headerphoto

Maqaa Abbaa,Ilmaa ,Afuura Qulqulluu sadan Waaqa tokkoo Ameen!

Waqtii (Yeroo)Abaaboo(Tsigee)

                                                                                                                        Damissee Jemaaneen.

Akka mana Kiristaanaa OrtodoksiiTawaahidoo biyya keenyaatti waqtiin abaaboo fulbaana 26-sadaasa 6tti ni kabajama.waqtii kanatti abbootiin seenaa godaansa Giiftii keenya dubroo Maariyaam;ilma ishee wajjiin Heroods jalaa goodaanan iccitiidhaan,yeedaloon, weedduun yeroo itti yaadatanidha.yeroo kanatti Abbootiin Mana Kiristaanaa keenyaa yaadaan Giiftii keenya waliin gara gammoojjii Gibtsiitti(misiriitti) bu’u, bakkaa bakkattis ni socho’u.

Seenaan godaansa Giiftii keenya Dubroo Maariyaamii fi Gooftaa keenyaa Wangeela Maatewoos boqonnaa lamarratti barreeffameera.Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos gaafa Beeteliheem Dallaa horii keessatti dhalate; Ergamoonni bu’anii galateeffatan,loon aarsaa afuura isaanii dhiheessaniif,ogeessonni biyya baha fagoo warqee ,ixaanaa fi Qumbii fidanii dhufuun; Mootiin samii fi lafaa eessatti; gara kamitti dhalate?deemnee aarsaa dhiheeessinaaf jechaa yeroo dhufan; Heroods dhagahee nahe.Heroods aangoo mootummaa isaa; akka agartuu ija isaatti eeggata.Kanaaf mootiin samiif lafaa

dhalateera jechuu gaafa dhagahu ajjeesuuf jecha barbaacha jalqabe.Yeroo kanatti Ergamaan waaqayyoo; eegaa Maariyaam kan ta’e qulqulluu Yoseefiin Heroods mucaa kana ajjeesuuf barbaadaa jira waan ta’eef; haadhaa fi mucaa fudhuutii gara Gibtsiitti baqadhu; deebi’aa jedhee hangan sitti himutti achuma turaa jedheen.Yoseefis Giiftii keenya Dubroo Maariyaam ilma ishee waliin; Seloomee dabalatee; ni oolla ni bulla osoo hin jedhin godaansa gara Gibtsiitti jalqaban.kana irraa ajajamuu guddaa baranna.ergamaan ka’aa deemaa jennaan tole jedhanii,har’uma ka’aa jennaan; galaa hin qopheeffanne jedhanii sababa hin dhiheessine;hangan isinitti himutti achuma turaa jennaanis tole jedhan.ajajamuun akkanaa ajajamuu dinqisiisaa mitiiree?. godaansi Dubroo Maariyaam ilma ishee wajjiin Yooseefi fi Selomeen gara Gibtsiitti jalqabame kun karaa dugda lukkuurra/gabaabaa fi salphaa hin turre.Gaafa godaansa jalqaban galaa qopheeffatanii manaa hin bane. Karaa irratti beelaan qoramani,bishaan dhugan fudhatanii manaa hin bane; dheebuudhaan gidirfaman,uffata qorraa fudhatanii hin baane ilmi ishee uffata ifaa ergamoota isaatti uffisu qorraan gidiraa argan;Gammoojjii Gibtsii keessa miillaan ciirracha akka ibiddaa miila namaa nyaaturra; samiirraa akka abiddaa aduu isaan gubu danda’aa,sodaa saamtotaan gammoojjiidhaa gara gammoojjii biraatti gidira guddaa argaa godaanan.Godaansa isaanii keessattis takkaa gara xibiriyaados,takkaa gara gaara Libaanositti,takkaa gara debre Toonaatti,takkaa gara Beeteliheemitti,takkaa gara lafa Gaazaatti,takkaa gara lafa Gaaditti,takkaa immoo gara Itiyoophiyaatti fi kkf tti godaanuun gidiraa guddaa arganiiru. .Baqni isaanii akka godaansa yeroo har’aa daandii konkolaataarra konkolaataadhaan,galaana irra Dooniidhaan,qilleensa irra xiyyaaraan hin turre.miila qullaa karaa irratti; loltoonni Heroods na argu jettee sodaachuun basonaa bosonatti,ciirrachaa gara ciirrachaatti lafa gogaa bakka bishaan hin jirre keessa malee.

         Gooftaan maaliif godaane?

Godaansa Giiftii keenyaa fi ilma ishee yommuu kaasnu yeroo baay’ee maaliif godaanan gaaffiin jedhu keessa keenyatti ni uumama.yoomiyyuu namni sababa malee hin godaanu waan ta’eef gaaffiin sammuu keenyaa dhuguma.namni kan nyaatu,kan dhuguu fi kan uffatu yoo dhabu ni godaana.Diinni hamaan yoo isa qunnamu; diina isaa jalaa ni godaana;yakka guddaa yoo hojjete adabbii jalaa miliquuf ni godaana;sababa siyaasaan ni godaana.Gooftaan keenya garuu diinummaadhaan kan irratti ka’e Heroods loltoota isaa faana sekondii keessatti fixuu danda’a ture.Foon uffachuun daa’ima waggaa lamaa ta’ullee baroota dura Waaqa ture waan ta’eef; Heroods irratti humna waaqummaa isaa muul’isuu dhiisee godaanuun; godaansi Gooftaa godaansa namootaa irraa adda waan ta’eef; gaaffii kaasa?.Haa ta’uutii; godaansi Gooftaa iccitii bal’aa qaba.Gooftaan kan godaane; sababa sadiifidha. Sadanuu akka armaan gadiitti kan jiru kana ta’a.

1ffaa Godaansa hordoftoota isaa barsiisuuf godaane

Mana hoo’aa dhiisanii; aduufi qorri gara bakka wal jijjiirutti gara gammoojjitti godaanuun; ibiddaan gubachuu fi Seefiidhaan qalamuu gadi kan hin taane; hojii aarsaa ta’uu dha.Hojiin aarsaa Iyyesuus kiristoos hin jalqabne hin jiru.godaansas daa’ima waggaa lamaa ta’ee jalqabe.Sababa amantaa isaaniin reebamuufi hidhamuun akkuma jiru; biyya isaanii ,qabeenya isaanii,dhiisanii hanga godaanuutti; kan ga’an ni jiru.namoonni godaansarra jiran; godaansa Gooftaa fi dubroo Maariyaam yaadachaa ni jajjabaatu.Iyyesus Kiristoos dursaa kiristaanotaa waan ta’eef Heerodsiin waraanuun; waraana barsiisuu hin barbaadne.Waraanni hojii kiristaanotaa akka hin taane barsiisuuf jecha godaane. “Magaalaa tokko keessatti gidiraa yoo isinitti baay’isan gara magaala biraatti godaanaa”akkuma jedhe,Mate 10:23

2ffaa Nama ta’uu isaa ibsuuf jecha godaane.

Iyyesuus kiristoos biyya isaa osoo hin gadhiisin; ija Heeroodsi jalaa dhokachuu ni danda’a ture(Yoh 7÷10);garuu ogummaa Waaqummaa isaan Heroods jalaa dhokateera osoo ta’ee; foon uffachuun isaa, nama ta’uun isaa ifa hin ba’u ture.Ija Heerodsiin kan hin argamne yoo ta’e; foon osoo hin uffatin kan uffate fakkaatee kan muul’ate; foonii fi lafee kan hin qabne ekeraadha jedhu ture.Foon Addaam irraa tokko kan hin hir’anne; Addaam lammaffaa isa guutuu ta’uu isaa; foon inni uffate kan dhiigu kan madaa’u,Seeyifiinis ta’ee; eeboodhaan yoo waraaname miidhaan kan irra ga’u; foon ilma namaa kan uffate ta’uu isaa ibsuuf godaanaa ta’e.Namni foon uffate hunduu diina isaa jalaa miliquu kan danda’u godaanuun waan ta’eef; Gooftaanis diina isaa Heroods jalaa miliquuf gara Gibtsiitti godaane.

3ffaa Diyaabiloosiin ari’uuf godaane

Addaam muka Balasii nyaatee; uumaa isaa wajjiin walloluun Gannata keessaa erga ba’ee booda; walitti dhufeenyi waaqayyoo fi namaa; walirraa fagaachaa deeme.Kanas kan fide Diyaabiloos.

Waaqayyo Ilmi foon namaa yeroo uffatetti walitti dhufeenyi namaa fi waaqayyoo deebi’ee hundaa’e;manni diigamee ture deebi’ee ijaarame.Iyyesuus Kiristoos biyya isaa dhiisee ba’uun; Diyaabiloos sammuu namaa abboomee; Too’annaa jala oolche.Gooftaan Heroods jalaa fagaachaa yommuu deemetti Diyaabiloos sammuu namaa irraa fagaachaa deeme;godaansi Gooftaa karaa biraan godaansa Diyaabiloos ta’e.gidiraan Gooftaan fudhatu hunduu; Diyaabiloosiin fagootti meeshaa rukutu ta’e.dhumarrattis fannoorratti duuni Gooftaa du’a Diyaabiloos ta’e.

          Gooftaan maaliif gara Gibtsiitti godaane?

Ergamichi yoseefiin mucaafi haadha qabadhuu gara Gibtsiitti godaani jedheera.Yoseef gara biyya barbaadetti akka hin godaanne; ergamichi Gibtsitti jechuun akeekkachiiseera.Gibtsi biyya biroo irraa adda taatee; uumaan ishee dugda haadhaa isaa irra taa’een hubatamteetti.

Gooftaan Gibtsitti akka godaanuuf sababa kan ta’an keessaa :

1.raajin raajotaa akka raawwatamuuf

Raajonni waa’ee godaansa isaa gara Gibtsiittii dubbataniiru.

“Mucaa koo Gibtsi irraan waame”Hosee 11:1

“Waaqayyo duumessa ariifataan balali’aa; gara Gibtsiitti ni dhufa. waaqa(Wantoota) tolfamaa Gibtsiis fuuldura isaatti ni kufu”Isa 19:1.Raajichi Waaqayyo duumessa ariifataan balali’aa ni dhufa jechuun isaa duumessa arifataa kan jedhamte Dubroo Maariyaam yommuu taatu; Gooftaan dugda isheerra taa’ee gara Gibtsiitti dhufuu agarsiisa.

2. Abbootii fakkaachuuf

Abbootiin darban akka Abrihaam,yisihaaq faa yeroo adda addaatti gara Gibtsiitti godaananiiru. Waaqayyo Gooftaan immoo Abrihaam dura kan ture ta’ullee Abbootii fakkaachuuf Gibtsitti godaaneera.

3.waaqolii tolfamoo Gibtsi keessa jiran balleessuuf

Gibtsi biyya waaqoliin tolfamoo itti baay’atan turte.Gooftaan dugda Haadha isaarra taa’ee gara Gibtsiitti yommuu dhufu; waaqoliin tolfamoo Gibtsii kukkufanii caccabaniiru.Afuuronni waaqa tolfamoo irra bulaa turan; Gooftaa gaafa argan sodaatanii waaqolii tolfamoo gadhiisanii deemaniiru.waaqoliin tolfamoo afuurota warra xuraa’oof bultoo ta’anis homtuu osoo isaan hin tuqin caccabaniiru.

Egaa walumaa galatti godaansi; Giiftii keenya dubroo Maariyaam ilma ishee wajjiin godaante; sababoota warreen kanaan oliifidha.Baatii kana keessa abbootiin mana kiristaanaa keenyaa Waa’ee godaansa kanaa kaasuun Maahileetii ni dhaabbatu.Eebba isaa irraas ni hirmaatu. Nutis eebbi abbootii galata isheef dhaabbatanii eebba ergatan hunda keenya irra haa bubbulu.Ameen!

Madda:-(Godaansa Giiftii keenyaa Gibtsii hanga Itiyoophiyaatti; Maggabee Haddis Sibbuuh Daamxeetiin qophaa’e; maxxansa lammaffaa Afaan Amaariffaatiin.)

BARBAADAA