa (foon, dhadhaa,aannan, buuphaafi kkf) irraa fagaachuu qabna.

Soomni gocha raawwatan yaadachaa cubbuu irraa qulqullaa’uuf kan ofii irraa hiyyeessotaaf kennuun kan soomamu ta’uu hubachuu qabna.

Soomni ofiif qofa osoo hin taane firaafis,firaaf qofa osoo hin taane diinaafis ni soomama.“warra sin arii’ataniif soomaa”( Didisqiliyaa 1:5 jedha).

Dhukkubaan sireerratti hidhamanii warra jiran,baqaan biyya ormaa gidiraan warra jiran yaadachuun waa’ee isaanii kadhachuun nurra jira.

Qulqulluu Yaarediis waan yaraa ilaaluu,dhagahuufi dubbachuu irraa of qusachuu akka qabnu nu barsiisa.

 

Sooma Guddaa

Barumsa duuka bu’oota waaqayyoo irratti kan hundoofte manni Amantaa Kiristaanaa Ortoodoksii Itiyoophiyaa tokko waan taateef sirnaafi seera soomaa ni qabdi. Sooma manni Amantaa keenya nutti himtes gosaan torbadha.Isaan kana hunda keessaas kan waqtii ammaa kana ilaallatu Sooma Guddaa isa jedhamu ni ilaalla.

Gooftaan keenya fayyisaan keenya Iyyesuus Kiristoos nuuf fakkeenya ta’uuf nu barsiisuuf kan soomedha.Soomaguddaa kanattis diinni keenya jalqabaa seexanni kan itti moo’amedha.Nutis kana hubachuun karaa adda addaa qormaata nutti dhufu ofirraa fageessuuf eebba guddaa sooma kanarraa akka argannuuf ni soomna.

Mat 6:16 irratti kadhadhaa,soomaa nuun jedha.Ajajasaas eeguuf ni soomna. Soomni guddaan gooftaan soome kunis maqaa adda addaa qaba.

1ffaa.Sooma Guddaa:- Waaqa waaqotaa kan ta’e Gooftaa Iyyesuus Kiristoosiin kan hundaa’e waan ta’eef Sooma Guddaa jedhameera.Soomakana kan soomnu guyyoota 55’f dha.Sooma jiran keessaas dheerina guyyootaan isa guddaa waan ta’eef Sooma Guddaa jedhama. Gooftaan keenya Iyyessuus Gadaama Qoroonxoos keessatti soomaa osoo jiruu seexanni qorumsa gurguddoo sadii isaaf dhiyeesse.Qorumsi kunis sassatuu, of-tuulummaafi jaalala Qarshii dha.Qormaata kanneen sadaniinis seexanni yeroo baay’ee waan nama qoruuf Waaqayyo qorumsa sadan kana moo’icha taasise. Kanaafis soomni kun sooma guddaa jedhama.

2ffaa.Sooma Hudaadee:- Bara durii lafti bali’ina qabuufi lammiin hundi gamtaadhaan misoomsu uummata biratti “hudaadee” jedhamuun beekama ture. Soomiin kunis lammii amantii Kiristaanaa kan ta’e hundi, xinnaa-guddaa, dhiira-dubartii otuu hin jedhiin Kiristoosiin fakkeenya godhachuun waan soomaniif (sooma hundaa ta’uu ibsuuf) “hudaadee” jedhameeera.

3ffaa.Sooma Beenyaa:- Addaamiifi Hewwaan Jannataa kan arii’ataman ,gabrummaa si’ooliif kan gahan sababa nyaataani.Sababa nyaataan ilma namaa du’eef Gooftaan beenyaa kanfale.Beela afuuraa beela’aa isaaniif beenyaa kanfaleef.Kanaafis Sooma Beenyaa jedhama.

4ffaa.Sooma Moo’insaa:- Qormaata seexanaa gurguddoo sadan- sassatuu, of-tuulummaaf Qarshii jaalachuu- Gooftaan soomarra osoo jiruu mo’ichaan waan bira darbeef nutis qormaata dhufu hunda soomaan akka bira dabarruuf soomni kun Sooma Mo’insaa jedhama.

5ffaa.Sooma Ce’umsaa:- Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos seera Ooriitii irraa gara seera Wangeelaatti nu ceesisuus sooma soome waan ta’eef soomni kun Sooma Ce’umsaa ni jedhama.

6ffaa.Sooma Barumsaa:-Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos kan soome nuun nu barsiisuufidha.Inni soomuu kan qabu ta’ee osoo hin taane nuuyiif fakkeenya ta’uufidha.Kanaafuu soomni kun Sooma Barumsaa jedhama.

7ffaa.Sooma Eebba Jireenya Gadaamaa:- Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos magaalafi namarraa fagaatee soomuun jireenya gadaamaa kan akka qulquluu Yohaannis cuuphaafi raajiichi Eeliyaas jiraatan eebbiseera. Kana ilaalchisuun warren sana booda jiran hundaaf jireenya Gadaamii waan eebbiseef soomni kun Sooma Eebba Jireenya Gadaamaa jedhama.

8ffaa.Sooma Qohaa’inaa:- Uummatni Isiraa’eel hoolaa faasikaa nyaachuu isaanii dura qophii ni taasisu ture. Nutis du’aa ka’umsa Gooftaa kabajuuf fooniifi dhiiga Gooftaatti dhiyaachuun keenya dura soomaafi kadhaan qophii kan goonu waan ta’eef soomni kun Sooma Qophaa’inaa jedhama.

Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos Maaliif Guyyaa 40 Soomee?

Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos hundeessaa seeraa waan ta’eef hojii Isaa soomaan jalqabe.Sooma jalqaba hojii hundaa taasise.

Nyaatni foonii hundi cubbuu hojjechuuf hundee akkuma ta’e, soomnis nyaata lubbuu isa bara baraan nama jiraachisuuf hundeedha.

Raajonni gurguddoon darban guyyaa afurtama,afurtama soomani. Gooftaan keenyi Iyyesuus Kiristoosis “ani kanan dhufe seera raajotaa hanbisuuf miti; raawwachiifidha malee” akkuma jedhe (Matt.5:17) guyyaa afurtamaafi halkan afurtama soome. Yoo guyyaa afurtama caalchise Ayihuud seera raajotaa hin eegne jedhanii seera wangeelaa fudhachuurraaa duubatti akka hindeebineef; yoo sanaa gadi soomes fudhachuurraa duubatti waan deebi’aniif akkuma raajotaa halkan afurtamaafi guyyaa afurtama soome.

Museen halkan afurtamaafi guyyaa afurtama soomee seera ooriitii akkuma dhugoomse Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos halkan afurtamaa fi guyyaa afurtama soomuun seera wangeelaa hundeesseera.

Museen waggaa afurtama biyya Miidiyaam erga jiraatee booda saboota Isiraa’eel bitttaa Misiraa jalaa baaseera (Ba’uu. 3). Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoosis halkan afurtamaafi guyyaa afurtama soomuun lubbuuwwan si’ool keessa jiran baaseera.

Isiraa’eelonni deemsa isaanii waggoota afurtama booda biyya isaanii Iyyerusaalem galaniiru; Gooftaanis nuyiin guyyaa afurtama yoo soomtan mootummaa Waaqayyoo ni dhaaltu jechuuf guyyaaa afurtamaafi halkan afurtama soomee nu agarsiise.

Hizqi’eel cinaacha isaa isa bitaan guyyoota afurtama ciisuun lubbuu du’an 600 kaaseera (Hiz.4:4-6). Gooftaanis guyyaaa afurtama yoo soomtan du’aa ka’umsa kabajaa ni argattu jechuuf guyyaa afurtamaa fi halkan afurtama some.

Nuti Maaliif Guyyoota 50 Soomnaree?

Soomni Guddaan (Soomni Gooftaa) kun torbeewwan saddet yookiin guyyaa 55 qaba. Guyyoota kana keessas Sanbata torbaafi Dilbata saddeetitu jira.Guyyootni kunis (Sanbatafi Dilbatni) nyaata gosawwan beeladaa irraa malee sa’aatii hedduu turuun kan soomnu miti.

Karaa biraatiin immoo guyyaa 55 jiran keessaa torbeen lama sooma Hirqaaliifi torban Gidiraa Kiristoos (Himamat) dha.Torbeewwan kun lamaan kan gooftaan guyyaa afurtama soome osoo hin taane torban inni gidiraa itti argeefi mootichi Hirqaal sooma labsiin soomsise dha.

Torbeen inni jalqabaa soooma Hirqaal jedhama. Inni dhumaa immooo torbee Gidiraa Gooftaa jedhama.

Hirqaal bara 614 Dh.K.B mootii biyya Beezaantaayiin ture. Torbeen kun maqaa isaatiin sababni inni itti waamame bara sana Faarsoonni Iyyerusaalemiin weeraranii muuziyeemii biyya israa’eel keessa kan jiru fannoo Gooftaas booji’anii fudhatanii ture. Lubootas ajjeesanii deeman magaala ishees ni guban. Kana booda kuma jaatama kan ta’an ajjeesaniifi madeessanii kuma sadii kan ta’an booji’anii gara Faaris Baabiloonitti fudhatan.Yeroo kanatti lola jalaafi miidhaa akkanaa jalaa warri miliqanii holqaafi bosonaalee adda addaa keessa warri turan uummanni Iyyerusaaalem bara waggaa 14 booda bara 628 Dh. K. B. iyya isaaniifi gidiraa isaanirra gahe Waaqa isaaniifi kiristaanicha mootii Roomaatti (Hirqaalitti)dhageessisan. Loliitu waan booji’amne hunda nuuf deebisi isaatiin jedhan. Innis deebisee “duuka bu’oonni lubbuu kan baase yookiin ajjeese umurii isaa guutuu haa soomu jedhanii barsiiisaniiru. Kanaafuu sooma umurii guutuu kana sodaadheen malee osoon siniif lole natti tola jedhe.Isaanisdeebisaniis namni tokko kan jiraatu yoo baay’ate waggaa 70 ykn 80; nuti hundi keenya walii hirree sii soomna kanaafuu loltee bilisa nu baasi jedhani. Innis hundi uummataa torbee tokko tokko akka isaaf sooman erga ajajee booda gara Faarsitti duulee fannooo Gooftaa deebisiisee gara Iyyerusaalemitti deebi’eera. Kana booda isaafis fakkeenya akka ta’uuf sooma inni labsiin soomsise kana abbootiin sooma guddaa kana faana akka soomamu taasisan.Soomni isaas Soooma Hirqaal jedhama.Seenaan isaas seenaa jaalalli fannoo kan itti mul’atedha. Torban Gidiraa immoo yeroo biraa ni ilaalla.Kanas ta’e sana torbeen lamaan kun fuulduraafi duubaan akka hundee (ejjannoo) fi xumuraatti waan sooma gooftaa faana jiraniif sooma guddaa faana akka lakkaa’aman taasifameera.

Moggaafama Torbeen (Dilbata) Sooma Guddaa Keessaa

Mana amantaa keenyaaf faaruufi yeedaloo wal-simsiisuun cimsee kan barsiise qulqulluu Yaareed kitaaba isaa “Tsoome Diggu’aa” jedhamu keessatti torbeewwan sooma guddaa hundaaf faaruu faarfatamuu qabaniif maqaa torbeewwan kanatti kenneera.Manni Amantaa Ortoodoksii aadaafi duudhaa mataa ishee qabaachuun ishee ni beekama.Sirnabal’aa qabaachuu isheetiinis kan kabajju guyyaa Sanbataafi ayyaanotaa,sooma soomtu,kadhaa kadhattu,maahileeta dhaabbattu hundi seeraafi sirna mataa isaa ni qaba. Ka’umsa tokko malee sanbata kabajju, sooma soomtu,kadhaa kadhattu hinqabdu. Haala kanaan sooma hudaadee kana kan soome gooftaa keenya fayyisaa keenyaa Iyyesuus Kiristoos waan ta’eef biyya lafaarra deddeebi’ee barsiisaa yeroo turetti gocha inni raawwate yaadachaa sanbatoota tokkoo tokkoo isaaniitti maqaa kennuun akka maqaaa sanaattis seenaasaa kaasuun Manni Amantaa keenyaa gooftaa ni galateeffatti,ni faarfatti,ni kadhatti.

Haalakanaan turban inni:

  • 1ffa– “Zeweredee”;
  • 2ffaQiddist;
  • 3ffaMikuraab;
  • 4ffaMitsaaguu;
  • 5ffaDebre Zeyit;
  • 6ffaGebriheer;
  • 7ffaNiqoodimoos;
  • 8ffaHoosaa’inaa jedhama.

Egaa warraa armaan olitti ilaalle kana hunda torbee torbeen ni ilaalla. Torbeen inni 9ffaa Ayyaana Du’aa Ka’umsaa ta’uunsaas dagatamuu hinqabu.

Zeweredee (Museenii)

Sanbatni guyyaa sooma jalqabaa itti simannu kun Zeweredee yookiin Museenii jedhama. Sababa inni itti Zeweredee jedhameef jala bultii guyyaa kanaatti luboonni bataskaana keessatti kan faarfatan jalqaba sooma diggu’aa kan ta’e ዘወረደ እምላዕሉ አይሁድ ሰቀሉ jecha jedhu waan ta’eef sanbata kana qulqulluu Yaareed Zeweredee jedhee moggaase.Hiikniisaas ‘’isa samiirraa bu’e Ayihuud fannisani ‘’kanjedhu yommuu ta’u waa’ee gooftaa keenyaa Iyyesuus Kiristoos samiirraa gadi bu’ee fannisamuu isaa kan ibsu dha.(Yoh 1:9-11, yoh 3:13-21)

Dabalataanis torbeen kun Abbootiin Seenaa Musee kaasaa kan seenaa Gooftaa faana wal-simsiisuudhaan waan faarsaniif Museenii jedhameera.

Caqasoonni guyyaa Wiixataa gaafa jalqaba soomaa dubbifaman keessaa “raajonni guyyaa afurtama afurtama soomanii erga darbanii booda raawwataa seera Museefi raawwataa raajii raajotaa kan ta’e Gooftaan Iyyesuus Kiristoos akka isaanii guyyaa afurtamaafi halkan afurtama kan soome ta’uu isaa kan yaadachiisu dha.(Bahuu 24:18; 1Moot. 19:8; Maat 4:1-4)

Gara biraanis “sagalee Waaqayyoo warra isinitti himan dursitoota keessan yaadadhaa; firii jireenya isaanii ilaalaa amantii keessaniin fakkaadhaa. Iyyesuus Kiristoos kaleessas, har’as barabaraan sanuma.Barumsa keessummaa adda addaan hin fudhatamiinaa. Lapheenkeessan kennaa Waaqayyoon yoo cime gaariidha malee nyaataan miti….garuu hojii gaarii hojjechuu warra kaaniifis qooduu hin dagatiinaa aarsan akka akkanaa Waaqayyoon ni gammachiisa’’ jedha (Ibr.13:7-16). Kanaaf hangafoota keenya warren karaa Waaqayyo nutti himan, waa’ee soomaas warra nutti agarsiisan warren akka Musee yaadachuuf deemsa isaanii hordofuun nurra jira.

Egaa walumaa galatti torbeen jalqaba soomaa kun torbee samiirraa gadi bu’uun Kiristoos itti labsamu ta’uu isaa hubachuu qabna.Kan torbee itti aanu kanaan booda wal-duraa-duubaan hordofaa.

          Nagaan Waaqayyoo hunda keenya faana haa turu; ameen!

Sooma Gudda

Maqaa Abbaa, Ilmaafi Afuura Qulqulluu Waaqa tokko ameen!

Damissee Jemaanee

Sooma

sooma jechuun qaamni kan barbaadu hundarraa dhorkamuu  yookiin nama kan hawwisiisu hunda dhiisuu jechuudha. Karaa biraatiin nyaata barbaachisu irraa yeroo muraasaaf turuufi yakka adda addaa hojjechuu guutummaa guutuutti dhiisuu jechuu dha. Amantiin bakka jiru hunda soomni ni jira. Raajonni Kakuu Moofaa  keessa turan  Waaqayyo  faana waqtii itti wal argan  bishaaniifi midhaan gara afaan isaanii hin seenu ture ( seera bahuu 34:28).  Dheekkamsi Waaqayyorraa sababa baayina cubbuuu keenyaaf ajajamu kan deebi’u soomaan yoo kadhatan ture (Yonas 3:5-10)
Kakuu Haaraa keessattis soomni kan namni ofii isaa uume osoo hin taane Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos fooniin deddeebi’aa yeroo turetti  jalqaba hojii hundaa godhee  seera uume dha.(Maat 4:2;  Luq. 4:2).
Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos qorumsa gurguddaa warren akka sassatuu, of- tuulummaafi qabeenya jaalachuu kan seexanaan itti dhiyaateef soomaan moo’ee nutis moo’uu akka dandeenyu nu barsiise. Kana qofaas osoo hin taane diina keenya seexana nurratti hidhamee jiru soomaan ofirraa arii’uu akka dandeenyu dubbateera.(Mat 17:21 ,Maar 9:2)

Mana amantaa akka tajaajilaniif duuka bu’oonni Waaqayyoorraa Afuura Qulqulluu kan argatan soomarra osoo jiraniiti.(Hojii Erg. 13:2 ). Kunis kan agarsiisu soomaa fi kadhaan kan adda hin bane ta’uu isaafi yommuu soomnuufi kadhannu Afuurri Qulqulluun kan nutty dhiyaatu ta’uu isaa nu agarsiisa.
Qaamni soomaan gadi qabameefi lapheen kadhaaf qophaa’e Waaqayyoof ajajamuuf kan qophaa’e ta’uufi  innis nu ajaja, nutis ni ajajamnaaf.
Luboonniiifi kan lallaba wangeelaaf waamaman hunduu aangoo kan argatan soomaafi kadhaatiini. (hojii ergamootaa 13:3,4:25)
Soomni Waaqayyoon kan ittiin kadhatan hidhaa seexanaa irraa kan ittiin hiikaman waan ta’eef waqtii soomaa kana qanaateedhaaf nyaata nyaatamuufi hojii afuuraaf faallaa kan ta’e  hojii fedha  foonii kan jajjabeessu dhugaatii alkoolii, nyaata beeladaa (foon, dhadhaa,aannan, buuphaafi kkf) irraa fagaachuu qabna.
Soomni gocha raawwatan yaadachaa cubbuu irraa qulqullaa’uuf kan ofii irraa hiyyeessotaaf kennuun kan soomamu ta’uu hubachuu qabna.
Soomni ofiif qofa osoo hin taane firaafis,firaaf qofa osoo hin taane diinaafis ni soomama.“warra sin arii’ataniif soomaa”( Didisqiliyaa 1:5 jedha).
Dhukkubaan sireerratti hidhamanii warra jiran,baqaan biyya ormaa gidiraan warra jiran yaadachuun waa’ee isaanii kadhachuun nurra jira.
Qulqulluu Yaarediis waan yaraa ilaaluu,dhagahuufi dubbachuu irraa of qusachuu akka qabnu nu barsiisa.

Sooma Guddaa

Barumsa duuka bu’oota waaqayyoo irratti kan hundoofte manni Amantaa Kiristaanaa Ortoodoksii Itiyoophiyaa tokko waan taateef sirnaafi seera soomaa ni qabdi. Sooma manni Amantaa keenya nutti himtes gosaan torbadha.Isaan kana hunda keessaas kan waqtii ammaa kana ilaallatu Sooma Guddaa isa jedhamu ni ilaalla.
Gooftaan keenya fayyisaan keenya Iyyesuus Kiristoos nuuf fakkeenya ta’uuf nu barsiisuuf kan soomedha.Soomaguddaa kanattis diinni keenya jalqabaa seexanni kan itti moo’amedha.Nutis kana hubachuun karaa adda addaa qormaata nutti dhufu ofirraa fageessuuf eebba guddaa sooma kanarraa akka argannuuf ni soomna.
Mat 6:16 irratti kadhadhaa,soomaa nuun jedha.Ajajasaas eeguuf ni soomna. Soomni guddaan gooftaan soome kunis maqaa adda addaa qaba.
1ffaa.Sooma Guddaa:- Waaqa waaqotaa kan ta’e Gooftaa Iyyesuus Kiristoosiin kan hundaa’e waan ta’eef Sooma Guddaa jedhameera.Soomakana kan soomnu guyyoota 55’f dha.Sooma jiran keessaas dheerina guyyootaan isa guddaa waan ta’eef Sooma Guddaa jedhama. Gooftaan keenya Iyyessuus Gadaama Qoroonxoos keessatti soomaa osoo jiruu seexanni qorumsa gurguddoo sadii isaaf dhiyeesse.Qorumsi kunis sassatuu, of-tuulummaafi jaalala Qarshii dha.Qormaata kanneen sadaniinis seexanni yeroo baay’ee waan nama qoruuf Waaqayyo qorumsa sadan kana moo’icha taasise. Kanaafis soomni kun sooma guddaa jedhama.
2ffaa.Sooma Hudaadee:- Bara durii lafti bali’ina qabuufi lammiin hundi gamtaadhaan misoomsu uummata biratti “hudaadee” jedhamuun beekama ture. Soomiin kunis lammii amantii Kiristaanaa kan ta’e hundi, xinnaa-guddaa, dhiira-dubartii otuu hin jedhiin Kiristoosiin fakkeenya godhachuun waan soomaniif (sooma hundaa ta’uu ibsuuf) “hudaadee” jedhameeera.
3ffaa.Sooma Beenyaa:- Addaamiifi Hewwaan Jannataa kan arii’ataman ,gabrummaa si’ooliif kan gahan sababa nyaataani.Sababa nyaataan ilma namaa du’eef Gooftaan beenyaa kanfale.Beela afuuraa beela’aa isaaniif beenyaa kanfaleef.Kanaafis Sooma Beenyaa jedhama.
4ffaa.Sooma Moo’insaa:- Qormaata seexanaa gurguddoo sadan- sassatuu, of-tuulummaaf Qarshii jaalachuu- Gooftaan soomarra osoo jiruu mo’ichaan waan bira darbeef nutis qormaata dhufu hunda soomaan akka bira dabarruuf soomni kun Sooma Mo’insaa jedhama.
5ffaa.Sooma Ce’umsaa:- Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos seera Ooriitii irraa gara seera Wangeelaatti nu ceesisuus sooma soome waan ta’eef soomni kun Sooma Ce’umsaa ni jedhama.
6ffaa.Sooma Barumsaa:- Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos kan soome nuun nu barsiisuufidha.Inni soomuu kan qabu ta’ee osoo hin taane nuuyiif fakkeenya ta’uufidha.Kanaafuu soomni kun Sooma Barumsaa jedhama.
7ffaa.Sooma Eebba Jireenya Gadaamaa:- Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos magaalafi namarraa fagaatee soomuun jireenya gadaamaa kan akka qulquluu  Yohaannis cuuphaafi raajiichi Eeliyaas jiraatan eebbiseera. Kana ilaalchisuun warren sana booda jiran hundaaf jireenya Gadaamii waan eebbiseef soomni kun Sooma Eebba Jireenya Gadaamaa jedhama.
8ffaa.Sooma Qohaa’inaa:- Uummatni Isiraa’eel hoolaa faasikaa nyaachuu isaanii dura qophii ni taasisu ture. Nutis du’aa ka’umsa Gooftaa kabajuuf fooniifi dhiiga Gooftaatti dhiyaachuun keenya dura soomaafi kadhaan qophii kan goonu waan ta’eef soomni kun Sooma Qophaa’inaa jedhama.

Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos Maaliif Guyyaa 40 Soomee?

Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos hundeessaa seeraa waan ta’eef hojii Isaa  soomaan jalqabe.Sooma jalqaba hojii hundaa taasise.
Nyaatni foonii hundi cubbuu hojjechuuf hundee akkuma ta’e, soomnis nyaata lubbuu isa bara baraan nama jiraachisuuf hundeedha.
Raajonni gurguddoon darban guyyaa afurtama,afurtama soomani. Gooftaan keenyi  Iyyesuus Kiristoosis “ani kanan dhufe seera raajotaa hanbisuuf miti; raawwachiifidha malee” akkuma jedhe (Matt.5:17) guyyaa afurtamaafi halkan afurtama soome. Yoo guyyaa afurtama caalchise Ayihuud seera raajotaa hin eegne jedhanii seera wangeelaa fudhachuurraaa duubatti akka hindeebineef; yoo sanaa gadi soomes fudhachuurraa duubatti waan deebi’aniif akkuma raajotaa halkan afurtamaafi guyyaa afurtama soome.
Museen halkan afurtamaafi guyyaa afurtama soomee seera ooriitii akkuma dhugoomse Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos halkan afurtamaa fi guyyaa afurtama soomuun seera wangeelaa hundeesseera.
Museen waggaa afurtama biyya Miidiyaam erga jiraatee booda saboota Isiraa’eel  bitttaa Misiraa jalaa baaseera (Ba’uu. 3). Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoosis halkan afurtamaafi guyyaa afurtama soomuun lubbuuwwan si’ool keessa jiran baaseera.
Isiraa’eelonni deemsa isaanii waggoota afurtama booda biyya isaanii Iyyerusaalem galaniiru; Gooftaanis nuyiin guyyaa afurtama yoo soomtan mootummaa Waaqayyoo ni dhaaltu jechuuf guyyaaa afurtamaafi halkan afurtama soomee nu agarsiise.
Hizqi’eel cinaacha isaa isa bitaan guyyoota afurtama ciisuun lubbuu du’an 600 kaaseera (Hiz.4:4-6). Gooftaanis guyyaaa afurtama yoo soomtan du’aa ka’umsa kabajaa ni argattu jechuuf guyyaa afurtamaa fi halkan afurtama some.

Nuti Maaliif Guyyoota 50 Soomnaree?

Soomni Guddaan (Soomni Gooftaa) kun torbeewwan saddet yookiin guyyaa 55 qaba. Guyyoota kana keessas Sanbata torbaafi Dilbata saddeetitu jira.Guyyootni  kunis  (Sanbatafi Dilbatni) nyaata gosawwan beeladaa irraa malee sa’aatii hedduu turuun kan soomnu miti.
Karaa biraatiin immoo guyyaa 55 jiran keessaa torbeen lama sooma Hirqaaliifi torban Gidiraa Kiristoos (Himamat) dha.Torbeewwan kun lamaan kan gooftaan guyyaa afurtama soome osoo hin taane torban inni gidiraa itti argeefi mootichi Hirqaal sooma labsiin soomsise dha.
Torbeen inni jalqabaa soooma Hirqaal jedhama. Inni dhumaa immooo torbee Gidiraa Gooftaa jedhama.
Hirqaal bara 614 Dh.K.B mootii biyya Beezaantaayiin ture. Torbeen kun  maqaa isaatiin sababni inni itti waamame bara sana Faarsoonni  Iyyerusaalemiin weeraranii  muuziyeemii biyya israa’eel keessa kan jiru  fannoo Gooftaas booji’anii fudhatanii ture. Lubootas ajjeesanii deeman magaala ishees ni guban. Kana booda kuma jaatama kan ta’an ajjeesaniifi madeessanii kuma sadii kan ta’an booji’anii gara Faaris Baabiloonitti fudhatan.Yeroo kanatti lola jalaafi miidhaa akkanaa jalaa warri miliqanii  holqaafi bosonaalee adda addaa keessa warri turan  uummanni Iyyerusaaalem  bara waggaa 14 booda bara 628 Dh. K. B. iyya isaaniifi gidiraa isaanirra gahe Waaqa isaaniifi kiristaanicha mootii Roomaatti (Hirqaalitti)dhageessisan. Loliitu waan booji’amne hunda nuuf deebisi isaatiin jedhan. Innis deebisee “duuka bu’oonni  lubbuu kan baase yookiin ajjeese umurii  isaa guutuu haa soomu jedhanii barsiiisaniiru. Kanaafuu sooma umurii guutuu kana sodaadheen malee osoon siniif lole natti  tola jedhe.Isaanisdeebisaniis namni tokko kan jiraatu yoo baay’ate waggaa 70 ykn 80; nuti hundi keenya walii hirree sii soomna kanaafuu loltee bilisa nu baasi jedhani. Innis hundi uummataa torbee tokko tokko akka isaaf sooman erga ajajee booda gara Faarsitti duulee fannooo Gooftaa deebisiisee gara Iyyerusaalemitti deebi’eera. Kana booda isaafis fakkeenya akka ta’uuf sooma inni labsiin soomsise kana abbootiin sooma guddaa kana faana akka soomamu taasisan.Soomni isaas Soooma Hirqaal jedhama.Seenaan isaas  seenaa jaalalli fannoo kan itti mul’atedha. Torban Gidiraa immoo yeroo biraa ni ilaalla.Kanas ta’e sana torbeen lamaan kun fuulduraafi duubaan akka hundee (ejjannoo) fi xumuraatti waan sooma gooftaa faana jiraniif sooma guddaa faana akka lakkaa’aman taasifameera.

Moggaafama Torbeen (Dilbata) Sooma Guddaa Keessaa

Mana amantaa keenyaaf faaruufi  yeedaloo wal-simsiisuun cimsee kan barsiise qulqulluu Yaareed kitaaba isaa “Tsoome Diggu’aa” jedhamu keessatti torbeewwan sooma guddaa hundaaf faaruu faarfatamuu qabaniif maqaa torbeewwan kanatti kenneera.Manni Amantaa Ortoodoksii aadaafi duudhaa mataa ishee qabaachuun ishee ni beekama.Sirnabal’aa qabaachuu isheetiinis kan kabajju guyyaa Sanbataafi ayyaanotaa,sooma soomtu,kadhaa kadhattu,maahileeta dhaabbattu hundi seeraafi sirna mataa isaa ni qaba. Ka’umsa tokko malee sanbata kabajju, sooma soomtu,kadhaa kadhattu hinqabdu. Haala kanaan sooma hudaadee kana kan soome gooftaa keenya fayyisaa keenyaa Iyyesuus Kiristoos waan ta’eef biyya lafaarra deddeebi’ee barsiisaa yeroo turetti gocha inni raawwate yaadachaa sanbatoota tokkoo tokkoo isaaniitti maqaa kennuun  akka maqaaa sanaattis seenaasaa kaasuun Manni Amantaa keenyaa gooftaa ni galateeffatti,ni faarfatti,ni kadhatti.
Haalakanaan turban inni:

    1ffa- “Zeweredee”;
•    2ffa- Qiddist;  
•    3ffa- Mikuraab;
•    4ffa- Mitsaaguu;
•    5ffa- Debre Zeyit;
•    6ffa- Gebriheer;
•    7ffa- Niqoodimoos;
•    8ffa- Hoosaa’inaa jedhama.

Egaa warraa armaan olitti ilaalle kana hunda torbee torbeen ni ilaalla. Torbeen inni 9ffaa Ayyaana Du’aa Ka’umsaa ta’uunsaas dagatamuu hinqabu.

Zeweredee (Museenii)

Sanbatni guyyaa sooma jalqabaa itti simannu kun Zeweredee yookiin Museenii  jedhama. Sababa inni itti  Zeweredee jedhameef  jala bultii guyyaa kanaatti luboonni  bataskaana keessatti kan faarfatan  jalqaba sooma diggu’aa kan ta’e ‘ዘወረደ እምላዕሉ አይሁድ ሰቀሉ’ jecha jedhu waan ta’eef sanbata kana qulqulluu Yaareed Zeweredee jedhee moggaase.Hiikniisaas  ‘’isa samiirraa bu’e Ayihuud fannisani  ‘’kanjedhu yommuu ta’u waa’ee gooftaa keenyaa Iyyesuus Kiristoos  samiirraa gadi bu’ee fannisamuu isaa kan ibsu dha.(Yoh 1:9-11, yoh 3:13-21)
Dabalataanis torbeen kun Abbootiin Seenaa Musee kaasaa  kan seenaa Gooftaa faana wal-simsiisuudhaan waan faarsaniif Museenii jedhameera.
Caqasoonni guyyaa Wiixataa gaafa jalqaba soomaa dubbifaman keessaa “raajonni guyyaa afurtama afurtama soomanii erga darbanii booda raawwataa seera Museefi raawwataa raajii raajotaa kan ta’e Gooftaan Iyyesuus Kiristoos akka  isaanii guyyaa afurtamaafi halkan afurtama kan soome ta’uu isaa kan yaadachiisu dha.(Bahuu 24:18; 1Moot. 19:8; Maat 4:1-4)
Gara biraanis “sagalee Waaqayyoo warra isinitti himan dursitoota keessan yaadadhaa; firii jireenya isaanii ilaalaa amantii keessaniin fakkaadhaa. Iyyesuus Kiristoos kaleessas, har’as barabaraan sanuma.Barumsa keessummaa adda addaan hin fudhatamiinaa. Lapheenkeessan kennaa Waaqayyoon yoo cime gaariidha malee nyaataan miti….garuu hojii gaarii hojjechuu warra kaaniifis qooduu hin dagatiinaa aarsan akka akkanaa Waaqayyoon ni gammachiisa’’ jedha (Ibr.13:7-16). Kanaaf hangafoota keenya warren karaa Waaqayyo nutti himan, waa’ee soomaas warra nutti agarsiisan warren akka Musee yaadachuuf deemsa isaanii hordofuun nurra jira.
Egaa walumaa galatti torbeen jalqaba soomaa kun torbee samiirraa gadi bu’uun Kiristoos itti labsamu ta’uu isaa hubachuu qabna.Kan torbee itti aanu kanaan booda wal-duraa-duubaan hordofaa.
    Nagaan Waaqayyoo hunda keenya faana haa turu; ameen!

 

 

Dubbii qulqullootaa Kutaa-1ffaa

Dubbii qulqullootaa

Kutaa-1ffaa

                                   Qulqullummaan maalidha?

Qulqulluu jechuun “qulqulleesse” kan jedhamu irraa kan dhufe yoo tahu hiikni isaas:-galateeffate,file,addaan baasee kabaje jechuu dha. Qulqullummaan bakka lamatti qoodamu danda’a.

A) kan kennaa (የፀጋ ቅድስና) waaqayyo irraa kennaadhaan(laataan) kan argame jechuu dha. Kunis kan laatamu uumamtootaafi dha. Ani waaqayyoo qulqulluu waanaan ta’eefi isinis qulqulluu ta’aa. Zel 19:2

B)Qulqullummaa Akkeenyaa(የባህርይ ቅድስና) kan jedhamu qulqullummaan isa irraa kan addaan hin bane,eenyuyyuu irraa fudhachuu hin dandeenye qabeenya mataasaa kan ta’e jechudha. Inni kun waaqa duwwaafi dha.

Jechi qulqulluu jedhu uumamtoota keessaa warra kana gadiif ooluu danda’a.

  1. Ergamoota qulqulloota (ቅዱሳን መላእክት): Uumamaan qulqulloota kan ta’an jireenyi isaanii qulqullummaan kan guutame qulqullota dha. Addunyaa hafuuraatti (በመንፈሳዊ አለም) samii irrattis lafarrattis Waaqayyoo fi nama fuulduratti hojii hafuuraa hojjetu. Hojii kanatiin Waaqayyoo fi qulqulloota wajjin tokkummaa qabu. Sa’atii fi guyyaa uumamanii jalqabanii faarsaa fi galata Waaqayyoof dhiyeessuu irraa adda hin baane. Isa 6:7,ra’I 4:8. Galanni Waaqayyoof dhiyeessan boqonnaa isaaniiti, boqonnaan isaanii galata Waaqayyoof dhiyeessani dha. Kana wajjiniinis kennaa Waaqayyoo gara namaa,kadhaa fi aarsaa namaa immoo gara Waaqayyoo nuuf geessu. Dan 9:22,hoj.du. 10:4. Boqonnaa malee waaqayyo sa’aatii 24 guutuu kan tajaajilani dha.
  1. Bakkeen Qulqullaa’oo( ቅዱሳን መካናት) :Iddoo hunda irraa adda ta’anii waaqayyoo hojii gurguddaa kan itti hojjete kan akka Gadaamii fi mannen kiristaanaa dha. Kanaaf bakka filatame waan tahef Waaqayyo museen bakka Dabra Siinaatti waamee akkas jedhe:Seera bah.3:5 as hin hiiqiin iddo ati dhaabatte qulqulluu waan ta’eef kophee kee miila keerraa baasi. Iya 5:13-15 manni kiristaana keenya fakkeenya kana godhattee kophee keenya akka miila keenya irraa baasnee gara mana qulqullummaa akka seennu nu ajajji. Qulqulluun Pheexiroos immoo ulfina mootummaa gooftaa keenya Iyyesuus kiristoosin,waaqummaa Isaa bakka Dabra Taaboritti yeroo nuuf ibsetti akkasumas tokkummaa fi sadummaa ifatti yammuu nu hubachiisetti yaadachuun “Gooftaan keenya Iyyesuus kiristoos humni isaa,deebi’ee dhufuun isaas isin biratti akka beekamu yammuu goone,nuyi surraa guddina isaa ija keenyaa arginee beeksifne malee,mammaaksa ogummaadhaan yaadame duuka buune miti. Inni Waaqayyo biraa ulfinaa fi guddina yammuu fudhate sagaleen “kun ilma koo isa ani Jaalladhu,isa gammachuun koo itti raawwatamu dha” jedhu isa guddicha surra-qabeessa” sana biraa dhufeeraafii,Nuyi warri gaara qullaa’aa gubbaatti isaa wajjin turre immoo,sagalee waaqa irraa isaaf dhufe kana dhageenyeerra ” jechuun gaara sana qulqulluu jedheera.(2fa.phex.1:16-18) kuni hundi Kakuu Haaraa keessatti kan argamu dhiiga Kiristoos irratti kan hundaa’e fakkenya bakkeen qulqullaa’oo (ቅዱሳን መካናት ) faadha.

Bakki qulqulluu kana kan filate,kabaje fi qulqulleesse Waaqayyo mataasaa dha. Akkasumas Kakuu Moofaa keessatti mootichi Solomon Waaqayyoof kan tahu Bataskaanaa erga ijaaree xumuree Waaqayyoo bakka qulqulluu mootichi Solomon kadhaa isaa itti dhiyeesse dha (2ffa sena bara 6:18-32,7:1-18). Kanaafidha egaa Waaqayyo bakka qulqulluu kan qulqulleesse bakka kabajaan kan guutame kan jenneefuu.

          

Haratoo Dabre Tsiyoon Qulq.Maariyaam(Horro Guduruu Wallaggaa)

  1. Guyyoota qulqullaa’oo (ቅዱሳን ዕለት) :-Waaqayyoo hojiiwwan gurguddaa guyyaa itti hojjete dha.(seera uum.2:2-3) Waaqayyoo guyyaa torbaffaa eebbise,qulqulleesses. Kanaaf guyyaa waaqayyo itti dhalate, fannifame,cuuphame,du’aa ka’e,afuura qulqulluu ergamootaf erge fi kkf guyyoota qulqulluu jedhamu.
  2. Qodaa ykn mi’a qulqulluu (ቅዱሳን ንዋያት):-mini mana qulqullummaa keessatti tajaajilan kun qulqulluu dha.
  3. Namoota qulqulluu (ቅዱሳን ሰዎች):-Namootni Qulqulluu hojii garaa garaaf garuu kaayyoo tokkoof Waaqayyo kan isaan waame dha. Waamamuu qofa otoo hin tahin kan waamaman keessaa adda bahanii kan filatamani dha. “Kan waamaman baay’ee dha kan filataman garuu muraasa dha.” Kan jedhame kanaafi. (Mat 22:14). Namoota waaqayyo sirriitti amananii karaa Isaa irra deemani dha. Isaanis:Qulqullota Raajotaa(ቅዱሳን ነቢያት),Qulqulloota Duuka Buutotaa(ቅዱሳን ሐዋርያት),Qulqullota Toltoota (ቅዱሳን ፃድቃን),Qulqulloota Wareegamtoota (ቅዱሳን ሰማዕታት),Qulqullota Abboolii(ቅዱሳን አበዉ),Mootota Qulqullootaa(ቅዱሳን ነግስታት),Qulqulloota Beektotaa(ቅዱሳን ሊቃዉንት),Qulqulloota Phaphaasii(ቅዱሳን ጳጳሳት),Qulqulloota Monokosaatii(ቅዱሳን መነኮሳት), isaan keessaa muraasa isaanii akka armaan gadiitti haa ilaallu.
  4. Qulqulloota Wareegamtoota(ቅዱሳን ሰማእታት):-Du’aa fi gidiraa adda addaa otoo hin sodaatiin waa’ee waaqayyoo kan dhugaa bahani dha….(Ibira.11:8:-)dhugaadhaaf reebamanii qoramanis magaaziidhaan tarsaafaman,albeedhaanis ajjeefamanis hunda dhabanii gidiraaf ta’ani. Fkf: Qulq. Isxiifanos,Qulq. Giyorgis,Qul.Morqoriyos
    1. Qulqulloota Toltoota (ቅዱሳን ጻድቃን);-Warri kuni immoo akkuma gooftaan gadaamii Qoronxositti galee guyyaa 40 fi halkan 40 soome fi kadhate, isaanis isa hordofanii kan qaban dhiisanii,addunyaa tuffatanii,gidiraa adda addaa fudhatanii,monokosanii bahitaawwii ta’anii gadaamiikanjiraatanidha.Fkf:Qulq.Inxoos,Qulq.Phaalamon,Qulq.Teklehayimanot.
    2. Qulqulloota Beektota(ቅዱሳን ሊቃወንት):-warri kuni immoo akkuma gooftaan addunyaa kana irratti waggaa sadii fi ji’a sadii barsiise,fakkeenya godhatanii addunyaa kana warra barsiisani dha. Fkf :Qulq. Atinaatiwoos,Qulq.Yohaannis Afewerq,Qulq.Qeerlos fi kkf dha.
  5. Kitaabolii Qulqullaa’oo (ቅዱሳን መጻሕፍት)፡Kitaabolii qulqulluu kan jedhaman kakuu Moofaa fi Haaraa kan monokosotaa fi Beektotaa akkasumas Kitaabota dhalatoo faadha. Qulqulloonni Raajotaa fi Duuka Buutotni afuura qulqulluun gaggeeffamuunbaroota garaagaraa Afaan (qooqa) garaa garaatiin kan barreessan,soba fi shakkii irraa adda kan ta’an,namaan sadarkaa qulqullummaa kan geessisu kan ulfina qaban tahuu isaanii Kakuu Moofaa fi Haaraa walitti kan qabate dha.
  6. Fakkiiwwan Qulqullaa’oo (ቅዱሳት ሥዕላት): Mana Kiristaanaa keenya keessatti Waaqayyoon,Dubre Qulqulleettii Maariyaamiin,Duuka Buutotaa,Toltoota,Wareegamtoota fi Beektotaa kan ibsan fakkiiwwan baay’een jiru. Qulqulluu kan jedhamaniifis:
    1. Addunyaa foonii kan ibsan fakkiiwwan addunyaa irraa gonkumaa adda tahuu isaaniiti.
    2. Fakkiiwwan mataansaanii raajota garaa garaa waan raawataniif qulqulluu isaan jechisiiseera.
    3. Fakkiiwwan Qulqullootaa ta’uun isaanii qulqulluu jechisiisera.

Hiikaan Dn Zalaalam Daggafaa

Madda

   Dubbii Qulqullootaa kan yaa’ii mooraa

“Hojii Qulqullummaa Hunda Raawwachuun Ni Barbaachisa!” Maat 3:5

“Hojii Qulqullummaa Hunda Raawwachuun Ni Barbaachisa!”  Maat 3:5

                                                         Biraanuu Dajanee

Waaqayyo Goftaan keenya Ayyaana Cuuphaa bara 2008 B.A kabajuuf hunda keenya kan nuga’e Maqaan isaa kan galatoome haata’u.

Waaqayyo tokkotti amanuun kan egalame Addunyaan erga Uumamee Barrii Erga lakkaa’amee kaasee yoo ta’uu, namni kamiyyuu Amantaa malee barri itti jirate hin jiru.Dhufaatiwwaan Ayyaanotaa fi hundeeffamni isaaniis seenaa uumamtootaa irraa kaasee jiruu ilma namaa faana walqabatee kan dhufe,kan jiraataa ture, kan kabajamee fi kan kabajamu ta’uu isaa seenaan amantaa nutti hima.

Kanaan walqabatee namoonni warri duraa Addaam abbaan keenyaa fi haati keenyaHewaan waaqayyo isaanuume Jannata keessa gammachuu guddaadhaan osoo jiraatanii Diyaabiloos inni diinni inaafee foon bofaa keessa dhokatee gara isaaniitti dhiyaate.Addaamii fi Hewaanis seexana ta’uu isaa osoo hin beekin gorsa seexana foon bofaa keessa dhokatee dhufeen gowwoomanii ajaja Waaqayyoo cabsanii Ijoollummaa Waaqayyoo dhabani.uma 3:24 Addaamii fi Hewaan Waaqayyoo fi Jannata dhabuun qilee adabbii keessatti kufan. Isaanis gorsa seexanaatiin gowwamfamanii muka balas nyaachuurraa kan ka’e sanyii isaanii hundatti murtiin du’aa itti murtaa’ee gidiraa fi abaarsa jala turan. Addaamii fi Hewaanis gaabbidhaan gara Waaqayyootti iyyuu fi boo’uu jalqaban, imimmaaniinis kadhannaa isaanii cimsan. Waaqayyos Addaam isa lammaffaa ta’ee garbummaa jalaa isa baasuuf waadaa galeefii guyyaan isaa yoo ga’u barri 5500 (kumni shanii fi dhibbi shan) yammuu raawwatamu addunyaa fayyisuuf bu’uuruma waadaa galeen Waaqayyoon Ilmi samiisamiiwwan irraa bu’ee qulqulleettii durbee Maariyaamii irraa dhalatee akka lakkoofsa keenyaatti Mudde 29 dhalate. Dhaloota Gooftaa keenya Iyyasuus kiristoosManni kiristaanaakeenya waggaa waggaan kan kabajju yoo ta’u, kabaja ayyanaa dhaloota Goftaa keenya Iyyasuus kiristoos kanatti aansuun ammoo sirna ho’aafi hawwatamaa ta’een ayyaanni cuuphaa Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos nikabajama. Haalli kabaja ayyaanichaas Taabota waaqayyoo waliin mooraa Mana Kiristaanaatii ba’uun laga ykn Galaana cinatti Amajjii 10fi 11 kan kabajamudha.

Cuuphaan malii?

Cuuphaa jechuun, Cuuphamuu,bishaan keessa lixanii ba’uu, bishaan keessa gadi awwaalamuu jechuudha.

Cuuphaa eenyutu hundeesse?

Gooftaan keenya Iyyasuus kiristoos dhalatee waggaa 30 (soddoma)tti laga Yoordaanositti harka Yohaannis cuuphaan cuuphamee cuuphaa hundeesse.Mat 3:13ሆረኢየሱስእምገሊላሀበዮሐንስያጠምቆበፈለገዮርዳኖስ”Goftaan keenya Iyyasuus Kiristoos harka cuuphaa Yohaannisiin cuuphamuuf Galiilaa irraa gara yoordaanos   deeme jedha. Namoonihundinuu fayyuuf ,lammata dhalachuuf ,mucummaa Waaqayyoo argachuuf cuuphamuu akka qabnu nutti himee jira. Mar 16:16‘’Namni amaneefi namni cuuphame nii fayya ‘’ akkasumas Namni hundi lammata bishaanii fi Afuura qulqulluu irraa cuuphaadhaan yoo dhalate malee gara mootummaa Waaqayyootti galuu hin danda’u. Yoh 3:3-6

Gooftaan Maaliif Cuuphame?

Gooftaan nan kabajama kan hin jenne kabajamaa,nan qulqullaa’a kan hin jenne qulqulluu ta’ee osoo jiruu maaliif cuuphame? yoo jedhame

1ffaa Sadummaa fi Tokkummaa Sillaasee ibsuudhaaf:-Sanaandura sadummaanSillaasee ifa ta’ee hin beekamu ture.Gooftaan laga Yordaanositti yommuu cuuphamu iccitiin sadummaa(Sillaasee) ifa ta’ee, Waaqayyo Abbaan duumessa keessa ta’ee Ilmi koo kanan jaalladhu isa kanadha jechuu isaatiin Abbaa Waaqayyo Ilmaa taa’uun isaa beekame ,Afuurri Qulqulluunis fakkeenya Gugee (Makoodii)tiin irra qubatee argamuudhaan lubbuu akkeenyummaa isaa ta’uunsaa beekame. Ilmis qaamasaa addaatiin laga yoordaanositti utuu cuuphamuu argame.Qaamoonni sadan Waaqummaa tokko ta’uu isaanii yommuu ibsu dha.Iccitiin Afuurri qulqulluun fakkeenya Gugee (Makoodii)tiin bu’uun isaa Gugeen uumama isheetiin hammeenyaa fi haaloo kan hin beekne waantaateefidha. Afuurri Qulqulluunisi amalummaan ammeenyaafi haaloo kan hinqabanne ,yooqalbii jijjiirranne kan cubbuu keenya nutti hin lakkoofnedha.

Gugee (Makoodii)n,godoo ishee yoo jalaa diigan malee ,labooba(koola) ishee yoo rukutamte,buuphaa(killee) ishee yoo jalaa cabsanmalee bakkee ishee dhiistee hin deemtu.Afuura Qulqulluunis yoo gonkuma isa ganan maleecubbuun hojatameedhaaf jiruu ilma namaa irraa addaan hin bahu.

2ffaa Raajii raawwachuufidha:- ‘’Bishaanissi’arganii sodaatan.Galaanonnis nijeeqaman, Lageenis nihuursan, duumessis sagalee kennan…’’Far.76(77):16 kan jedhu akkasumas

Raajii Hizq 36:35 raajii turee rawachuuf.

3ffaa Nuuf fakkeenya ta’uuf:- Osoo hin cuuphamin cuuphamaa yoo nuun jedhe namoonni baay’een cuuphaan hin barbaachisu, osoo waan barbachisu ta’ee Gooftaan cuuphamee fakkeenya nuuf ta’a ture, akka isaan hin jenneefidha.

Gooftaan maaliif waggaa soddommaffaa isaatti cuuphame?

Barumsi amantaa mana kiristaanaa akkuma Kitaabolee Qulqulluun nutti himanitti Addunyaan kan uumamte baraani dha.Waaqayyo Uumaa waan ta’eef baroota dura kan jiru barris kan lakkaa’amuuf miti. Baraa bara dabarsee kan jiraatudha. Faar 90:2’’ Addunyaan osoo hin uumamin baraa hanga baraatti ati waaqayyodha.’’ akkuma jedhetti Waaqayyo Gooftaan Iyyasuus kiristoos kan barri hin lakkaa’amneef barri lakkaa’ameef bara kana cuuphame ,cuuphaan isaa soddomaa oli, soddomaa gadi hin taasifne. sababiin isaas:-

1ffaaSirnaKakuu Moofaa raawwachuuf.

Sirna Kakuu moofaa keessatti luboonni tajaajila afuuraatiif waggaa soddomaan dura waltajjiitti hin bahaan ture. Tajaajiltoonni mana Waaqayyoo umurii fi bekumsaan kan bilchaatan, akkasumas amalaa fi hojii gaariidhaanis   uummata biratti kan amanaman tu’uu qabu ture. Bahu 4:3, 1sen 23:24Izr 3:8, 1xim 3:6-10

Gooftaanis waggaa soddommaffaa isaatti kan cuuphame barumsa wangeelaaf sirna sana raawwachuufidha.

2ffaaAddaam mucummaa Waaqayyoo waggaa soddomatti dhabe deebisuudhaaf.

Ilmi namaa inni duraa ‘’Addaam’’ ga’eessa waggaa soddomaa ta’ee uumamee ture,uumamee Guyyaa 40ffaa isaatti Gannatii (Jannata) galuun mucummaa argates sababa Seexanni Bofarra bulee isa dogongorseen mucummaa isaa dhabeera. Gooftaan keenya waggaa soddomatti cuuphamuun mucummaa dhabee ture debisuufii isaa agarsiisa.

Maaliif Laga Yoordaanositti Cuuphamee?

  1. 1.Raajii dubbatame raawwachuuf

Qulqulluu Daawwit Goftaan laga yoordaanositti yeroo cuuphamu waan ta’u baroota kuma dura raajiidhaan dubbateera’’Galaanni argitee baqatte, yoordaanosis gara duubatti deebi’ee, yaa galaanaa maal taatee baqattee? Yoordaanos akkamitti kan deebite? maaltaateetu ?’’ jedhamee

Faru 113:3-5 irratti rajjii dubbatamee kana rawachuuf

  1. 2.Fakkeenyicha gonka dhugoomsuuf

Yoordaanos laga tokko yommuu ta’u gadi siqee Yoorii fi Daanositti addaan ba’eera. Yoorii gama Isra’eel kan jiru yammuu ta’uu ,Daanos ammoo gama warra halagaa kan jirudha. Gadiiqanii lamaan isaniituu waltti dabalamaniiru. Bakka isaan walitti dabalaman kanattidha kan Gooftaan cuuphame. Gadiiqee addaan bahuun isaa Isiraa’el Ooriitiidhaan ,ormoonni  Waaqa tolfamaadhaan ykn Isiraa’el dhaqna qabaa raawwachuudhaan, ormoonni dhaqna qabaa raawwachuu dhiisuudhaan adda bahaniiru. Ammas gadi siqee walitti dabalamuun isaa fakkenya Wangeela tokkotti amanuu isaaniiti.Gooftaan iddoo inni walitti dabalametti cuuphamuun isaa hunda keessan tokko taasisuufan dhufe yommuu jedhudha.Akkasumas akkuma bakki ka’umsaa Yoordanos tokko ta’e ilma namatiifis ka’umsi Addaamidha. Gooftaanis namoota lagaan,qomooni fi bifaan wal qoodan hunda tokko gochuuf waan dhufeef bakka lageen lamaan walitti dabalamanitti cuuphame. Sabni Isra’eel Yoordaanos ce’anii biyya Waaqayyo gooftaanisaaniif kennegalan.Uumaan amananii cuuphamuun Jannata(Gannatii) mootummaa Waaqayyoo ni galu.

  1. 3.Xalayaa gidiraa barbadeessuuf

Addaamii fi Hewaan erga Jannataa bahanii booda diyaabiloosxalayaa gidiraa barreessisee ture. ‘’Addaam tajaajilaa diyaabiloos,Hewaan tajaajiltuu diyaabiloos’’ jedhaatii maqaa keessan kan hojii keessan ibsu barreessaatii naaf kennaa jedheen. Isaanis waan inni balaa salphisuuf isaanitti fakkatee akkuma inni jedheen rawwatan. Innis xalayaa gidiraa sana tokko si’oolii keessa, tokko immoo Yoordaanos keessa kaa’ee waan tureef xalayaa gidiraa Yoordaanos keessa kaa’e Gooftaan yommuu cuuphaa isaa irra ejjatee waantureef yeroo cuuphame ,cuuphaa isaatiin nuuf balleesseera.Akkasumas isa si’oolii jirus guyyaa gaafa jimaataa yommuu qaama lubbuutiin si’oolii bu’e lubbuuwwan bilisa baasee balleesseera. Qo l2:13-15

Gooftaan maaliif gara Yohaanis deemee cuuphame?

Qulqulluu Yohaannis Gooftaan cuuphamuuf gara isaa yommuu dhufu ‘’ani garbichi kee, tajaajilaan kee harka Gooftaa kootiin cuuphamuun qaba malee akkamitti ati Gooftaan koo gara koo dhuftaa? ‘’ jedheen. Gooftaanis deebisee ‘’hojii qolqullummaa hunda raawwachuun ni barbachisa rajii raajotaa raawwachuun ni barbachisa’’ jedheen.yeroo kana qulqulluu Yohaannis Gooftaa keenya cuuphe.

Gooftaan Iyyasuus Kiristoosfakkeenya nuuf ta’uuf gara Yohaannis deemee cuuphame.

Gooftaan gara Yohaannis deeme malee ati ‘’gara koo kottuu nacuuphi’’ hin jenneen. Sababni isaas, Gooftaan Yohaannisiin gara koo kottuutii nacuuphi osoo jedheeraan ta’ee,Moototni, abbootiin qabeenyaa namoonni gurgurddoon har’a lubootaan gara masara mootummaakeenyaa koottaatii ijoollee keenya nuuf chuuphaa jedhu ture. Abbootiin qabeenyaas gara mana keenyaa kottaatii ijoollee keenya nuuf cuuphaa akka hin jenneefgara mana kiristaanaa dhufanii Lubootaan sirni cuuphaa raawwatamuufii akkaqabu ibsuufidha.Inni Gooftaa ta’ee osoo jiruu gadi of-qabee tajaajilaa isaa, Uumaa ta’ee osoo jiru, Uumama Isaa bira deemee nuuf fakkeenya ta’ee jira.

Haaluma kanaan Manni kiristaanaa keenya ijoolleen dhiiraa dhalatanii guyyaa afurtamatti,durbi dhalataniigaafa guyyaa saddeettamaa Afuura Qulqulluu irraa gadamessa Yoordaanos keessaa akka dhalataniif cuuphaa niraawwatti Lew.12:1-8.Haata’uu malee shakkitoonni yeroo adda addaaka’an ‘’ kan amane kan cuuphame ni fayya ,kan hinamanne garuu itti murtaa’a. ‘’ Mar 16:16 kan jedhu kana hiika dogoggoraa kennuufiidhaan calqabarratti,daa’imni osoo hin amanin cuuphamuu hin qaban jedhu. Kun Kitaaba Qulquluu wallaaluu irraa kan ka’edha malee namniKitaabaQulqulluu sirriitti hubate kitaabni akkas jedha ‘’Garaa(Gadameessa)haadha kee keessa osoo jirtuu sibeekeera. Osoo ati garaadhaa hin bahin si’eebbiseera.’’Eerm 1:5Afuurri Qulqulluun kan irra bulu qaama qulqulluu fi nama amantaa qabu irra akka ta’e shakkitoonni wallaalanii miti ni beeku, yoo ganuu fedhan malee. Akkasumas,yohaannis cuuphaan osoo garaa haadhasaa keessa jiruu Afuura Qulqulluudhaan guutame. Luq 1:15.Egaa AfuuraQulqulluudhaan osoo hin amanin, osoo hin baratin maaliif irra bultee jedhanii himachuu danda’uu laata? Goftaan ‘’Daa’ima waamee gidduu isaanii dhaabee akka ijoollee ta’uu baannaan mootummaa Waaqayyoo hin galtaan.‘’ jedheera Mat 19:15,Mar10:13 Luq 18:15Waan kana ta’eef Manni kiristaanaa qulqulleettiin haaluma Gooftaa irraa baratteen sirna cuuphaa niraawwatti.

Akkuma armaan olitti ibsame seenaa kana irraa ka’uun manni Kiristaanaa Keenya isa Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos Galiilaa irraa gara Yoordaanos dhufee harka Yoohaannisitti cuuphame bu’uura godhachuun Luboonni taabota Waaqayyoo baatanii gara galaana(Lagaa) deemuun maqaa Waaqayyoo waamuun galateeffachaa, faarfachaa sirna ho’aadhaan ayyaana cuuphaa nikabajji.

Eebbi ayyaanichaa nurra haa bulu. Ameen!

Duurbeen Uumaa ishee Deesse

Duurbeen Uumaa ishee Deesse

Dn. Katamaa Taganuu

                                                                                          Gooftaan Keenya yeroo Dallaa loonii keessatti dhalate

Aduunyaa fayyisuuf qamma Isaa adda ta’een giiftii keenya qulqulluuleettii Duubroo Maariyaam irraa kan dhalate Ilma Waaqayyoo Iyyasuus Kiristoos Yeenaa ta’u iccitiin itti nama ta’e baay’ee ol’aanaa dha (1Xiimo.3:16).

   Waaqayyoo iccitii Tookkuummaa kana kan itti Xuumure baay’ee fagoo waan ta’eef beekumsa fooniitiin hin qooratamu (Rome.11:13). Sababni isaas beekuumsi Foonii Waaqayyo biratti gawwummaa dha (1Qoro.3:10. Waan kana ta’ef warri foonii beekuumsa isaaniitiin Ilmi Waaqayyoo Iyyasuus Kiristoos icciti itti nama ta’e beeku hin danda’an (1Qoro.1:21).

   Kanaafuu “waaqni nama; namnis Waaqa” Kan itti ta’e iccitiin Tokkuummaa baay’ee ulfaataa dha. Wa’ee iccitii kanaa Abbaa Hiriyaaqoos Yeroo dubbatu “Maaloo iccitii kana aja’ibsiifachuu qabna, akkam nama dhiba”Jechuun ajaa’iibsiifateera (Qiddasee Maariyaam 2:26).

     Iccitii kana aamanuu kan dandeenyu amantaatiin qofaadha. Sababni isaas kan addunyaa uumee, samii fi dacheen Isa baachuuf kan hin dandeenye Waaqayyo gadameessa dhiphootti daangeffamee dhalate jedhanii amanuuf dirqama amantaa qulqulluun barbaachisaadha.

 

Namoonni amantaa hin qabne garu Waaqayyoof wanti dadhabamu akka jirutti fudhachuun “Uumaan akkamiin dhalata?” Jechuudhaan gaaffii kaasu. Kun immoo Waaqayyoo Isa hunda danda’u shakkuu ta’a.

   Hayyoonni barumsa dubbi Waaqummaa baratanii fi amantaa dhugaa kan qabani ibsa iccitii Afuura Qulqulluutiin dubbii dhaloota Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos guutumaa fi bal’inaan dubbataniiru.

Jecha qaama Ilma Waaqummaa Isaatiin amaluumaa Abbaa Isaa Abbaa irraa, Amaluumaa jireenya Isaa Afuura Qulqulluu irraa adda osoo hin ba’iin dhalachuu Isaa ajaa’ibsiisani barsiisaniiru Aja’ibsiifachuun isaanii sammuu namaa olitti waan ta’efiidha.

Akkaataa armaan olitti barraa’een Ilmaan namaa kan taane nuurra kan eegamu iccitii sammuu namaa oli ta’e kana ajaa’ibsiifachuu qofaadha. Abbootiin keenya iccitii kana “Iccitii Foonummaa”jechuudhan kan ibsani sammuu namaatiin qoratamee bira ga’uu waan hin danda’amneefi.

Qulqulluun Eefreem “Akkanaan sammuu hundaa ol kan fagaate iccitii addaa kana akkasiin aja’ibsiifanna. Duubartiin dachee irraa nama kan ta’e qaama jechaa Gooftaa Iyyasuus Kiristoosiin deesse dubreen Uumaa ishee deesse Innis haadha Isaa uume. Ishee irraas Inni foon uumeen tokkummaa’e” Kan Jedhe Kanaafiidha (Amantaa Abbootii ykn ሃይማኖተ አበዉ ማሪ ኤፍሬም ወመምህር ሶርያዊ ምዕራፍ 47 ክፍል 1 ቁጥር 2)

Akkuma qulquulluun Eefreem duubbate duubree giiftiin keenya Maariyamiin kan nuuf deesse uumaa keenya Waaqayyoonidha (Yoha..1:1-14, Ibro.11:3, Ho. du. 20:28).

   Uumaan keenya Iyyasuus Kiristoos Abbaa malee giiftii keenya qulqulleettii dubroo Maariyaam irraa dhalachuu Isaatiin ifa kan nuuf ta’e iccitiin guddaatu jira. Kunis addunyaa dura Amaluumaan Abaa Isaa irraa haadha malee dalachuun Isaa iccitii dha. Kanas Abbaan Giyorgiis inni Gaasiccaa «Dhalachuun kee inni duraa dhalachuu kee isa boodaatiin beekame:..Dubroo irraa erga dhalattee booda Abbaa irraa dalachuu kee amantaatiin ifa nuuf ta’e» jechuun ibsera (Argaanoonii kan guyyaa Roobii).

   Guyyaan beellama Isaa yeroo ga’u Waaqayyo Ilma Isaa erge. Dubree irraas dhalate; inni Ilma Waaqayyoo Isa tokkichadha. Dabalataanis addunyaatiin booda fooniin giiftii keenya qulqulleettii dubroo Maariyaam irraa kan dhalate isa dha. Ergamaan Waaqayyoo giiftii keenya Maariyaamiif akka itti himetti Ilma Amaluumaa Waaqayyoo Abbaati jedheera. (Haymanoota abewu.23:2, 5:6)

     Bara Isaatiif jalqabaa fi dhuma (raawwii) kan hin qabne, barri kan Isaaf hin lakka’amne Waaqayyo foon dhala namaa fudhatee giiftii keenya irraa dhalachuu Isaatiin barri kan isaaf laka’amu ta’e. Kunis ta’uu kan danda’e tokkummaa’uun, qaama lama irraa qaama tokko, Amaluumaa lama irraa Amaluumaa tokko ta’eera.

      Walumaa gala Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos tokkuummaa’uun qaama tokko, Amaluumaa tokko ta’ee dhalachuu Isaatiin nuti waan baay’ee arganneerra. Kana keessaa muraasa isaa akka aarmaan gaditti ilaalla.

  • Dhaloota haaraa arganneerra

Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoosiin dhalootni haaraan argame. Iyyasuus Kiristoositti kan amanan Kiristoosiin fakkaatiniiru. Kabaja Isaas ni dhaalu, Isa waliin jiraachuuf kabajaan ni jijjiiramu (1Qoro. 15:52, 2Qoro. 5:17, Mul.Yoh. 21:4).

       • Nageenya arganneerra

«Waaqayyoof galanni samii irratti haata’u nagaanis dachee irratti namootaafis waan garii» jechuudhan nageenya dhabnee turre dhalachuu Isaatiin arganneerra.(Luqa 2:14.) Gammachuu arganneerra (Luq. 2:10), qoricha arganneerra (Luq. 2:11), ifa arganneerra (Isa. 1:2, Yoh.12:46, Luq.2:9), Abbaa arganneerra. (Isa. 9:2).Isa Waliin tookkummaa arganneerra (Maat.1:22), qabeenya arganneerra (2Qoro. 8:9), biddeen jireenyaa arganneerra (Yoh. 6:54)

       Egaa Waaqayyoon keenya Iccitii nama kan itti ta’ee fi dhalachuu Isaatiin eebba arggane hubachuudhan cubbuu irraa adda baanee badiisa irraa fagaannee jiraachuu qabna. Kana ta’uu baannaan garuu kennaa argannee turre hunda fedhii keenyaan dhabna jechuudha.

     Kanaafuu osoo nuuf hin ta’iin dhiifama argannee turre sababa cubbuu fi badiisaan akka hin dhabneef qulqullinaa fi eebba qabeenya keenya taasifachuun amantaa keenya qabannee hojii gaarii hojjechuun argamuu qabna. Ayyaanichas yeroo kabajnu akkaataa armaan olitti ibsameen jaalala Waaqayyo nuuf qabu hubachuutiin jaalalaan kabajuu qabna.

       Arjummaan Waaqayyoo; araarsummaan dubree Maariyaam nu waliin haa ta’u. Ameen!!!

“Isaanis amantii isaaniin… humna abiddaa balleessan”. Ibr 11:33-35

 “Isaanis amantii isaaniin… humna abiddaa balleessan”. Ibr 11:33-35

                                                                                                  Dn. Takluu Haayiluu

Kaayyoon Waaqayyoo dhala namaa uumeef maqaa Isaa galateeffannee akka mootummaa Isaa dhaalluufidha. Haata’u malee dhalli namaa bilisummaa qabutti fayyadamuun Waaqa dachee fi samii akkasumas uumamtoota hunda uume dhiisee Waaqa alagaa waaqessuun (Waaqa tolfamaaf jilbeeffachuun) ajaja Waaqayyoo “Ana malee Waaqonni biroo siif hin ta’iin” jedhu yoo cabsu kitaaba qulqulluu kessatti bakka hedduutti katabamee ni argana. Se. Ba’uu 20:1-4, Mat 6:24, Yoh 5:29.

Israa’eeloonni yeroo wareeramanii biyya Faariis Baabiloon keessa jiraatan Naabukadenetsoor ijoollee Israa’eel gosa moototaa fi abbootii murtii ta’an keessaa mudoo kan hin qabnee fi babbareedoo, beekumsaan kan guutamanii fi kanneen qalbii qabessa ta’an, mootii fuldura dhaabachuu danda’an filatee mana barumsaa kaalaadawiyaanotatti afaanii fi ogummaa akka barataniif gaafate. Daani’eel, Anaaniyaa, Azaariyaa fi Misaa’eel ni filataman. Akkasumas fuula mootichaatti kabaja argatan. Isaanis Sababa nyaataa fi dhugaatiin akka hin bushoofneef ykn harfoofneef daadhiiif cooma mootii dhiisanii akaayii goggoogaa fi bishaan xiqqoo dhugaa barumsa isaanii baratan (Dan 1:8-21). Mootichiis maqaa isaanii:- Daani’eeliin- Bilxaasoor, Anaaniyaan- Sidiraaq, Azaariyaan- Abidinaagoom, Misaa’eeliin –Misaaq jechuun jijjire. (Dan 1:1-dhumaa).

Ijoolleen kunis beektotaa fi qalbii qabeeyyii waan ta’aniif kutaalee biyya Baabiloon irratti muudaman. Dan2:46-48. Muudamuun ijoollee sadeen kanaa garuu, saboota Baabiloon biratti inaaffaa uume. Isaanis ijoollee sadaniif mooticha wal dhabsisuuf jecha akkas jechuun mala baasan “Firaa fi diina kee kan ittiin addaan foo’attu xaa’ota (tolchaa) itti sagadamu dhaabi” jechuun gorsan. Isaanis kutaalee Baabiloon irratti ijoolleen ati muudde gosoota Ayihuudota ta’an Waaqa ati dhaabdeef hin jilbeeffatan; ajaja kees hin kabajan jechuun mootiitti himan. Yeroo kana mootichis ni dheekkame. Hojjetotaa fi jiraattota biyya sanii hunda xaa’ota (tolchaa) dhaabbateef akka sagadaniif waamamanii, akka jilbeefataniis ajajaman. Mootichis haalota sadiitti fayyadamuun namootni hundi akka xaa’otaaf (tolchaaf) jilbeefatan taasisan. kunis:-

 

v  Labsii baasuun: -labsiin Kun warreen aangoo irra jiranii hanga tokkoon tokkoon namootaa kan laallatu yoo ta’u warreen aangoo qaban fakkenya ta’uu waan qabanif isaan irratti daraan xiyyefata ture.

v  Sagalee Muuziqaan booji’uun:- “wayita sagalee dibbee, nagaaritaa, fi kkf dhagessan kuftanii akka xaa’otaaf sagaddan’’ kan jedhuun sagalee meeshaalee muuziqaan booji’e.

v  Yoo jilbeeffachuu diddan labooba abiddaa keessatti akka darbataman jechuun sodaachisani. Mootichis harka kiyya irraa waaqni isin baasu eenyu? (Dan 3:15), Yoo jilbeeffachuu diddan abiddatti darbatamtu yoo jedhus ijoolleen sadeen garuu “Waaqni nu’i Waaqessinu labooba abidda kana keessaa nu baasa. Nu baasuu baatus waaq-harkee (tolchaa) keef hin jilbeeffannu” jechuun deebisaniif.

Haa ta’uu malee ijoollee sadeen kunis haala kanaan jilbeeffachuu hin dandeenye. “Isaan garuu hin jilbeeffannu” jedhani. Dan 3:13-19.

Yeroo kana mootichi ijoollee sadan labooba abiddaa keessatti darbachise. Laboobni abiddichaas hamaa ta’uu isaa irraa kan ka’e namootni ijoollee sadeen darbatan battaluma sanatti abiddaan nyaataman.

Daa’imman sadeen garuu hidhaan isaanii hiikamee Afur ta’uun, inni afraffaan garuu isaanirraa adda kan ta’e dha. Innis bifa Waaqoota kan qabu, Ergamaa Waaqayyo Qulqulluu Gabri’eeli dha. Labooba ibiddaan rifeensi mataa isaaniillee osoo hin gubatne labooba ibiddaa keessa afur ta’uun deddeebi’aa “Waaqni abbotii keenyaa ol ol haa jedhu, maqaan Isaa bara baraaf kan galatoome haa ta’u….”jedhan. (Faaruu ijoollee sadeenii 1:2-dhumaa) jechaa osoo faaraftanii mootichii fi namootni kanneen argan, dhaga’anis.

Kana irraa ka’uun “Waaqni ergamaa isaa ergee, garboota isaa amanamoo Anaaniyaa, Azaariyaa, fi Misaa’eel labooba Abiddaa keessaa baase haa galatoomu” jedhan.Dan 3:28. Sababni kabaja ayyaanna yaadannoo Ergamaa Qulqulluu Gabri’eel Mudde 19 kabajamus seena ijoollee sadeeniin kan walqabate dha.

Seenaa kana irraa wantoota gurguddoo armaan gadii baranna.

  1. Cimina amantaa ijoollota sadeeni
  2. Tajaajila qulqulloota Ergamootaa

Amantaan amanuu,amanamuu, murteessuu fi hojiin agarsiisuu of keessatti qabata. Ijoolleen sadeenis Waaqayyootti amananii, jabina amantaa isaanis “Waaqni waaqessinu abidda keessaa nu baasa” jechuun dubbatani. Amantaa isaan abbootii isaanii irraa fudhataniifis wareegaman, Waan isaan qunnamu mara fudhachuuf murtessan “Waaqni waaqessinu abidda keessaa nu baasuu ni danda’a; ta’uu baatus abidda kanatti darbatamnee akka wareegamnu fedha Waaqayyoo yoo ta’e abiddatti ni senna” Jechuun amantii isaanii ibsan.

Jecha afaan isaanii hojiin muldhisan. Akkuma qulqullu Ya’iqob “Amantiin hojii malee kan du’ee dha”. (Ya’iqoob 5:12) jedhe. Amantaa yoo qabaanne moo’icha, humnaa fi ogummaa arganna. (1Yoh 5:4) Kanaaf Waaqayyon ergamaa isaa ergee abidda keessaa isaan baase. Ergaamotni Waaqayyoo naannoo warra isaan sodaataniitti ni buufatu ni fayyisuunis (Faar. 33:7). Ciminni isaaniis akka Waaqayyoon afaan warra Waaqayyoon hin beekneen galateeffamuuf sababa ta’e. ( Dan 3:28-30).

  • Ergamootni qulqulloota, jaboota, akkasumas ija namaan hin muldhatamneedha.
  • Ergamootni Baay’inni isaanii kan hin beekamne kumaa fi kumaatama ta’u. Erm. 33:22
  • Ergamootni qulqullootni bara baraan kan jiraatan, kan hin duune, hin fuune fi saala kan hin qabneedha. Mat 22:30

Ergamootni qulqullootni tajaajila gurguddaa lama qabu.

Tokkoffaan boqonnaa malee Waaqayyoon galateeffachuu fi kabajuu (Mul. 4:6-11, Mul 5:6—14, Isa, 6:1, Faarsa 102:20) yoo ta’u

Inni lammaffaan immoo dhala namaa boqonnaa malee tajaajiluu (eeguu) dha. Waaqayyo Ergamaa Isaa ergee afaan Leencotaa cufeera. (Dan 12:1)

Tajaajila Ergamootni dhala namaaf kennan hedduu keessaa isaan muraasni:-

  • Ergamootni dhalli namaa jireenya bara baraa akka argatan ni gargaaru. Ibr 1:4
  • Ergamootni gara uumamtootaatti araaraa fi dheekkamsa fiduuf (2Mot 19:35) ni ergamu. “Ergamaan Waaqayyoos deebisee yaa Gooftaa hunda danda’aa warreen waggaa 70 itti dheekkamte magaalota Iyyerusaaleemii fi Yihudaa kanaaf kan hin dhiifneef hanga yoomiitti?”( Zak 1:12),
  • Ergamootni kadhannaa namootaa fuula Waaqayyootti ni dhiyeessu. Mul 5:8 Mul 8:2-2, Mat 18:10, Yoh 1:52
  • Qulqullootni Ergamootni wanta hamaa irraa ni baraaru (eeguu) gara gaarittis nu geessu. ( Se. Ba’uu 22:32)
  • QuLqulootni Ergamootni dhala namaa ni jajjabeessu ni kunuunsu. 1Mot 19:5, Dan 10:13-21
  • Qulqullootni Ergamootni badii jinnii/seexanaa / jalaa nu baasu
  • Qulqullootni Ergamootni warreen shakkan ni adabu. Luq 1:20
  • Qulqullootni Ergamootni Waaaqayyoo dura nuuf dhaabbatu. Luq 1:19
  • Qulqullootni Ergamootni diinaan nuu falmu
  • Qulqullootni Ergamootni Waaqayyo, yeroo rakkoo keenyaa nu gargaruu.Farf 33(34):7,farf 90:10

Kana irratti yeroo kadhannaa ergamootaa kaasnu wantootni sadii jiraachuu isaanii qalbeeffachuu qabna.

  1. Kan kadhatamu, dhiifama kan laatu, Waaqni araaraa jiraachuu isaa. Ba’uu 32:11-15
  2. Kan kadhatu /araarsituun/ Ergamaan ykn Qulqullootni jiraachuu. Zak 1:12
  3. Kan kadhatamuuf /dhiifama kan barbaadu namnii jiraachuu akka qabu beekuun nurraa eegama. Luq 18:13, Umm 20:7, Hizqeel 14:14

Walumaagalatti yeroo kabaja ayyaanaa qulqullicha Gaabri’elii kabajnu nu’i Kiristaanotni amantaa keenyan cimnee dhaabbachuu akka qabnu, sababa amantaa keenyaaf hanga wareegamuutti deemuu akka qabnu, ijoollota sadeen irraa ni baranna. Itti dabaluunis Waaqayyon yoo ajaja Isaa eegne, akka fedha Isaatti yoo deemne hamaa irraa akka nu eegu ni hubanna. (Faar 118:105, Ibr 8:28.) Akkasumas Ergamootni Waaqayyoo hamaa fi hammaataa irraa akka nu eegan, akka nuuf dhabbatan (nuuf kadhatan) ni baranna. Ijoolleen sadeenis amantii isaaniin cimanii, gaarummaa Waaqayyoo, eegumsa hangafa Ergamaa qulqulluu Gabri’eelii nutti muldhisaniiru. Kanarraa ka’uun mootichis “Ergamaa isaa kan ergee ….garboota isaa kan fayyise Waaqni Anaaniyaa, Azaariyaa, fi Misaa’eel kan galatoome haa ta’u” jedhe.

Nuyi kiristaanotni amantaa keenyaan cimnee, hojii gaarii hojjennee fakkenya taanee, addunyaa hamaa kana irraa gaarummaa Waaqayyoo, kadhannaa Ergamootaa, araarsummaa haadha keenya Dubroo Maariyaamitti amannee, gaabbii gallee, kabajamaa foonii fi qulqulluu dhiiga Waaqayyoo fudhannee dhaaltuu mootummaa Waaqqayyoo akka taanuuf fedhaa fi jaalala Waaqayyoo nuuf haa ta’u.

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

Eegumsi hangafa Ergamaa qulqullu Gabri’eelii nu biraa hin hafin. AMEEN!!!

Madda

      Weebsaayitii Waldaa qulqullootaa barruu Afaan Amaariffaa.

      Kitaaba seenaa

      Kitaaba Raajii Daani’eel

Fannoo Isaatiin Fayyina nuuf kenne

         Fannoo Isaatiin Fayyina nuuf kenne

                                                                                                                                                        Damissee Jamanee

 “Ummata Isaa fannoo Isaatiin fayyise” qulqulluu yaared. Addunyaan kun kan fayye Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos hojii fayyina Isaa kan raawwate aarsaa fannoorratti taasifameeni. Kana waan taheef fannoon Gooftaa  kiristaanota biratti mallattoo fayyinaa, araaraa ,abdii fi tokkummaati.Fannoon Gooftaa iccitii jaalala Waaqayyoo ibsudha. “Ilna Isaa tokkicha hanga kennutti addunyaa kana akkasuman jaalate” Yoh 3:16.

         

Fannoon Waaqayyoo fayyisuu Kiriistositti warra amanan hundaaf riqicha gara mana mootummaa Waaqayyoo geessu dha.Kanaafuu manni Kiristaanaa keenya “Fannoo keetiifis ni sagadna” jettee faarfatti.Fannoo Isaa ol kaasuun addunyaa kana ittiin eebbisti. Ummatas walitti qabuun waa’ee fannoo Gooftaa ni barsiisti. Waggaa waggaadhaanis  Fulbaana 17 ayyaana Masqalaa jechuun haala ho’aadhaan ni kabajji.

 

 

     Ummatni Roomaan dur namootni  yakka hojjetan fannoorratti olbaasanii fannisuun adabbii cimaa fudhatu ture. Gooftaan osoo hin fannifamiin dura namootni hedduun sababa yakka isaaniin fannifamaniiru.Fannoonis seenaa akkasii qaba ture.

 Gooftaan keenya erga fannisfamee booda garuu fannoon Gooftaa kan yakkamtootni ittiin adabaman osoo hin taane kan ittiin fayyanidha. Duuka bu’aan Gooftaa, Phaawuloos ergaa gara efesoon 2:10-16 “Lamaan isaanii qaama tokkoon Waaqayyo wajjin isaan araarsuuf lola fannoorratti ajjeese”  akkuma jedhe, nuti Waaqayyo wajjin kan ittiin araaramne,human,obsa,jaalala,nageenya kan ittiin arganne chaappaa jireenya kiristanummaa keenyaa dha.

 Gooftaan keenya Iyyasuus kiristoos “Fannoo koo baatee kan na duuka hin buune kan koo ta’uu hin danda’u” Mat 10:38 jedha. Fannoo Gooftaa baachuu jechuun jiraachuu Waaqayyoo cimsanii hubachuun rakkina nutti dhufu hunda obsuudhaan lubbuu ofii hanga kennanitti gahuu jechuu dha.  “Jechi fannoo Gooftaa warra badaniif gowwummaa dha nuyi warra fayyinuuf garuu human Waaqayyooti”  (1 Qor. 1:16-25)

 

 

 Fannoo yeroo jedhu fannoorratti  Isa fannifame  Ilma Waaqayyoo Iyyasuus Kiristoos dura jecha waan tureef  isa ibsuu fi dha. Sagalee Isaa warra hin dhageenyeef  fannoon isaaniif gowwumma dha. Nuyi warra itti amannuuf garuu human Waaqayyooti. Luqas 1:35 karaa biraatiinis jecha fannoo jedhu yeroo ibsu: Waa’ee fannoo Waaqayyoo waan dubbatamu warra itti hin amanneef gowwummaa dha jechuu dha.Waaqayyoo Gooftaan dhala namaa karaa adda addaa fayyisa.Fannoon Gooftaa foonii fi dhiigni Isaa  kan irratti kutamee fi lola’e waan ta’eef Gooftaan erga samiitti ol ba’ee boodas ifaan addunyaa kana ni guute. Dhukkubsatoota ni fayyise,warra du’an du’aa kaase.

Seexanni yeroo Gooftaan dhalatee kaasee hanga du’a satti dhala namaarra buluun gooftaarratti al hedduu ka’e, garuu mo’achuu hin dandeenye, Akka ajjeefamus laphee yihudootaa keessa bulee hammeenya akka hojjetan taassise. Gooftaan garuu gaafa guyyaan Isaa gahu fedha Isaatiin dabarsee of kenne.  Amma immoo fannoon Gooftaa waan raajii gurguddaa hojjeteef fannoo sana balleessuudhaaf mala adda addaa mijeessaa jira.

 Diini fannoo Gooftaa cimsee nimorma. Kanuma irraa ka’uunis waggaa dhibba sadii (300) oliif boolla keessatti gatamee akka turuuf taasisani. Hundarrayyuu seexanaaf waan hin galleef malee bakki awwaala fanno Gooftaa laphee uummataa keessa malee lafa keessa miti.

Fannoon Gooftaa qaraaniyootti  bakka  dhaabamuun isaa boodarra fannoon Gooftaa sammuu ijoollee addaam keessa malee bakka biraa akka hin taane nutti mul’isa. Kanaafis ragaa kan nuuf ta’u fannoon Gooftaa awwaalamee yeroo turetti jaalalli fannoo sammuu dhala namaa keessaa hin banne. Fannoon Gooftaa humna keenya, fannoon Gooftaa fayyisaa keenya, fanon qoricha lubbuu keenyaati.

 Diinni fayyina dhala namaa waan hin barbaanneef ayihuudonni goomiidhaan fayyisaa addunyaa kan ta’e Kiristoosiin fannisuun isaanii itti xiqqaatee fannoo Gooftaa awwaalanii bakka namni hin geenye waggaa dhibba sadiif dhokasamee ture. Boodarra garuu Illeenii kan jedhamte mootii kiristaanotaa yaada eebbifaamaadhaan kaatee gara Iyyerusaaleem deemtee fannoo Goftaa bakka awwaalamee jiruu baasuu dandeesseetti. Waa’ee seenaa qulqulleettii kanaa fi raawwii raawwatte akka armaan gadiitti ibsuu yaalla.

Illeeniin akka lakkoofsa Awurooppaatti bara 250 Biitaaniyaa magaalaa Helenapolisitti dhalatte. Maatiin ishees qabeenya waan hin qabneef hojii hunda osoo hin tuffatiin hojjechaa guddatte. Erga guddattee boodas nama Tarbinoos jedhamutti heerumtee waliin amanamummaadhaan erga jiraachaa turanii diinni gaafa isaan addaan baasu abbaan manaa ishee sanduuqa keessa  kaahee galaanatti ishee gate.

Qurxummiinis sanduuqa kana liqimsee gara biya Qusxinxiiniyaa geesse. Qunisxaan garboota isaa waliin gara qarqara galaanaa deemee qurxummii sana qabsiisee gaafa qalan sanduqni garaa qurxummii keessaa bahe. Gaafa bananii ilaalanis kan baay’ ee miidhagdu Illeeniin osoo homaa hin ta’iin sanduuqa keessaa bate. Achuma mana moototaattis guddatte. Qulqulleettiin Illeenii cubbamoota gidduutti mana mootiitti yoo guddattellee hordoftoota isaanii osoo hin ta’iin qulqullummaan jiraachaa turte boodarras Qunisxaatti heerumuun firii gaarii Qosxenxiiniiyoos mucaa jedhamu argatani.

Waggaa muraasa erga waliin jiraatanii booda Qunisxaan angoo barbnaacha nama biraa fuudhee ishee hiike. Illeeniinis mucaa ishee Qosxenxiiniyoosiin waa’ee kiristaanummaa barumsa hedduu barsiisa isa guddiste. Gara jabina warri Roomaa kiristaanotarratti raawwatan ilaalaa waan guddateef yeroo hunda ilma isheen kiristaanotaaf akka laafuuf gorsiti ture. Kana irraa kan ka’eenis sanyii gaarii isheen oomishte firii gaarii waan kenneef akka duuka bu’ootaa maqaan ishee yeroo hunda ka’u taasifame.

  Gara fuulduraati mana mootummaa abbaa isaa keessatti qorumsa seexanaa dhiyaatu mo’uudhaan Waaqa tolfamaaf osoo hin jilbeeffatiin gara Waaqa dhugaatti akka beeku barumsi isheen barsiiste jireenya isaa guutuu akka itti fayyadamuu fi kaaniinis akka fayyadu isa taasiseera. Qosxenxiniwoos gara mana mootummaa abbaasaa deemuun akka baratetti hojii gaarii hojjechuu fi murtoo haqaa fudhachuun mana mootumaa keessatti maqaa guddaa argate. Kadhaan ishees mucaashee  irra bulee jireenya isaa kessatti bakka guddaa akka ga’u taasise.

    Qosxenxiinoos biyya Ingiliziitti duulee osoo jiruu abbaan isaa waan du’eef yerooma sanatti duultonni bakka abbaasaa teessoo abbaa isaarra isa kaa’an aangootti fidan. Yeroo sanattis haadha isaa bakka jirtuu ishee waamsisee cinaa isaa keessisuun kabaja mootittiif ta’u hunda akka ta’uuf taasise.

  Barumsa haadha isaa irraa barate hunda yaadachuun, kiristaanota bitta jala jiran hundaaf bilisummaa labse. Roomitti kan argamu Meksimiyaanosiif kiristaanotaaf bilisummaa akka labsu xalayaa barreesseef . Meeksiimiyaanos garuu Waaqa tolfametti kan bulu waan ta’eef faallaa isaa kiristanota irratti gidiraa baayise. Kana gaafa dhagahu Qosxenxiiniwoos Meksimiyaanosiin balleessuuf duulaaf gaafa ka’u guyyaa sa’a 6:00 samii irrati ol je’ee gaafa ilaalu fannoo heddu ifu arge.

 Isa faana warri turanis  hundi argani. Samiirratti afaan yoonaaniin “Mallattoo kanan ni moota” kan jedhu barreefamee ture. Injifannoo samii irrtatti arge kana huccuu loltoota isaa irratti goonfoo gonfoo isaa iarratti akka hojjetamu taasise. Humna fannoo sanaanis mo’icha argate. Kana booda  haadha isaa waamee waan isa qunname hunda isheetti hime.

Inni humna itti moo’e,nama fayyisuu kan danda’u fannoo gooftaa akkamitti argachuu akka danda’an wal mari’atan. Qulqulleettin Illeeniis dursitee Qosxenxiniwoos kiristaanummatti amanaa, cuuphamee fannoo gooftaa awwaalame akka barbaaduufi bataskaana Iyyerusalem akka ijaaru kadhannaa waaqayyoo gaafattee turte. Illeeniin fannoo gooftaa argachuuf umurii ishee waggaa 80tti waggaa tokko deemuun humna Waaqayyoon Iyyesusalem geese.

Akkuma achi geessen bakka fannoo gooftaa awwalame gaafachuu jalqabde. Dursitee eephisqophosii Iyyerusalem kan ta’an abbaa maqarisiin gaafatte. Isaanis beekuu danda’u namoota jedhan gara jaarsolii umuri dheeraa qabanitti ishee ergani. Jaarsa umurii dheeraa kiraakosiin gara ishee fidanii bakka fannoo Gooftaa awwalame natti  himi jette. Innis dura sodaatee boodarra garuu abbootiin keenya fannoon Gooftaa gaara kana jalatti awwaalame yeroo jedhan dhagaheen ture jedhe.

 Bakki sunis dursee goolgootaa bakka jedhamuu namootni naannoo sanaa waggaa 300 kosii itti gataa waan turaniif gaara fakkatee ture. Illeeninis gaara gidduu jiru keessaa bakka kamitti akka awwalame beekuu waan hin dandeenyeef osoo yaadaa jirtuu eergaman waaqayyoo Mikaa’el mul’ataan iddoo fannoon jiru aarri ixaanaa akka isheetti agarsiisu itti hime.

Kana booda Waaqayyoof galata erga dhiyeesitee booda damaraa hojjetee ixaana gaafa itti dabaltu aarri ixaana olba’ee fannoo Gooftaa bakka awwalame deebi’ee agarsiise. Qulqulleettin Illenii bakka aarri ixaanaa deebi’ee sagaduun agarsiise sana akka qofforamu ajajje.

Bakichis ji’a ja’a erga qofforamee booda Bitootessa 10 fannoowwan sadii argaman keessaa kamtu fannoo gooftaa akka ta’e adda baafachuuf nama du’e fidanii gaafa sadan irra godhan fannoo sadan keessaa fannoo gooftaa du’aa kaase. Dhukkubstaas fayyise. Fannoon Gooftaa osoo hin awwalamiin dura nama fayyisaa ture; awwalcha keessa taa’es laphee namaa keessaa hin badne,awwaala keessa erga argame boodas kunoo du’aa fayyise.

 Egaa walumaa galatti qulqulleettin Illeenii gaafa Fulbaana 16 damaraan hojjechuun bakka fannoon jiru argatte. Gaafa guyyaa fulbbana 17, lafti kun qofforamuu jalqabe. Kanaafuu akka mana amantii keenyaatti guyyaa kana lamaan sababa godhachuun ayyaana guddaa ykn ayyaana Masqalaa bal’inaan kabajama. Yeroo kabajnutti garuu of eegannoon godhamuu qabu barsiitota fudhatama hin qabne bakka biraadhaa fidanii amantii keessa makuun barbaachisaa waan hin taaneef of eeganno gochuu qabna.