Kollejjiin Qulqulluu Phaawuloos Duukaabuutota Eebbise

Kollejjiin Qulqulluu Phaawuloos Duukaabuutota Eebbise

Mana kiristhanaa orodoks Tawaahidkoo Itiyoophiiyyaatti kolleejjiin Afuuraa Sawaasawa Birhaan Qulqulluu Phaawuloos barattoota  barumsa Idilee fi sagantaa galgalaatiin  barachaa turan kan bay’inni isaanii 212 ta’e ankii Diippiloomaatiin Eebbisiise.

                                           Dn. Mazgabuu Kafyaalawuun

Sagantaa eebbaa waxabajji 21 bara 2006 Galma mana lubummaa waliigalaatti gaggeeffameen Paatiyaarikii  Qulqulluun Abbaan keenya Maatiyaas barattoota barumsa isaaniitiin qabxii ol aanaa galmeessisaniif badhaasa erga kennanii booda sagalee ergaa dabarsaniin “Manni kiristanaa bakka gara garaatii isin waamtee lallaba wangeelaa irratti isin bobbaasuuf qophiirra turteetti, Humni  kun mana kiristaanaa keenyaaf qabeemya guddaa waan ta’eef beekumsa argattan kana saba keessaniif akka hirtanii fi itti gafatamummaa manni kiristaanaa isinitti kennite akka baataniif isin adara” jedhaniiru.

 

Itti gaafatamaa kolleejjii kanaa kan ta’an qulqulluu Abbaan keenya Aabuna Yaareed; Itti gaafatamaan Qindeensaa yaa’ii laalabaa; kutaa lallaba biyyaa Naannawaa Sumaaleetiif phaaphaasii dursaa kan ta’an barattoonni barumsa afuura barhchaa turanii yeroon itti mana kiristaanaa tajaajilan waan ga’eef baga gammaddani jedhaniiru”

          

Barattoota 212 Eebbifaman keessaa barattoonni 12 barumsa isaanii sagantaa idileetiin kna hordofaa turan yoo ta’u, isaan kana keessaas barataan tokko hiika kakuu duraa; barataan tokko ammo  hiika kakuu haaraatiin kan eebbifaman yoo ta’u, barattoonni 200 garuu barumsa isaanii sagantaa galgalaatiin warra hordofaa turan ta’uu eerameera.  Saganticha irrattis Barsiistonni kolleejjichaa; Phaaphaasonni; beektonni mana kiristaanaa, fi barattoonnii fi maatiin barattootaa argamaniiru.

Seensa Seenaa Mana Kiristaanaa

Seensa Seenaa Mana Kiristaanaa

Kutaa 1

                                                                                        Waasihuun Amanuu

Dandiirra dhaabadhaa ilaalas, dandii ishee duraas gaafadha, daandiin ishee gaarrii kam akka taate beeka ishee irras deemaa lubbuu keessaniifis boqonnaa ni argattu.” Erm.6:16.

 

Wangeela Maatiwos boqonnaa 24 irratti barreeffamee akkuma jirutti jalabultii bara dhumaati addunyaa kanaatti daandiwwan/amantaaleen/ gaarii faakkatanii garuu kan gara dogongoraa fi badinsatti nu geessan hedduun yerootti maqaa adda addaatti dhaabbatanii jiranidha. Daandiiwwan kunis daandii ishee duraa fi dhugaa irraa yeroo adda addaatti kan foxxoqanii fi falaasama namootaan kan hundaa’an yoo ta’an yeroo ammaa baayyina isaanii irraan kan ka’e lakkofsa isaanii illee seeran beekuf baay’ee nama rakkisa (maqaa kiristoosiin kan socha’an lakkoofsisaanii 3000 ol ni ta’u jedhama). Kan kiristaana ofiin jedhanillee yommuu ilaallu yeroo ammaa kanatti  maqaa hedduutiin kan hundaa’an, karaan dhugaa kan kiristaanummaa ishee jalqaba Kiristoos hundeesse fakkeessanii kan nama karaa dhugaarraa kaachisan hedduun ni jiru. Daandiin gara jireenya bara baraa fi boqonnaa barabarraatti nama geessituu fi karaan isheen dhugaa garuu tokkodha.Akkuma amantaa tokko, cuuphaa tokko, Gooftaa tokko jedhee Qulqulluun Phaawulloos barreesseetti. (Efe. 4:5)

 

 

Kanaan alatti daandii haaraa hundeessuunis ta’e irra deddeebi’uun sirrii akka hin taanee fi mootummaa Waaqayyoo akka nama dhabsiisu Qulqulluun Phaawolos barreesseera. (Hundee daballee hin hundeessinu..Ibr 6:2, 1Qor 3:10, Bifa amantii qabu garuu humnasaa gananiiru…2Xim.3:5). “Sossobbaa Diyaabiloos mormuu akka dandeessaniif meeshaa waraanaa Waaqayyoo uffadhaa, lolli keenyi dhiigaa fi foon waliin miti.” jedhee kitaabni Qulqulluun nu akeekkachiiseera (Efe 6:11).

 

Akkuma mul’achaa jirutti, namoonni muraasni walitti qabamanii habjuutiin nutti mul’ate jedhanii maqaa moggaasanii amantiin keenyi isa dhugaadha Kiristoos nubira jira jedhanii kan dandiirraa nama kaachisan hedduun ni jiru. Gooftaan keenyi Iyyasuus Kiristoos dursee waan kana beekuuf “Hanga dhumaatti kan cimee dhaabbate … inni ni fayya” Mar. 13:13 jedhee kan dubbatee tures akka of eeggannuufidha.   

 

Waan ta’eefis yeroon amma keessa jirru kun yeroo itti dhabbannee itti yaaduuu qabnu, yerootti daandii ishee dhugaa fi duraa itti gafannu,  isheenis garam akka turte yeroo itti  gaafannu akkaataa hundi keenyaa beeku qabnu dha. Daandii dhugaa kan jedhamte amantaa ishee dhugaa gara jireenyaa fi fayyina  barabarratti nama geessituu fi mootummaa Waaqayyoo  nama dhaalchiftu dha. Barri keenya bara gosni amantaa garmalee itti baayatan ta’uu isaa irraan kan ka’e dhaalonni kun amantaa filatuu fi qabatu wallaalee yeroo itti dhiphaachaa jirudha. Kanaafuu, daandii ishee dhugaa fi jalqabaa kan Waaqayyoo hundeesse hubannee itti jiraachuun furmaata yeroonsaa gaafatu dha.

 

Kanaafuu akka bara abbootii keenyaatti “amantaan kee maalidha?” yommuu jedhamnee gaafatamnu “amantaa abbaa fi haadha kooti” jennee  deebisuun qofa gahaa miti. Akkuma Qulqulluun Phaawuloos jedhetti, yeroon kun yerootti waa’ee amantaa keenyaa sirriitti hubannee namoota kaaniif ibsuu danda’uu qabnurraati argamuutu nurraa eegama. Sababni isaas bara kanatti namoonni kitaaba Qulqulluu kaayyoo addadaaf jedhanii yerootti dubbisanii nama dogongorsiisuu barbaadan waan ta’eefidha.

 

Egaa dhimmi armaan olitti ilaalle kun Mana Kiristaanaa Kiristoos hundeesse, amantiin ishee dhugaa kam akka taate hubachuuf seenaan Mana Kiristaanaa gumaacha guddaa waan godhuufidha. Seenaan, kaleessa hanga har’aati kan jiru waan nu hubachiisuufidh. Ta’iiwwan adda addaa bara addaatti maal akka ta’n amantaa waliin akkamitti akka walitti dhufan kan hubachiisudha. Dhaabbileen amantaa amma jiran hundi yoom, eenyuun, akkamitti, akka hundaa’an, kaayyoon isaaniis maal akka ta’e kan nu hubachiisudha. Manni Kiristaanaa keenyi, Ortodoks Tawaahidoon akkamitti Kiristoosiin hundooftee, maqaa kanaan waamamuu akka dandeesse, qormaatilee hedduu dabarsitee akkamiin akka as geesse,akka addunyaatti biyyoonni Ortodoks Tawaahidootti amanan warra kam akka ta’anii fi kkf kan itti eeraffamu dha.   

 

Seenaa irraa hubachuun akkuma danda’amuun Manni Kiristaanaa Ortoodoks Taawahidoo yeroo hundooftee  egalee baroota dheeraa kan lakkoofsifte waan turteef dheerina umurii isheen kan ishee maadalu hin qabdu. Biyyi keenyi Itoophiyaa baroota sadan hundaa keessatti jechuunis bara seera laphee, bara seera oriiti fi bara seera wangeelaaa keessatti Waaqa waaqqeefachaa kan turte dha. Barreeffama kana keessattis Manni Kiristaanaa Ortoodoks Taawahidoo Itoophiyaa amantaa ishee duraa fi ishee dhugaa akka turte haala gaariin hubachuun ni danda’ama jedheen nan abdadha.

 

Barreeffamni  kun of keessa qabiyyeewwan gosa adda addaa kan of keessaa qabu yoommuu ta’u haalli dhiiyenya isaas duraa fi duubaan kan dhyaatudha.  Kana jechuunis, amantii ykn daandiin ishee Waaqayyo dhallii namaa ittin jiraate mootummaa Isaa ittiin dhaalan, akkamittii fi yoomii kaasee akka eegalte, walitti dhufeenyi Waaqayyoo fi dhala namaa maal akka fakaatu kanitti ibsamu dha.  Waluummaagalatti barreeffama kana keessatti barootan sila caaqafne keessatti seenawwan Mana Kiristaanaa keenya gaababsinee kan ilaalu yoo ta’u bu’awwan afuuraafi foonii isheen biyyaaf argamsiftees ilaaluuf ni yaalla. Barreeffama kana kan adda isa godhus seenaa Manni Kiristaanaa akka Oromiyaatti qabdus qoronnoorratti hundaa’udhaan dhiyeessuuf yaalusaati. Sababni isaas, Oromiyaa keessatti Gadaamiwwan hedduun nijiru, seenaan hedduun ni jira, garuu walitti qabamee uummataaf hin dhiyaanne. 

 

Walumaa galatti, namni seenaa Mana Kiristaanaa isaa kan hin beekni calliseetu oofama jechuudha. Yeroo qilleensi shakkii kallatti adda addaan itti dhufu dafee raafama, dhumnisaas dhaabbata amantaa isa dura shakkaa ture keessatti argamuu ta’a. Kunis akkuma namicha manasaa chirracharratti ijaarrateetti fakkeeffama. Namni seenaa Mana Kiristaanaa sirriitti hubatemmoo, qilleensi shakki garamiinuu otuu qilleensa’ee, qormaanni hedduun otoo itti dhufee yeroof dhiphata malee daandii ishee dhugaarraa kan isa kaachisu hin jiru. Kunis, namicha manasaa isa kattaa/dhagaa irratti ijaarrate fakkaata.

 

Egaa kaayyoon barreeffama kanaa, namoonni hundumtuu seenaa Mana Kiristaanaa sirriitti hubatanii dhugaa fi soba addaa baafatanii, daandii ishee duraa taate beekanii akka ittiin jiraataniif gumaacha guddaa akka qabu nan amana. Yaada qabaattanis bakka yaada itti kennuuf qophaa’e irratti akka nuuf ergitan nan abdadha. Waaqayyo, daandii dhugaarra deddeebinee lubbuu keenyaaf fayyina akka argannuuf nu haa gargaaru.

 

 

Galanni Waaqayyo Abbaaf, Ilmaaf, Afuura Qulqulluuf haa ta’u. Ameen.

 

 

Icciitiiwwan Mana Kiristaanaa

 

                                Icciitiiwwan Mana Kiristaanaa

                                          Seensa

Kutaan kun kutaa icciitiiwwan mana Kiristaanaa itti barannudha. Kaayyoon barumsa kanaas maalummaa icciitii mana kiristaanaa hubannee faayidaa isaa fi barumsa mana kiristaanaa qu’annaa fayyina keenyaaf hirmaattota icciitii mana kiristaanaa akka taanu; jireenya keenya guyyaa guyyaattis qophoofnee dhaaltota Mootummaa Waaqayyoo akka taanuufidha.

Waaqayyo Gooftaan dhala namaatiif kan isa barbaachisu yaaduu fi kennu; jireenya, dhalootaa fi guddina Foon keenyaa qofaaf osoo hin taane dhaloota afuuraa keenyaa fi guddina Afuuraa keenyaafis kan ta’u wantoota nu barbaachisan mara qopheessee nuuf kenneera.kennaawwan kanas Mana Kiristaanaatiif kennee mana kuusaa kennaa Isaa erga taassisee booda,manni kiristaanaa amantootaaf akka hirtu ishii taassiseera. Kennaawwan mana kiristaanaatiif kennamanii amantoota hundaaf akka hirte dhala namaa amantaadhaan dhiyaate gara Waaqayyootti akka dhiyaatu kan ittiin taassitu keessaa Warri angafaa Icciitiiwwan Mana Kiristaanaa Torban jedhamuun kan beekamanidha. Icciitiiwwan kunis dhala namaa amantaadhaan dhiyaatee fudhateef jireenya haaraa,fayyinaa fi tajaajila Waaqayyoo isaan gonfachiisu.

 

 Icciitiiwwan Mana kiristaanaa Torban kunis kan raawwataman mana kiristaanaa keessatti amantootaa fi lubootaaf yoo ta’u kan akka raawwatamuuf tajaajilan ammo luboota akka tajaajila kana kennaniif Waaqayyo isaan filatee muudedha.Hirmaattonni icciitii kanaa garuu namoota haaraa amantaadhaan dhufanis ta’e warri  duraan amantaadhaan jiran kan hirmaatan yoo ta’u icciitiin kunis amantaadhaan qulqullaahanii dhiyaachuudhaan kan raawwataman( kennaman) malee kanfaltiidhaan ykn qabeenyaan ykn firummaa fi walbeekkitiidhaan kan raawwatamu miti.

Icciitiin Waaqayyo dhalli namaa akka ittiin jireenya bara baraa argatuuf bilisaan nuuf kenne kun bu’uurri isaa icciitii foonii ( nama ta’uu Kiristoos) irra kan dhaabate yoo ta’u, icciitiiwwan turban kun utubaalee mana kiristaanaa dhaaban( ijaaran)dha. ( Fakk.9:1-5)

Icciitiiwwan kun  icciitii fayyinaa fi qulqullummadhaan filatamuu dhala namaa waan ta’aniif Kiristaanni hunduu waa’ee icciitii kanaa beekuu qofa osoo hin taane qulqullaa’ee hirmaataa icciitiiwwan kanaa ta’uudhaan jireenya isaa guyyaa guyyaa keessatti raawwachuu qaba.

                      

 

 

                    Icciitiiwwan Mana Kiristaanaa torban isaan kami?

Icciiwwan mana kiristaanaa turban jechuun kan waamnu kanneen armaan gadii yoo ta’an isaanis bu’uurri isaanii Kitaabolee qulqulluudha. Isaanis:

(1)    Icciitii Cuuphaa ( Maar 16:16) Cuuphaa jechuun dhaabbiidhaan bishaan ykn dhangala’aa keessa bu’uu, keessa seenuu ofitti naquu kan jedhu yoo ta’u, hiikaan isaa icciitii garuu  cubbuu namni bishaaniin cubamuu sun kan ittiin haqamu, adeemsa lammata dhalachuu Mucummaa Waaqayyoo argachuu kan agarsiisudha. Icciitiin kun icciitiiwwan mana kiristaanaa keessaa isa angafaa fi dursa kennamu yoo ta’u kunis icciitiiwwan warra kaaniif akka karraa ykn balbalaa ta’uun kan tajaajiludha.

(2)   Icciitii Meeroonii ( 1Yoh.2:20)  Jechi Meeroonii jedhu jecha Giriikii yoo ta’u, hiikaan isaas foolii urgaahu kan qabu, urgaa’aa, foolii gaarii kan qabu jechuudha. Meerooniin dibata bifa Zayitaa qabu yoo ta’u dibata qulqulluu  biqiloota adda addaa irraa walitti cuunfamuun qophaa’udha.

(3)   Icciitii Qurbaanaa (Maat.26:26) jechi “qurbaana” jedhu jecha Afaan Suristii fi Giriikii irraa dhufe yoo ta’u, hiikaa kennaa, aarsaa, balcha, qabeenya Waaqayyoof kennamu, kenna Waaqayyoof dhiyaatu jedhu of keessaa qaba. Icciitiin kun icciitii guddaa kan Kiristoof itti nama ta’ee du’a Isaatiin du’a keenya nurraa haqee fayyina itti nuuf kenne kan ibsuu fi kan kiristoof Wajjin ittiin tokko taanu waan ta’eef bu’uura icciitiiwwan hundaati.

(4)   Icciitii Lubummaa ( Maat.18:18) jechi kun hiikaa tajaajile, muudame jedhu kan agarsiisu yoo ta’u, kunis aangooafuuraa  Daaqonummaa, Lubummaa, Eephis Qophoosummaa, argate jedhu qaba. Kunis icciitii itti tajaajilaa Waaqayyoo ta’uun filatamuu, muudamuu kan agarsiisudha.

(5)    Icciitii Gaabbii ( Hoj.duk. 2:38) gaabbii jechuun akkuma jechi isaa ibsu, hojii hojjetan tokkotti rifachuu, osoon hojjechuu baadhe? Jechuun itti gadduu kan agarsiisudha. Kunis dhalli namaa cubbuu hojjetee yemmu Waaqayyo isaatti balleessu kan hojii hojjetetti gaddee boo’ichaa fi imimmaaniin, adabbidhaanis Waaqayyo isaatti araaramudha. Icciitiin kun kan raawwatamu namni gaabbu sun Luba Waaqayyoo wajjin mari’achuun waan raawwachuu qabuu fi akkaataa itti raawwachuu qabu akka hubate kan gaggeeffamu waan ta’eef icciitii lubummaa wajjin walitti hidhinsa cimaa kan qabudha.

(6)   Icciitii Qandiilii  ( Ya’i 5:14) jechi Qandiilii jedhu jecha Laatinii “ kaandil” jedhu irraa yoo ta’u hiikaan isaas “ ibsaa” jechuudha. Icciitiin kun namoonni dhukkubsatan dibata kana dibatanii kadhaan isaaniif gaggeessamee kan ittiin fayyanidha.

(7)    Icciitii Takliilii ( Maat 19:6) jechi “ Takliil” jedhu jecha Gi’iizii ‘Kallale” jedhu irraa kan dhufe yoo ta’u hiikaa dahoo kenne,  jedhu kan qabudha. Kunis icciitii waadaan gaa’ilaa ittiin raawwatamu icciitii kabajamaadha.

Egaa icciitiiwwan mana kiristaanaa turban kan jedhaman warra armaan olii yoo ta’an isaaniinis haala raawwii isaanii irratti hundaa’uun bakka gurguddoo lamatti qoonnee ilaaluu kan dandeenyu yoo ta’u osoo qoonnee ilaaluutti hin darbiin dura silumaa gochaawwan armaan olitti caqasaman kana maaltu icciitii isaan taassise? Kan jedhu ilaaluun barbaachisaa waan ta’eef mee  haa ilaallu.

Icciitiiwwan Mana kiristaanaa armaan olitti ilaalle kana maaltu icciitii jechisiise? Isa jedhu ilaaluu keenyaan dura silumaa “ icciitii” jechuun maali? Gaaffii dhu kaasnee yoo hiika isaa ilaalle salphaatti warren armaan olitti tareessine kun maalif akka icciitii jedhamanii waamaman baruu dandeenya.

     

                            Icciitiin Maali?

Icciitii jechi jedhu dhaabbiidhaan yemmu hiikamu hiika imala ykn dhimma dhoksaa, dubbii golgamaa,wanta dahoo ta’e kan ibsudha.

Imalli tokko kan dhoksamuuf waantoota lama irraa kan maddedha. Inni jalqabaa namni dhimma dhokatu sana qabatee jiru (abbaan dhimmaa) sun dubbii dhoksu sanatti kan qaanahu yoo ta’e ykn dubbiin qabatee jiru sun kan yakka wajjin wal qabate yoo ta’e yoo saaxilame ykn ifa bahe nan adabama, uummata irraan adda baha, hawaasa keessaan qoodama jechuunsodaa irraa ka’ee ta’uu danda’a.

 

Gama biraatiin ammo dhimmi ykn dubbiin dhoksamu sun kabajamaa waan ta’eef dhimmi sun namoota kabajamoo fi filatamoo ta’an qofatti adda baasamee kan himamuu fi ifa bahu malee kan nama hundatti hin himamne waan ta’eef  dhimma dhoksaa sana bira gahuuf ykn baruuf ga’umsa tokko kan gaafatu ta’ee ykn dubbiin sun nama himamuufii sanaan hubatamuudhaaf namni dhimma sana ilaalu ykn beekuuf isaadhaaf eeyyamamu dandeettii dhimma sana hubachuu horachuu dursuu waan qabuuf, yoo kana ta’uu baate namni sun waan miidhamuuf ta’uu danda’a.

 Namni tokko dhimma akka isa irraa kan hafe namni biraa akka isa jalaa hin barre barbaadu dhoksatee ofii isaatiif qabata. Yoo dabarsee ibsuu ykn himuu barbaade illee fira isaa, nama garaa isaa, hiriyyaa isaa, nama jaalatu, nama kan kooti jedhee itti amanutti dabarsee hima ykn ibsa. Egaa namni sun imala( dhimma) isaa nama garaa isaatti kan himatuuf namni sun dabrsee hin himu, dabarsee diinaaf nahin kennu, ana hin saaxilu jedhee waan itti amanuufidha. Inni akkanaa kun dhimmi dhokatu sun kan namoota hundaan hubatamuu danda’u garuu sababa dhimmi sun nama qaanessuuf namni sun kan dhoksudha jechuudha. Sababiin isaa namni sun dhimma isaa kan dhoksate sababa sodaatiin waan ta’eefidha.

 Gama biraatiin namni tokko imala tokko sababa dhimmi sun kabajamaa ta’eef dhimma sana  nami ykn namooni hubatanii maalummaa isaa baruudhaaf sadarkaa beekumsaatiinis ta’e qulqullummaatiin ol siquu, ga’umsa tokko qabaachuun kan isaan irra jiraatu yoo ta’e namni sun hanga ga’umsa barbaachisu sana irra ga’utti dhimmi sun nama sana jalaa dhoksamee akka turu taassifama.

Karaa sadaffaa ammo imalli tokko kan qaama miiraatiin adda hin baasamne yoo ta’es dhimmi sun dandeettii hubannoo dhala namaatii ol waan ta’eef icciitii ( dhokataa) jedhamee waamamuu ni danda’a.

Egaa gara icciitiiwwan Mana Kiristaanaatti yemmu deebinu sababni isaan itti icciitii jedhamuun waamamaniif ibsa armaan olii keessaa sababoota isa lammaa fi sadaffaa jalatti ibsaman kan hammatu ta’ee argina. Ofii icciitiiwwan mana kiristaanaa maalif icciitii jedhamani? Bakka meeqatti qoodamu? Akkamiin raawwatamu? Faayidaa maal nuuf kennu?  Fi wantoota kana fakkaatan kutaa itti aanutti kan ilaallu ta’a. Waaqayyo waliin nu haatursu.

 

                           

 

 

 

 

 

Seensa deebii gaaffilee

Seensa deebii gaaffilee

1.   Gaaffiin Maali?

Gaaffiin dhimma hin beekne tokko beekuuf ykn isa beeknu irratti hubannoo dabalataa argachuuf qaama waa’ee dhimma gaafatamu sana irratti beekumsa/hubanno cimaa qaban haala itti quunnamnu, deebiis haala itti argannu dha. Kana jechuun garuu kan gaafatu hundi wallaalaa (kan hin beekne), kan deebii deebisu hundis beekaadha jechuu miti; gama biraan ammo namni hundi kallattii maraan wal-qixa jechuus hin dandeenyu. Kanaafuu, waltajjiin gaaffiifi deebii kuni uummanni hedduun kan itti gaafatu, hayyoonni muraasni kan itti deebii kennan osoo hin taane akka muuxannoo wal-jijjiiruuti hubatamuu qaba.

Barnoota Amantaa keessatti gaheen ‘gaaffii fi deebii’ faayidaa adda durummaa hin qabu. Sababiinisaas  namni Amantaa isaa sirriitti barate kan gaaffii isatti ta’u waan hin jirreef. Kanaafuu, calqaba, namni hundi waa’ee Amantaa isaa beekuuf (barachuufi dubbisuun) carraaquu qaba. Adeemsa sana keessa kan ifa hin taane, ibsa bal’aa barbaadu yoo jiraatemmoo waltajjiin akkanaa bu’aa guddaa qabu. Namni baratee/dubbisee gaafatu maal akka gaafatu/hanqina isaafi deebii akkamii akka eeggatu ni beeka; ‘namni rakkoo isaa sirriitti beeke furmaata walakkaa argateera’ jedhama mittiiree?   

 

Dubbistootni keenya gaaffii akka gaafattan, deebii kennuu keessattis akka hirmaattan afeeruu keenyaan dura hubannoolee waa’ee “Gaaffii fi Deebii” muraasa akka armaan gadiitti caqasuu feena:

2.   Gaaffiin Maaliif Gaafatama?

2.1.       Beekuuf/Hubachuuf, Fayyinaaf

Akkuma dursinee ibsuu yaalletti kaayyoon gaaffii gaafachuu inni calqabaa “beekuuf” ykn “hubachuuf” dha. Duukaa Buutonni Gooftaa kadhanna guddicha “Ya Abbaa Keenyaa” jedhu barachuu kan danda’an gaafataniitu: “akka itti kadhatan nu barsiisi” jechuudhaan (Luq.11:1). Barsiisaan isaaniis isaan barsiise; isaanis baratanii itti fayyadaman; nuufillee dabarsanii yaroo hunda ittiin Waaqa keenya kadhanna.

Hayyichi Yihuudotaa Niqoodimos halkan halkan gara Gooftaa dhufuudhaan barachaa yoggu turetti gaaffilee hedduu gaafateera: iccitiin dhagahaa ture suni sammuu isaan ol waan tureef. Gaaffilee “Namni erga dulloomee booda akkamitti lammaffaa dhalachuu danda’a? Gara garaa haadha isaa keessatti deebi’amoo?” kkf jedhee gaafateera (Yoh.3:4). Gaaffilee isaa hundaafis ibsa gahaa argatee cuuphameera (gara daandii fayyinaatti deebi’eera). Namoonni lallaba Q/Pheexiroos gaafa guyyaa ayyaana Pheeraqilixos dhaggeefatanis dhuma irratti, “egaa maal gochuu qabna?” jedhanii gaafatanii deebii furmaataa/cuuphaa argataniiru (Erg.2:37). Gaaffiin hubatanii fayyuuf gaafatama kan jenuufis kanaaf.

2.2.       Kanneen Biroo Barsiisuuf

Namni gaafatu hundi wallaaleetu, ofii baruuf gaafata jechuun dogoggora; tokko tokko ofii otuu beekuu warri kaan dhimma sana caalaatti akka hubataniif gaafachuu danda’a. Hangafti Raajotaa Museen irree Waaqummaa/humna Waaqayyoo sirriitti beeka ture; Inni hunda gochuu akka danda’us shakkii hin qabu ture. Namoonni inni gaggeessu (Sabni Isra’eel) garuu hubannoo sana akka argataniif Waaqayyoon gaafachaa ture; Waaqayyos harka isaa irratti raajiilee adda addaa mul’isuudhaan deebii kennef (saba Isaa barsiise). Gooftaanis “namoonni waa’ee [koo] maal jedhu laata?” jedhee kan gaafatate (Maat.16:13) wallaalee miti; waa’ee eenyumma Isaa isa sirrii akka hubatan barsiisuuf waan barbaadeef malee.

2.3.       Dogoggorsuuf, Qoruuf, Yakkuuf

Kaayyoo xuraa’aa qabatanii kan gaaffii gaafatanis hin dhiban: karaa dogoggoraa saaqqachuuf. Seexanni bofa fakkaatee gara Hewaan deemuudhaan: “dhuguma Waaqni firiilee mukeen as keessa jiran hunda kana akka hin nyaanne isin dhorkeeraa?” jedhee kan gaafate (Ba’uu 3:1) beekuuf, barees itti fayyadamuuf hin turre; kaayyoo isaa badiinsaaf qaawwa saaqachuuf malee. Xumura gaaffii kanaa dhuma marii isaanii booda daandii du’aa itti lixuu ishee irraa hubachuu dandeenya.

Mormittonni Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoosis, “Qeesaariif gibira kaffaluun sirriimo sirrii miti?” jedhanii kan gaafatan (Maat.22:17-18) akka kaffalamuu qabu wallaalanii miti; qoruuf male: deebii Inni deebisu irratti hundaa’uudhaan, yoo Inni “sirrii dha” jedhe “Mootummaa Waaqayyoo dhiisee kan biyya lafaa barsiisa” jechuuf; “sirrii miti” yoo jedhe ammo “mooticha Roomaa Qeesaariin mormeera” jedhanii yakkuuf. Waaqayyo laphee namaa keessa beeku garuu kaayyoo isaanii baree “maaliif na qortuu?” jedhee ori’uudhaan deebii sammuun isaanii hin yaadiin kenneef.

3.   Akkamitti Gaafachuu Qabna?

3.1.       Dhimmoota Amantaa Qofa irratti Xiyyeeffachuu

Namni uumamumaan gaaffilee adda addaatiin guutamaadha; kunis hir’ina isaa (akka Waaqa isaa waan hunda beekuu akka hin dandeenye) kan agarsiisu dha. Nuyis dhimmoota jireenya dhuunfaa/maatii, siyaasa fi dinagdee akkasumas saayinsii kan ilaalatan qabaachuu dandeenya. Waltajjii kana keessatti kan keessummeessuu dandeenyu garuu gaaffilee Amantaa ilaalatan qofa ta’a. Tarii gaaffileen tokko tokko garuu waa’ee Amantaa ta’anii qabxiilee kanneen (keessumaayyuu seenaa fi aadaa,jireenya keenya guyyaa guyyaa keessatti dhiphina sammuu an nutti uuman dhimmoonni naamusaa,cubbuu hojjennee kan keessa keenya  nagaa dhorkee nu rakkisu) waliin wal-qabatanii ka’an jiraachuu ni malu. Dhimmoota akka kanaas gaaffii keenya keessatti daballee gaafachuu ni dandeenya.

3.2.       Ifaa fi Gabaabaan

Gaaffiin ifa ta’ee gaafatame dafee deebii argata; ta’uu baannaan garuu gaaffichumtuu gaaffii biraa uuma. Kanaafuu jechoota hedduu fi hima dheeraa tarreessuudhaan naanna’aa ooluu dhiisanii ijoo dubbii isaa irratti xiyyeeffachuun, gabaabsanii gaafachuun ogummaa dha.

3.3.       Bilisa, Sodaa Malee fi Sammuu Qulqulluun

Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos Duukaa Buutota Isaa hunda waa’ee du’a fi du’aa ka’umsa Isaa deebisee deddeebisee isaan barsiisee ture. Isaan garuu iccitii cimaa kana hubachuu hin dandeenyeef, dhiphatanii turan. Kitaabni Qulqulluu: “isaan garuu dubbii isaa hin hubanne; Isa gaafachuus sodaatan jedha (Mar.9:32). Namni isa dhagahefi dubbise hubachuu dadhabuun isaa waanuma jirudha; yoo rakkoo isaa kana hiikuuf gaafachuu dadhabe (sodaate) garuu rakkina cimaa keessa seena. Akkamitti barachuu danda’aree?

Namni sammuu isaa keessatti gaaffii qabu gaafachuu qaba male “maal naan jedhu laata?” jedhee mamuu hin qabu: gaaffiin yaraa hin qabu, deebii quubsaa dhaba ta’a malee! Sammuun keenya waa hubachuuf qophaa’ee, bilisaan dhiyaannaan Waaqayyo keenya dhugaatiin nu guutuuf amanamaa dha.  

3.4.       Madda irratti Hundaa’uudhaan (Danda’amnaan)

Namni tokko ka’umsa gaaffii isaaf oduu daddarboo (‘akkas jedhama, odeeffama, hamatama…kkf’ jedhee) yoo jalqabe, kanneen akkasiif deebii kennuun nama rakkisa; innuu dhagahe malee madda isaa hin barre waan ta’eef. Waltajjiin kuni oduufi hamiif otuu hin ta’iin odeeffannoof (madda qabatamaa kan qabuuf) deebii kenuu irratti xiyyeeffata.

3.5.       Filannoo “Daangeffamaa” Dhiisuudhaan

Gaaffii namni gaafatu tokko haala deebiin isaa itti deebi’uu qabu ofii daangessuuf aangoo hin qabu; kana gochuu dandeenyaan durumayyuu deebiin gaaffichaa sammuu isaa keessa jira jechuudha. Kanaafuu “isa kana mo isa kana dha?” jedhamee hin gaafatamu; deebiin isaa filannoolee dhiyaatan lamaanuu ala ta’uu waan danda’uuf. Fkn: Bartoonni Gooftaa keenyaa nama agartuu dhabe tokko arganii, “ya Gooftaa, namichi kuni kan akkanatti dhalate isatu moo? maatii isaatu cubbuu hojjennaani?” jedhanii gaafatan (Yoh.9:1). Gooftaanis “innis ta’e maatiin isaa cubuu hojjetaniif miti; hojiin [ulfinni] Waaqayyooirratti haa mul’atuuf malee” jedhee deebii filannoo isaanii irraa adda ta’e deebiseera.

3.6.       Ejjennoo Ofii Beeksisuu irraa Of-qusachuudhaan

Beekumsa haaraa argachuuf carraaqquu dhiisanii tokko tokko ejjennoo isaanii nama biroo irratti fe’uuf gaaffii fakkeessanii dhiyeessu. Ayihuud waa’ee Waaqummaa Gooftaa keessa isaaniitti waan shakkaa turaniif, “kuni ilmaYooseef mitii?” jedhanii gaafataniiru (Luq.4:22). Kuni gaaffii miti; isaan akka ilma Yooseef ta’e ejjenoo waan qabaniif namni biraa “lakki Ilma Waaqayyooti” isaaniin jedhu osoo dhufellee dhaga’uuf qophaa’oo miti.

4.   Gaaffii Keenyaaf Eenyu irraa Deebii Arganna?

4.1.       Abbootii Keenya /Beektota Amantaa/ Irraa

Abbootiin umurii isaanii dheeraa keessatti waan hedduu baratu; muuxannoo dubbisuu qofa osoo hin ta’iin isa dubbisan itti jiraachuus barataniiru. Kanaafuu gaaffileen nuyi gaafannu hedduun isaa dhimma isaan keessa darbani, mo’ataniis ta’e kufanii kan irraa baratani dha. Umuriin qofa miti; kitaabolee dubbisuudhaanis Abootiin/beektonni amantaa nu caalaa beeku. Kitaabni Qulqulluus: “Abbaakee gaafadhu, si beeksisa; hayyoota gaafadhu sitti himu” kan jedhe kanaaf (Kees.32:7).  

4.2.       Kitaabolee Qulqullaa’oo

Namni dubbisu gaaffii isaa hedduuf deebii argata. “Museefi Raajonni isaaniif jiru; isaaniin haa dhaga’an” kan jedhame (luq.16:29) namoonni kuni Kakuu Haaraa keessa qaamaan waan jiraniif miti; kitaabota barreessanii darbantu nuuf jiraayi. Kan barreeffame hunduu nuuf barnoota akka ta’uuf/kennuuf barreeffame; kitaabonni affuurri Qulqulluu irra jirus gara fayyinaatti nama qajeelchu (2Xim.3:15-17). Namni kitaabota hin dubbisne, dubbisees kan hin qalbeeffanne garuu ni dogoggora; “jecha kitaabotaa waan hin beekneef dogoggortu” akkuma jedhame (Maat.22:29).

4.3.       Waaqayyo Irraa, /Uumama irraa, Muuxannoo Afuuraa, Kadhannaa /

Gaaffiin gaafatame hundi Abbootii irraas ta’e kitaabota (nuyi beeknu) irraa deebii argachuu dhiisuu ni mala; “Waaqayyo karaa tokkos, karaa biraas waan dubbatuuf” (Iyoob.33:14), uumama Waaqayyoo fi muuxannoo Afuuraa hordofuun hanga tokko gaaffilee keenya deebisa. Hunduma kanneen irraa deebii dhabnullee Manni Amantaa waan deebii hin qabneef osoo hin taane: namni waan hunda beekuu waan hin dandeenyeef, iccitiin kitaabotaa har’uma diigamee waan hin xumuramneef, Waaqnis guyyaa itti deebii nuuf kennu waan qabuuf ta’uu ni danda’a.

Giiftiin keenyi Dubroon Maariyam “dubrummaan akka deessu” karaa Ergamaa Gabri’el yoggu dhageessu, “kuni akkamiin ta’a?” jettee gaafatteetti (Luq.1:34-35). Qulqulluu Gabri’eelis gaaffii kanaaf deebii quubsaa hin kennine; iccitiin Waaqayyoo sammuu uumamaa ol waan ta’eef, “Waaqayyoof maaltu dadhabama?” jedhee malee ibsa biraa keessa hin lixne. Iccitiilee kitaabotaas yo Gooftaan nuuf ibse male hubachuu hin dandeenyu: “akka kitaabota hubataniif samuu isaanii baneef” jedhameera (Luq.24:45). Iccitii dhokataa guutummaatti hiikuu kan danda’u Waaqa Abbaa icciitichaa qofa dha: “samii irraas ta’e lafa keessaa kitaabicha diriirsuu ykn diigee ilaaluuf eenyullee hin dandeenye [Gooftaa qofa malee]” akkuma jedhame (Mul.5:3-5). Kanaafuu, hunda har’uma baranna, beeknee fixna jechuun dhara; wal-duraa-duuba nuuf ifaa bula malee. Qulqulluu Hiriyaqoos (Qiddaasee Maariyamii irratti): “…sammuun koo gara samiitti ol-bahee haala jireenya Ilma kee baruu barbaada;…garuu dadhabee bakka isaa duraatti deebi’a” jedheera. Jechi “…hanga dandeessan nyaadhaati kan hafe ibiddaan gubaa” jedhus (Ba’uu 12:10) dhugaa kana ibsa: “…iccitii Amantaa [Waaqayyoo] hanga sammuun keessan danda’e xiinxalaatii kaan Afuura Qulqulluuf dhiisaa” jedhamee hiikama (Andimtaa).

Afuura Qulqulluuf kan dabarsinu ammo kadhannaadhaan ta’uu qaba; gaaffii eenyuyyuu nuuf deebisuu dadhabe Waaqni nuuf deebisa, akkatti nuuf deebisus ni beeka. Hanga Waaqni dhufutti garuu obsuun murteessaa dha; Inni akka keenya hin ariifatu, garuu dhufa malee hin hafu!

5.   Haala fi Yaroo itti Gaaffiin Keenya Deebi’u: Xumura

 

Walumaa galatti haala dursinee ibsine kanaan dubbistoonni keenya gaaffii keessan nuuf ergaa, nuufis kadhadhaa; nuyi ammo Abbootii gaafannee, kitaabota dubbisnee deebii isaanii qabannee dhiyaanna. Gaaffilee deeebi’uu qaban calaluuf, kan calalaman akka dhufaatii isaaniifi atattamummaa isaaniitti tartiiba qabsiisuuf, deebii garaa ciibsus kenuuf garuu yaroo waan nu barbaaduuf obsa keessan kadhanna. Kunoo bakki itti gaaffilee keessan iccitiidhaan nuuf ergitan qophaa’eera; ammaa jalqabaati koottaa, “Anaa Dhufu!” jennee isin simanna. Nu of-kalchaa!!!

Barumsa Amantaa

Maqaa Abbaa Kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu sadan Waaqa tokkoo Ameen!

 

          Barumsa Amantaa

                Seensa

Manni  kiristaanaa Ortodooks Tawaahidoo barumsa mana ishii  keessatti kennitu  keessaa inni tokkoo fi inni angafaa barumsa amantaati. Sababiin isaas namni tokko amantaa hin qabu yoo ta’e hojii gaarii qabatee Waaqayyo wajjin wal arguu hin danda’u. kanaafuu amantaan bu’uura hundaati waan ta’eef namni tokko hunda dursa waan amanu sana baree laphee guutuudhaan fudhatee hordofuu qaba waan ta’eefidha.

 

Amantaa jechuun ergaa fi hiika   “amanuu’ fi “amanamuu”, jedhu kan  of keessatti qabate  yoo ta’u,  kunis Walitti dhufeenya Waaqayyoo fi ilma namaa agarsiisa.

Amanuu  jechuun wanta mul’atuu fi hin mul’anne, addunyaa kanaa fi wantoota ishee keessa jiran mara bakka hin jirree gara jireenyaatti fidee kan kalaqee uume Uumaan hunda danda’u, kan wanti Isaaf dadhabe hin jirre abbaan hundaa, kan hundaaf laatu, kan hunda hoogganu,kan hunda qajeelchu jira jedhanii lapheetti fudhachuu, Isaaf bitamuu, harka kennuu jechuudha.. Kunis miira namaa shananiin qoratamee kan bira hin ga’amne, kan qaamaan tuqnee mirkaneeffachuun hin danda’amne  yaada sammuu namaatii ol ta’e, garuu laphee keessatti “eeyyee”;” dhugaadha”,” akkasi”  “ni ta’a,” jechuun fudhachuu fi abdachuu jechuudha.

Amanamuu  jechuun ammooo “ni ta’a”, “ni raawwatama”  jechuun isa  lapheetti fudhatan sana hojiitti hiikuudhaan akka raawwatamu gochuu, raawwachuu, hojiin agarsiisuu,ajaja eeguu” kan agarsiisudha.

Gaman biraatiin Jechi “ni amanna!, “nan amana”, “amane” jechu   kan amantaa keenya ittiin ibsinuu fi ittiin dhugaa baanu waan ta’eef bu’uura amantaa kiristaanummaa ta’ee  ifa baha. Hojiin keenyii fi jireenyi kiristaanummaa keenyi bu’uuruma kana irratti ijaarameera.Kanaafuu, qulqullichi Yohaannis Afawarq: “Amantaan bu’uuradha; warri kaan ammo girgiddaa (dhaabaa) fi baaxiidha.” Jedhe.

Egaa mata duree kana jalatti waa’ee Waaqa tokkotti amanuu, fi abbummaa (abbaa ta’uu) Waaqayyoo kan barannuu fi kan itti maal akka amannu, eenyuun akka amanuu qabnu eenyuun akka Waaqeffachuu qabnu kan amantaan ortodoks tawaahidoo barsiistu kan ittiin barannuu fi hubannu ta’us  isuma kana  ibsuu keenyaan dura,dursa haala amantaa amantootaa fi daandii ittiin jiraachuun Waaqayyo beekamu ilaalchisee gabaabsinee hubachiisuuf haala armaan gadiin dhiyeessineerra.

                  

             Waa’ee amantaa amantootaa fi daandii ittiin Waaqayyo baramu

Jechi  “amantaa” amane, ni amanna, nan amana!” jedhu wanta lama kan of keessaa qabu ta’eet akka argamu armaan olitti ilaalleera.  Dabalataani jechi kun ergaa dabalataa nuuf kenna.Kunis gama tokkoon warra “ni amanna!” jedhan, ykn, “nan amana!” nama jedhu kan ilaallatudha.kunis,haala amantaa nama sanaa fi beekumsa amantaa isaa kan  nu hubachiisudha.

Gama biraatiin ammo, jechuunis, gama lammataan, eenyuu fi maal amanuun abdii godhachuu  akka qabnu  kan ilaallatu ta’a. Nutis  dhimma kana gadi fageenyaan ibsuu keenyaan duratti beekumsa amantaa  warra amananii  ilaalchisee qabiyyee fi deemsa akkamii akka qabaatu dursinee hubachuutu nu barbaachisa.

Nuti warri amanne “ ni amanna!”   yeroo jennu amantaa akka abbootiin keenyi durii qabanidha moo? Kan isa irraa adda bahedha? Jechuun of gaafachuu qabna. Yookiin ammo, kan nuti amannu amantaan sun kan abbootii keenyaa fi haawwolii keenyaa; kan firoota keenyaa fi biyya keenyaa waan ta’eef dhiisuu hin qabnu jechuudhaan amantii inaaffii biyyummaatiin, yookiin, kaayyoo fi miira biraatiin, kakaanee qabannedha?  Amantaan nuti kufnee kaanuuf kun amantaa osoo hin  bariinii fi hin hubatiin baraafamaan, aadaadhaan kan qabannedha moo? Yookaanis, kan akka Saawul (Phaawuloos) daandii keenya irratti ifti Waaqa irraa nutti mul’ateetidha?  Ykn  Sababa  kanaan ala ta’eenii? Gaaffilee jedhaniif deebiin isaa laphee hundaa keessatti kan argamu ta’us, tokkoon tokkoon amantootaa amantaa isaanii gamaggamuu fi to’achuu kan danda’u “ amantaan” abbootii keenyaa maal akka ta’e qu’achuu fi sirriitti hubachuun ta’a.

Qulqulluu Phaawuloos abbootii amantaatiif gosa amantaa  “jaarsotaaf raggaassifame” yeroo ibsu: “amantaanis wanta abdanne tokko kan nuuf mirkaneessu,waan hin agarre tokkos kan nu hubachiisudha.” Jedheera.( Ibr.11:1)

Sagalee duukaa bu’aan kun waa’ee amantaa gabaabinaan ibse kana irraa akka hubannutti wanti hin agarree fi abdii godhannu akka jiruu fi kan isa beekuuf  nu dandeessisus “amantaa” akka ta’edha.

Ofii Wanti nuti  abdannuu fi ijaan hin agarre kuni maali? Jechuun of gaafannee deebii isaa barbaaduutu nurra jiraata.Bu’uura irraa wanti abdannuu fi ijaan hin agarre inni guddaa fi jalqabaa beeknu Waaqayyoo fi sagalee abdii Isaati jechuun gabaabumatti deebisna.

Egaa dhalli namaa daandii dhokataa  ta’e, amantaadhaan, Waaqayyo baruu fi laphee isaattis dhugummaa isaa  ittiin fudhatuu fi ragaas ittiin bahu qaba.Kanaafuu, uumamni sammuu fi laphee hubatuun qajeelfamee uumaa isaa barbaadu dhala namaa qofaadha.Barbaachi dhugaa fi amantaa akkanaas bineeldota biratti hin argamu.

Dhalli namaa bifaa fi fakkeenya Waaqayyootiin kan uumame waan ta’eef Waaqayyo barbaada.Waaqayyos warra amantaadhaan Isa barbaadan ni jaalata. “Amantaa malees” Waaqayyo  “gammachiisuun hin danda’amu; kan gara Waaqayyoo gahu, Waaqayyos akka jiru warra Isa barbaadaniifis gatii akka kennu akka ama[naniif] isaan barbaachisa.” (Ibr. 11:6)

Kanaafuu, amantaan kennaa guddaa Waaqayyoon ittiin argannuu fi Waaqayyo wajjin ittiin wal qunnamnu, kan laphee keenya keessas jiraatudha. Waan kana ta’eefis kabajnee qabachuu qabna.beeekumsa amantaa dhugaatiinis amantaa keenya yeroo yeroon guddisuun nurra jiraata.kana ta’uu baannaan amantaan Kenya suuta suuta hir’achuun dhuma irratti baduu danda’a.

Daandii Ittiin Jiraachuun Waaqayyoo Baramu keessaa Muraasa akka Armaan gadiitti mee haa ilaallu:-

                                     Daandii Seera Laphee-( Daandi Sammuu)

Gaaffii namni Waaqayyo ijaan arguu hin dandeenye akkamiin baruu danda’a? jedhuuf akka waliigalaatti deebii gosa lama tu jira. Inni  jalqabaa  isa waa’ee  jiraachuu  Waaqayyoo baruuf  nu gargaaruu fi daandiin beekumsi amantaan itti argamu, sirna uumamaa fi waa’ee uumama amala dhokataa dhala namaa dhokataa (lubbuu)  ka’umsa godhachuun seera lapheetiin gara uumaa, gara uumaa gahuudhaaf barbaacha dhugaa fi xiinxala godhamuun kan ibsamudha. Daandiin lammataa fi inni guddaan immoo daandii jalqabaa caala dhugummaan isaa fi amanamummaan isaa kan mirkanaa’ee fi kan raggaassifame yoo ta’u innis mul’achuu akkeenyummaati. Dursa warri daandii seera lapheetiin( daandii sammuutiin) osoo raajonni isaaniif hin ergamiin,kitaabolee qulqulluus osoo hin qabaatiin uumaa isaanii baruu bira ga’an ajaa’ibsiifachuun isaan yaaddanna.

Dhalli namaa fedha waaqeffannaa akka qabu seenaa addunyaa irraa beekuun ni danda’ama.gosti amantaa isaa adda adda haa ta’us malee dhalli namaa bineeldota kaan irraa gosaanis  sadarkaadhaanis adda kan ta’ee fi uumama kabajamaa uumaa isaa baruu barbaadudha.waan kana ta’eefis dhalli namaa akka bineeldota miira foon isaaniitiin, lubbuu dhiigaatiin hoogganamu miti.Dhalli namaa ija foonii isaatiin qofa osoo hin taane laphee isaatiinis ilaalee, seera lapheetiin xiinxalee karaa ittiin Waaqayyo Isa hin mul’anne baruu fi dhugaa jiru hubatee amanu qaba.

Dhalli namaa seera lapheetiin haala uumama addunyaa kanaa akka ajaa’ibsiifate, deemsi hojmaataa fi sochii isaa galma kan qabuu fi  deemsa seera hordofee, qooyyaba herregaa fi seera dhoksaa ta’een kan hoogganamu ta’uu isaa hubachuun xiinxala; kan sirna uumamaa kanaa ol ta’e kanas baruu barbaada.

Ta’iiwwan uumamaa samii fi lafa irratti beekaman, wantoota lubbuu qabanii fi hin qabne, keessumaayyuu, amala dhala namaa isa dhokataa ta’e kanaa fi  wantoota nama ajaa’iban kanneen biroos ilaaluun daangaa beekumsa isaa hanguma bal’ifachaa adeemu yaada gadi fagoo ta’een liqimfama.keessumaa, haalli biiftuu, addeessaa fi urjiilee yeroo fi bakka isaanii kenname eeganii utubaa isaanii murtaa’e irra socho’uun isaanii nama laphee hubatu qabu hunda ni booji’a. waan kana ta’eefis gaaffii dhalli namaa sammuu isaa keessatti dhiyeessu keessaa tokko addunyaa keenya bareedduu fi seeraan hoogganamtu kanaa  fi lubbuu fi jireenya keenya eenyutu uume? Kan jedhudha.

Egaa haalawwanii fi gochaawwan uumama nama ajaa’ibsiisu hunda hubachuun kan sirna uumamaa uumee fi qajeelchu, kan ogummaa  fi hubannaa, beekusaa fi jireenya (lubbuu) qabu; seerawwanii fi humnoota uumamaatii ol ta’uun uumama to’atu,amalummaa Isaatiin kan adda ta’ee fi kan hin mul’anne; humni hanga bara baraatti jiraatuu fi bilisa ta’e tokko jiraachuu Isaa dhalli namaa seera lapheetiin qajeelchamee bira gahuu danda’eera. Sababiin isaas akka duukaabuutichi qulqulluu Phaawuloos “Waaqayyo bifti Isaa ijaan hin argamne garuu humni Isaa inni bara baraa; Waaqummaan Isaas erga biyyi lafaa uumamee jalqabee waan Inni uume irratti qalbeeffatamee yaadatti argamuu ni danda’a, kanaafuu waaan itti sababeeffatan hin qabani” jedheeraatii (Room.1:20) kana jechuunis uumaan Inni ijaan hin mul’anne uumama Isaa ijaan mul’atuun  namoota  laphee hubatuu fi sammuu yaadu qaban  hundaaf ni beekama jechuudha. Warra haala kanaan uumaatti amanan durii eegalanii akka jiranii fi ammas akka jiraatan seenaan ni raggaassisa.

Walumaa galatti, sirni uumamaa jiraachuu Waaqayyoo kan ibsanii fi kabajni Isaas kan ittiin ifu akka ta’an kitaabolee qulqulluun ni raggaassisu.( Faar.18:1-3; Iyyoob.12:7-9;Ki. Ogu..13:1-10) waa’ee laphee fi ragummaa seenaas (Room. 2:14-15;Yoh.14:11-16; 17:26-29)

                   Mul’achuu Akkeenyummaa –Daandii qulqullummaa (Daandii Amantaatiin)

Seera lapheetiin ala karaan ittiin Waaqayyo beeknu jiraa?  Deebiin gaaffii kanaa “eeyyen jira!” kan jedhu ta’a. Armaan olitti daandii nuti daandii lammataa fi isa guddaadha jechuun ibsine daandii dhugaa isa hunda caaludha. Karaan kun karaa Waaqayyo dhala namaatiif jecha of mul’isuun lubbuu Isaa kennuun, adeemsaa fi qabiyyee  dinqii akkeenyummaa qabu bara adda addaa keessa yeroo fi bakkaan adda bahee seenaa addunyaa kanaa keessatti haalaa fi gocha sagalee fi hojiidhaan raawwatedha. Akka duukaabuutichi qulqulluu Phaawuloos:

“ Bara duriitii eegalee Waaqayyo si’a baay’ee karaa gara garaatiin raajotaan abboota keenyatti dubbateera. Guyyoota bara dhumaa kanatti ammo Ilma Isaatiin nutti dubbate…” ( Ibr. 1:1-2) jedhe.

Kunis bara boodaa keessa sagaleen qaamaa, Ilma Waaqa Abbaa, kan sagalee jireenyaa jedhame, nama ta’uu Iyyasuus Kiristoosiin Waaqayyo ijaan argamuu hin dandeenyee fi harkaan qaqqabatamuu hin dandeenye foon uffatee( foon wajjin tokko ta’ee), hangaan murtaa’ee  mul’atee , kan ijaan argamu, kan gurraan dhagahamuu fi harkaan qaqqabatamu ta’eera.

Waa’ee Waaqayyo Ilmaa Isa fooniin mul’atee, waa’ee Kiristoos,duukaabuutichi Qulqulluu Yohaanis  akka armaan gadiitti dhugaa baha:-

Waa’ee sagalee jireenyaa Isa jalqabaa eegalee turee, isiniif barreessina.  Nuyi Isa dhageenyeerra, ija keenyaan Isa agarreerra, ilaalleerras,harka keenyaan Isa qaqqabaneerra. Jireenyichi  mul’ifameera; nuyi Isa agarreerra, Isaafis dhugaa baana; jireenya bara baraa Isa Abbaa bira ture, nuttis mul’ifame kana isinitti himna.” (Yoh.1:1-2) jedhe.

Egaa Amantaan kiristaanummaa kan seera laphee irratti hundoofte osoo hin taane Ilma Waaqayyo Jiraataa Isa fooniin mul’ate, Iyyasuus Kiristoos, irratti kan hundooftedha.Waaqayyo nama ta’uu Ilma Isaatiin sababni Inni dinqii guddaadhaan mul’ateef dhala namaa hunda fayyisuufidha. Waaqayyo haala kanaan mul’achuun Isaa shakkii hunda balleessuun jiraachuu Isaa amannee Isa wajjin amantaa guddaadhaan akka jiraannu nu dandeessisuuf qofa osoo hin taane; jaalala guddaa nuuf qabu barree akka Isa jaalannuufis waan ta’eef, kana hubachuun yeroo hunda Isa galateeffachuu irraa of qusachuu hin qabnu.

Akkuma armaan olitti ilaalle amantaan kiristaanummaa keenyi seera lapheetiin xiinxaluun kan argame osoo hin taane mul’achuu Akkeenyummaatiin kan nuuf kennamedha. Kanaafuu, amantaa keenya cimsinee qabuutu nurra jiraata.kabajnee kabachiisuu; eegnees eegsisuun  barbaachisaa yoo ta’u, hanga du’aatti cimuun ragaa baatota dhugaa ta’uun nurra jiraata.qormaata dogongoraa fi shakkii suuta suuta osoo hin beekamiin fakkeessuudhaa fi goyyomsuun dhufu, laphee keenya keessaa balleessuuf yeroo hunda kadhannaadhaan cimuu qabna. (Maat.26:40)

Akkuma inni hanga dhumaatti obse ni fayya jedhame, yeroodhaanis yeroo malees waa’ee amantaa keenyaa ciminaan dhaabannee faccisuu fi ragaa bahuun nurra jiraata.(Maar.13:13) lolti amantaa keenyaa fi afuuraa keenyi dagannoo fi shakkiidhaan akka hin dadhabne gochuuf wantoota  nu qarqaaran keessaa tokko tokko yoo caqasne yeroo hunda kadhannaa gaggeessuu fi sooma wajjin gara mana kiristaanaa keenyaa yeroo hunda deemuun jireenya afuuraa fi hawaasummaa isheetti hirmaachuun sagalee Waaqayyoo dubbisuu fi dhagahuun, beektotaa fi abbootii afuuraa gaafachuun hubachuu, tajaajila gorsa isaaniitti fayyadamuu fi kkf dha.

Egaa manni kiristaanaa keenya “… amantaa isa al tokkicha yeroo hundaaf akka ta’utti warra Waaqayyoof qulqullaa’anitti dabarfame sanaaf akka toltaniif” jecha dhaamoo ishii ijoollee ishii hundaaf ibsiti. (Yihudaa 3)

 

Hanga ammaatti waa’ee haala amantootaa fi akka waliigalaattis dhufaatii amantaa gabaabsinee ilaalleerra. Kanatti aansuun waa’ee isa amannuu fi abdii godhannuu , waa’ee tokkummaa Waaqayyoo fi waa’ee abbummaa (abbaa ta’uu Isaa)  sagalee kitaabolee qulqulluu bu’uureffachuun  qu’anna Waaqayyo ittiin nu haaga’u Ameen!