Baga guyyaa dhalachuu Gooftaa keenya Fayyisaa keenya Iyyasuus Kiristoosiin Isinin gahe

“እስመ ናሁ ተወልደ ለክሙ ዮም መድኅን ዘውእቱ ክርስቶስ እግዚእ ቡሩክ በሃገረ ዳዊት፡፡ Har’a magaala Daawititti Fayyisaan isiniif dhalateera. Innis Kiristoos Goofticha dha.” (Luuq. ፪፥፩-፲፪/2፡1-12/)

Dn. Ga/Sillaasee Shittaahun

Addaam abbooma Waaqayyoo diigee, duuti foonii fi duuti lubbuu akkasumas awwaalaatti darbatame fi abiddi bara baraa itti murtaa’ee “Abbaa koo Waaqayyo Gooftaa, Iddoo koo Gannataa dhabee hafaa?” jechaa odoo gaddu, “በሐሙስ ዕለት ወበመንፈቃ ለዕለት እትወለድ እምወለተ ወለትከ ወእትቤዘወከ በመስቀልየ ወበሞትየ። Guyyoota shanii fi walakkaan booda dhala dhala kee irraa dhaladhee Fannoo kootiin fi du’a kootiin si fayyisa.” Jechuudhaan isa jajjabeesseera.

Yeroon isaas yeroo gahu, bara irraa bara; ji’arraayis ji’a; torbee isaarraa torbee akkasumas, guyyaasaa irraa guyyaa odoo hin dabarsin Haadha keenya, Fageessituu dheekkamsaa, Fidduu Araaraa, Qulqulleettii Qulqullootaa Giiftii keenya Maariyaamirraa Dubrummaan; akkuma Gadaameessi ishee chaappeeffameen dubrummaa ishee odoo hin jijjiirin dhalateera.

Kunis akkamitti ta’uu danda’e? yoo jedhan; Giiftiin keenya manuma Yooseef Qulqullichaa keessa odoo jiraattu, barri sun tibba gidiraa (ዘመነ አጸባ) waan tureef, daldalaaf bahee ji’oota sadi dabarsee hoggaa dhufu, michuu isaa kan ta’e Yoohaannis kan jedhamu hayyuun tokko isa (Yooseef Qulqullichaa) gaafachuuf dhufe. Yeroo gara mana Yooseef seenu ulfa’uu Giiftii keenyaa beekee, “Durbeen tun sirraa ulfoofte moo nama biraa irraayi?” jedheen. Yooseefis “An waan akkanaa kana raawwachuu miti yaadeetu hin beeku.” Jedheen. “Maarree, seeni gaafadhu.”jedhee biraa deeme.

Yooseef gara Giiftii keenya dhaqee “ኦ ወለተ እስራኤል መኑ ቀረጸ አክናፈ ድንግልናኪ፤ ወእምነ መኑ ጸነስኪ?፤ Yaa intala Israa’eel, eenyutu dubrummaa kee balleessee akka ulfooftu taasise?” Jedhee ishee gaafannaan “እም መንፈስ ቅዱስ፤ Afuura Qulqulluu irraayi.” jetteen. Dabaluudhaanis, “Maaloo, simbirrootaan amaluma isaaniirraa; biqiltuuwwanis ija (firii) akka naqatan kan taasisu Waaqayyo kana (An sanyii dhiiraan ala akka ulfaa’u) godhuu dadhabaa?” jettee muka gogee balbala isaanii dura dhaabate lalisee akka argamu taasistee itti agarsiistee jirti.

Yeroo bayy’ee dhalli namaa waan Waaqayyoon raawwatu tokko hubachuuf ogummaa mataasaa fayyadamee bira gahuu barbaada. Waaqayyo immoo hojiin isaa samuu namaadhaa oli. Akuuma beekkamu, dhalli namaa sanyii kormaa fi sanyii dhalaa irraa wal-hora. Giiftii keenya irratti kan raawwatame garuu, kanarraa aadda. Ulfaan dura, yeroo ulfaas, ulfaan boodaas; akkasumas dahuumsaan dura, yeroo dahuumsaas, dahuumsaan boodaas durbee dha. “ወይቤለኒ እግዚአብሔር ዝንቱ አንቀጽ ዕፅወ ይኩን ወኢይትረኀው ወኢይባእ ቦቱ ብእሲ እስመ እግዚአብሔር አምላከ እስራኤል ቦአ ቦቱ ወይኩን ዕፅወ፡፡ Waaqayyo anaan Karri kun cufamee taa’a malee hin banamu; Waaqayyo Gooftaan Israa’eel achiin waan ol-galeef.” jedha waan ta’eef (Hiz. ፵፬፥፪/44፡2, Galata Maariyaam kan guyyaa Roobii)

Ji’a sagalii fi bultii shaniin baada, guyyaan dhalachuu Gooftaa yeroo gahu, “ወጽአ ትዕዛዝ እምኀበ አውግስጦስ ቄሳር ከመ ይጸሐፍ ኵሉ ዓለም፡፡ Yeroo sanatti uummanni Adduunyaa keessa kan jiraatan hundinuu akka galmeeffamaniif Awgisxoos mootichaa irraa ajajni ni bahe.” Yeroo kanatti “ወወድቀ ዮስፍ ውስተ ጽኑዕ መዋግደ ህሊና፤ Yooseef gar-malee cinqame.” Jedha Kitaabni Qulqulluun. Maaliif cinqame yoo jedhan, “Yoon Ishee fuudhee deeme, dhagaan tumanii na jalaa ajjeesu. Yoon dhiisee deeme immoo “Waan goote beekkattee, mudhii jabeeffattee” akkuma jedhamutti “Hojiisaa beekkatee Dubree Maariyaam dhiisee dhufe naan jedhu” jedhee ti.

Yeroo sanatti Ergamaan Waaqayyoo abjuun itti mul’atee “ኦ ዮስፍ ወልደ ዳዊት ኢትፍራህ ነሲኦታ ለማርያም ፍኅርትከ እስመ እመንፈስ ቅዱስ ውእቱ። Ulfi ishee Afuura Qulqulluu irraayi waan ta’eef Kaadhimaa kee Maariyaam fudhachuuf hin sodaatin” jedhee itti himnaan, Giiftii keenya fudhatee gara Beeteeliheemitti dhaqeera. Yeroo sanatti Ayhudootni hammeenyaaf hin taa’an waan ta’eef, bishaan summaa’aa ykn ‘ማየ ዘለፋ’ haa dhugdu jedhamtee akka dhugdu taasisamteetti. Yeroo sanatti “ወአጽደለ ገፃ እምብርሃነ ፀሐይ። Fuulli Ishee ifa biiftuu caalaa ni ife.” Ifa fuula Ishee agarraan, “Mucayyo tanaan waa malee hamanneerra. Wayyoo nuuf!”jedhan.

Achumatti odoo jiran, yeroo guyyaa dahuumsaa ishee gahu, “ወወለደት ወልደ ዘበኵራ። ወአሰረቶ መንኮብያቲሁ ወጠብለለቶ በአጽርቅት ወአስከበቶ ውስተ ጎል እስመ አልቦሙ መካን ውስተ ማኅደሮሙ። Ilma Angafaa (Gooftaa) ni deessee, quba isaa isa guddichaa hiitee, bakka bultii waan hin arganneef wayyaan (huccuun) martee mooraa horii keessa ciibsite.” Luuq. ፪፥፯/2:7

Samii fi lafti kan isaa ta’anii odoo jiran bakka itti dhalatu dhabee mooraa loonii keessa dhalate. Lafa bal’oo kana biqiltuun kan uffise waan uffatu dhabee huccuun marame. “በእንቲአክሙ አንደየ ርእሶ እንዘ ባዕል ውእቱ ከመ አንትሙኒ ትብዐሉ በንዴተ ዚአሁ፡፡ Qabaata ta’ee odoo jiru, isin deegaa ta’uusaatiin akka badhaataniif dureesichi isiniif jecha deegaa ta’e.” ፩ffaa Qor. ፰፥፱/8፡9 Waa malees miti; akka Isa fakkaannuuf, nu fakkaatee kan dhalate. Maaliif dubartii irraa qofa dhalate? Yoo jenne, innis sababa mataasaa danda’e qaba.

  1. Dhaloota lamaan nubarsiisuufi dha. Uumamuu Lafaa fi samiin dura haadha malee Abbaa irraa qofa akkuma dhalate; uumamuu adduunyaan booda immoo Abbaa malee Haadha irraa qofa dhalate. “ልደት ቀዳማዊ ተአውቀ በደሃራዊ ልደት፡፡ Dhalachuun isaa inni duraa Dhalachuusaa isa boodaan” akkuma jedhameen dhalachuu Isaa isa jal-qabaa hubachuu akka dandeenyuuf lammuu dhalachuudhaan nuhubachiise.
  2. Raajiin dubbatame fi fakkeenyi fakkeeffame raawwii akka argatuufi dha. Kunis:-
    1. “ናሁ ድንግል ትጸንስ ወትወልድ ወልደ፡፡ Egaa, Durbeen ni ulfoofti; Ilmas nideessi.” jechuun raajii Raajaa Isaayyaasiin dubbatame akka raawwatamuufis dha. Isaay. ፯፥፩-፲፬/7:1-14
    2. Abbaan keenya Addaam lafa chaappeeffamte (lafa homtuu irraa hin uumamne fi hin qotamne) irraa argameera. S.Bahuu ፪፥፯/2:7 Haati keenya Heewaanis cinaacha Addaam isa cufamaa ta’e irraa argamteetti. S.Uma. ፪፥፳፩-፳፫/2:21-23 Kun lachuu immoo agarsiistota dubrummaan dhalachuu Gooftaa keenyya Iyyasuus Kiristoosi ti.
  3. Beeteelheemitti dhalachuun isaas ammas raajiin dubbatame fi fakkeenyi fakkeeffame akka raawwatamuufi dha.
    1. Raajichis “ናሁ ሰማእናሁ በእፍራታ፤ ወረከብናሁ ውስተ ዖመ ገዳም፡፡ Efraataatti isa argine; bosona keessas isa arganne.” ፩፻፴፩፥፮/131፡6 jechuun fedha Waaqayyoof mijataa kan ta’e Raajaan Daawiit dubbateera. Miikkiyaasis “ወአንቲኒ ምድረ ኤፍራታ ኢትቴሓቲ እምነገሥተ ይሁዳ፡፡ እስመ እምኔኪ ይወጽእ ንጉሥ ዘይርእዮሙ ለሕዝብየ እስራኤል፡፡ Ati immoo yaa magaala Beetalheem kutaa Eefraataa; magaalota Yihuudaa warra gurguddoo irraa hin hanqattu, Mootiin Israa’eel eegu si keessaa ni baha.” jechuun abdii horachiiseera. Miik. ፭፥፪/5፡2
    2. Fakkeenyi isaa immoo, mootii saba qomoo Israa’eel kan ta’e Qul. Daawiit Beeteelheem keessaa filatameera. Saam. (1)፩ffaa ፲፮፥፩/16:1 Ilmaan namaa lubbuun illee, fooniin illee kan baraare Mootiin Samii fi Lafaa kan ta’e Iyyasuus Kiristoosi Beeteelheemitti dhalachuu isaatiif fakkeenya ture.

Yeroo inni dhalatus, beeyladoonni manaas hafuura isaaniitiin isa tajaajilaniiru.  Kana gochuun isaanii qorra halkanii yeroo sanii hammam akka ulfaatu (namatti qorru) agarsiisuufi dha. Yeroo sanatti Tiksitoonni illee achi turani waan ta’eef, Ifa naannawa sana guutee jiru fi mil’achuu Ergamoota Waaqayyoo arguu isaaniitiin ajaa’ibsiifachaa turan. Yeroo kana Ergamaan Waaqayyoo garasaanii dhaqee “እስመ ናሁ ተወልደ ለክሙ ዮም መድኅን ዘውእቱ ክርስቶስ እግዚእ ቡሩክ በሃገረ ዳዊት፡፡ Har’a magaala Daawititti Fayyisaan isiniif dhalateera. Innis Eebbifamaa Kiristoos Goofticha dha.” Ergamoonni Waaqayyoos “ስብሐት ለእግዚአብሔር በሰማያት ወሰላም በምድር ስምረቱ ለሰብእ፡፡ Samiirratti Waaqayyoof galanni haa ta’u; dhala namaafis akkasuma lafarratti.” jechaa hoggaa gara samii ol-bahan arganii ‘Dhaqnee laalla.” Jedhanii deemnaan, Ergamoonnis “ ሰማይ ዙፋኑ ምድር መከየደ እግሩ፡፡ Samiin teessoo isaa laftis bakka ejjennoo komeesaafuu kan hin geenye” (Isaay. ፷፮፥፩/66፡1) Gooftaan gooftolii hojjaa gabaabaan fi bal’ina dhiphaan murtaa’ee, huccuun maramee, mooraa keessa ciisee jiruun arganii gammadanii gara samiitti ol-baanaan, abbummaa amalaa Abbaa Isaatiin fi Jireenya Amalumaa Afuura Qulqulluutii wal-qixxaatee jiru laalanii “ስብሐት ለእግዚአብሔር በሰማያት ወሰላም በምድር ስምረቱ ለሰብእ፡፡ Samiirratti Waaqayyoof galanni haa ta’u; dhala namaafis akkasuma lafarratti.” Jechaa galateeffatanii, mi’aayina galataa irratti mi’aayinni galataa dabalameefi, kennaarrattis kennaan dabalameef gammadaniiru.

            Akkuma ilaalletti, dhalachuu Gooftaa keenyaan kan gammadan Ergamoota Waaqayyoo fi ilmaan namaa qofa miti; beeladoonnis, bineensonnis gammadaniiru. Kun akka beekamuufis gaafa Gooftaan itti dhalatetti kallattii ‘Quwaaraa’ irraan nama lagataa adduunyaa (baahitaawii) hidda mukaa (quwaarf) qotaa odoo jiru, kurupheen takka “ዮም ተወልደ መድኃኔ ዓለም፡፡ Fayyisaan adduunyaa amma dhalate. ዮም ተወልደ ቤዛ ኵሉ ዓለም፡፡ Beenyaan lubbuu ilmaan namaa amma dhalate. ዮም ተወልደ ከሳቴ ብርሃን፡፡ Mil’achiisaan Ifaa amma dhalate.” Jechaa burraaqaa jirtuun arge.

            Kana qofa miti, “በእንተ ልደቱ ለክርስቶስ አድባር ኮኑ ህብስተ ሕይወት ወዕፀወ ገዳምኒ ፈረዩ አስካለ በረከት ወማየ ባሕርኒ ኮነት ሐሊበ ወመዓረ፡፡ Dhalachuu Gooftaa keenyaan gaarreen soorata jireenyaa ta’ani. Mukkeen bosonaas ija eebbifamaa naqatan. Bishaan galaanaas damma fi aannan taate.” jedhamuudhaa afaan Yaareed Qulqullichaatiin akkuma dubbatameen Dhalachuu Gooftaa keenyaan raajiin ajaa’ibsiisaan mul’ateera.

            Ammas, “ሰብአ ሰገል፤ Namoota Ogummaa (Maantuseemaar, Maalkuu fi Baadiidaasfaa)” kan jedhaman mootootni Faars, dhalachuu Gooftaa keenyaa mul’achuu urjii adda taateen beekanii Sookoo (warqee), Ixaana fi Qumbii (karbee) Gannata keessaa argame fuudhanii dhufanii Gooftaa keenyaaf harka kaa’aniiru.

Sookoo (warqee), Ixaana fi Karbee kana akkamitti argachuu danda’an yoo jenne, erga abbaan keenya Addaam Gannati keessaa baheen booda, Ergamoonni Waaqayyoo Qulqulluu Mikaa’eel, Qulqulluu Gabri’eel fi Qulqulluu Ruufaa’eel Sookoo (warqee), Ixaana fi Karbee fidanii itti kennani. Innis (Addaam) Heewaaniif “ንስኢ ዕፀኪ! Fuudhu firii kee! (ija mukaa)” jedhee itti kenne. Ishiinis Seetiif (mucaa bakka Abeelitti dhalate) kennite. Akks jechaa dhalootarraa dhalootatti darbaa dhufee bara Akaazitti mootii Teelgeelfeelsoor jedhamu booji’ee fuudhee kutaa qabeenyaa isaa keessa kaa’ee ture.

            Abbaan isaanii (kan namoota ogummaa) Zharadashat (filoosoofeera dha) gayyaa tokko qarqara galaanaatti dhaqee falaasama isaa yeroo geggeessu, gabatee (saleedaa) urjii irratti durbee finna ishii hammattee jirtu arge. Waan arge sana gabateerratti (saleedaarratti) bocee lafa kaa’e. Hoggaa dulloomee du’uuf gahu ijoolleesaa waammatee “Yaa ijoollee koo, gaafa urjii gosa kanaa samiirra argitan, Mootiin Samiirraa ni dhalata waan ta’eef waan kana (Sookoo /warqee/, Ixaana fi Karbee) fuudhaa dhaqaa too harka fuudhaa! /gabbaraa!/” jedhee itti kennee du’eera.

            Mootootni kunis, gorsa abbaa isaanii fudhatanii kudha lama ta’anii ka’anii karaarra diinni itti kaanaan sagalan isaanii deebi’aniiru. Isaan sadeen garuu, Sookoo (warqee), Ixaana fi Karbee fuudhanii dhufanii harka fuudhaniiru /gabbaraniiru/. Kana dhufiitiin Sookoo (warqee), Ixaana fi Qumbii (Karbee.)

            Hoggaa Sookoo (warqee), Ixaana fi Qumbii (Karbee) harka kaa’uuf (gabbaruuf) dhufan san magaala Heeroodsi irran dhaufan waan ta’eef, “አይቴ ሀሎ ንጉሠ አይሁድ ዘተወልደ? እስመ ርኢነ ኮከበ ዚአሁ በምሥራቅ ወመጻእነ ከመ ንስግድ ሎቱ፡፡ Mootichi Ayihuudotaa inni dhalate eessa jira? Gulummaa (gizaat) Bahaa irraan urjiin eeramaa dhufneerra; dhaqnee sagadnaaf.” jedhanii gaafannaan Heeroodsi rifatee ogeeyyiisaa waamee “Waan kana quba qabduu? Bara keenya kanatti mootiin dhalatu jiraa?” jedhee gaafannaan “Eeyyeen. Beeteelheemitti ni dhalata “ወአንቲኒ ቤተልሔም ምድረ ኤፍራታ ኢትቴሓቲ እምነገሥተ ይሁዳ፡፡ እስመ እምኔኪ ይወጽእ ንጉሥ ዘይርእዮሙ ለሕዝብየ እስራኤል፡፡ Ati immoo yaa mandara Beetalheem kutaa Eefraataa magaalota Yihuudaa warra gurguddoo irraa hin hanqattu; Mootiin Israa’eel eegu si keessaa ni baha.” ሚክ ፭፥፪/Miik. 5:2 jedhamee raajii Raajotaan dubbatameera.” Jedhaniin. Innis (Heeroodsi), Beektota sadeeniin “ተሰአሉ ጥዩቀ በእንተ ውእቱ ሕፃን ወእምከመ ረከብክምዎ ግብኡ ኀቤየ ወዜንዉኒ ከመ እምጻእ አነሂ ወእስግድ ሎቱ፡፡ Waa’ee mucaa sana sirritti qoradhaa! Yoo argattaniin asumaan deebi’aa! Anis dhaqeen sagadaaf.”  Jedhee geggeessen. Maat. ፪፥፩-፲፭/2:1-15, Yaareed Qulqullichaa Baha Ifaan, ርእዮሙ እልክቱ መሠግላን ተፈሥሑ ዓቢየ ፍሥሐ ቦኡ ኀቤሁ ወቆሙ ቅድሜሁ ወወድቁ ዲበ ምድር ወሰገዱ ሎቱ ወአርኃዉ መዛግብቲሆሙ ወአብኡ ሎቱ አምኃ ወርቀ ከርቤ ወስኂነ፡፡ ወይቤሉ አምኃ አባእነ ለከ እጣነ አቅረብነ ለከ እምዚአከ ለክቡር ስምከ ኡ አምላክነ በእንተ ኃጢአአተ ሕዝብከ ከመ ትትወከፍ ስእለቶሙ ወመሥዋዕቶሙ ዘመጻእከ ከመ ትሥረይ ሎሙ ኃጢአቶሙ፡፡ Namoonni ogummaa sunis arganii guddaa gammadan, gara mucaa keettis seenanii iIsa dura dhaabatan. Lafattis kufanii sagadaniif. Sanduuqa isaaniis bananii sookoo (warqee), ixaana fi qumbii harka-fuudhii (simannaa) dhiyeessaniif. “Kadhannaa lammiikee aarsaa isaanii fudhachuuf cubbuusaaniis isaanii dhiisuuf kan dhufte yaa Gooftaa keenya, harka-fuudhii siif dhiheessine, maqaa Kee ulfaataafis ixaana Si’irraa arganne siif dhiheessine.” Baha Ifaa keey. /4ffaa Ogeeyyiin kun dhufanii sagadanii Sookoo Mootummaa isaaf, Ixaanicha immoo Waaqummaasaaf Qumbii (Karbee) immoo nuuf jecha du’uu Isaaf gabbaran san, tokkoon tokkoo isaanii raajii gara garaa laalan. Inni tokko daa’ima argee harka fuudhee sagadee bahe. Inni kuun immoo ga’eessa argee innis harka fuudhee sagadee bahe. Inni sadaffaanis maanguddoo argee harka fuudhee sagadee bahe. Dhumarrattis, inni daa’ma arge “An daa’ima argee harka fuudhee sagadeen dhufe.” jedhe. inni ga’eessa arges, “An ga’eessa argee harka fuudhee sagadeen dhufe.” jedhe. Inni maanguddoo arges, “An maanguddoo argee harka fuudhee sagadeen dhufe.” jedhe. Waan argan ajaa’ibsiifatanii irra deebi’anii gara daa’imichaa deemnaan isa daa’ima argeef ga’eessa, isa ga’eessa argeef maanguddoo fi isa maanguddoo argeef immoo daa’ima ta’ee itti mul’ate. Ammas waan argan ajaa’ibsiifatanii irra deebi’anii si’a sadaffaaf seennaan, isa daa’ima fi ga’eessa ta’ee itti mul’ateef maanguddoo, isa ga’eessa fi maanguddoo ta’ee itti mul’ateef daa’ima fi akkasumas isa maanguddoo fi daa’ima ta’ee itti mul’ateef immoo ga’eessa ta’ee itti mul’annaan ajaa’ibsiifachaa galateeffataniiru. Galaa (sinqi) akka ta’uufis Giiftiin keenya biddena garbuu tolchitee itti kenniteetti. Isaanis, hamma biyyasaanii gahanitti miseensota raayyaa isaanii wajjiin nyaachaa turanii hoggaa magaala isaanii gahan, “Nyaata Qulqulluu kana gara magaala keessa hin galchinu.” jedhanii seensa magaalichaatti awwaalanii galani. Warri magaalichaa keessa turan “Geessanii dhuftanii?” jennaanin “Eeyyeen, geenyee dhufne.” jedhaniin. Jarrillee “Meerree ragaan keessan?” jedhanii gaafannaan,

  1. Karaa waggaa lamaaf deemne guyyaa afurtamaan dhufneerra.
  2. “Haati Mootichaa (Daam’imichaa) galaaf (sinqiif) biddeena nuuf kennite tajaajiltoota keenya wajjiin soorachaa dhufnee gara magaalaa hin galchinu jennee seensa magaalichaatti awwaalleerra.” jedhanii itti himnaan “Nutti agarsiisaa!”jennaan ho’ituu isaa (ho’i isaa odoo ol-hurku) ilaalanii ajaa’ibsiifataniiru.

Dhalachuun Gooftaa keenyaa jaalala ilmaan namaa giddutti dhufeef hundee dha. Waaqayyoo fi nama, namni fi Ergamoonni akkasumas lafti fi samiin jaalala uumaniiru. Karaa biraatiin illee yoo laalle, Gooftaan keenya nuuf jecha aarsaa ta’uu kan jalqabe daa’imummaa isaatirraayi. Raajii agarsiisuu kan jalqabe illee daa’imummaa isaatirraayi. Sababuma isaatiin dhaaltuu Mootummaa isaa, faarsituu maqaa Isaa, eeebbistuu ulfina Isaa taanerra. Fedhuma isaatiin kadhannaan keenya haqxuu cubbuu, human seexanaa kan dhabsiisu fi Mootummaa Waaqayyoo kan dhaalchisu ta’eera.

Waaqayyoof galanni haa ta’u.

Durbee Isa deesseefis Fannoo Ulfaataa Isaafis

Galanni haa ta’u.

Kitaabilee Wabii

  • Kitaaba Qulqulluu hiikkaa Amaariffaa maxxansa bara 2000 B.A
  • Kitaaba Qulqulluu hiikkaa Afaan Oromoo maxxansa bara 1997 B.A
  • Hiika galuumsaa Wangeelota Afranii (Andimtaa Wangeel)
  • Faarsaa Daawit Kan Gi’iizii maxxansa bara 2003 B.A
  • Hiika galuumsaa ergaawwan Duuka bu’aa Phaawloos Qulqullicaa (Andimtaa Paawloos)
  • Galata Maariyaan